Oduu Haaraya

Hogbarruun Afaan Oromoo sadarkaa maaliirra jira?

 

 

Abdii Boruutiin

 

 

Har’a dhimmi Oromoo kamiiyyuu, seenaas ta’ee aadaan; Afaanis ta’ee wanti biraa dhimma siyaasaa ti yoon jedhe waanan dogoggore natti hin fakkaatu. Warri beekumsa, dandeettii fi ogummaa siyaasaa qaban garuu, lakkii waayeen Afaanii siyaasaa wajjin walittihidhannaa hin qabu jedhanii naan mormuu danda’u. Yoo akkana ta’es gaarii dha jechaa, mee har’a siyaasaarraa gara Afaaniitti deebi’ee; hogbarruu Afaan Oromoorratti waan tokko tokko jechuun barbaada. Waayee Afaan Oromoo ilaalchisee, barruulee adda addaa dhiyeessaa turuun kiyya ni yaadatama. Dhimma kanatti deebi’ee, har’a barreeffama kana akkan dhiyeessu kan na taasisan, kitaabonni Afaan Oromoo garagaraa mumul’achuu jalqabuu isaanii ti. Guddinni Afaan Oromoo qaama qabsoo bilisummaa Oromoo waan ta’eef, dhugaa kanarraa ka’een dhimmi kunis dhimma siyaasaa ti jedhe.

 

Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) karaalee adda addaatiin gaggeessama. Karaalee kana keessaa inni tokko guddisuu Afaan keenyaa ti yoo jedhame kun dhara hin ta’u. Qabsoo diinarratti goonu qofaatti xiyyeeffannee, guddina Afaan keenyaa dagachuu hin qabnu. Afaan keenya guddachuu qaba yoo jennu ammoo, waan Afaan kana guddisurratti hojjechuun barbaachisaa ta’a. Guddinni Afaan tokkoo kan madaalamu guddina hogbarruu Afaanichaatiini. Hogbarruun Afaan Oromoos, kan Afaan kana guddisan keessaa isa tokko fi hangafa dha. Kanaaf, sadarkaan hogbarruu Afaan keenyaa maal fakkaata? jennee ofis ta’ee wal gaafachuun barbaachisaa ta’a. Bara 1991 dura, hacuuccaan diinaa Afaan keenyarratti godhamaa waan tureef, hogbarruu isaa guddisuun hafee, Afaanichumaa dandamachiisuun qabsoo tokko ture. Kan ani asitti kaasee yaada koo irratti dhiyeessu, bara 1991 irraa jalqabee hanga har’aatti haala jiru hubachuudhaani.

 

Erga Qubeen Afaan Oromoo heeraan hojiirra ooltee, kunoo bar-kurnee lamaa ol dabarsinee jirra. Bar-kurneen lama yeroo gabaabaa miti; umurii dargaggeessa cimaa tokkoo ti. Guddina Afaan keenyaa yoo hubannu garuu, waggoota diigdamman dabran kana keessatti akka Afaan tokko guddachuu qabutti ykn danda’utti waan guddate natti hin fakkaatu. Yoon akkana jedhu, guddina Afaan keenyaatiif hoomtuu hin dalagamne jedhee tattaaffiilee garagaraa gadi xiqqeesuu kiyya otuu hin taane, Afaan kana guddisuuf hojii quubsaan hin dalagamne jechuun barbaaade. Afaan keenya guddisuu kan dandeenyu, yoo dura bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhabne deebisnee arganne booda dha, warri jedhan hin dhabamne. Akka ilaalcha kiyyaatitti garuu, kun yaada dogoggoraa dha. Akkuman kanaa olitti tuqe, guddinni Afaan keenyaas qaama qabsoo keenyaa waan ta’eef, qabsoo gaggeessaas Afaan keenya guddisuun ni danda’ama.

 

Afaan keenya akka hin guddanne kan taasisan sababootni adda addaa jiraatanillee, waan tokko tokko kaasuun barbaada. Inni tokko karaa alagaa fi diinaatiin har’allee tooftaalee adda addaatiin Afaan keenyarratti hacuuccaan godhamuu dha. Haala Oromiyaa keessa jiru yoo ilaalle, Afaan keenyaan haa hojjetamu malee, guddina isaarratti sarara kana hin dabrin jedhamee waan daangaan itti godhame fakkaata. Daangaa kana dabruu hin qabu jedhamee waan irratti murtaaye fakkaata jechuu kooti. Artistootni keenya heddoomaa dhufanii; gara sirbootaatiin xinnoo sochii gaariin haa jiraatu malee, gara hogbarruutiin biyya keessattis wanti baay’ee mul’atu hin jiru. Kun kan ta’e ammoo, dhiibbaan diinaa waan jiruufi. Gaafiin asirratti ka’u garuu, biyya alaatti, bakkee dhiibbaan diinaa hin jirretti, maaliif Afaan keenya guddisuuf hojii quubsaan otuu hin dalagamin ture? kan jedhu ta’a.

 

Dhugaa dha, gaafiin kun gaafii bu’uraa ti. Sadarkaa hogbarruu Afaan keenyaa yoo ilaalle, biyya alaattis waan baay’ee irratti hijjetame hin fakkaatu. Kunis sababoota adda addaa qabaachuu danda’a. Haa ta’u malee, barreessuudhaaf kan dandeettii qaban dhabamanii otuu hin taane, warri kitaabota barreessuu danda’an rakkoolee gara garaatu isaan qunnaman. Rakkoolee kana keessaa tokko tokko tuquuf, namni tokko kitaaba maxxansiisee yoo gabaarra oolchu, namootni kitaaba kana bitatan lakkoofsaan xiqqaa waan ta’aniif, bu’aa caalaa kisaaraan argamuu danda’a. Hamileen barreessaa ni caba ykn ni hir’ata. Karaa biraatiin ammoo, manni maxxansaa Oromoos waan baay’ee hin jirreef, kunis sababa karaa tokkoo ti. Sababni biraa ammoo, namootni caalaan Qubee Afaan Oromootti waan hin fayyadamneef; sababa kanaan dubbisuun waan isaan rakkisuuf, kitaaba Afaan Oromoo bitatanii dubbisuu hin fedhan.

 

Kan biraa, wanti dagatamuu hin qabne tokko, erga Wayyaaneen aangootti dhuftee, olaantummaan Amaaraa haa dhabamu malee, karaa biraatiin garuu, olaantummaa Afaan isaanii eeguuf jecha, Afaan Amaaraa caalaatti guddisuuf baay’ee ciminaan irratti hojjetamaa jira. Guddinni Afaan kanaa ammoo, guddina Afaan Oromoorratti dhiibbaa guddaa godha. Fakkeenyaaf, fiilmiilee (draamaa) Afaan Amaaraatiin hojjetamaa jiran yoo ilaalle, akkaataa isaan ittiin hojjetaman, kan Afaan Oromootiin walbira qabnee yoo hubanne, kan keenyaa nuuffisiisaa ta’ee argamuu danda’a. Wanti tokko nuuffisiisaa yoo ta’u ammoo, namni irraa dheessa. Kitaabotas yoo ta’an akkasuma jechuu dha. Akkuman kanaa olitti tuqe, namootni Afaan Oromoo dubbisuu rakkatan, Afaan biraatti kaachuun hin oolu. Kun hunduu naannayee naannayee guddina Afaan keenyaarratti rakkoo uuma.

 

Akkuma marsaalee intarneetaa Oromoo tokko tokkorratti argamu fi dhagayamus, kitaabotni Afaan Oromoo adda addaa mumul’achaa waan jiran fakkaatu. Haa ta’u malee, yaaliin kun waan karaa tokko qofaa deemu fakkaata. Maal jechuu kiyya? Hogbarruun Afaan tokkoo waa baay’ee hammata: waayee seenaa, aadaa, Afaanii, siyaasaa, saayinsii, teeknoolojii fi kkf. Afaan Oromoo ilaalchisee, yaaliin amma godhamaa jiru karaa tokkoo qofaa waan deemu fakkaata kanan jedheef, akkan dhagayutti kitaabotaasoosamaatu gadi babbayaa jiru. Kanuma dhiyoo kana bahn keessaa fakkeenya tokko tokko dhiyeessuuf: “Fixeensa” Obboo Boruu Barraaqaatiin, “Dhoksaa Jireenyaa” Obboo Abdii Fiixeetiin, “Lallaba hin dhagayamne” Obboo Amaan Hedatoo Qeerransootiin fi kkf hunduu kitaabota asoosamaa natti fakkaatu. Asirraa ka’ee yoon ilaalu, karaa asoosamaa qofaatti xiyyeeffatmaa waan jiru fi kanarrattis waldorgommiin godhamaa waan jiru fakkaata.

 

Karaadhuma fedheenuu haa ta’u, yaaliin godhamu kan nama gammachiisu waan ta’eef, deeggaramuu fi jajjabeessamuu qaba. Haa ta’u malee, hogbarruun Afaan keenyaa karaalee hundaanuu guddachuu qaba. Seenaan keenya bal’inaan Afaan keenyaan barreessamuu qaba. Kitaabotni Saayinsii fi Teeknoolojiin Afaan keenyaan barreessamuu qabu. Afaan keenya waaltessuu fi guddisuurrattis ciminaan hojjechuun dirqama ta’a. Maaliif yoo jedhame, yoo Afaan kun waaltayee fi guddate, guddina hogbarruu isaatiifillee bu’ura ykn hundee ta’a. Kanaaf, Afaan Oromoo guddisuuf, karaa kanaan ciminaan irratti hojjechuun waan filannoo hin qabne dha. Barreessaan qofaa Afaan tokko guddisuu hin danda’u. Dubbisaanis gahee isaa taphachuu fi/ykn qooda isaa gumaachuun baay’ee barbaachisaa dha. Oromoonni kitaaba Afaan isaanii bitatanii dubbisuuf otuu hin yaadin dura, Qubee Afaan Oromootti fayyadamuu qabu. Nuuf hin galu ykn barachuun rakkisaa dha jedhanii irraa dheessuun eessanuu nama hin gawu.

 

Afaan keenyaan barreessuu fi dubbisuudhaaf, akka beelofnee fi dheebonnee eegaa turre sanatti, erga Afaan keenya qubee ittiin barreessamu “Qubee Afaan Oromoo” argate booda, silaa Oromootni hunduu sirriitti itti fayyadamuu qaban turan. Mallattoo bilisummaa Oromoo kan taate, “Qubeen” silaa mana Oromoota hundaatuu keessatti argamtee ittifayyadamuutu irra ture jechuu kooti. Haa ta’u malee, mee dhugaa haa dubbannu: Oromoo meeqatu Qubee kanatti fayyadamu? Oromoo meeqatu Qubee barachuuf fedhii qabu? Oromoo meeqatu seera barreessuu Qubee Afaan Oromoo sirriitti beeku? Meeqatu kana barachuu barbaadu? Gudinni Afaan keenyaa deebii gaafiilee kanaarraa jalqaba. Guddinni hogbarruu Afaan keenyaallee asirraa ka’a. Kanaaf, Qubee barachuun, isatti fayyadamuun, isa jaalachuun, isa kabajuun, isaaf dursa kennuun, sadarkaa duraa ta’uu qaba.

 

Dhumarratti, dhaamsi ani carraa kanaan Oromootaaf dabarsuu barbaadu: Afaan keenya mallattoo eenyummaa keenyaa ti. Hundee Oromummaa ti. Guddinni isaas bu’ura guddina saba keenyaa ti. Afaan keenya guddisuuf karaa dandeenyu hundaan ciminaan irratti haa hojjennu. Warra barreessuuf dandeettii qaban haa jajjabeessinu. Afaan keenya guddisuunis qaama qabsoo bilisummaa akka ta’e hubannee; kanarrattis qabsoo haa gaggeessinu. Kanaaf ammoo qawwee nu hin barbaachisu. Gaara bayuu ykn bosona seenuun dirqama miti. Bakkee jirru hundatti Afaan keenya guddisuu ni dandeenya. Warri barreessuuf dandeettii qaban, karaa danda’an hundaan qooda ofii gumaachuudhaan hogbarruu Afaan keenyaa akka guddisani fi babal’isan dhaamsa Orommummaa dabarsuufiin barbaada. Hanga bilisummaa fi abbaabiyyummaa deebisnee argannutti eeguu hin qabnu; har’umaa kaasnee guddina Afaan keenyaarratti hojjechuun egeree keenyaaf hundee ta’a.

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *