Oduu Haaraya

“IBIDDA RAFE HUUBNI TO’ACHUU KAJEELA!!”

Saphaloo Kadiir irraa
Waa malee miti, ‘waatoo jala waatu jira’ yoo
jedhu oromoon koo. Eeyyee! Ilmaan saba kootii,
yeroon ammaa tan if dagannuufi tan cal’ifnuu
miti. Wayyaanen yeroo duraa caalaa amma
haareyatti if ijaaruun sagalee haqaa, warraaqsa
dhugaa kan ilmaan oromoo adeemsisaa jiran
kana bututtuu cubbuutiin haguugee bira dabruuf
yaalaa jira. “Hudduu abbaan dagate mixiin lama
seenti” jedha oromoon. Gaafa nuti marti lafarraa
duguugamne yoo tahe malee osuma nuti lubbuun
jirruu garuu sagalee qulqulluu haqa isii
falmachuuf warraaqxuufi dhawwaaqxu
ukkaamsuun akka hin danda’amne beekuu
dhabuun isaanii nama ajaa’ibsisuu qofa osoo hin
taane sa’aa marga malee qilee hin argine tahuu
waayyaanee qabatamaan nuuf mirkaneessa.
Warraaqsi ilmaan oromoo qaqqacaleen boruuf
abdataman kumni baayyeen irratti madaa’e,
lafeen goota kuma meeqaa itti caccaphxe, dhiigni
qeerroo kuma kurnoota lolaa ta’ee laga itti yaa’e,
gootoonni oromoo kumni shantamoota ol mana
hidhaatti darbamee kaaniis achi buutee itti ta’e,
fincilli lubbuun qulqulluun dhibba sadii ol badii
malee irratti wareegame salphumatti ni
dhaabbata jedhanii yaaduun bursusaa’uu dha.
Fincilli qabsoo hadhooytuu makatee ji’oota afurii
ol osoo walirraa hin citin adeemsifamaa ture
injifannoo dacha dachaan galmeessisee jira.
Warraaqsi hadhaawaan kun ammallee daran if
cimsee, if ijaaree bifa gurmaaween hanga
xumuraatti cichaan kan itti fufuu akka tahe
qeerroon oromoo liikkee isaanii takkittii harmee
isaaniitiif laatanii galma gahiinsa mirkaneessuuf
wa’ada galaa akka jiran warri quba hin qabne
quba qabaadhaa jechuun dhaadachaa jiran.
Waraabeessi dhalee beelawe, wayyaaneen immoo
tooftaafi shira garagaraa xaxxee, gufuu cubbuu
daandii irra labbaa galchitee warraaqsa kana
dhaamsuufi qaxara cabsuuf bursusa hiikkaa hin
qabneen xaxamtee, hawwii bu’ura hin qabneen
guutamtee farsoo abjuutiin machaa’aa jirti. Garuu
ani kaniin jedhu wayyaaneen tun hoggaa abbaan
biyyaa amma booda ija teessan arguu hin feenu,
gonkuma isin hin barbaannuu nurraa galaa
jedhuun maaliif nurratti cichaa jiran isinitti
fakkaata? ‘Waan namaa ulee malee hin quufan’
yoo jedhan dhageessan natti fakkaata.
Oromiyaatu jannata ardiiti kaa akkamitti garaan
isaan dhiisee deemaree? Jannata seenee
salphumatti eenyulleen waan bahu natti hin
fakkaatu. Eeyyee! Oromiyaa dhufanii beela
qoonqoo bahanii, abaar irraa ambareerratanii,
dheebuu bishaaniitiif aananiifi dhadhaa dhuganii
dharraas bahanii akkamitti salphumatti gad
dhiisaan? Yoo lubbuu isaanii itti guraarree,
washeen shaf shaf godhaa if keessaa ariinee
baafne malee wayyaaneen gonkuma oromiyaa
keessaa bahuun isaanii waan hin eegamnee dha.
‘Waraabeessi bakka guyyaa tokko itti quufetti
sagal itti agaba’ akkuma jedhamu san
wayyaaneeniis nyaata takkaa arguu mitii
dhagayanii hin beekne bakka itti arkanitti tolaan
sossoo’uun isaanii hin jiru. Kanaafuu nuti ilmaan
oromoo sabaafi biyya harmee isaaniitiif if
kenninee, wal qabannee akka kanaan dura itti
deemaa turre daran hanga oromiyaa keessaa
gufuu badduu wayyaanee buqqifnuu hidhaafi
ajjeechaa isaanii sodaannee abdii murree kan if
duuba deebinuu miti.
Wayyaaneen warraaqsa kana karatti hambisuuf
wanti isaan hin goone tokko hin jiru. Nutiis
isaanuma daran qabsoo teenya finiinsinee
kaayyoo keenya ganamaa galmaan ga’achuuf
wareegamni nuti hin kafalle akka hin jirre,
murannoofi kutannoo cululuuqxuu dhiqattee
quyyifatteen murteessuu keenya ifoomsinaaf.
Garuu wayyaaneen hojiin itti agarsiifnu malee
dubbii teenya hin dhageessu waan taheef
baayyeen keenya nu keessaa hidhamaniis nuti
qeerroon ija ibiddaa irree teenya tan duraanii
caalaa jabeeffachuun mootummaa reeqqisaa gar
malee raafnee turre bakkaa fonqolchinee itti
agarsiisuu qabna. Kaayyoon wayyaanee takkaafi
takka qofa. Oromoo lafarraa duguugdee ofiif
gaafii takka malee oromiyaa dhoorkaa malee if
harka galchuu dha. Oromiyaa keessaa bahuu irra
ilmaan oromoo murruq gootee ifiif biyya teenya
dhaaltee irratti hafuu waan filannoo jalqabaa
godhatte fakkaatti jaldeeyyiin beelooytuun.
Karoorri wayyaaneen yeroo dheeraa irraa
wixineeffatanii qaban oromoo fuula ardii
oromiyaa irraa xuruursuu waan ta’eef nuti
callifnuus dubbannuus, warraaqnuus carraaqnuus
tooftaa adda addaatiin suuta suuta nu gatuun
isaanii hafan qabu. Keessaafuu amma eega
takka tuttuqne booda riphisuun keenya karoora
duguuggaa sanyii jalqabuma irraa nuuf qaban san
saffisuufii malee nu eewaluuf gatii hanga firii
xaafii takka hin qabu. Warraaqsa finiinsaa turre
kana karatti murre taanaan, tasa
qabbaneessinaan sababa kana godhatee tokko
tokkoon funaanee kan garaa isaa raawwata.
Tooftaa isaa mala garagaraatti fakkeessee akka
waan nuuf quuqamuu fakkeessee, funyoo shiraa
nutti maree, hillima dhooysaa hidhee nu
qaqqabuun kaan lubbuu ajjeessee, kaan immoo
sammuu masheensee namummaarraa baasuun
injifannoo dachaa nurratti gonfachuuf akka
jaldeessaatti buukkumsaa nu keessa fiigaa jira.
Tooftaan amma inni fayyadamaa jiru kun jalqaba
irratti warraaqsa ilmaan oromoo hijaan bara
dheeraa dhalche kan lubbuun ilmaan oromoo dilli
irratti hobbaate, dhiigni qulqulluun oromoota
baayyee akka galaanaa dhangala’ee dirreerra
lola’e, lafeen kumni baayyeen itti caphxee, foon
meeqaantam irratti qaanxeeffame kana
dhaamsuuf yoo tahu, san booda tokko tokkoon ija
ija keessaa guuree jireenya ardii kanaa irraa
hanga xumuraatti duugda galchuu dha. Ajjeessee
reeffa isaanii tokkoo lamaan saree isaanii
sooruu, hambaa irraa hafe waraaboof dhihansuu
dha.
Tooftaan tokko maqaa haaroomsa jedhuun
ilmaan oromoo warraaqsa keenya irratti adda
duree turan guuree if harkatti galchee akka fedhii
isaa irratti raawwachuudha. Dhiheenya kanaas
hanga warraaqsi keenya qaqabbanaa’e kanatti
qeerroollee kuma baayyee mana manaa walitti
funaanee kallattiin mooraalee waraanaa
waggoota 20’mota dabran dhiiga ilmaan oromoo
kuma danuu cunfachaa turtetti guuraa jiraachuun
ragaa dha. Bara 1992 irraa jalqabee mooraalee
waraanaa kan akka Huursoo, Xawallaay,
Dhidheessaa, Ziwaay, Birshalaqoo fi kkf keessatti
ilmaan oromoo miseensa, waraana, dabballee,
maandhee ABO’ti sababa jedhuun kaan hidhaan
adabsaa, kaan immoo maqaa haaroomsa
(Tahaddisoo) jedhuun walitti qabe tarsiimoo isaa
qammantuu garaan bokooysaa ture. Wayyaaneen
mooraalee waraanaa tanneen keessatti
gootootan kuma hedduu akka hiddii fardi irra
ajjateetti macalaasaa, hayyoota oromoo
lakkoofsa hin qabne keessatti kolaasaa, kaaniis
uleen aagibeeysaa, baayyee isaanii immoo
hirriiba hanga dhumaa irraa hin dammaqne
raffisaa turuun yaadannoo gurraatti baroota
dhihooti. Baranaas akkasumatti guuree
mooraalee waraanaa tan araada dhiiga ilmaan
oromootiif hamammoottu tanatti walitti qabee
buqqee ishaashoo godhaa jira.
Tooftaan biraa wayyaaneen yeroo ammaa akka
furmaataatti fudhachaa jirtu warreen
miseensoota OPDO tahanii isaan waliin
obboleeyyan isaanii ajjeesuufi badii malee yakkuu
lagatan, kanneen tarkaanfii dharaa wayyaanee
waliin dhiiga isaanii irraatti fudhachuu qoorrifatan
mara itti gaafatama isaanii irraa harcaasee,
hojjatoota sabboontoota danuu hojii irraa ugguree
galiifi gatii malee harka duwwaa hambisuu dha.
Tarkaanfiin kun isaaf sirgiga hamaa tahee akka if
qabuu hin dandeenyetti kan mucucaachisu
tahullee inni immoo akka tarkaanfii haqaatti
hadooddii takka malee hojii isaanii irraa guuysaa
jira. Dhugaa dubbachuuf tooftaa kana akka
injifannootti fudhatee, tarkaanfii diinummaa
raawwachaa jiraatuullee garuu miidhaa caalaa
nuuf faaydaa guddaadha. Murtiin ilmaan oromoo
hojiirraa ari’uufi sadarkaa irraa gad buusuu kun
garii isaanii sammuu laamsheessee, warreen
maddi galii isaanii mindaa qofarratti hunda’e
tokko tokkoos jireenya hamaa keessatti kuffisee
maatii isaanii gaaga’ama keessa kan buusu
tahullee yoo sirritti gad fageessinee hubanne
immoo bu’aa isaatu irra caala jedheen yaada.
Sabboontootaafi quuqamtoota dhiiga
obboleeyyaniitiin harka dhiqatanii, biddeena
gogaa ilmaan oromoo irraa tolfameen shiilchoo
foon oromoo qaqqabatanii alanfachaa garaa
isaanii guutuu hin jaalanneef furmaata dhugaa
tahee xurii seenaa jalaa bilisa isaan baasa.
Warreen foon obboleeyyanii nyaachuuf afaan
mimmi’eeffatu, foon foon ofii nyaatee dhiiga
ofiitiin kokkee jiifachuu barbaadaniifi yeyyiilee
gogaa oromoo uffatanii ilmaan oromoo
dhidhimsuu kajeelan muraasa yeroof
gammachiisullee kan arra adilee nyaate boru
daalachaafiis akka taa’u sirritti hubachiisa. Yoo
dhugaa kan dubbannu tahe warreen dhiiga
oromummaa qulqulluu qabaniif balbala qabsoo
bal’aa saaquun warraaqsaaf hiriirsa. Akkaan
tahuus akka maleen tahuus ilmaan oromoo
onnee sabboonummaa qaban kan hojjatoonni
mootummaa tahanii hojjachaa jiran warra garaan
sossobamu irra harka meeqa baayyatu waan
tahaniif hojiirraa gaggeeffamuun isaanii
warraaqsa keenyaaf humna addaa dabala. Gama
biraatiin warreen garaan dagees booda karaan
isaaniis kanuma ykn kanarra hamaa akka tahe itti
mul’isuun foon obboleeyyan isaanii kan
nyaachuuf qophaa’aa jiran irraa akka if qusatan
qofa osoo hin taane kan kanaan dura nyaataa
turanillee akka diddiigan taasisa. ‘Namni qabrii
hiriyaa arke tan ifiitiis arke’ yoo kan beekan tahe
hanga jarri saree itti qalu osoo hin eegganne hojii
shiraa diinni xaxaa jiru ammumma harka keessaa
fudhatanii gara warraaqsa dhugaa oromoon haqa
isaatiif taasisaa jirutti makaman jedheen amana.
Alagaan hanga waan barbaadde mara harkatti
galfattu qofa aangoon, maallaqaafi faaydaa adda
addaatiin nama dallaalti malee san booda akka
tanakaa (gaaloonaa) zeeytiin gargaarsaa irraa
dhumetti gujufa irratti nama darbuun isii
beekkamaadha. Kana mirkaneeffachuuf immoo
namni seenaa bara dheeraa beeku Goobanaa
Dacee haa hubatu. Kan seenaa yeroo gabaabduu
beeku immoo Juneeydii Saaddoofi aangoota
OPDO amma taaytaa irraa harcaasaa jiran kana
irraa waa hubachuu ni dandeessan jedheen
yaada. Karaa isa baasu abbaatu beeka. Garuu
albadheessa tokko tokko yaadduun sammuu
keessaa godaantee qochumaa keessa waan
qubatteef waan ifitti gad darbu qofa yoo arkate ni
dagata waan taheef yaadachiisuun barbaachisaa
dha.
Tooftaan mootummaan wayyaanee ilmaan
oromoo miidhuun humna isaanii dadhabsiisee
harka kennisiisuuf yaaluufi warraaqsa isaanii
hundee irraa goggooysuuf itti fayyadamaa jiru
kan biraa bishaan dhugaatii irraa muruun, gatii
mi’oota ykn meeshaalee barbaachisoo tokko
tokko ol dabaluun, tajaajiloota gara
mootummaatiin argatan kan akka ibsaafi bilbila
akka sirnaan hin fayyadamne godhuun ykn gatii
tajaajila isaanii humnaa ol dabaluun akka
hawaasni yaaddoo isaanii gara qabsoo jireenya
irratti deebisan taasisuu dha. Isaan tooftaa kana
sammuu ummataa dhifuufi ilaalcha isaanii
dabsuuf (diverty) godhuun akka hawaasni
jireenya isaa bira dabree gara biraa tokkollee
tarkaanfachuu hin dandeenye godhuuf yaadaniti.
Tooftaan dulloomaan wayyaaneen warraaqsa
keenyaan dhaamsuuf fayyadamaa jirtu kun nuuf
immoo ibiddarratti bobaa’aa firfirsuu tahee
warraaqsa keenya sadarkaa addaatti akka
wajiijnu nu taasisa. Tooftaalee wayyaaneen
fayyadamtu mara yoo kan laallu taate
mootummaan Xoophiyaa gowwaa maraate tahuu
isaa nutti mul’isa. Gowwaa, isaa duraanuu
gowwaa gaafa maraateefaa akkami mee yaadaan
laalaa.
Tooftaaleen biraa kan warraaqsa falmii haqaatiif
ilmaan oromoo finiinsaa jiran kana dhaamsuuf
saroonni wayyaanee deddeemaniin keessaa kan
biraa ammaas ilmaan oromoo sababoota
garagaraatiin walitti buusuun akka isaan wal
afaan dacha’an taasisuudha. Kuniis kan
dhiheenya kana argaa turre mallattoolee bu’aa
shira kana kan mul’isan keessaa muraasa tahuun
isaa mamiin qabu. Gama biraatiin lubbuu ilmaan
oromoo akka beeyladaa balaa konkolaataan
ajjeefameetti gatii maallaqaan haa shalagamu
jechuun abbootii gadaafi namoota garii hawaasa
oromoo bal’aa waliin wal afaan kaayuun akka
nuti osoo wal riqnuu warraaqsa keenya dagannu
taasisuu dha. Tooftaan inni biraa immoo
naannoolee balaa hoongeetiin miidhaman
gargaarsa miidhaan nyaataa irraa hambisuun
akka isaan wallattaawan, gariiniis akka dhumu
godhuufi tooftaalee biraa kan ummata oromoo
kana lafarraa gabaabsuufi harka kennisiisee
adabachiisa jedhee yaadu mara fudhachuu dha.
Tooftaan shiraa wayyaaneen ummata oromoo
irratti fudhattu kun marti kan ittiin injifatamuu
qabsoo irratti cichuu qofaani. “Kan sodaataniis
du’a, kan hin oollees du’a!” Du’a gootummaa
du’uun jireenya gabrummaan jiraatan irra harka
meeqa bilisummaa dha. Ilmaan oromoo yeroo
ammaa du’a gootummaa sodaatanii du’a fafaa
du’uuf gonkuma hin filatan. Yeroo hanga
warraaqsi ligide kanatti ilmaan oromoo jimlaan
guuramanii mana hidhaafi mooraalee waraanaa
reefu maqaa dhawaa turre keessatti hadhaa
hamtuu akka dhandhamaaniif saaxilamanii jiran.
Yoo cal’ifnee kan teenyu tahe immoo ijoolleen
hidhamanii harka wayyaanee jiraniis tahee nuti
warri hin qabaminiis du’a salphinaa akka booyyee
du’uun keenya hafa hin qabu. Hanga qabsooynee,
warraaqsa jalqabne galma barbaannuun hin
gahinitti, hanga qabsoo teenyaan gumaan dhiiga
wareegamtootaa hin bahinitti jiraannuus du’aa,
reeffa gatiin qabne tahuu keenya dagachuun hin
qabnu. Obboleeyyan keenya kan harka diinaatti
miidhamaa jiran kan bilisa baasuus tahee kan
qaama hir’uu tahanii itillee irra ciisaa jiran mara
kan wal’aanu nu qofa. Wal’ansi isaaniif goonuufi
tooftaan walaba itti baasuu tokkichi warraaqsa
qabsoo keenyaa jidduu kana ligide haareyatti
oromiyaa guutuu keessatti qabsiisuu qofa.
Ibiddaa warraaqsaa qabsiifnee, kullooda
fincilaatiin dibnee karkarfannu malee qoorri
jidduun nu seenu kun nurraa hin bahu. Nuutu if
dagate roorroon alagaa nutti finiinaa jirti. “Ibidda
rafe huubni to’achuu kaajelaa” akkuma jedhan
nuti muugnaan jarattiin nurratti baatee jirti.
Kanaaf furmaanni tokkichi qabnu tokkummaan
akkuma duraanii sanitti warraaqsa keenya haa
finiinsinuun dhaamsa kooti. Xumure, horaa bulaa.
[ ‪#‎Saphaloo_Kadiir‬ | Abdulbasit ] Ebla 2016

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *