Oduu Haaraya

Ibsa Ijjannoo koree Godina Canada fi USA /North Ameerika/ABO jijjirama irra

 

Jaarmiyaan keenya ABOn Jijjirama Hagayaa 2,2015 ibsaa baseen Maqaa dhaabaa

keenya , Saganta Siyasaa , Alaabaa Dhaabaa , asxaa dhaabaa, maqaa worranaa fi kkf

osoo miseensoni bakka hunda mormma jiraan ABO irra kara KWO jedhuutti geedaruun

labsaa basu isaa dhageenye itti gadine jira.

Akkuma beekamu ABOn jaarmiyaa seena qabseesa dhiga fi lafee gotowwaan

kumataamtiin dhabate yoo tahu maqaan dhaabaa kanaa akka amma sabbaa gayaa tokko

malee namoon seena dhaba kana sirritti hin hubanne oluma kani jijjiree jedhan labsaan

kanatti maqaa jijjiramu tahu mitti.

Yeroo amman tana ilman oromoo biyyaa keesa kumatamaan maqaa dhaaba kanatiin

himatamuun murttiin du’aa itti murtayee yakka tokko malee manoota hidha woyyaannee

keesa guutani jiru.

Nutti akka koree Godiina Candaa fi USAti mormii miseensota keesa jiru osoo itti himinu

nama nudhagayyuu waan dhabineef jecha konyaleen arman gaadi maqaan teerfamee

ibsaa ABOn jijjirama G/Kamal Galchu amma base kana moriminne jirra,

1} Konya Toronto, Canada

2} Konya Edmonton, Canada

3}konya Calgary, Canada

4} Konya Minesota, USA

5} konya Seattle, USA

6} Konya Iowa, USA

7} Konya DC, USA

Ibsaa tokkummaa oromoo diguuf godhamee kana ni mormina.

ABO jaarmiyaa dhigaa gootoota ilmaan oromoo kumatamaan dhabatte yoomu digamu !

Injjifanoon ummata Oromoof !

Koree Godiina Kanadaa fi USA ABO jijjirama.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ollaa: Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association

IMPORTANT UPDATE: OLLAA is always seeking for opportunities to engage with Oromo communities around the …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *