Oduu Haaraya

QABSOON WAREEGAMUU QOFA OSOO HIN TAANE WAREEGUUS DABALACHUU QABDI!

  (Dubbisii xumuri, ‘share’ godhii dabarsi)
Saphaloo Kadiir irraa
saphaloo kadiirAfaan qofaan qabsaa’uun, ibsa ejjannoo baafachuuniifi dhaadannoolee bilisummaa dhaadheessuun osoo kan nama bilisoomsu tahee addunyaa kanarraa namni dura bilisoomu oromoo tahuu hin oolu jedheen yaada. Yoon kana jedhu ammoo gariin namaa kan arraba dheeratu waa darbachuuf akka jerjeru niin beeka. Suuta jedhaa mee! “Dubbii baha hin dhoorkan gala dhoorkan malee” jedha warri keenya. Oromoon dhaadachuu malee qabsaa’utti hin jiru jechuu kiyyaa miti. Oromoon qabsoo ajaa’ibaa taasisaa jiran. Hanga baroota 25’n dabran kana qabsoon shorroqaa turte, barana qeerroon biyya keessa jiran haareyatti qaanqee qabsoo qabsiisuun gootummaa afaaniin haasawuu malee dagannee turre san qabatamaan mul’isanii jiran. Dhugumatti oromoon gootoota, leenca eegee hin qabne. Fincila oowwaafi hadhaawaa ji’oota sadeen dabran kana taasifamaa jiru yoo laallu, oromoon goota goototaa, qeerrensa ija ibiddaa tahuu nuuf mirkaneessuu daran onneen akaakoof habaabootiis ammallee dhaloota qubee keessa jiraachuus ragaa bahan. (Gootoota afaaniin dhaadachuufi ibsa ejjannootiin qabsaa’uu irraa gara qabatamaan qabsaa’uutti nu ceesisan kana galanni dacha dachaan isaan haa gahu)
Qabsoon warraaqsa diddaa master pilaaniitiin jalqabamtee gara fincila xumura gabrummaatti tarkaanfatte, amma immoo gara warraaqsa bilisummaatti cehuuf aggachaa jirtu tun injifannoo hedduu galmeessitee jirti. Kannarratti wanti ijaan agarre kan seenaan dhageenye nu yaadachiisuu qofa osoo hin taane, nuufiis mirkaneessuu hin oolle. Qeerroon gootoonni keenya, yoo eeboofi gaachenaan dhaadachaa fardaan garmaaman, lola gadaa michillee kan jaarraa 16 ffaa godhamaa ture jedhamu san nama yaadachiisan. Yoo mancaan qawwee wayyaanee dura dhaabbatan ammoo lola Calii Calanqoo kan subba jiifatanii afaan madaafaa tufteeyyuuf itti deeman jedhan saniifi, gootoonni keenya ammoo gootota kaleessa darban kan akka Bakar Waaree, Mucee Ahmad Mucee faa nu yaadachiisuu hin oolle. Yoom kana qofaree? Wayyaaneen daa’ima, haawwaniifi aabboota mara irratti ajjeechaa diinuma, yakka duguuggaa sanyii yoo nurratti raawwattu, godaannisa harkaaf harma muraa Aanoolee nu yaadachiisuus garuu, ilmaan oromoo diina jalaa gad jechuu didanii biyya keenya dabarsinee hin kenninuuf falmatan ammoo gooticha oromoo kan farda Minilik jalatti waraanee lafaan dhawee, isaas madeesse gooticha Leenjisoo Diigaa nu yaadachiisuu bira dabree nuus onnachiisuun yoom hafe.
Haatahuu malee, injifannooleen kun marti gootoota qeerroo harka duwwaa qabsaawaniin kan galmaawe waan taheef wareeguu caalaa wareegamuun kan itti baayyeetee dha. Onne qabeessummaafi jeeynummaa keenya mirkaneessu illee, garuu dhiigni dhangala’uufi lubbuun ilmaan oromoo, dubartii ulfaafi daa’imnilleen osoo hin hafin duguugamuun xiqqo nama suukanneessa. Kana yoon jadhu injifannoon dhiiga facaasanii, lafee caccabsanii, lubbuu kennan malee akka hin galmooyne osumaan beekuu, qabsoon wareegamuu qofa osoo hin tahin wareeguus dabalachuu qabdi jechuu kiyya. Nuti ammoo wareegamuu malee wareegaa hin jirru. Wareeguuf ammoo meeshaa diinni nuttiin deemaa jiruun tan wal gittu qabaachuu nu barbaachisa. Meeshaa diinni nuun dorsisuun wal gittu yoon jedhu ‘taankii fi madaafa’ jechuu kiyyaa miti. Inniis yeroof taanfiifi madaafa nuun sodaachisuuf haa yaaluu malee nutti hin fudhanne. Meeshaa xiqqoo nutti as qabaa jiru tanaan tan wal gittu dhabuu keenyaaf ammoo kan sababa tahee, qabsoon teenya sadarkaa san irra hin geenye jennee yaaduufi dhaaba hidhannoon ijoollee warraaqsa finiinsaa jiran maddii dhaabbatu dhabuu keenyaafi. Dhabuu yoon jedhu ammoo kan silaa ni qabna jennee abdannu orraafachuu daran hanga ammaa waan takka xuuxxisuu dhabuu isaa akka dhabneetti waan na dallansiiseefi.
Yeroo amma lafattiis tahe fuula miidiyaa hawaasaa irraatti keenyuma kan du’e lakkaawachaa, biyyoon itti haa salphatu jechaa ooluun, madoo ilaallee, dhiiga daawwannee imimmaan dhiigaa dhangalaafnee booyuu dadhabannee jirra. Kan du’an reeffa isaanii lakkaawaa booyaa ooluun ammoo hadooddii dhabuu keenyaaf tahuu baatullee garuu, kan walirratti eegaa jirru nu fakkeessuun isaa hin oolu. Mala waliif dhahuu dhabuun keenyaa ragaa nutti bahaa kan jiru tahuutu natti mul’ata. Kun ammoo hafuu qaba. Qabsoo wareegamuu irraa gara wareeguutti cehuun dirqama. Kana godhuuf oromoo marti kan biyya keessaafi alaatiis gamtummaan ka’ee qabsaawuu qaba. Gara kana seenuuf ammoo nama mataa walitti qabuun qabsoo tana hogganu nu barbaachisa. Kana malees qawwee argachuun dirqama dirqama oliiti. Kana tahu baannaan ammoo qabsoon wareegamuu malee wareeguu hin qabne gara duguuggaa sanyiitti nama geessiti. Sanyii teenya lafarraa duguuguun ammoo goda qabriitti nu galchuu ala injifannoon caalatti galmeessu tokko hin jiru.
Akkuma beekkamu kanaan dura waggaa dheeraa dhimmi abdii nu kutachiisuu irra gahe, kan yaadaaf akeeka oromoo laamsheessaa ture gamtummaa akka arraa kaabaaf kibbatti, bahaa dhihatti bakka takkaa akka kanniisa qeeyroo baheetti xiixu kana dhabuu keenya ture. Arra garuu ol godhannee dubbachuuf ifin qaanfannu. Dhaloota qubeetiif galanni dachaa haa gahuu gulantaa kaleessa oromoo giddutti qaama hin beekkamneen ijaaramee ture diiguu danda’anii jiran. Kun ammoo bu’ura cimaa deeggarsa nama tokkoo malee ifumaaf hareeyatti ijaarame yoo tahu, jijjiirama fiduufiis shakkii kan hin qabne tahuu isaa tilmaamaan osoo hin taane qabatamaan agarree waan jirruuf sodaa malee dubbachuun ni danda’ama.
Kana yeroon jedhu hangafoota keenya dagadhee miti. Dhaloonni kun daandiin irra imalaa jiran kanuma isaan nuuf baasan sani. Haa tahuu garuu dhaloota kana wanni adda godhu seenaa haasawuurraa gara seenaa hojjachuutti tarkaanfachuu isaati. Kana tahuun ammaas dirqama waan taheef malee qooda hangafoota keenyaa tuffatanii miti. “Harreenuu ba’aa ilmoorratti sablifatti” akkuma jedhamu san, hangafoonni keenya waan gaarii hojjachaa turan, carraaqqii isaaniitiif galata guddaa galchaafi, miilaanumaan ammoo dhaloota finiinaa kanaaf marsaa gad lakkisuu akka qabaniis yaadachiisuun barbaada. Yeroon ammaa tan dhaloonni kun seenaa qabsoo awwaalamtee turte dirretti baasanii leellisa jiranii dha. Kanaaf hangafoonni daandii qabsoo oromoo irra labbagal tahanii ta’aa jiran, kan arrallee afaanumaan dhaadachuu malee qabsotti seenuu if bir’atan fakkaatan karaa irraa maquun baallii qabsoo dabarsanii dhaloora kanaaf laachuu qaban.
Dhaloonni qubee eega qabsoo jalqabe if duuba deebi’uun isaa hin jiru. Sadarkaa kanatti qabsoon yoo duubatti shirgigaatte gaaga’ama hamaa akka fiddu dhaloonni kun waan beekuuf warraqsa isaa kan duraanii caalaa finiinsuuf muratee jira. Qabsoof kan barbaachisu dura hubannoo tahuus kan itti aanu hidhannoo dha. Dhaloonni ammaa immoo waan gara hubannootti waanuma gadaameessa haadhaa keessaa waliin dhufe fakkaata. Akeeka wal fakkaataafi siranaa qabaachuu irraa qalama qofaan ka’ee gamtummaan ibidda qabsoo bobeeysee jira. Eeyyee! Hubannoo wal fakkaataa qabaachuu isaaniitu akka gamtummaan cimuufi qaanqeen warraaqsaa billiqxu taasise. Hubannootu akka kaayyoo tokko irraa kaanee galma tokkotti gallu nu godha. Kana ammoo ifaafi ifatti mirkaneessanii jiran. Bahaa, dhiha, kaabaaf kibbatti wal bubuusuun hafee fiinxaaf fiinxa oromiyaatti tokkummaan sossoohaa jiraachuun qeerroolee teenyaa boqonnaa hareeya qabsoo oromootiif banuu isaanii mul’ise. Amma immoo sadarkaa itti aanutti dabruuf qophiin xumuramee jira.
 Eeyyee! Amma qabsoon sadarkaa hubannoo dabree, sadarkaa hidhannoo irra gahee jira. Hidhannoon sadarkaa kanatti akkaataa lamaan argama jedheen yaada. Waraana bilisummaa oromoo mooraa jira jedhamutti makamuun ykn ammoo meeshuma lola aadaa kan harka namayyuu jiruun meeshaa lolaa diina harkaa laqaaquu dha. Diina harkaa qawwee fuudhuun lubbuu baayyee balleessee gatii amma kafalamaa jiru kana caalaa nu kafalchiisa waan taheef, furmaanni jiru tokkichi mooraan waraana bilisummaa oromoo yeroo biraa caalaa banaa tahuun simannaaf qophaa’uutu irra jiraata. Yoo ammallee akkuma duraanii mooraan waraana oromoo cufaa taatee itti fufte ammoo qabsoon keenya lubbuu baayyee harcaasee, gatii injifannoo keenyaa xiqqeessuu daran injifannoo orraafachiisuu mala. Haatahuu malee qabsoon jalqabamte tun gonkuma akka hin dhaabbanne beekuun gaariidha. Kanaaf, akkaataa ijoollee oromoo barnootaas barachuu dhoorkamtee qabsoof qophooyte tana gara hidhannootti galchuun danda’amu irratti tooftaafi mala hatattamaa taraarrachuun dirqama mooraa qabsoo oromooti taha. Gabaabumatti WBO’n gabaasa “lukkeelee wayyaanee sagal ajjeessee kudhan madeessee….” jechuu irraa “Gootichi waraana bilisummaa oromoo, WBO’n mootummaa wayyaanee barbadeessee abbaa biyyummaa gonfatee..” kan jedhutti dabruu qaba.
Qabsoon kan wajiijamtuun meeshaa caalaa onnee xiiqiin guutamtee fi gootummaan keessaa shidamtu qabaachuun akka tahe ragaan barana caalu ni jira jedhee hin yaadu. Dhaloonni kun ammoo kana mirkaneessuuf yeroo sodaafi rincicummaan ummata keenya keessa saartetti kana cabsanii injifannoo boonsaafi cululuqaa kana galmeessuun isaanii ragaa guddaa nuuf mirkaneessuudha. Qaanqee billiqxe tana daran bobeeysuuf ammoo baankiifi taankiin murteessaa dha. Oromoon idil addunyaarra jiran marti baankii itti yaaduun kallattii taankiin itti argamtu qopheessuu qaban jedheen yaada. Baankiin jiraannaan taankii argachuun salphaadha. Amma kilaashinkov illee taatu ijoollee leencoota teenya tana harkatti guuruun taankii tanuma qabeenya oromiyaatiin bitamtee nu fixaa jirtu tana haala itti diina harkaa guuruun danda’amutti tarkaanfachuu akka qabnu beekuu nurra jiraata.
Walumaagalatti, haalli qabsoo hanga ammaa jiru wareeguu irra wareegamuun baayy’atuus, onneen kaleessa akka waan nu keessatti duuteetti shokomii dhabde arra xiiqiin waadamtee warraaqsa finiinsuun isiituu injifannoo qabsoo boonsaa taatullee, kanaan booda garuu gara qabsoo wareegaa wareegamuutti (kuffisaa kufuutti) cehuun dirqama filannoo hin qabne akka tahe hubachuun gaariidha. (Asumaanuu dhaadannoon teenya tan “Qabsaawaan ni kufa qabsoon itti fufa” jettu saniis “Qabsaawaan kuffisee kufa bilisummaan ni dhufa” kan jedhutti nuuf haa jijjiiramu) Qabsoon itti fufuuf kana booda wabii kan tahu hidhannoo tahuun wal nun mamsiisu. Dhaabnii qabsoo hidhannootiin biyya bilisoomsuuf warraaqsa finiinsaa jirra jedhuus carraa kanatti fayyadamuu irra jiraataan dhaamsa kooti.
 Qeerrooleen qabsoo finiinsaa jiran ammallee daran itti finiinsuu qaban. Qabsoon tooftaafi mala jijjiirrachaa deemuu akka qabduus hubachuun bareedaadha. Yeroo gabaabatti hanga hidhannoon argamtee injifannoo wareegamuu irraa gara wareeguutti ceenuu tooftaa qabsoo balaa xiqqeessuu dandeessutti fayyadamuun dirqama. Akkuma yeroo garagaraa ibsaa turreefi ammallee qabatamaan mul’achaa jirutti dargaggoonni akkuma walitti dhiheenya isaaniitiin iccitiin wal ijaaruu, walgahileefi leenjii wayyaanee fashaleessuu, bakka wayyaaneen dhimma biraatiif hawaasa dirqamaan walitti qabde gara fincilaa jijjiiruu, gibiraafi qaraxa kafaluu diduu, qabeenyoota wayyaanee barbadessuu fi kkf fayyadamuun humna mootummaa kanaa daran laaffisuun qabsoo wareegamuu xiqqeessuun injifannoo dabaltuudha. Kanumaan wal qabatee dhaabni qabsoo bilisummaa ijaarsa dandeettii isaa cimsachuu irratti cichaan hojjatee qeerroolee finiintuu biyya keessaa qabsotti jiran kana gara hidhannootti galchuu danda’u irratti hojjachuun gara qabsoo wareegamuufi wareeguus dabalattetti ceesisuu qabu irratti akka xiyyeeffatu dhaamsa oromummaati. Kana booda qabsoon wareegamuu qofa osoo hin taane wareeguus dabalachuu qabdi jechaan arraaf dhaamsa koo goolaba. Waan hanga dhumaa dubbiftaniif galatoomaa.
Injifannoon tan ummata oromooti!
Gadaan gadaa bilisummaati!
Qabsaawaan kuffisee kufaa bilisummaan ni dhufa!
Saphaloo Kadiir / Abdulbasit
Amajjii 2016

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *