Oduu Haaraya

Hinboonyu! Hinkofallu!

Zelealem Aberra Tesfa

zelalemNan beeka yaa aayyee….
Ta’usaa nan beeka, dubbii akka cookkoo
Yoon hinboowu jedhe, du’a intalakeetii du’a obboleettiikoo
Hinboowu yoon jedhe, du’a ilmakeetii, dua obboleessakoo;
hallaallich gurbaa
Hinboowu yoon jedhe, du’a obboleettiikee, dua adaadaakoo
ulfa ji’a torbaa
Ofiimee yaa dayee,
Inni harma mursiisuu fi, inni ulfa ajeesisu addaddummaa qabaa?

Nan beeka yaa aayyee….
Ta’usaa nan beeka, dubbii akka cookkoo
Hinboowu yoon jedhe, du’a jaarsa abbaakee, du’a akaakayyuukoo
Yoon hinboowu jedhe, du’a dayeekeetii, du’a ishee anaaf akkoo;

Yoom roobee, yoom caamee, maan ijakoo cuunfaa?
Yoom hoodee xumuree, maal gammadeen kolfaa?
Yookaan, jalbultii roorrooti, yookaan geggeessoo gidiraa
Xumura garbummaa, yookaan dhufa dhipuu haaraa
Yookaan dhalachuufi, yookaan, gatachuufoo jira
Yookaan, nuyi dhaqqabatu ammas dhufee taraa
Yookaan inmijaawaa, yookaan infashala
Yookaan, manii gaha, yookaan, karaa bulaa
Kanaafuu yaa dayee…
Lammiikoo isa du’eef, lakkii anoo hinboowuu geeraraan awwaala.

Atis, qusadhu imimmaankee, guyyaan tokko indhufaa
Gidiraanis darbee, dukkanis inifaa
Gaafa tokko taanu, boolli amuummates ofiisaan of cufaa
Gaafa walii gallee, aangoon nu cunqursus, lafa dhayee kufaa;
Kunoo bara sanaaf qusadhu imimmaankee, baras gadda teenyaa
Yoo fedhe inkofallaa, fedhe harqinee boonyaa.
Kanaafuu yaa giifti….

Qananii imimmaanii fi gammachuun kunuunuu
Booda itti deebina ammaaf yeroo hinqabnu
Ciriqii nu hudhee cabsee bahuu gayes, yaabnee gad haa qabnu
Fedhiinsaa utuu jiruu, lakkii hinjiru haa jennu
Miira haaleejjifannu, miira haa adoochinu.

Qusadhu imimmaankee…. Na dhagayi yaa deessu!
Eenyu akka sii gaddaafi kan harqite boossuu?
Yoo ilmaan amajaajii, addaan-babayiitti, rasaasa nuutti roobsuu
Dhiiga lammiikeenyaa dhukaasaan lolaasuu;
Kansaani kaayyoonoo naanee akka dhiisnu
Isa kaaneef dhiisnee, deebine akka ciisnu
“Nuyi kan balleese” jennee akka gaabbinu
Wal fefferecaane, akka wal tamsaasnu
Akka amala keenyaa, wal hahaaxensine akka wal gajaanu
Walitti galagalle, – akka amala keenya- gaabbiin akka wal nyaannu
Teellaas, “Isaa-baga!” jennee, baraartii kadhannee, akka jilbeenfannu;
Imimaan lolaasnee, gaddaan mataa buusnee, diina hingammachiisnu
Lakkii… nuyi ilmaan Oromoon hardha akkas hingoonuu!
Lakkii; hingoonu matumaa! Hingoonu, hingoonu konkumaa
“Hudduukeetti-mukaan!” yeroonsaa kunoo ammaa!

Qusadhu imimmaankee…. Na dhagayi yaa deessu!
Dawoo dukkanaatti, hadhaba keessatti, ilmaan keenya ajjeesu
Golatti galanii, wiskii habbuuqachaa, shampaanyii banachaa, gammachuu kaakkisu
Diinqaa as bahanii, ofirratti deeffachaa, dhugaa miliqsuudhaaf, soba kafandisu
Ilmaan haadha raayee ”Gaaneel” nuu moggaasu
Eenyutu sii gaddaafi kan harqite boossuu?
Gammachuusaaniitiif, of hinqarmammeessin, of hinqarmammeessu.
Hinbooyiin, haadha dhiira, deessuukoo yaa giifti
Isaaniif yoo ta’e, gaddii fi booyichekee burqaa gammachuuti.
Eenyu akka sii gadduufi? Albaadhessoo hingaddu
Waraabessa hinbeektuu, kan garaan jiraatu, kan ilkkaaniin yaadu?

Kanaafuu yaa dayee….kanin si kadhadhu
Goofaree filadhu
Addaannuu dhoobbadhu
Wayyaa miidhagfadhu
Ilkaan addeeffadhu
Geggeessaa warra du’ee addooyyee waammadhu
Sirba kottaa jedhi, faggaa kee fudhadhuu
Qalbii gudunfadhuu, icciiti dhokfadhuu
Ekeraa warra du’ee onnee keetti baadhuu
Jabduu jiruusaani, akka hinirraanfanne yoomiyyuu yaadadhu.

Eeyyeeni, addaannuu dhoobbadhu, ifii cululuqi
Morma ol qabadhuu, gatiittii tuulladhuu, kooriiti biddiiqi;
Miidhagii basha’i, booniiti bicaaqi
Cidhafaa cidheessi kokkolfaa gammadaa
Afeeri nyaachisi, warra ’bbaa aangoo hunda
Kanibaala gulloo, salgan dhala budaa
Waa malee hinkakaane, warri qoonqo abiddaa
Qocqocaa dhiyeessiif, albee fi morodaa
Muranii haa nyaatanii, eega ajjeesani, maaf lafatti bada!
Eyyeeni! Muranii haa nyaatanii beera waggaa dhibbaa
Muranii haa nyaatanii reeffaa obboleettiikee, ulfa ji’a torbaa
Muranii haanyatanii, reeffa ilma keetii hallaalicha gurbaa
Yoo beelaa isaan baase, reeffii mucaa durbaa.

Nuyi hardha hinboonyu, nuyi hardha hinkofallu
Reeffaa ijoollee keenyaa yommuttii awwaallu
Reeffaa maanguddootaa, reeffaa beera keenyaa, yommuttii awwaallu
Albadheessi beela’e xobbee, fi bilchaataa, yennaa qabee qalu
Lakkii nuyi hinboonyu, lakkii nuyi hinkofallu!
Isaan boowaa hinduune, nus boowaa hinawwaallu!
Isaan kolfaa hinduune, nus kolfaa hinawwaallu
Kaayyoo isaan du’aniif, nu harkatti hinfashalu
Yaadi isaan kaasani, deebi’ee akka hinkufne hundi waada haagallu!

Isaan boowaa hinduune….

Sodaa bara dheeraa ofirraa mulqanii
Rasaasa fuuldura akka qarqaa ejjanii
Utuu boquu hinbuusin, qoma itti dhiibani
Albaadhessa, booyyee ijatti tufanii
Wareega lubbuutiin, qabsoon maal akk ta’e, nutti agarsiisani
Hoggantoota keenya, tabjaajii baasani:
“Bilisummaan dhugaa badhaasa hinkennamu
Bilisummaan dhugaa kadhaan hinargamu
Dhiigaan yeroo dhufu kaninni mi’aawu akka damma daamuu
Yennaa qabsoon dhufu kaninni dhamdhamu!”
Jedani itti himani; addunyaa hundaafu fakkeenya ta’ani.

Kanaaf…nus akkumasaanii

Kooraan qoma dhiibnee
Booyyee ijatti tufnee
Gatiittii tuullannee
Morma ol qabanne;
Reeffaa ijoollee keenyaa kooraan geggeessina
Diinni nun gammaddu, garaa bobeessina.

Elaamee yaa dayee, deessuu qoma callee.
Nuyi diina hinqabnuu safuukeenyaa malee
Nuyi diina hinqabnuu garraamummaa malee
Nuyi diina hinqabnuu yoo arjummaa malee
Nuyi diina hinqabnuu yoo hoo-qubaa malee
Nuyi diina hinqabnuu yoo araaraa malee
Nuyi diina hinqabnuu nagaa keenya malee
Kanaaf amajaajiin ijoollee nu jalatti akka hoolaa qalee!

Safuutu nuun xaba, safuun bowwaa haalixu
Nagaatu nuun xaba, nagaa bowwaa haalixu
Hoo-qubaatu nuun xaba innis bowwaa haa lixu
Araaratu nuun xaba innis lafa haa lixu
Karaa qaawween kanaa lowanii nu lixu
Ijoollee nujalatti adamsanii fixu!

Saafuu kunuunsina isaan insalphisuu
Hoo-qubaa olkaasnaa isaan gadi buusuu
Arjummaa fayyisnaa isaan inajjeesuu
Araara yennaa jennu isaan balaa buusuu.
Waliin bullaa jenee…tokko taanaa jennee
Jaalala namummaa jibbaan geeddaranne
Nagaa buusnaa jennee…balaa ofitti fidne
Ulfina hiixannee, salphina hammaarranne
Waraabessa saafa golatti hidhannee
Mardhataa sassaabne, ukootti naqanne
Ol-adeemoo keenya xobbee ciniinsisne.

Dhageessa yaa deessu…
Adunyaa yeroo ammaatti, “safuu, safuu” jechuun, gowwummaa, gowwummaa!
Abbaa irree biratti, “nagaa, nagaa” jechuun dabuma, dabuma
Isa butee nyaatuuf, “araara, araara” jechuun mallattoo garbummaa
Kan gubbasii Waaqa, gajjallaadha lafa, kan aadas sarbamne sababi kanuma.

Kanaaf yaa dayee…

Egereen dhalootaa, yoo feete akka ifu
Boollii afaan bane akka ofiin of cufu
Utubaan cunqursaa buqqa’ee akka kufu;
Safuun haa dhidhimu, du’ee du’aa haa ka’u
Nagaan boolla haa lixu, lixee boollaa haa bawu
Araarrii haa du’u, du’ee du’aa haa ka’u
Garraamummaan haa du’u; du’ee du’aa haa ka’u
Yennaa kaayyoon keenya bakka manii ga’u!
Kunoo yeroo sana nagaa kunuunfanna
Hoo–qubaa bulchanna, safuu gabbifanna
Saba hundaa waliin, araaraan jiraanna.
Lammii keenya dhumeef baras gaddaa teennya
Qasaane kofalla, fedhe harqinee boonya.

Kanaafuu yaa giifti….
Qananii imimmaanii fi gammachuun kunuunuu
Booda itti deebina ammaaf yeroo hinqabnu
Miira haaleejjifannu, miira haa adoochinu
Ciriqii nu hudhee cabsee bahuu gayes, yaabnee gad haa qabnu
Fedhiinsaa utuu jiruu, lakkii hinjiru haa jennu,
Teellaaf haa qusannu, cimnee haa waakkannu
Qabattoo fi sabbataan mudhii haa hidhannu
Barii bilisummaatti waliin haa godaannu.
Yennaa achi geenyu…
Lammii keenya dhumeef, kunoo, yennas gaddaa teennya
Qasaane kofalla, fedhe harqinee boonya.

Zelealem Aberra Tesfa
12.03 2016
Helsinki / Finland

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …