Oduu Haaraya

Ibsa Ijjanno Dhaaba Kallacha Walabummaa Oromiyaa

 OROMIA INDEPENDENNCE FRONT

 

KALLACHA WOLABUMMAA OROMIAA          OROMIA INDEPENDENCE FRONT

LAAK: kwo-066-2015                                                                                         REF.NO : oif-066-2015

GUYAAA : Biraa 7, 2015                                                    DATE : September 7,2015                                                               

 

Odeefannoon maqaa ESAT TV, www.zehabesha.com fi Eritrean Press wabiii godhachuudhaan dhaabotiin siyaasaa TPDM, Arbanoych/G7 fi ABOn B/G/Kamal Galchun hogganamu walitiit dabalaman jedhuun sabaahimaallee adda addaa irratti facaafame odeefannnoo dharaa kan dhaaba keenna Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO/OIF) hin ilaallanne ta’uu isaa ummata keenyaaf ifa goona.

Akkuma Ummanni keennaa fi Ummattonni biyyatti hundi beekan ABOn B/G/Kamal Galchun hogganamu Jila Miseensotaa (members’ conference) godhachuun Hagayya 2, 2015 irraa kaasee maqaa isaa gara Kallacha Walabummaa Oromiyatti, kaayoo isaatis gara saba Oromo bilisoomsuu fi Oromiyaa walaboomsutti jijjiiratee jira.

Kanaaf, labsi maqaa Hayyuu Kallacha Walbummaa Oromiyaa, B/G/Kamal Galchu tuquudhaan bahe kan dhugaa irraa fagaatee fi kan dhaaba keenna hin ilaallanne ta’uu isaa Uammata keennaa fi miseensota keennaaf mirkaneesina.

 

Waajira Kallacha Walabummaa Oromiyaa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …