Oduu Haaraya

“HOJJATAN AKKANA..!”

“HOJJATAN AKKANA..!”

Kan bahaa kan dhihaa, kan kaabaa fi kibbaa,
Ittiin wal barsiisuuf seenaaf aadaa abbaa,
Haa dhagayaamtuu dhageesisaa sagalee wayyabaa,
Dammaqsituu, wal barsiiftuu sabaa,
Namuu itti hirmaadhaa midiyaa walabaa,
Qooqa keenya kan ukkaamame bara dhibbaa,
Arra dhageesisaa, weeddisaa ittiin sirbaa,
Mee ittiin dhaadadhaa diina garaa gubaa.

Ittiin wal barsiisaa, ittiin wal garsiisaa,
Hambaa aadaaf hoodaa ittiin wal bohaarsaa,
Mataa ol qabadhaa akka leencaa bookkisaa,
Akka qeerensaatti fufurga’aa harqaa,
Oromoon arkattee bar miidiyaa haqaa,
Hayyootaa keenyaa mataan haa bulu,
Huubni ijan bu’iin, Kan nu boonsan maqaa,
Oromoo qulqulluu warra’n qabne laaqaa,
Mataan hin dhukkubiin,
Akeeka saaniitu galiittin nu dhaqaa,
Xurii gabrummaa dha qaabsoo gootaa dhiqaa,
Hojjatan akkana kunoo hojii haqaa.

Yaa dhiiroo ililchaa, ililbee qalawwisaa,
Yaa dhiiroo dhiichisaa, dachii dhiitaa sossoosaa,
Ragadaa shubbisaa, gammachuun weeddisaa,
Oromoota fooddaa TV’n wal barsiisaa,
An gammachuu akkaana,
Maal ja’eetiin ibsaa,
Akkam godhee baaseen
Keessa garaa kootii isiniif mul’isa,
Imimmaan gammachuun mal’aarra xuruursaa,
Booyaaf if dadhabeen laphee too coolleeysaa.

Onneen too farshaantee,
Gammachuun buxaaltee,
Akka waan arra dhalattee,
Humaa if wallaaltee,
Lammii too baga gammaaddaan,
Gammachuu seenaa,
Midiyaa ammayyaa argannee,
Ittiin dharraa baanaa,
Keessa keenya ittiin ibsannaa,
Hawwii teenya ittiin wal garsiifnaa,
Oromummaa teenyaa
Addunyaa mara ittiin barsiifnaa.
Yoomuu ittiin dhaadannaa,
Yoomillee ittiin boonnaa,
Ayaa oromoodhaaf hojjatan akkana…. X2

‪#‎Saphaloo_Kadiir‬‘iin

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

2 comments

  1. oromo media controlled by Wellagas , the regionalists will bring nothing to oromo people. your oromo Tv has no audience. how many oromos have access to stilbite Tv in oromia and if oromo people are able to Access such we are almost free people. OMN is founded by found collected from oromo peole to find un employment opportunity for wellags as usual nothing will change in oromo national struggle as long as wellags dominate oromos, political land scape because they are not oromo culturally and socially they are atypical Amaharas. they only speak afaan oromo and do not have any oromo culture or value to contribute except olantuumaa.

  2. Kun yaada tokkummaa balleessu waan ta’eef ni balfama?