Oduu Haaraya

Ibsa Gamtaa Paartilee Mormitootaa Irraa Kenname

Adeemsa raawwii marii biyyaalessaa ilaalchisee garaagarummaa yaadaa mootummaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu gidduu jiru ilaalcha keessa galchuudhaan, yaadaa fi tarsiimoo sirna dimokiraasii dhugaa gadi dhaabuudhaaf ni ta’a jennee itti amanne dhiyeessuuf Gamtaa Paartilee Mormitootaa hundeessinee jirra.

Kanaaf, nuti paartileen siyaasaa maqaan keenyaa xumura barruu kanaa irratti tarreeffame, walitti dhufuudhaan Gamtaa Paartilee Mormitootaa kan hundeessine yoo ta’u, paartileen miseensa gamtichaa taane rakkoo siyaasaa yeroo ammaa Itoophiyaa mudate wal waraansaa yaaddessaatti ce’ee jiru marii karaa nagaatu fala ta’a jennee amanna. Rakkoofi muddama siyaasaa yeroo ammaa Itoophiyaa mudatee jiru furmaata waaraa diriirsuudhaaf mariin biyyaalessaa hundumaa hirmaachise barbaachisaa akka ta’e, paartii biyya bulchaa jiru dabalatee paartileen siyaasaa marti waliigalanii jiru. Mootummaan yaa’ii paartilee siyaasaa irratti qooda fudhachaa kan jiru yoo ta’u, yaa’iiwwan kanneen irrattis qajeelfamoonnii fi adeemsi marii fi waliigaltee biyyaalessaa mari’atamanii jiru. Haatahu malee paartileen siyaasaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu tarsiimoo marii fi waliigaltee biyyaalessaa bu’a qabeessa gaggeessuudhaaf mari’achaafi wal falmaa wayita jiran kanatti, paartiin biyya bulchaa jiru immoo yaada paartilee siyaasaa cinaatti dhiisuudhaan, wixinee seera adeemsa mariifi waliigaltee biyyaalessaa ilaalchaa fi dantaa garee tokkoo qofa giddugaleessa godhate tumee hojiirra oolchuudhaaf abbalaa jira.

Adeemsi marii fi waliigaltee biyyaalessaa jalqaba irraa eegalee haga dhumaatti qaamolee dhimmi ilaallatu mara kan hirmaachisu ta’uu kan qabu yoo ta’e iyyuu, paartiin biyya bulchaa jiru garuu jalqabuma irraa eegalee haalli itti kommishiniin mariifi waliigaltee biyyaalessaa hundeeffame amanamaa miti. Akkasumas komishiniin hundeeffame jedhamu kun qaamolee sochii siyaasa biyyattii irraa uugguramanii fi qaamolee mootummaa waliin wal waraanaa jiran akka quunnamuufi mariisisuuf qajeelfamni tumame tokkollee hin jiru.

Gamtaan Paartilee Mormitootaa gaaga’ama siyaasaa yeroo ammaa biyyattii mudateefi gara wal waraansa hamaatti ce’ee jiru, marii fi waliigaltee biyyaalessaa haqa qabeessaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu mara hirmaachise qofaan furmaata argata jennee amanna.

Waan kana ta’eef, Gamtaan Paartilee Siyaasaa adeemsa dogoggoraa fi shira marii fi waliigaltee biyyaalessaa gaggeessuudhaaf raawwatamaa jiru hubachuudhaan, shira kana dura dhaabbachuudhaan marii fi waliigaltee qaamolee hundumaa hirmaachisee fi bu’a qabeessa ta’e gaggeessuudhaaf yaada furmaataa sochii sirna dimokiraasii diriirsuuf taasifamu gabbisuufi kallattii dogoggoraa mootummaan qabatee jiru sirreessuuf fala ta’u dhiyeessuuf murteessinee jirra. Waan kana ta’eef, Gamtaan Paartileen Mormitootaa marii fi waliigaltee biyyaalessaa rakkoo siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee biyyattii mudatee jiruuf fala ta’u gaggeessuudhaaf, adeemsi marii fi waliigaltee biyyaalessaa dhimmoota armaan gadii dabalatee, ulaagaalee sadarkaa idil-addunyaatti yoo xiqqaate guutamuu qaban guutuu qaba jedhee amana: Naannoo Tigiraayi, Affaar, Amaaraa, Kaaba Itoophiyaa, Oromiyaa fi Beneeshanguliifi Somaalee dabalatee kutaalee Itoophiyaa mara keessatti waliigalteen dhukaasaa dhabuu sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama qabu raawwatamee lolaa fi wal waraansi gaggeeffamaa jiru haala amansiisaa ta’een dhaabbachuu qaba.

Mootummaa fi qooda fuudhattoonni ijoo ta’an waliin ta’uudhaan adeemsi raawwii mariifi waliigaltee biyyaalessaa haqa qabeessaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu mara kan hirmaachise ta’uufi kanaanis paartileen mariifi waliigaltee kana kan raawwatan adeemsicha kan deggeraniifi murtii marii biyyaalessaan booda kennamus fudhatanii hojiirra oolchuudhaaf qophii ta’uu isaanii mirkaneessuu qabu.

Adeemsi marii biyyaalessaa walaba akka ta’uuf, iftoomina akka qabaatuufi qaamolee hundumaa kan hirmaachise ta’uu isaa mirkaneessuudhaaf, paartileen siyaasaa marti miseensota Komiishinii Marii Biyyaalessaa keessaa bakka bu’ummaa ga’aa qabaachuu fi adeemsa filannoo miseensotaa fi ulaagaalee filannoo keessatti qooda fudhachuu qabu. Dabalataanis tumaaleen wixinee seerichaa kanneen ta’e jedhamanii namoota dantaa dhuunfaa isaanii milkessan filachuudhaaf tumaman, fakkeenyaaf namoota maddi isaanii Itoophiyaa ta’eef paaspoortii Itoophiyaa qabaachuun akka ulaagaatti ka’amee kan jiru ta’us, tumaaleen akkanaa haqamuu qabu.

Dhimma ajandaa qopheessuutiin wal qabatee, adeemsi iftoomina qabu kan qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu marti loogii tokko malee akka irratti mari’ataniifi mirkaneessaniif carraa kennuuf diriiruu qaba.

Yeroo addunyaa guutuun akka ollaatti walitti hidhamee jiru kanatti, Itoophiyaan odola bishaan qofaan marfamtee argamtuufi qofaa baatee jiraachuu dandeessu waan hin taaneef, murtiiwwan nuti murteessinu biyyoota biroo birattis fudhatama kan qaban ta’uu qabu. Kanaaf, marii fi waliigaltee biyyaalessaa kana haqa qabeessa gochuudhaaf qaamoleen idil-addunyaa walabaa fi amanamoo ta’an akkaataa barbaachisummaa keessatti qooda fudhachuu qabu jennee amanna. Adeemsi marii fi murtiin kennamu kamiyyuu iftoomina kan qabuu fi qaamolee dhimmi ilaallatu mara kan hirmaachise ta’uu qaba. Nageenya hirmaattoota ijoo ta’anii sadarkaa amansiisaa ta’een tiksuu, hordoffii qaamolee idil-addunyaa jabeessuu, hidhamoota siyaasaa mara hiikuu fi namoota hubamaniif deggersa nyaataa fi qorichaa dhiyeessuu dabalatee tarkaanfiwwan nama amansiisan fudhatamuu qabu jennee amanna.

Bu’uuruma fedhiifi dantaa uummata keenyaatiin, gaggeesitoonni paartilee mormitootaa marii biyyaalessaa kanarratti qooda fudhatan akka hin dorsifamneef, akka hin miidhamneef yookaan ajjeechaan akka irratti hin raawwatamneef, hirmaattota marii biyyaalessaa ijoo ta’aniif tiki nageenyaa amansiisaan diriiruu qaba.

PAARTILEE MISEENSA TA’AN

1. Paartii Haqaa fi Dimokiraasii Uummata Affaar

2. Paartii Uummata Affaar

3. AREENAA TIGRAAYI

4. DHAABATA DIMOKIRAATAWAA UUMMATA DOONGAA

5.HIBIR ITOOPHIYAA

6. MEDREK

7. Adda Bilisummaa Ogaadan

8. Kongireesii Federaalistii Oromoo (KFO)

9.Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

10. Warraaqsa Biyyaalessaa Uummata Walaayittaa

Finfinnee, Itoophiyaa

05/06/2022

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …