Oduu Haaraya

Iyyaa Iyya Dabarsaa!!

 

 

Iyyaa iyya dabarsaa

kan hin dhagahin iyya dhagesisaa

Sadaasaa baatii goota Gincirra jalqabee

Kasee wal-kakaasee waltti lallabee

Alaabaa Oromiyaa Gulisoo irra dhabee.

Qaanqeen Gincii ka’e baldhatee boba’ee

Ittii fuuffa jira kan hin dhaamne ta’ee (2)

Qawwee tokko malee ummani ol ka’ee

Walii wagiin  dhabatee humna  walii ta’ee

Qabsoon itti fuufa jedhe manaa ba’ee (2)

Iyyaa iyya dabarsaa

kan hin dhagahin iyya dhagesisaa

Ollaadha ollaatti dhihoorra fagoorra

Walitti birmatee qollatee walii-rra

Mancaasee balleessuf diina biyya isaa irra

Qabsaawaan ni kufa Qabsoon itti fufa

Dukkaanawee  hin hafuu bari’ee nuufi  ifaa (2)

Dhamiisa goottawwannii  kan dhamanii darban

Alaabaa Oromoo  kan diigan gad dhaaban

Dhaloonni hubatee dhamiisa isaan dhaaman

Kasee bakaan gahuuf kan isaan hanqatan.

Iyyaa iyya dabarsaa

kan hin dhagahin iyya dhagesisaa

Eeynutuu  harree  ta’ee eeynutuu Waraabeessa?

Oromoon ka’eerra yoom walirra dhessaa

Hardhasii  kutataadha akkumma kalleessaa (2).

Namni rorron kaase essatti dhabbataa?

Kan diinni kufse kaasetu awwalataa

Bakka  humni  dhibe walitti birimmattaa

Gumaa lammii ofii lammitu bafata

Dangaa dinnii cabse dhigan ijarrata.(2)

Otto nuti jiruu abbaa nutti tatii?

Otto harka qabnuu qonxortee nuu laatii? (2).

Iyaa iyya dabarsaa

kan hin dhagahin iyya dhagesisaa

Oromoon tokkummaan yoo jabaate lolee

Kayyoo galman gahuf waadaa walii galee

Kan hardhaaf kan boruuf malla walii malee

Diina jalaa ba’ee mata ishee irra ollee

Dhalataan guddatee bobba’een ofkalee

Biyya isaa bulfata diina irra qalee (2).

Hadha goota dachee  ayyoo oromotaa

Otto nuti jiruu halagaan sii nyaataa?

qabeenya kee dhabdee ati quulla  tataa?

Bosona kee gubee uffata umamaa

Sii irra barbadessuf umma kee ganamaa

Eeynutuu siif yaada, eeynutti himamaa

Mee eeynutu qaba ittigafatama

Otto nuti jiruu enyutu waamamaa? (2).

Iyyaa iyya dabarsaa

kan hin dhagahin iyya dhagesisaa

Oromoo laammi koo xiqqaa guddaan hunduu

Ayyoon bohaa jirti maalif jalaa didduu? (2)

Dhaamsa dhageeffadha ayyootuu dhamataa

Tokkoof lamaa miti nuu hunda laalata (2)

Haali yeroo  ammaa yeroo nuuf hinkennu (2)

Of duuba hin ilaalna fuula- duratti haa deemnu.

Agaazii jedhanii maqaa itti baasanii

Kan waan isaa hin beekkamne nutti bobbaasan

Kan gaafii gaafate itti rasaassan tumaan

Barataa fi jirataa jireeynaa dhoorkani

Balbala issarratti dhiiga lolaasanii (2)

Iyyaa iyyya dabarsaa

kan hin dhagahin iyya dhagesisaa

waan godhu walaale umanni rorra’ee

biyya qabaachuun isaa  dukkannawaa ta’ee

Dirree Incinii, Jaldoo, Gulisoo fi Amboo  irra  ka’ee

Gimbi, Dambi, Dolloo, fi  Naqamten naana’ee

Holotaa, Burayuu, Walisoo fi Baale waliigalee ka’ee

Kachisii, Kuyuu, Dagam, Cancon fi  sulultattii ba’ee

Haroo Mayyaa  ka’ee  Jarsotti wal ga’ee

Suchii  itti fufee  hundi manaa ba’e

Qabsoon itti fufee  Oromiyaa waliin  ga’ee . 2

Artiistoon  fi median gahee gudda qabuu

dabarsaati jiru waantta darbuu qabu

waan seenan barbaadu kan hardhaa fi kan boru

waan bekamuu qabu kan dhalootaf toluu

lubbuun yaa dheeratan isaanf yaa toluu (2).

 

Rorroofi garbumaan nu hunda lallataa

Barataa fi  barsisaa, daldala fi qotataa

Tokkoo fi lamaa miti nuu hundatuu baata

Dhaloonni boruu hoo malitti dhalataa?

Rorron hardha kun essati dhabataa? (2)

Asitti hin dhaabatu qabsoon itti fufaa

Kan ee  yaa kaffalluu baasii ba’uu cufaa

Yoo  nu jabane garbumaan dhabata

Beekaan keenya bulee dhalataan gudataa

Daldalan daldale barataan barataa

Abba biyaa taane biyyi nuu gudataa

Otto ollee hinbulle ifni nuu muldhata (2).

Iyyaa iyya dabarsaa

kan hin dhagahin iyya dhagesisaa

biyya isaa eegachuf waardiiyyaa dhabatee

Kaaba fi kibba irra baha fi dhiha irraa iyyee wal wammatee

Dhabamuu biyya isaa sirritti hubatee

Dhiira fi dubartiin xiqqaani fi gudan waliffii  birmatee

Dahoo walii ta’ee wal-cinaa dhabbatee

Lafeedha fii dhiigan daalla ijarratee

Nutti hin seentuu diinni ulaa argatee (2).

Iyyaa iyya dabarsaa

kan hin dhagahin iyya dhagesisaa

Isa durirrayyuu kan amma hamaate

Habashan finfinnee balessuf kutate

Kaartaa  Oromiyaa kan balleessuuf kaate

Plaani dha jettee kan kayyoo kawwatee

Qabiyyee Oromoo  aduynaa dhaf laate

Lammiwaan  oromoo karaa irraitti gatee

Saynii oromoo biyyee isaarra kasuu

Ummata oromo lakofsan xiqqessuu

Karaa  iraa qaban Tigrrayitti geessuu

Kaan  ajesanii reeffa isaan dhoskuu. (2)

Hadhootin Oromoo kan ilmaan Isaan  dhabaan(2)

Lubuu isaan jibaan  rasasaatti of qabaan

Qabsoo bilisummaffii fakkenya  kan taa’aan.

Ijoolleen  oromoo  biyya alattillee

Garaan yoo ittiynatan hinuma naana’a dugda dubattilee

Kotaa isinniin jette wayyanen isiin yaamtee

Lafa fudhaa jettii ummata iraa kastee

Afaanin isiin sobaa qarshii keessan nyaate

Ummata  oromoo  karaarratti gatee.

Ijoolleen  oromoo biyya alaa jirtan

Oromummaa caalaa maliif qarshii laaltan

Diina oromoof  maa gargaarssa taatan

Foon lammii oromoo maaf murtanii nyattan

Yoo oromoon deegu maalittii gammaddan

Ayyaanni  oromoo waadaan isin qabnee

Waadaan isin haa ga’uu akka lammii hin nyannee

Garaadhaa jeettani akka lammii hin ganee

Waqaa fi lafaa jedhaa Raabbiin  isin kadhannee (2)

Iyyaa iyya dabarsaa

kan hin dhagahin iyya dhagesisaa

 

kan qophesee

 

Dhaaye Dida fi Abdii Badhaadhaa

Amajjii 2016

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …