Jaarmayaan Baqattoota Oromoo ABO Yemen Ammajjii 9-2015 Magaalaa Sana’aattii Hawaasa Oromoo Maraaf Waamicha Gochuudhaan Hirmaachisee Gaafa Ammajjii 9-2015 Sirna Hoo’aan Kabajee Ooleera Ayyaana Kana irratti Namoonni dhibbaatamaan lakkaa’aman argamaniiru kaana jechuun Maanguddoota ,Haawwota, Dargaggootaafi shamarran heduminnaan Ayyaanicha irratti argamaniiru Jarmayaan Tokkummaa Baqattoota Oromoo ABO-Yemen Yeroo Haalli Biyyattii Jeequmsa hamaa Mudate Kana kessaatti QBO Jabeessuufi Tokkummaa Hawaasa Oromoo Cimsuuf Kutannoofi Murannoodhaan Ayyaana Ayyaana WBO Kabajanneera Ayyaanni kun Aadaa Oromoo Eebba Manguddootiin Baname Ayyaana bara Kanaa Isa baroota Darbee irraa Kan Adda isa Godhu Yeroo jalqabaatiif Artistoonni Oromoo Ayyaanicha Irratti argamuudhaan Sirboota Waraaqsaa Ummataaf dhiheessuun
Hawaasa Bashannan siiisaa Oolaniiru Ayyaana Kana irratti D\ Jaarmayaafi Hirmaattonni Ayyaanichaa Sababa Guyyaan Kun Ayyaanefatamuuf Ibsuun Akkasumas Mooraa QBO Itichuuf Tokkummaa QO Jabeessuuf Ibsa Bal’aa Godhaniiru Ayyaanni Kun Milkiin Xumuramuun Ibsa Ejjannoo Armaan Gadii Qabxii Jaha {6} Of keessqabu baafateera
1. Nuti JTBO-ABO-Yemen Hanga QBO Galma Geetutti Cinaa dhaabbachuuf Waada Keenya Haaromfannee jirra!!!
2. Wareegama Qabsoon Gaafattu Hunda irraa Qooda Fudhachuuf qophii tahuu Keenya Ibsin!!!
3.Yeroo Kamuu Caalaa Tokkummaan QBO Milkeessuun Murteessaa Tahuu Ibsina!!!
4.Gochaa Ummata Oromoo irratti Raawwatu Kamuu Ni Balaaleffanna!!
5.Ummanni Oromoo Tokkummaadhaan Diina Keenya Kan Mirga Keenyaafi Qabeenya Keenya Saamuun Nagayaafi Tasgabbii Nu dhoorke Waloon Ufirraa Fon qolchuun Murteessaa tahuu Ibsina !!!
6.Nuti JTBO-ABO-Yemen Kabajaafii Jaalala Ummata Oromootiif Qabnun Guddaa tahuu ibsina !!!
IUOF!!!