Oduu Haaraya

IBSAA EJJANNO (CAAYA TOKKUMMAA OROMOO MASRII) IRRA

Duraan duursee nagayaa fi fayyaan Oromoo hunda bakka jiranitti haadhaqabu isiniin jenna. Akkuma beekkamu dhiheenya kana guyyaa 12/3/2016 ayyaanni OMN kan amata 2ffaa sababeefachuudhaan masri magaalaa kaayroo keessatti kabajamuun niyaadatama haata’u malee qaamni hinbeekamne dahoo OMN godhachuudhaan summii baqattoota Oromoo biyya masrii baqatummaadhaan jiraattan keessatti uumuun niyaadatama, akkasuma wanni ayyaana kana irratti argame ajandaa ykn qabxii guddoo ta’ee hawaasa Oromoo addunyaa keessa faca’ee  jira walumaagalatti qabsoo amma biyya keessatti deemaa jirutillee gufuu guddaa ta’ee argamee jira.

Yeroo jalqabaatiif diigaminsa hawaasa Oromoo sababii itti ta’e eega Kamal Galchoo bara 2006 tti  mootummaa itoophiyaa irraa ummata oromootti makame booda, akkasuma yeroo kanarraa kaasee Oromoo keessattiis paartiileefi garaagarummaa guddaa fidee jira,kun immoo qabsoo Oromoo akkamaletti laamsheessee jira wanni baayee nama gaddisiisu yeroo umanni Oromoo bal’aan biyya keessaa tokkummaan harka duwwaan diina qawwee baadhate duratti ifaan ifatti mirga isaaniitiif falmaa jiru keesatti,garuu wanni magaalaa kaayroo kana keessatti argaa jirru kan kanaan walfaaleessu.

Qabsoo umatta Oromoo keessatti takkaa namni alaabaa Oromoo irraa mufii qabu arginee hinbeeynu, garuu alaabaa Oromoo umanni Oromoo hundi itti amanu kanatti alaabaa biraa fidanii alaabaa dhiiyni ilmaan Oromoo  iratti dhangala’e  kan isaani gubbaa kaayaanii alaabaa umanni Oromoo itti amanu kana ukkamsuuf yalii godhaaturuun ni yaadatama kun immoo saba Oromoo bal’aa kana salphisuudha akkasuma hawaasa Oromoo biratti mufii guddaa fidee jira.

Sadarkaa addunyaa maratti akkasuma biyya keessattiis qeerroon ykn hawaasni Oromoo bal’aan hawwan,dargaggoo,shamarran,qotee bulaa fi daldaltoonni hundi alaabaa Oromoo beekamtuu fi tan seenaa qabdu tan walaalaan Oromoo fi hayyuun Oromoo iratti wareegame kana sodaa takka malee biyya keessatti olqabaa jiran nuus baqattoonni Oromoo alaabuma tana olqabaa jirra,akka baqataa Orommoottillee alaabaan haareeyni kun dantaa baqataa keenya kan miidhu tahuu cimsinee isiniif ibsuu barbaanna,kuniis:-

  1. Ilaachi dhaabbileen mirga dhala namaa kan addunyaa qabsoo Oromootiif qabanii fi dantaa baqattummaa Oromootiif qaban amantummaa isaan nuuf qaban shakkii keessa jalcha,fakkeenyaaf dhaabbatni geneva keessatti argamu kan maqan isaa UNPO (Unrepresented People Organization) ja’amu biratti alaabaan umanni Oromoo ittiin beekkamu alaabaa Oromoo tahuun beekkamaadha kun kanaan osoo jiruu alaabaan biraa Hawaasa Oromoo ykn baqataa keessatti argamuun shakkii qabsoo Oromootif rakkoo baqatummaa kenyaa kan fidu tahuu isiniif ibsina.
  2. Warreen alaabaa hinbeekkamne tana hawaasa keessa fidan kun warra dantaa keezii Oromoo baleesuuf deemanii fi warreen hidhata diinaa wajjiin ykn imbaasii itoophiyaatii wajji qaban tahuu ifaan ifatti iratti dhaqqabnee jirra ykn umanni kun OPDO biyya alaa tahuun isaanii hubanee jirraa.

Nutiis akka CTBOBM tti ayyaana OMN guyyaa 12/3/2016 kan waggaa 2ffaa sababeefachuuf ayyaaneefame kana iratti qaamni hinbeekamne dahoo godhachuudhaan waan qabsoo ummata Oromoo laamsheesuu fi dantaa baqataa dura dhaabatu argamuun hedduu nutii fi hawaasa Oromoottiis mufachiisee jira, nutiis yaaduma kana irraa kan ka’e Ibsa Ejannoo armaan gadii kana baafnee jirra .

  1. Nama dantaa baqataa Oromoo dura dhaabatu yoomiyyuu iratti qabsoofna!!
  2. Miidiyaa Oromoo kamiyyuu nideegarra,garuu miidiyaa Oromoo sababeefatanii dabtaa addaa ykn dantaa dhunfaa kan hawaasa miidhu kan hojatamu yoomiyyuu nibalaaleefanna!!
  3. Alaabaan Oromo malattoo fi gaachana ummata Oromooti yoomiyyuu nama alaabaa tana tuttuqu nibalaaleefanna!!
  4. Biyya masrii keessatti namoota alaabaa hinbeekamne qabatanii deemanii wajjiin tarkaanfi tokko wajjiin taarkaanfachuu akka hindandahamne  ibsina!!
  5. Namoota alaabaa gandaattiin deemu yoomiyyuu nibalaaleefanna!!
  6. Qabsoo Oromoo yoomiyyuu nideegarra ergamtoota wayyaaneetii fi OPDO yoomiyyuu duradhaabanna!!
  7. Magaalaa masrii tana keessatti sababa alaabaan hinbeekamne gad baate kanaan yoo hawaasni Oromoo kan kaayroo jiraatu walitti bu’u taate qaamni alaabaa hinbeekamne tana hawaasa keessa fide akka ittigaafatamummaa fudhatu cimsinee isin hubachiisa!!
  8. Yeroo FXG biyya keessaa finiinaa jiru kana keessatti alaabaa hinbeekamne kan gad baase kana isaa fi diina Oromoo ija takkaan laalla!!
  9. Oromoonni addunyaa irra jirtan hundinuu dhimma namni dhunfaadhaan ykn gareedhaan ofaa jiran kana akka qabxii mariitti laaluu dhiifnee qabsoo teenya kallattii hundaan finiinsu qabna !!

HUBACHIISA

Koreen CTBOBM tii fi irra caalaan hawaasaa Oromoo biyyaa Masrii waan rakkoo tana hubatani irra gahaniifi ayyaana OMN kan waggaa 2ffaa kan magaalaa kaayroo iratti gaggeefame kana irraatti hinhirmaanne, akkasumaas warreen ayyaana saniratti hirmaatan rakkoo kana ifaan ifatti hubatanii jiran.

Injifannoon Ummata Oromoo bal’aaf haata’u

Koree CTBOBM

Guyyaa 15/3/2016

Best Regards

KOREE CTBOBM
UORA – EGYPT
Address: Elgomhuriya, St, Mohamed Salim Sub-Street House no.14, 1st floor Arab Maadi Cairo,
Website: www.uora-egypt.webs.com
 Contact: Chairman Directly | 00201127422462 | General Secretary: 00201112713537 
Facebook: Caaya Tokkummaa Oromoo Masrii
Twitter: @UORA-EGYPT 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Barruun maqaa oromoota Masrii/ Cairon bahe kun kan hawaasaa odoon taane kan namoota muraasa diinaan qophaaheedha. Kanaaf afaan oromoos dubbattan hujiin isaanii kan Wayyaanee akka ta’e hubatmauu feesisa. Gara biraatiin kama barruu Obboo Johaar Muhammadiin walitti hidhata qabuudha. Akkuma beekamu johaae Muhaammad kama mootummaa wayyaanee wajjiin hojjataa turee fi abo abaaraa turetuu yeroo ammaa kana miseensa dhanee ta’ee oromoota irratti duulaa jira. kanaaf, namoota maqaa hawaasa Misraatiin barruu kana baasan hojjaa diinaa akka hojjachaa jiran hubadhaa.