Oduu Haaraya

HIIKKAA SOOMAANAA Kutaa 1ffaa

 

Bismillaah -Arraahamaan -Arraahim

Alhamdulillaah-Asalaatu-Wasalaam Alaa Rasulillaah Sallaallahu Aleey Wasallam
Assalaamu’aaleeykum Warahaamatullaah Wabarakahaatuu

Duraan Dursee baga Rabbiin Batii kabaajama ji’a Ramadaanattin isiin Ga’ee jedha.
Guuyyoota Afeen akkaa ittiin nugahuuti Du’aayi gachun barbachisaadha.

Mee wa’ee Soomaanaa hangaam quba qabduu?

HIIKKAA SOOMAANAA

Soomanni akkaa hiikkaa afaaniitti ufqabuudha. Fakkenyaaf Rabbiin s.w. akkana jedhe ”innii nazartu lirrahmaani sowman ” hiikkaan ” ani ufqabuu rahmaaniif qodhaa godhee jira” jechuudha.

Hikkaan soomanaa akka shari’aatti: guyyaa guutuu fajriin bahurraa kaasee hanga aduun seentutti waan sooma fururraa (nyaata,dhugaatii,walqunnqmtii saalaa godhuu) irraa uf qabuudha ibaadaa Rabbii itti niyyatanii.
ف Maalummaa Soomana Ramadaanaa.
Soomanni baatii ramadaanaa, utubaa tokko kan utubaalee islaamaa irraa
taheedha, dhirama islaamaa kan quraanaa, hadiisaa fii ijmaa’aan mirkanaayee jiru.
Qur’aana irraa jecha Rabbii oltaheeti ”isin yaa warri amantan soomanni akkuma warra isin duraa irratti barreyfametti isin irrattis barreyfamee jira akka Rabbi sodaattaniif jecha.” Suuraa baqaraa 183
Hanga jecha Rabbii oltaheetti ”baatii (ji’a) Ramadaanaati kan isa keessa -Qur’aanni {buufame}. qajeelchaa ilmaan namaa tii fii ibsaa qajeelloofii haqarraa kan tahe – buufame. Isinirraa Namni baatii kana biyya jiru haasoomanuu, isinirraa namni dhukkubsataa yookaan karaa deemsarraa jiru (soomana haa furuu) guyyaalee biro irraa lakkaawwachuutu (qadaa kafaluutu) isarratti jira……” Albaqaraa 185

Hadiisarraayis jecha nabii keenyaati s.a.w. “islaamummaan waa shanirratti ijaaramte…jedheeti hadiisa oofee achi keessatti “soomana ramadaanaati” jedhe, (bukhaariif muslimtu odeesse).
Hadiisowwan waayee kanaarratti hedduutu jira.

Muslimtoonnis soomanni Ramadaanaa deral tahurratti waliif galan, namni waajibummaa isaa morme kaafira tahurrattis wallif galan.

ِSoomanni Ramadaanaa yoom fardii godhame?

Soomanni ramadaanaa waggaa lammeysaa hijraati fardii godhame, Nabiin s.a.w. ramadaana sagal soomane.

Ramadaana dura bu’anii jalqabuun dhowwadha guyyaa tokkoofi lamaan.

Guyyaa boodaa takkii lameen dhumaa kan baatii shaibaanaa soomanuun dhoowwaadha yoo nama dur aadaa godhatee soomanu taate malee, akka guyyaalee isniinaafii kamiisaa sun numa soomana.

Nabiin s.a.w. akkana jedhan ”tokkoon keessan ramadaana soomana guyyaa tokkootiin yookaa lamaatiin dura hinbu’inaa, yoo nama dur soomanu taate malee sun haa soomanuu.” bukhaarii fii muslim.

Yeroo soomanaa.

Somaanni yeroon isaa fajriin lammeysaa (diiminni barii) bahurraa bahurraa kaasee hanga aduun seentutti.

Niyyaa Bulfaachuun Dirqama.

Niyyaa godhuun sharxii soomanaa irraayi yeroo halkanirraa taate keysatti soomana fardii niyyachuu barbaachuisa, osoo waa xiqqo fajrii dura taatellee. Hadiisatti nabiin s.a.w. akkana jedhan ”namni soomana halkeessa niyyaa godhee hin bulfatin soomanni isaaf hinjiru” nasaa’iyyitu odeessee. Asirratti wanni himame soomana sunnaa ammo eega bariellee niyyachuun numa taha. Garuu osoo nyaataaf dhugaatii hintuqin tahuu barbaachisa. Gaaf tokko nabiin keenya s.a.w. ganama warra isaaniitiin ” mee joolle faxara qabdanii waa nutty kennaa?” Jennaan. Gandi ar’a homaa lafaa hinqabnu jedhaniin, nabiin eegasii maarree akkas taatu ani ar’a ninsoomana jedhan.

Mee Ramadaana maaliin simannaa.

1-Towbaa dhugaatti jarjaruun,istigfaara, zikrii fii qaraatii qur’aanaa heddumeessuun.
2-barnoota wayee somanaa barachuun.
3-yeroo soomanaa caaltuu tana hojii gaaritti akka fixu murteeffachuun.
4-Yeroon Ramadaanaa qaaliin tun daddafte akka dhumtuu fii namni jajjabaatee dalage akka milkaayu, kan talisoome akka sheenawu hubachuun.
5-Waan jibbamtuu mana keessa jirtu hunda ufirraa dhabamsiisuun.kana jechuun suuraalee wan lubbuu qabuu tan adda addaa, meeshaalee mooziqaa, kaartaa fi qumaara adda addaa, kasetoota sagalee mooziqaa, filima vidiyo baalagummaa, televijina baalagummaa fii jallina dabarsu, meeshaalee intarneetaa tan baalagummaa barsiistuu fi kanneen kana fakkaatan hundarraa mana isaa qulqulleessuu qaba.
6-Rabbiin s.w. galatoomfachuudhaan waan ji’a guddaa kanaan nugayeef.
7-nama wallole manguddummaan
walitti raarsuudhaan, ka waliin oodu walitti tolchuudhaan, Ramadaanni baatii araaramaa waan taheef walitti araaramanii waliif dhiifama godhanii, walitti toluudhaaf carraa gaariidha. ٟ

Qajeelfama nabii s.a.w. Ramadaana kessa.
Itti fufa… … … … … …ُ

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …