Oduu Haaraya

Tokkummaa tokkummaa yoo jennu, hiika fi kaayyoo isaa hubannaa?

Abdii Boruutiin

Tokkummaa tokkummaa yaa ilmaan Oromoo tokkummaa,…jedhanii artistoonni keenya yoo weellisan;Tokkummaan humna! jedhamee yoo dhaadatamu; tokummaan barbaachisaa qofaa otuu hin taane murteessaa dhas jedhamee yoo dubbatamu fi barreeffamu… yeroo baay’ee ni dhaga’ama ykn ni argama. Haa ta’u malee, hiika dhaamsa kanaa Oromootni hunduu ni hubatu jechuun nama rakkisa. Kanuma wajjin walqabatee, mee gaafiilee tokko tokkon kaasa: Oromoon tokkummaa dhabe moo maaliif tokkummaan faarsama? Oromoon tokkummaa maaliiti dhabe? Tokkummaa maaliis qaba? Tokkummaa akkamiitu barbaachisaa dha? Tokkummaa akkamiitu humna cimaa uumee, injifannoo fida? fi kkf kaasuu fi deebii isaaniis argachuun hiika “tokkummaa” hubachuuf nama gargaara.

 

Uummata bal’aa kana akka Oromoo dhiisii, uummatni kamiiyyuu uumaadhaan garaagarummaa qabaachuun seeruma uumaa ti. Garaagarummaan kunis kan amantii, ilaalchaa fi kan naannoo itti dhalatnii guddatanii fi kkf ta’uu danda’a. Haa ta’u malee, Afaan tokko dubbachuun, aadaa fi seenaa tokko qabaachuun akka tokko ta’an nama taasisa. Karaa uummata ykn saba Oromootiin yoo ilaalle, eenyummaan keenya “Oromummaan” tokko nu godha. Inni kun kan waloo ti; kan hafan hunduu waan dhuunfaa ti. Waan walootiif dursa yoo kennine, tokkummaa qabna jechuu dandeenya. Yoo kan waloo “Oromummaa” daganne; yoo isa kana duubatti hanbisne fi waan birootiif dursa kennine, tokkummaa qabna jechuun rakkisaa ta’a. Tokkummaa uumuu yoo barbaadnellee kun Oromummaarratti yoo hin hundoofne, tokkummaan uumnu kun tokkummaa dhugaa ta’uu hin danda’u.

 

Gaafiilee armaan olitti ka’anitti deebi’uudhaaf, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, Oromoon waan isa tokkoomsu qaba; kunis eenyummaa isaa ti; Oromummaa dha. Garuu, waan inni kun dagatamuuf; waan inni kun dursa hin arganneef; yoo inni kun duubatti hafe ammoo tokkummaa jiruuyyuu waan laaffisuuf jecha tokkummaan faarsama malee, Oromoon dhalootaan tokkummaa dhabeetii miti. Karaa biraatiin yoo ilaalame garuu, garaagarummaa ayidoolojiirraa kan maddu, garaagarummaan ilaalcha siyaasaa uummata keenya jidduutti waan mul’atuuf, kun garaagarummaa kaayyoo fi/ykn galii akka qabaatan taasisa. Kun ammoo tokkummaa dhabuuf sababa ta’a. Garaagarummaa kaayyoo fi/ykn galii qabaachuun tokkummaa dhabamsiisa ykn tokkummaa jiru akka laafu taasisa jechuu dha.

 

Asirra dhaabbadhee yoon ilaalu, Oromootni hunduu tokkummaa kaayyoo fi galii qabsoo isaanii waan qaban natti hin fakkaatu. Otuu tokkummaan kaayyoo fi/ykn galii jiraatee, har’a mooraa QBO keessatti ilaalchi siyaasaa karaa lamaan hin mul’atu ture. Itoophiyaa diimookraatessuu fi Oromiyaa walaboomsuu kan jedhan kun gargara bahanii hin mul’atan turan jechuu dha. Asirratti wantin dubbistoota hubachiisuu barbaadu, eessarratti tokkummaan akka dhabamu ibsuuf malee, kaayyoo fi galii kamtu akka isaaf tolu kan murteeffatu uummata Oromoo bal’aa dha. Kaayyoo fi/ykn galii gara garaa qabaachuun tokkummaa Oromoo hin dhabamsiisu jedhanii warri yaadan hin dhabamne. Haa ta’u malee, garaagarummaan akkanaa kun diinaaf qaawwa waan uumuuf, tokkummaa keenya ni gaaga’a jedheen amana.

 

Gaafiilee: Tokkummaa akkamiitu barbaachisaa dha? fi Tokkummaa akkamiitu humna cimaa uumee, injifannoo fida? kan jedhaniif, tokkummaan nu barbaachisu tokkummaa dhugaa, kan humna cimaa fi abdachiisaa uumee; diina barbadeessee, injifannoo argamsiisu “tokkummaa eenyummaarratti hundaaye, kan kaayyoo tokkoof uumamu tokkummaa Oromummaa” ti. Gabaabumatti, tokkummaan Oromummaa bu’ura hin godhanne tokkummaa wabii qabu ta’uu hin danda’u jechuu dha. Kanaaf, yoo Oromummaadhaaf dursa hin kennine; yoo kan waloo dhiisnee waan dhuunfaatiif dursa kan kenninu ta’e, tokkummaa dhugaa kan hundee cimaa qabu uumuun baay’ee rakkisaa ta’a. Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatittti, tokkummaan faarsamu kan ulaagaa kana guutu ta’uu qaba.

 

Karaa tokkoon amantii fi naannoodhaan walqoqqoodaa; karaa biraatiin garuu tokkummaa faarsuun bu’aa hin qabu. Yoo akkanatti kan yaadnu fi dalagnu ta’e, diina keenyaaf meeshaa taana malee, uummata keenyaaf yookaanis qabsoo bilisummaa keenyaatiif bu’aa argamsiisuu hin dandeenyu. Mee asirratti fakeenya tokkon kaasa. Har’a uummatni musiliimaa, mirgi amantii isaanii akka kabajamu kunoo waggaa tokkoo ol sochii cimaa godhaa jiru. Gaafiin isaanii kun ammaaf gaafii mirga amantii haa ta’u malee, booda gara gaafii eenyummaatti cewuun isaa hin oolu. Kanaaf, uummatni Oromoo kan amantii biroo hordofan tokkummaa Oromummaa uumuuf; diina waloo injifachuuf; uummata musiliimaaf tumsa ta’uun barbaachisaa qofaa otuu hin taane, dirqamallee ta’uu qaba jedheen yaada.

 

Akkuman kanaa olitti tuqee dabre fi yeroo adda addaas barruulee kiyya keessatti ibsuu yaale, mooraa QBO keessatti yaadni karaa lamaa yookaanis kaayyoon lama ifatti akka mul’atanii dha. Isaan lamaan kunis Itoophiyaa diimookraatessinee; kana keessatti mirgi Oromoo akka kabajamu taasisna warra jedhani fi warra bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa galii booddee godhatanii dha. Kaayyoo fi/ykn galiin kun ifa ta’ee bakkee lamatti haa bahu malee, jaarmayootni Oromoo, kan kaayyoo walfakkaataa qaban, garuu ammallee gara garatti hiramanii jiru. Gaafiin asirratti ka’u fi kan namaa hin galle garuu: Warri kaayyoo walfakkaataa qaban maaliif “tokkummaa kaayyoo” hin uumne? kan jedhu ta’a.

 

Warri bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa galii kaayyoo isaanii godhatan, xinnaatullee gara walhubannootti deemaa jiru. Walittibaqanii jaarmayaa tokko jalatti ijaaramuun yeroodhaaf yoo hin danda’aminillee galii barbaadan sana gawuuf tumsa waliif ta’uuf waan yaadan fakkaatu. Gama warra Itoophiyaa diimookraatessuutiin yoo ilaalame garuu, waa baay’eetu gaafii keessa galaa jira. Jaarmayootni Oromoo kan garee kana keessa jiran, kaayyoo walfakkaataa qabaatanillee tokkummaa kaayyoo uumuun hafee, adeemsuma isaaniirrattuu waan wal hubatan natti hin fakkaatu. Yoo tooftaa fi tarsiimoo adda addaa qabaatanis, hanga kaayyoo walfakkaataa qabaatanitti, adeemsa isaaniirratti tumsa waliif ta’uun akka yaadaatti silaa ni danda’ama ture. Ammaaf wanti mul’atu garuu hin jiru.

 

Dhugaa dubbachuudhaaf, yoo dhuguma humna uumanii karaa kanaan uummata Oromoo gabrummaa jalaa baasuu kan danda’an ta’e, ani akka nama tokkootti warra Itoophiyaa diimookraatessina jedhanirraa rakkoo hin qabu. Karaa itti amananii fi danda’aniin qabsaa’anii; injifannoolee QBOn hanga har’aatti argamsiise hundaa tiksanii; uummata keenyaaf jijjiirama biroo kan fidan yoo ta’e, akka ilma Oromootti, ani jara kanaaf kabaja Obbolummaan qabaaf. Wantin ani shakku garuu, Habashoota wajjin hojjetanii injifannoo biroo argamsiisuu dha. Asirratti dubbii tokkon yaadadha. Nama tokkotu otuu hin beekin nama meeshaa isaa hate wajjin meeshaa jalaa bade barbaadaa otuu jiruu; namni biraa tokko akkana jedhaan:“Yaa namtichoo kan meeshaa kee si jalaa hatee dhokse si wajjin barbaadaa waan jiruuf, meeshaa barbaaddu kana argachuu hin dandeessu” jedhaan.

 

Uummatni Oromoo Habashootaan gabroonfatamee bilisummaa fi abbaabiyyummaa isaa dhabe. Erga gabrummaa kana jalatti kufee kaasee waan dhabe sana deebisee argachuuf qabsaa’aa jira. Egaa, dhugaan kana ta’ee otuu jiruu, akkuma namtichi nama meeshaa isaa hate wajjin barbaadee argachuu hin dandeenye sanaa, Oromootni Habashoota wajjin hojjetanii; waan barbaadan sana argachuun ni danda’amaa laata? Kanaaf, tokkummaan kaayyoos barbaachisaa yoo ta’ellee, warra kaayyoo walfakkaataa qaban (ilmaan abbaa fi haadha tokkoo) waliin mooraa ofii keessatti tokkummaa kaayyoo uumuutu sirrii natti fakkaata. Tumsi alaa barbaachisaa yoo ta’ellee, dura tokkummaa mooraa ofii jabeessuutu wabii ta’uu danda’a. Humna ofii otuu hin jabeessin, humna alagaa wajjin hojjechuun booda liqimsamuu ta’a.

 

Dhumarratti, jaarmayootni keenya, kaayyoo kamiiyyuu haa ta’u, kan kaayyoo fi galii walfakkaataa qaban,tokkummaa Oromummaa kan hundaa hammatu ijaaruun yookaanis walittibaqanii jaarmayaa tokko jalatti ijaaramuun yoo hin danda’amne, tokkummaa kaayyoo uumanii; kaayyoo qaban sana galii hawwamutti geessuuf tumsa waliif ta’uun; walirratti duuluu dhaabanii diina waloorratti irree tokkoon duuluun; mooraa keenya keessatti nagaa fi tasgabbii buusuun dirqama Oromummaa akka ta’u hubachuu qabu. Tokkummaa, tokkummaa jedhaniituma dubbachuurra hiika fi kaayyoo isaas beekuun ykn hubachuun murteessaa dha. Waanuma barameef, tokkummaan humna! jedhanii dhaadachuurra, tokkummaan dhugaa ijaaramee akka humna jabaa uumu ciminaan irratti hojjechuun injifannoof ofqopheessuu dha.

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *