Oduu Haaraya

Hiriirri Nagaa Washingiton Diisii fi biyyoota Awurooppaa keessatti gaggeefamuuf jedha.

OMN:Oduu Muddee 05,2015 Jaarmiyaan Hawaasa Oromoo Ameerikaa Kaabaa Mudde 10 bara 2015 Miidhaa Mootummaan Itiyoophiyaa Barattoota Oromoo Irraan ga’aatti jiran Mormuuf Washington Disii irratti Hiriira guddaa qopheessaa jiraachuu himan.

Bifuma wal fakkaatuun biyyooti Awurooppaas guyyuma walfakkaatutti hiriira gurguddaa qopheesanii jiran.

Ajjeechaa,hidhaa,reebichaa fi Midhaa barattoota Oromoo irratti Mootummaa Itiyoophiyaatin biyya keessatti raawataa jiru dura dhaabbachuuf, Waldaan Hawaasa Oromoo Ameerikaa Kaabaa Mudde 10 bara 2015 Magaala Gudditti Ameerikaa Washington D.C irratti Hirira Mormii guddaa qopheesaa Jiraachuu isaanii Miseenstota Bordii Waldichaa Keessaa Dr Asaffaa Jaallataa fi Obbo Ibraahim Jermani OMN tti himani jiru.

Waldaan kun eenyufaa hammata Isa jedhuuf Obbo Ibraahim Jermani akka nutti himanitti waldaan kun Miseensota Jaarmiyaalee Hawaasoota Oromoo 33 Ameerikaa kaabaa keessatti argaman mara hammataa jedhan.

Dr Asaffaa Jaallataa Gama isaaniitin gaaffiin barattooti Oromoo gaafachaatti jiran gaaffi Sirridhaa, Isa kana ammoo waldaan addunyaabeeku qabaa erga jedhanii booda, isa kana beeksisuun ammoo dirqama jaarmiyaalee Hawaasa Oromoo biyya alaati jedhan. Nutis jedhu Dr, Asaffaa Jaallataa, akka Waldaa Hawaasa Oromoo Kaaba Ameerikaatti isa kana addunyaatti beeksisuudhaaf walgahii hatattamaa waamnee murtoorra geenyee jedhan.

Marii ballaa erga geggeessaniin booda, murtoorra ga’uu isaanii kan nuu himan Obbo Ibraahim Jermani gama isaaniitin Hiriira nuti amma Washington D.C irratti geggeessuuf deemnu kun Hiriirota kanaan dura barataman irraa addaa erga jedhanin booda, akka yeroo kaanii gadi baanee hiriirree calisnee gara manaatti deebina osoo hintaane, ajjeechaa, Hiraarsamaa fi Miidhaa Mootummaan Itiyoophiyaa uummata keenya irraan ga’aatti jiru ragaa waliin dhiheessinaafi jedhan. Isa kana ammoo bifa qindaa’een Vidiyoolee Hokkara Mootummaan sun Barattoota irraan ga’aatti jiru sassaabbannee dhiheessuuf qophitti jirraa jedhan.

Akka Dr. Asaffaa Jaallataa Jedhanitti, Hirira Washington D.C irratti Mudde 10 geggeessamuuf karoorfatame kana irratti Miseensota Waldaa Hawaasa Oromoo Kaaba Ameerikaa kan ta’an kudhantu irratti hirmaata.

Bifuma wal fakkaatuun Hiriirri Mormii deggarsa barattota Oromoo  Awuroophaa biyyoota hedduu keessatti gaggeessamuuf akka saganteeffamee jirus beekameera.

Haaluma kanaan Muddee 10 bara 2015 Hawwaasni Oromoo Biyya Norway   Magaalaa Osloo fi Bergen Jaramanii – Frankfurt Biyya Netherlands, the Heegitti Hawaasi Siwiizerland, Jenevatti Hawaasi Oromoo Sweden ammoo Stokoolmtti Hirira guddaa geggeessuuf jiru.

Abdii Fiixee tiin.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …