Oduu Haaraya

Sirkanaan Ahmad: deebisaa Saalihaa Saamiitiif

<<<HUBACHIISA OBSAAN DUBBISAA! >>>
Dhimma waa’ee kiyyaa ilaalchisee toora miidiyaa hawaasaa ‘Facebook’ irratti deemaa jiru irraa waan tokkoon dubbachuu barbaada. Inniis maali yoo jettan dhimma anaafi Artist Saalihaa Saamii jidduu jiru osoo hin beekne, osoo hin hubanne lafumaa ka’anii waanuma itti fakkaate yoo haasa’an ni agarra. Garuu maaliif osoo hin hubatin dubbatan? “Osoo hin hubatin qubaa hin gubatin” jedha Oromoon. Warri gara keessaatiin na gaafatanniifi kan osoo hin hubatin dubbattan maraaf eegaa aniis waan jiru akka addaan isiniif bahuufi sirritti hubattaniif hubachiisa gabaabaa kana isiniif dhiheessuun barbaada. Gabaabatti anaafi artist Saalihaa Saamii jidduu waa’een biraa takkalleen hin jirtu. Nuti dhimma dhunfaa irratti wal dhabne malee waan sabaafi qabsoo Oromoo irrattii miti. Rakkoon dhimma dhunfaa immoo fuula ‘Facebook’ irratti ni baati ja’ee tasa yaadee hin beeku. Haa tahuu malee eega bahee gaariidha. Maaliif gaari yoo jattan waan hedduun arkee, taajjabe waan taheef kun ammoo barnoota guddaa taha. Ani Saalihaa irraa rakkoo hin qabu, eenyu irraallee ani dhimma biraa hin qabu, ilma namaa kamirraa illee haajaa mataa kiyyaa hin qabu.

Haatahuu garuu moobayil isii irratti ‘text’ akkaan godhu kan na dirqeetu jira. Saniis dhimma obbooleettii tiyya Hawwii irratti uumamee dha. Dubbiin akkana. Saalihaafi obboleettii tiyyaatu wal dide. Yeroo kana Saalihaan akka tumaniif nama obboleettii tiyyatti ergite. Namni saniis joollee ‘Calgary’ keessatti jaaramtee jirtuudha. Joolleen tun isii Saalihaa waliin gosa takka. Warra gosaan jaaramee, jaarraa 21ffaa keessa, saniifuu yeroo qabsoon Oromoo tokkummaa ilmaan sabaa mirkaneessite kanatti gosaan namatti duultu yeroo duraatiif ‘Calgary’ keessattiin arke. Ani takkaa gosa tiyya, sanyii tiyya waan jedhu yaadee hin beeku. Garuu isaanumaatu “Sirkanaan Afran qallo, afran qalloo waa’ee oromoo tahee waan fedhe keessatti, keeysattuu ‘Calgary’ keessatti nu wajjiin hirmaachuu hin dandeessu” ja’anii gareen (group) gosaa kan wal jaartee san keessatti labsatan. Aniis yeroon dhagayu ‘galatooma! waa’ee gosaa keessa duruu hin seenu’ ja’eetumaan dhimma kana osoon hin kaasin garatti qabadhee cal’ise.

Waan kana dubbachuuf hedduun yaaddawaa ture. Yoon dhimma kana dursee dubbadhe namni gariin fiinxa qabee akkuma ammaa kanatti fiigaan waan taheef ani ijaaruumsa ilmaan oromoof malee diigamiinsaaf maaliifiin sababa taha jedheen use. Eega ololli dhiheenya kana deemu garuu namoota wal dhageenyuun kan akka Jawar Mohammed fi sabboontoowwan ilmaan oromootu na dhorkaa ture. Amma garuu dubbiin guddattee dubbii goosaafi rakkoo dhunfaa irraa kaate dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo ‘ABO’s dabalattee akkasumaas waa’ee namticha baasaasa Girmaa Xurunees dubbuma tana keessatti makuun guyyaa meeqaaf ajandaa taatee ‘Facebook’ fi ‘paltook’ irrattiis deemaa jirti. Kanumaan wal qabatee namni hedduuniis gama keessaan waan na gaafataniif arrabaafi olola sobaatiin osoo hin taane waan jiruuf deebii dhugaa kennuun barbaada. Garuu uummannii keenya yoom akka rakkoo dhunfaa nama 2 jiddutti uumamte bifa jijjiiranii hawaasa keessatti gadi baasanii ummataan jeequu kana irraa of qusatuufi hawaasni keenyaas dhimma nama lama akka wal dhabdee hawaasaatti guddisee laaluu kana dhiisu naaf hin galu. Jireenya kana keessatti dur jirti namni walitti bu’uuniis walitti araaramuuniis. Kun nu qofa irraan hin baane. Haatahuu garuu wall lola dhimma dhunfaa hanga jaarmaya siyaasaa guddaatti fidanii hawaasaan shoorarkeessuun kun sirrii miti. San daran dhimma akkanaa dhaabbatanii addaan xinxalanii laaluu irra warruma akka barbaadetti fudhatee wadaaja keessa hogoggorsaa harkisuutu nama ajaa’iba. Haala amma namuu dubbii qarqara qabee fiiguun malee maaltu uumame jedhee hin laalle kana yoon hubadhu daranuu na gaddisiisa. Namniis kan walitti nama aarsuu malee kan walitti nama araarsu waan addunyaa irraa dhabame fakkaata. Fannisiifi jallis malee namni faalkaa kan dubbii gad qabee ilaalu maaliif dhabame laata? Tana deebisaa isinumaafiin dhiisa.

Gama mata duree kiyyaatti yoon deebi’u, namni hedduun ‘Ati akkas jettee ‘text’ maaliif gootaaf, maaliif arrabsita?’ jettani na gaafattanii turtaniif deebiin kiyya gabaabaadha. Ani lafaa ka’ee akkas hin jenneen. Namni wal dide ‘bareedduu, qashtii’ je’ee kan wal faarsu hin jiru. Isiiniin na arrabsite. Aniis waan isiin jatte irra dhaabbadheen deebisaa deebiseef. Isiin hangas qofa irraa murtee miidiyaa hawaasaa irratti maxxansite. “Gowwaa takka nama arrabsaa sagal ifiif if arrabsa” jatte Oromoon. “Ati maaliif waan san akka isiitti olii hin baafnee?” yoo jettan immoo san hojii kiyyaa miti. Waa’ee na tumuuf natti fiyde jettees ani guyyaa san ‘Calgary’ hin jiru ture bakka biraan jira. Warrii walitti figee obbooleettii tiyyaafi Saalihaa dha. Saalihaan immoo Sirkannaaniitu natti fige jettee. Fakkeessuufi kijibuudhaan haqni namaaf hin laatamu. Garuu sobuun maaliif akka barbaachise abbummaan haa if gaafatu. Isaan hoo maaliif walitti fiigan yoo jettan immoo akkuma namuu walitti bu’u dhimma dhunfaa irratti wal lolan akkasitti hubadhaa.

Gama biraatiin Saalihaan yeroo ammaa akka waan hoggantoonni ABO narratti duulan jettee haasooytu immoo namni ABO tahe tokko nu wajjiin hin jiru. Namoota isiin maqaa dhooytee narratti duulan jettee keessaa namni tokkoo kan isirratti duulee hin jiru. Saalihaan garuu artistii Oromoo tan waan hunda ni hubatti jedhanii yaadan, tan rakkoo silaa uumamtullee ni furti jedhanii abdatan dubbii furamuu dandeessu hangana mara sadarkaa wal qoodiinsaatti waan guddifteef isiitu beeka. Wal diddaa dhimma dhunfaa irratti uumame Saalihaan maaliif hanga ABO’ti akka ol guddiftee immoo isumaatu beeka. ABO’n dhaaba olola dhunfaaf tuqamu osoo hin taane dhaaba saba bal’aa kana bakka bu’uu dha. Dhaaba jechuun akeekaafi kaayyoodha. Dhaabni ABO akeekaafi kaayyoo lola dhunfaa keessa galuuf tokkollee hin qabu hin qabaatuusi. ABO’n lola dhunfaa osoo hin tahin lolli isaa diina Oromoofi Oromiyaa miidhaa jiruu waliini. Namni kamuu dhaaba tokko jaalachuus jibbuus mirga qaba. Saalihaas akka dhunfaatti ABO’s tahee dhaaba biraa yoo barbaadde jaalachuu ykn jibbuu mirga qabdi. Maaliif jaalatteefi maaliif jibbite kan jedhu irraa dhimma hin qabu. Haatahuu garuu ABO’tu waliin narratti duule jechuun dhaaba guddaa kana maqaa xuriissuufi hangana xiqqeessuun ana qofa osoo hin taane eenyuufillee gaafii dha.

Dhimma waa’ee ‘qeerroo international support group’ kan dubbattees yeroo duraa egaleen ture. Garuu osoon hojjachaa jiruun dhimma tokkoof ‘America’ deeme. Yeroon deebi’uu Saalihaan namootaan ani duraan wajjiin dalagaa ture waliin wal agartee waliin haasawa gootee ‘Waa hunda anaatu isiiniif hojjataa Sirkannaan nutti hin fidinaa’ jatteen. San isii qofa osoo hin tahin joollee goosa isii tan gareen jarte san hundaatu ja’e. Aniis ‘tolee galatoomaa’ ja’een irraa dhaabadhe. Haaluma kanaan ana qofa osoo hin tahin nama gosa isaanii tahe malee Oromoo gosa biraa taate keessattuu afran qallo hunda offirraa fageessan. Nutiis dhifneefi keessaa deemne. namni isaan afran qalloo keessaa irratti xiyyeefatan NOOLLEE ture sababni ani noollee waanin tahef jecha. yeroo isaan goosan deeman anis goosa yamuu nin danda’aa ture garuu kayyoo kiyyaa miti malee.

arraboota isiin namati ykn ganda keessaa deemte haasawa jirtu keessaa hanga a takkaa
jartii arsii jattii. yoon jartii arsii tahe hoo rakkoo maal qaba? ?? deebisaan isiin birraa jira. jarttii tigreefi amhara tahu irra wayyaa moo? Jarsii kiyyalleen carraadha harargeedhaa. osoo carraa tahu battee arsii tahes gammachuudha because arsiinis oromoodha, sayiboota arsii qabachuunis akkan kunoo” yeroo aalatti gad battee immoo sirkanan haawasni arsii hin jaalatuu isaan akka arrabsannin godha jattii, dubbii fallaadhaa. haawasa kiyyaa kan arsii wajjiin rakkoo qabu ani.. isaan keeysahillee nama hanga takkaa dubbiseen jira, akka rakkoo nara qabnees naaf himani jiran.
ammaas ani professional, Ani Doctor sirkanan huma hin beeytu afaan hin beeytu jattii lol. sirkanan gaafa hanga kee kan umriin geessee biyyaa bulchiiti digrii miti. waa’ee hedduu jira tannaa asummarrattin dhabba.
Waa’ee artist Jireenyaa Shifarraa immoo Oromoo Adduunyaa guutuu irra jirtuutu beeka. Gaafa inni hidhamee san miidiyaan keenya OMN’s dabarsee ture. Garuu yeroo dubbii jala deemanii qoratanii laalan dhimmaa dhunfaa irratti Saalihaan hiisiisuu beekkamee jira. Rakkoon san maali yoo jettan immoo ani rakkoo dhimma dhunfaa waaniin miidiyaa hawaasaa irratti ol baasuuf tokkollee hin qabu, Namni rakkoo dhunfaa san baruu barbaaddan ykn dubbiin tun kijiba jettan immoo isaan gaafachuu dandeessan. jireenyanis waan hangaa arraa irra gahe yeroo gababdu keessatti gara middiyyaatin isiinif ibsa. Guyyaa obboleettii tiyya Hawwii wajjiin wal lolan saniis akkaan qulqulleeffadhetti Saalihaa dura itti utaale malee Hawwii miti, tanaas nama gaafachuu dandeessaan.

Ani wanniin jechuu barbaadu immoo rakkoon jirtu Saalihaafi Jireenyaa jiddu malee rakkoo sabaatii miti. Haa tahuu malee maaliif akka rakkoo sabaa tahees naaf hin galu. Goosa isiin narratti duulchiisaa jirtu immoo aniis gama tokkoon irraahiin dhaladhe. Kanaaf gosa tiyya lamaan walitti buusuun, oromoo kutaafi firummaan, kijibaafi rakkoo dhunfaatiin walitti naquun, dhaaba qabsoo sabaa guddaa ololaan maqaa xureessuun immoo hojii kiyyaa miti. Ilmaan Oromoo warreen gara Saalihaa jirtaniis tahee warri gara kiyya jirtan akkasumaas warri osoo hin hubatin dubbii keessa buxaalaa jirtan marti hadaraa keessan waan kana hubadhaa. Dubbiin yeroo ammaa facaafamaa jirtu tun gara malee deemaa jirti. Nuti immoo ilmaan Oromoo rakkoo dhunfaaf jennee dagamuufi kana mara baaraguu hin qabnu. Wanti qabsoo Oromoo baroota dheeraa qancarsaa tureefi hanga ammaa ummata Oromoo gargar facaasuun bara baraan umrii gabrummaa nurratti dheereessaa jiru dhimma akkanaati. Yeroo nuti haala kanaan gamagama baanee dhagaa walitti harru kana diinniis qaawa kanaan seenee nutti fayyadamuu akka danda’uus eenyulleen hubachuu qaba.

Keessattuu yeroo ammaa diinni keenya marti gurra dhaabee, ija baasee adeemsa qabsoo teenyaa tana ifirratti dhageeffachaa jira. Yeroo dhaabbiileen qabsoo oromoo kan baroota dheeraa gargar caphanii turan itti tokkoomanii, gamtaan qabsaa’uuf qophaa’an kanatti ilmaan oromoo gosa, kutaafi amantiin akkasuma maqaa dhaaba siyaasaatiin gargar diiguuf yaaduun, yeroo ummanni keenya biyya keessaa tokkummaan qabsoo finiinsee diina naasisaa jiru kanatti namni olola kijibaatiin dubbii tottolfatee, dhimma dhunfaa gara dhaaba siyaasaa hiixachiisun qabsoo oromoo laamsheessuufi ilmaan oromoo addaan fottooysuun akka hin danda’amne eenyulleen beeku qaba. Ani kaniin jechuu fedhu gabaabsee yoon ibsu dubbii teenya tan ana, obboleettii tiyyaafi Saalihaa Saamii jidduu jirtufi wanta irratti walitti buune keessa tasuma dhimmi dhaabaa, dhimmi qabsootiifi dhimmi Qeerroo hin jiru. Isin maaliif walitti buutan yoo jettan immoo ilmi namaa jireenya hawaasummaa keessatti walitti bu’uun dur jira. Dur ammoo oromoon aadaa gaarii yoo namni walitti bu’u ittiin walitti fayyisu qaba. Yoo namni wal lole jaarsummaan manguddoon qabannaa lamaan wal lole walitti fidanii jidduu ta’anii badii jiddutti laalanii walitti araarsa malee fiinxa qabanii dubbiin fiiguu, kaaniifi kaan walitti harkisanii, kootaafi maammudii walitti erbanii, waan hin fakkaanne diranii walitti fannisuun kun hin jiru ture. Arrabaafi ilkeenuu walumatti gufata. Namniis jiruuf jireenya keessatti walitti bu’uun numa jira. Haadhaaf ilmoonuu walitti gufatan.

Nuti Oromoon obboleeyyani, eessallee jiraannu eega harmee Oromiyaa irraa dhalanne maatii takka. Maatiin mana tokko keessa jiraatu immoo tasa walitti gufachuun hin hafu. Lolli warra ofii immoo dhiiga ilkeeti. Garii liqimsanii garii tufan. Arra walitti mufanne ja’anii waan hunda diddiguun immoo salphina. Kanaaf rakkoon dhunfaa finnee qabsoon laaquun, dhaaba maqaa xureessuun, walitti bu’iisa dhunfaa miidiyaa hawaasaa irra fiduuniis nurraa hin eegamu. Gonkuma walitti bu’iinsa dhunfaa keessa qeerroofi dhaabni seenuu hin qabu. Wahalle nyaatan malee wahalle hin dubbatan jedhanii mitiiree? Bara dabruuf ja’anii jecha nama muruufi gocha hamaa seenaa kee xureessu dubbachuun immoo gaarii miti. Miila mucucaate deebisan malee arraata mucucaate hin deebisan.

Xumura irratti wantiin jechuu barbaadu yoo jiraate namoonni tokko tokko kan osoo humaa hin hubatin iyyaa jirtan hundafu suuta deema. Yoo oromoo taatan akka aadaa teenyaatti maali rakkoon ja’aa walitti nu fidaa rakkoo teenya baruuf yaalaa. Dandeessan walitti nu araarsuu dadhabdan itti dhiisuu qofa. Amma yeroon tan dhagaa walitti harru osoo hin taane tan diina keenyarratti qabsooynuu dha. Kanaaf diinaa keessan irratti dhakaa darbadhaa. Yoo diina taatan ykn diinaaf guuza oolaa jiraattan immoo achumatti dhaabbadha. Yeroon diinni haala kanaan fayyadamu haftee jirti waan taheef isinitti orraate. Rakkoo nutiifi artist Saalihaa Saamii jidduu jirtu immoo rakkoo teenya rakkoo dhunfaa waan taateef lafarratti fixanna. Ammallee namoonni gara kiyya gortanii waan hin taane barreessaa jirtan dhiisa. Saalihaan yoo barbaadde waan feete haa gootuu. “Dubbataa salphisuun jalaa cal’isuu” ja’anii mitiiree? Eeyyee! Yeroon ammaa tan fuula keenya bakka takkaa diinarratti deebifannu malee tan walirratti deebifnuu miti. Kana waan taheef Saalihaa Saamiitiis waa’ee kiyyaan wal qabsiiftee olola qabsoo Oromoof maqa xureessii adda bilisummaa oromoo irratti oofaa jirtu aartistii takka irraa waan eegamuu miti waan taheef akka Saalihaa’tti osoo hin taane akka aartistii Oromoo takkatti sirraa hin eegamu dhaabbadhu jechuuniin barbaada. ‘Dubbiin guddatteef harretti hin fe’anii’ dirqamaatu na dubbachiise malee silaa waa isinitti hin dheereessu. Hundaafuu namni lafarratti wal lole lafarratti ofirraa wal dhorka, yoo fixatees lafumarratti fixata malee ‘Facebook’ irratti miti. Namni ‘Facebook’ irrati wal lolees ‘Facebook’ irratti offirraa wal dhorkaa, yoo fixattaniis ‘facebook’ irratti fixadhaa jechaan dhaamsa koo guduunfa. Waan na waliin turtaniif galatoomaa. Ilmaan oromoo kan tokkummaa sabaafi bilisummaa keenyaaf quuqamtan mara baayyeen isin jaaladha. Kan oromoo facaasuu yaadu cumaa isaa alatti haa facaasu. Oromoon yoomillee tokko.

By Sirkanan Ahmed
Galatooma

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *