Oduu Haaraya

Ibsa   Guyyaa  Ayyaana  WBO  Ilaalchisee  JTBO-ABO Yemen irraa  kenname

Jaarmayaan  Baqattoota  Oromoo  ABO  Yemen   Ammajjii  9-2015  Magaalaa  Sana’aattii  Hawaasa   Oromoo   Maraaf  Waamicha  Gochuudhaan   Hirmaachisee  Gaafa   Ammajjii 9-2015  Sirna Hoo’aan   Kabajee  Ooleera   Ayyaana  Kana irratti   Namoonni   dhibbaatamaan lakkaa’aman  argamaniiru kaana jechuun   Maanguddoota ,Haawwota, Dargaggootaafi shamarran  heduminnaan   Ayyaanicha   irratti argamaniiru  Jarmayaan  Tokkummaa  Baqattoota  Oromoo  ABO-Yemen   Yeroo   Haalli   Biyyattii  Jeequmsa   hamaa Mudate  Kana kessaatti  QBO  Jabeessuufi  Tokkummaa  Hawaasa  Oromoo  Cimsuuf    Kutannoofi  Murannoodhaan   Ayyaana   Ayyaana WBO  Kabajanneera   Ayyaanni kun  Aadaa   Oromoo   Eebba  Manguddootiin   Baname     Ayyaana   bara  Kanaa Isa baroota  Darbee irraa  Kan  Adda isa  Godhu   Yeroo  jalqabaatiif  Artistoonni   Oromoo Ayyaanicha   Irratti  argamuudhaan   Sirboota  Waraaqsaa  Ummataaf dhiheessuun

Hawaasa  Bashannan siiisaa  Oolaniiru  Ayyaana Kana irratti    D\  Jaarmayaafi  Hirmaattonni   Ayyaanichaa   Sababa   Guyyaan  Kun   Ayyaanefatamuuf  Ibsuun   Akkasumas   Mooraa  QBO  Itichuuf   Tokkummaa  QO  Jabeessuuf   Ibsa  Bal’aa   Godhaniiru  Ayyaanni  Kun   Milkiin   Xumuramuun   Ibsa   Ejjannoo   Armaan   Gadii   Qabxii  Jaha {6}  Of keessqabu  baafateera

1.  Nuti  JTBO-ABO-Yemen   Hanga  QBO  Galma  Geetutti   Cinaa dhaabbachuuf   Waada  Keenya   Haaromfannee  jirra!!!

2.  Wareegama  Qabsoon  Gaafattu   Hunda  irraa  Qooda   Fudhachuuf  qophii tahuu  Keenya  Ibsin!!!

3.Yeroo  Kamuu  Caalaa Tokkummaan  QBO  Milkeessuun  Murteessaa  Tahuu  Ibsina!!!

4.Gochaa Ummata   Oromoo   irratti  Raawwatu  Kamuu   Ni  Balaaleffanna!!

5.Ummanni  Oromoo  Tokkummaadhaan  Diina  Keenya   Kan  Mirga  Keenyaafi  Qabeenya   Keenya   Saamuun    Nagayaafi   Tasgabbii   Nu dhoorke   Waloon   Ufirraa  Fon qolchuun   Murteessaa  tahuu  Ibsina !!!

6.Nuti   JTBO-ABO-Yemen Kabajaafii Jaalala  Ummata  Oromootiif  Qabnun   Guddaa  tahuu  ibsina !!!

IUOF!!!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Murtiilee Konferensi Gurmuu Hayyoota Oromoo (GHO) 15.08.2020

Nuti, kanneen yaa’ii guyyaa hardhaa 15.08.2020 mataduree “Beekumsa hidhachuudhaan Oromoo fi Oromiyaa roorroo diinaa irraa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *