Oduu Haaraya

Ibsa Ijjaannoo Dhabbani Tokkuummaa Muslimoota Itophiyaa Sa’udii …

Ibsa Ijjaannoo Dhabbani Tokkuummaa Muslimoota Itophiyaa Sa’ud Arabiyaa Magaala Riyaadiit argamu irra Murtee Motummaan Wayyaanee Korewaan Furmaata Barbaduu Hawaasa Musliimaa fi Obolewan keenya irrat Dabarse Ilalchisee Bahe.

Guyyaa Motummaan Barsiisa Ahbaash dirqamaan Musliimmoota Biyyiiti irrat fe’uf ka’e fi Tarkanfii Seerraaan ala Gidu galeessa Awaliyaat fudhatu jal qabe irra kase Nuuti Musliimmoon Lammiiwwaan Itophiyaa kan Sa’uud Arabiyaat jiranu Tokkuummaadhan irra dedebi’uun motummaa ADWUIf

*Dhiibbaa Motummaawaa Lammiiwwaan Musliimmaa Biyyiiti irrat tasiisa jiru akka dhabu.

* Jiduu Lixxuummaa Aamantii kan ifat muldhaata jiru akka dhabu.

*Dhiibbaa Dhabilee Aamantaa kan Uummaani Dhabilee issaa hin Bulchineef tasiisa jiru Motummaan akka dhabu.

*Goochi Lammiiwwaan Musliimaa Mirga Biyyaaleesa irra fagesuuf iciitiidhan tasiifama jiru akka dhabatu.

*Duuli Barsiisa Ahbaash kan Motummaadhan Biyya ala irra fidame dirqammaan Dhabilee Aamantaa kenyaa irrat akka Babaldhatuf tasiifama jiru akka dhabaatu

* Gufuwwaan Uummani musliimmaa akka Majliisa issaa kan Barbade akka hin filaane tasiisan akka kafaman.

*Aangawooni Motummaa qabxilee arman oliit tuqaman kaniin rawaatun Mirga Uummaata Sarbaa turan kan Hanga ammati Tokkuummaa Hordoftoota Aamantii Musliimmaaf Jibbaansa qaban Kan Aangoo Issaanii Cunqursaa fi Uummaata addaan Bassuuf itti fayyaadaman Murtiif akka dhihataan.

*Eergamtooni nuti Gaffiiwwaan Mirga Keenya Sadan akka nuf Gafataniif eergane Kan Yeroo adda addaati Wajjiiralee Motummaat argamun Aangawootra Motummaa Wajjiin Mari’ataa turan Kan Motummaanis Nammoota qulquluu ta’u issaani Mirkanessaa ture Kan Gaffiin Issaan Dhihessaani Gaffii Mirgaa ta’u Midiyaaleen Motummaa kan adda addaa Mirkanessaa turun Turtiin Xinnoon Boddaat Basaastoota Motummaatiin Sodaachiifama eggaa turan Boodda Ukamfamaani Kan Goochi Sukkaaneessan irrat rawaatama turan, Qammooni Gochoota Suukkaaneessaa kana Issaan irrat Rawaatanii fi Aangawooni Goocha Suukkaaneessaa kanan duba ta’un Aajajan Seerraan akka gaffatamanii fi Gaffiin Mirgaa Keenya akka nuf Debi’uuf irra Dedeebine Gaffaata ture jira.

*Kun hundi eeggaa nu irrat rawaatameedha Bakka Buu’ooni kenya kan hiidhaman,Kan Torchi godhaman,Kan Roriifaman, Kan Kewwaata Shoroorkumaatiin Himmaataman, Kan Dharaati akka Raggaan itti Rageefamuf Miniisteeri Haqaa Bajaata Basuun Aadeemsi Murtii Lammiiwwaan rifachisee fi Seennaan Dukkaana’an Maneen Murtii Mana Haqni irra argamu ta’u Dhisaani kan Meeshaa Motummaa Wayyaannee ta’u kan Uummaame.

Bakka Buu’ooni Keenya Kan qabaman yeroo Gaffilee Sasalphaa 3 qabatanii Wajjiiralee Motummaa irra Maruun karaa Naggaayaatiin debisiisuuf yeroo itti ifajaa turaniit ta’us. Yaaki Issaan itti Himatamanii fi Roroo Issaan Rorifamaan yeroo Yaaka Hojjaataniif Raggaa Itiisaa dhihefadhaa Jedhamaniit Kan Biyyiiti Kessaa Haqni Xinnuumayuu hin muldhaane Biyyiiti kessaati Sirni Abba Iruummaa kan Babaldhaate akka Ijarsa Aangoo Motummaati Kan Sadarkaa Ol’annaa irrat argamu Miniisteeri Haqaa fi Ministeeri Maneen Murtii Fedraala kan Aangawoota Abba Iree Murasaan Ofaman ta’u Dhugaa jiru ifa fi Ifati Mana Murtii Issaanii kan Nuu Irrat Mirkanefataniit Bakka Buu’ooni Keenya Nut Wareegamun Dhugaa jiru Uummaani Guttuu Biyyiitii fi Kan Adunyaas Haa Dhaga’u Jechuun qulqulummaa issaaniif Ragoota Dokumentii fi kan Nammas Dirreeti Bassuun Seennaaf Wareegamaniiru.

Nut Issaaniin Qabeenya Biyyiitiit Sababni Jeyinuuf Abba Iruummaa Hardha Ifat Muldhaate kana issan Dursaani bekkuun << Mana Murtii Kana Kan dhihanuuf Haqa argatuf ossoo hin ta’iin Seennaa Galmesiisuudhaf>> jechuun Abba Irruummaa Motummaa nuf Ibsuu issaaniitin Kanaf kan Nut Issaan Qabeenya Biyyiiti kan jeyinuuf!

Nutis Dhugaa Kana Irrat Hunda’uun-

Bakka Buu’ooni Keenya Kan Motummaan Yaaka issaani malee Keyyaata Shoroorkumaatiin Himmaatun Adabii Guddaa Hiidhaa umrii gutuu irra hanga Hiidhaa Waggaa 7 itti dabarse Qulquluudha, Qulquluummaa issaanii Motummaan Itophiyaa fi Aangawooni issaa kan Murtii kana dabarsaanis Bareechani bekku. Gochooni Yeroo Adeemsa Murtiit turanis dhugaa kana ni mirkaneesu. Kanafuu Murtiin Siyyaassaa Bakka Buu’oota keenya irrat darbe akka irra kafamuu fi Akka Biliissaat lakkiifaman akkasumas Hiraarama isaan irrat dhaqabeef mootumaan gumaa akka kafaaluf ni gaffana.

Biyyiitin Biyya Eergammaan Rabbii (SAW) Bara 1400 durat Biyya Haqaa ta’uu ishii mirkanessaaniif wan tatef Motummaan Gochoota Seerraana ala Ufatuun Motii Abbaa Irree Ol’antummaa Siyyaassaa mul’aata Issaa tasiifate Jequumsa Biyyiiti kessaat kasuu irraa debi’uun Biyya Ol’antummaan Seerraa itti Mirkana’e Haqan Bultu akka tatu Wamiicha Uummaatawaa ni dhihesiina.

Nutis Gaffii Mirga Aamantii Biyyaaleesaa Kan Bakka Buu’ooni Keenya ittin Hiidhaman kana irrat Hunda’uun Qabsoo Naggaayyaa kana hanga dhumaati itti fufna!

Bakka Buu’ooni Keenya Qabsa’oota Malee Qabsiicha miti, Hiidhamuun issaani Qabsoo keenya daraana ciimsa. Kanafuu Nutis Cimne hanga dhummaati itti fufna!

Yaa Rabi ati Goftaa Adabaa Cunqursiitoota tate fi Kafalaa Cunqurfamootaat. Oboleewwaan Keenya Yaaka issaan hin bekneen cunqurfamaaniru,Roriifamaniiru Yaa Rabi atumti Cunqursiitoota Obolewaan keenyaaf Gummaa issani kafaliif! Ammiin!

Allahu Akbar!

Shawaal 22/1436/ August 7/2015
Dhabbaata Tokkuummaa Musliimoota Itiyophiiyaa

Saud Arabia Riyadh irra.

Kan hiike Afaan oromoot deebise RDH

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …