Oduu Haaraya

Koreen hojii raawwachiiftuu ABO teessuma taasifateen jabinaa fi hanqinoota dhaaba keenya mudatan eega qoratee booda jabina akka dhaabaatti qabnu jabeeffa..

Koreen hojii raawwachiiftuu ABO teessuma taasifateen jabinaa fi hanqinoota dhaaba keenya mudatan eega qoratee booda jabina akka dhaabaatti qabnu jabeeffachaa hanqinoota numudatan irra aanuuf fala akeekee jira. Qorannaa baldhaa eega goonee booda fala armaan gadii irratti waliif gallee jirra.
1,Hooggana sa’aa 24 hojii dhaaba hojjatu haala danqama keessaa itti furamurratti hojjachu
A, Koree namootaa dhageettii qabaniin tolfamtee fi dhimma kanarratti hojjatu tolchuu,Koreen kun haala warra hooggana danqe itti laaffatuu fi waliin hojjachuun itti dandahamu Yoo kun dadhabame akkaataa hoogganni biyya kanarraa itti bayurratti mijeessu.
B,Dhimmicha akka dhabaa fi dhimma qabsaawota sirna wayyaaneen falmanitti sochoosuu
C,Qaamota biro kan akka mirga dhala namaa yoo haalichi A fi Bn hin furamne hirmaachuun nu gargaaran filchuu.
D,Hojii alaa hoogganni alaa akka gamtaan taligu qindeesuu fi ijaaruu.
E,Hojii biyya olla fi biyya keessaa akkasuma hooggana olla fi biyya keessaan akka taligamu gochu.
2,Akeekaa fi Galii dhaabaa irratti hubannoota uumaa deemuu
A,Marii siyaasaa hubannoota akeekaa fi galii dhaabaa akka daran hubatamu tindhisu miseensaaf kannuu
B,Waltajjii marii bakkoota adda addaatti qopheessuun hawaasni Oromoo fi bakka argametti akkasumas midiyaalee irratti dhabilee siyaasa Oromoo akka yaada isaanii ibsachuun ummatni hubannoota irraa argatu waltajjii jarmiyoota hawaasaan gargaaramanii akkasumas ifii waamicha gochuun qopheessuu

Koreen hojii raawwachiiftuu ABO teessuma taasifateen jabinaa fi hanqinoota dhaaba keenya mudatan eega qoratee booda jabina akka dhaabaatti qabnu jabeeffachaa hanqinoota numudatan irra aanuuf fala akeekee jira. Qorannaa baldhaa eega goonee booda fala armaan gadii irratti waliif gallee jirra.
3.Ammas Hooggansa gafatama gamtaa fi matayyaa dhugoomsaa deemu itti fuufinsaan jabeffachu.
Dhaaba siyaasaa keessatti bu’aqabeessa kan qabaatu namuu itti gaafatama isaa bakka jirutti amanamummaa fi galii dhaabaaf jecha yoo bahee dha. Miseensi dhaabaa hundi bakka gara garaa fi ramaddii gara garaa irra jiraatus dhimma dhaaba isaatti itti gaafatama waloo qaba. sadarkaan itti gaafatamummaa bahan akkuma amala hojii fi ramaddiitti garaa garummaa qabaachuu ni mala. Haa ta’uu garuu dirqamni akka nama dhuunfaatti baanu, cuunfamee galii dhaaba keenyaaf gabbina guddaa ta’a. Hunduu yoo waloon hojatee fi gafatama matayyaa bahe murtee dhaaba isaa keessatti qooda gahaa qabaate injifannoon argama.
Hooggansa waloo fi gafatama matayyaa dhugoomsuun kan dhaaba keenyaaf filatamaa ta’uuf inni biraa, ammumaa kaafnee adeemsa dimokraasii dhaaba keenya keessatti gadi dhaabuuf eddu nama gargaara. Akka bu’uuraa ta’ee hegeree qabsoo keenyaaf gargaara. Sirni dimokraasii dhaaba keenya keessa hin jiru taanaan, dhimma waloo irra dhimmi nama dhuunfaa ykn hoggansa waloo waamaa nama murtii waloo gafatama dhunfaa bayachuun dhugoomsu lamshesinee osoo hin milkoofne hafna.Walfallessuun yaadota lamanii farri dimokraasummaa dhaaba keenya keessatti akka dagaagu haala mijeessa. Kanaaf hooggansa waloo fi gafatama matayyaa bilchinaan masakamuun hegeree dhaaba keenyaa fi qabsoo sabaaf murteessaa dha. Akka filannootti kan ilaalamu otoo hin taane, dirqamaan hojiitti hiikuu kan qabnuu dha.
Dhaabni keenya sirna dimokraasiin masakamuu danda’uun isaa fayidaa guddaa irraa arganna. Dadhabbina akka hoogganaattis ta’ee akka matayyaatti miseensaatti dhaaba keenya mudatu, yeroodhaan fala itti kennuuf daandii namaa saaqa. Tarii asi irratti waanti dagatamuu hin qabne, dhaaba keessatti sadarkaan hooggansaa garaagarummaa fi dursaa- duuba hin qabu jechuu miti. Kun itti gaafatamummaa heeraa fi seera dhaaba keenyaa irra jiruu dha. Garuu

4.Adaa guddina qabsoo sabaaf dursa kennuu jabeeffachaa deemuu filanna.
Dhaaba riphee lolaa ykn dhaaba siyaasaa keessatti hoogganni itti gaafatamummaa itti kenname, akka aangootti ni fudhata taanaan daandii kufaatii qabatee jira jechuu dha. kanaaf dhaaba siyaasaa keessatti kan miseensa ta’ee jiru fedhaa fi kaayyoo dhaabaa maxxanfachuu dhan. Kanaaf akka dhaabaatti gochuu kan qabnu itti gaafatamummaa heeraa fi seera dhaaba keenyaa irratti utubamnee bahuu qabna. Hundi keenya itti gaafatamummaa qabna malee aangoo akka hin qabne ofitti himuun hunda dursuu qaba.Itti gafatama galfata miseensaa baannee hojjachuu fi hojjachiisuu hanqacuun ammo bifa biraa hojiittin itti midhamuu dha. Halotni ameen Kun wal simuu hanqannaan dhaaba siyaasaa yeroo hunda tasgabbii dhoorka.
kanaaf galfata akka angootti hubachuu fi gafatama matayyaan hojii milkeessuu hanqachuun guddina qabsoof gaga’aadha.Adeemsi kun aada dhaaba keenyaaf halaan barbaachisa dha qabsoon akka ulee tan wal irraa fuudhaa deeman tahuu barsiifti. Aaddaa akkanaan masakamuun dirree qabsaawotni dandeettii fi amanamummaa kayyoo qaban itti oomishaman uuma.dhaabni keenya hooggana itti fufiinsa qabu horachuu fi dhaloota haaraawaan akka itti gaafatama fudhatu tolchuuf kallattiin kun dhaaba keenyaaf murteessaa dha.
5.Jaallan qabsoo sabaa keessatti gumaacha muldhataa bahaa turan eessa iyyuu haa jiraatnii, kabajaa fi ulfina kennuufii qabna.
Qabsoo Oromoo sadarkaa amma jiru irraan gahuuf ilmaan Oromoo dhaloota nuduraa ta’an amma dandeettii isaanii gummaacha muldhataa godhanii jiru. Adeemsa qabsoo keessatti hanqinoota heddu haa qabaatan malee ummata Oromoo biratti kabajaa fi ulfina qabu. Dhaloota kaleessa qabsoo kana bu’uuressuun ykn itti hirmaachuun arsaa lubbuu itti kaffalan ol kaafnee dhaadhessuu qabna. Kan lubbuun jiranis kabajaa fi ulfina isaaniif malu kennuufiin dirqama keenya. Kan lubbuun jiran tarii akka amma ofii yaannu kanatti kaleessa maaliif yaaduu didan jennee atakaaroo bu’aa hin qabne keessa wal galchuu hin qabnu. Dhugaadha amma yeroo teenyee ilaallu qabsoo sabaa kana keessatti hanqinootii fi dogongorri hedduun raawatamanii jiru. Waanta kaleessa ture waltajjii amma irra jirru irra dhaabbannee yeroo madaallu anqinoota jiran argine malee, waltajjii isaan yeroo sana keessa turan keessa dhaabbannee miti. Ammas qeeqamuu dhimmoota qaban irratti qeequun sirriidhuma. Garuu diineffachuu fi safuu Oromootiin ala kabajaa wal dhoowwuun sirrii miti. kana jechuun kaayyoo fi muldhata keenya irra dhaabbannee, kabajaa waliif qabnu ibsuun nuttis kabajaa hora. Akka hoogganaattis bilchinaa fi beekumsa qabsoof qabnu muldhisa. Kana gochuu keenyaan waanti nutti hafu hin jiru. Kana gochuu keenyaan gufuulee qabsoon qaban eddu karaa irraa maksina. Kanaaf kabajaa fi ulfina jaallan qabsoof qabnu olkaasuun adeemsa siyaasaa keenya eddu gargaara.
6.Beekaa fi walaalaa Oromoo dhaggeefachuu fi kabaja isaaniif malu kennuufii qabna.
Qabsoo sabaa keessatti beektotiin karaa mishoomaas ta’ee fafa qabuun dhiibbaan isaan qaban salphaa miti. Guddatus diqqaatus dammaqiinsi isaan qabsoo sabaaf qaban hawaasa Oromoo irra fooyyee kan qabuu dha. Beektotiin Oromoo qabsoo Oromoo keessattis gumaacha guddaa kennaa turan ammas kennaa jiru. Qaama hawaasaa kana, sirnaan qabuu ykn keessummeessuu dadhabuun keenya dhiibbaan isaan nurratti fidan salphaa miti. Akka dhaaba siyaasaatti yeroo beektota keenya ilaallu tarii hubannoo walqixa qabaachuu dhiisuu malu. Beektota Oromoo keessaa, haala qabsoon Oromoo irra jiruu fi hegeree qabsoo keenyaa daandii sirrii qabsiisuuf qaamotiin hubannoo gahaa qaban jiru. Akkasuma ammoo qaamotiin hegeree qabsoo sabaa hubannoo mataa isaanii irraa ka’anii roga biraan ilaalan ni jiru. Kun amaluma beektotaa (inteletual behaviors) dha. Siyaasa keessatti malaa fi amala beektootiin sabaa qaban hubachuun akka qabsoof ta’utti dhimma itti bahuun bilchina hoogganaa gaafata.
Waanta hunda dura xiinxalaa fi hubannoo beektotiin Oromoo qaban roga hundaan qoodnee ilaaluun heddu nu gargaara. Beektota Oromoo irraa dheefuu ykn kan ofii yaannu duwwaa akka leellisan eeguun hin qabnu. keenya. Qeeqas ta’ee gorsa beektotiin Oromoo gumaachan akka ka’umsaatti itti gargaaramuu qabna. Dhaabni keenya galii mataa isaa ni qaba. Garuu galiin dhaaba keenyaa hirmaannaa fi gorsa beektota keenyaa gaafata. Adeemsa ykn kallattii qabsoo keenyaa gabbisuu fi sirreessuu keessattis qoodi beektota Oromoo bakka olaanaa qaba. Kanaaf beektota keenya itti dhiyannee gorsaa fi diniina isaan dhaaba keenyaaf qaban dhaggeeffachuun qabsoo keenya gargaara. Qeeqi beektotiin Oromoo dhaaba keenyaafis ta’ee hooggana dhaaba keenyaaf dhiyeessan amansiisaa fi hegeree qabsoo sabaaf bu’a qabeessa ta’ee argamnaan maxxanfachuu qabna. Kanaaf beektota Oromoo caasaa hawaasaa gara gaa keessatti of jiraanii fi akka dhuunfattis jiran kabajuu fi itti dhihaannee gorsa isaanii akkasumas adeemsa dhaaba keenyaa hubachiisuun eddu nu gargaara. Hirdhina akka dhaabaatti muldhasaa jirru keessaa bahuuf akka falaatti kan ilaalaman keessa isa tokkoo dha.
7.Aadaa beekumsaa fi muxeffachuun qabsoo hoogganuu gabifachaa deemu hordofuu. Fedhii fi hawwiin akka sabaatti bilisummaaf qabnu guddaa dha. Hawwii kana galmaan gahuuf bara jijjirama labsinu beekumsaan dhimmootni murteesine akkuma jiran haalotni bilchinaan laaluu hanqanellee akka jiran ifa.Isaan keessaa barbaachisummaa jijjiiramaa yeroo sana feesise duursa jabinaan irratti hojjachuu dhabatu muldhata.Akeeknii fi galiin jijjiirama kanaa maal akka tahe bifa waltaheen hin barsiifamne.Karooraa fi raawwiin tartiibaan tolfame hin mijoofneef.Harki guddaan diddaa fi sirnaan ala bahuu hooggana dhaabaa yeroo sanaa rakkoo uumerraa sochiin kun finiine.Lamaffaa galaanni kun waan haree fiduu malu tilmaamuu qabna turre.Miseensotnii fi deegartootni sochii kanaa beekumsaa fi sadarkaa jireenyaa garagaraa irra jiran hedduun deegaraa turan.Heduminaanis sochii kana bira dhaabatan.Isaan kun hardhallee dhaaba jabaatanii tindhisaa fi utubaa jiru.Isaan biro fiigichaan dhufanii fiigichaa galanillee heddu turan.Akeekaa fi fedha isaan duursuma sochii kanatti makamuu malaniif dursinee yaaduun akka dhaabaatti barbaachisaa ture.Sadaffaa tarkanfiin booda suuraa tahuu malu hubachuu feesisaa ture.Dhimmoota hoogansa dhaaba kanaa fuuldura danquu malanii fi fala isaanii hedduu kan itti yaadame hin turre.Falli amma hordofuu qabnu misensaa fi deegaraa akeekaa fi galii siyaasa ABO amanan horachuu tahuu qaba.Yeroo miseensomsinu qajeelafama kanarra qofa ijjachuun tahuu amanuu feesisa.Balbala kana beekaa fi wallaalaa Oromoo hundaaf qixa tolchuu qabna.Qabsaawotni akeekaa fi galii kana fudhatanii akka dhunfaatti miseensoman qooda isaanii bahuu fi hojjatanii hojjachiisuunillee akkuma murtii qabsaahuuf fudhataniitti akka matayyaatti kan laallamu tahuu barsiisaa deemuu qabna.ABO dhibbaa ilaalchaa fi aadaa harkifataa hawaasa keessa jiruu keessaa bayee gama aadaa gudinabeekumsaa fi dandeettiin dhaaba hojjatuutti guddataa deemuu qaba.Isaan kun gatii guddaa nu fagatanii jiru.Harki guddaan jabina siyaasaa mooraa qabsoo oromootti finneen safarama.Hardha fedhiin Oromoota yaada lama guddutti rakkachuu heddu miti.Akkuma xinxalaan hubatametti rakkuun guddaan dhaaba kana mudatan alarraa kan maddaniidha.Rakkoon dhaabaa isaan alarraa dhufan kana duursa hubatee durumaan fala itti gochaa deemuu hanqachuu dha.Kans tahee mooraan dhaaba keennaan saaqame kan hiree guddataa deemu qabu tahuun hubatamaa dha.Jabina kana akka hirdhina turanii fi fuuldura dhalachuu malan itti furutti jabeeffachaa deemuu feesisa.
hawwiin dhaabatti makame gaafa waanti arguu qabu yeroo gabaabaa keessatti arguu dadhabu manatti gala ykn qabsoo irraa of moggeessa.
Karaa biraatiin ammoo hoogganii fi miseensi hawwiin qabsootti makamu, qooda isa irraa eegamu bahuu irra, injifannoo qaama biraa irraa eeggata. Yeroo hunda gaaffii gaafachuu malee qooda isaa maal akka ta’e ilaaluuf fedha dhaba. Kun ammoo dursumaa bilchinaan hadhaa fi gaaffii qabsoon qabdu hubannoo keessa galchuu irraa kan madde ta’uu dhabuu isaa irraa madda. Adeemsi akka hoogganaatti waggaa shanan darban kana nuquunnames haaluma kana. Adeemsa kana keessaa bahuu qabna. hawwiin dhaaba hoogganuu fi miseensa miiraan nutti makamu horachuu irra, qabsa’ota beekumsaan qabsootti makamaniif dursa kennuu qabna. Murtee fi hooggansa kenninu fafaa fi mishooma isaan egeree qabsoo sabaaf qaban yaada keessa galchinee ta’uu qabna. Kanaaf ammoo itti gaafatamummaa dhaaba irraa nutti kenname, akkamitti akka dalagaa jirru of qorachaa fi of madaalaa deemuu qabna. Akka hooggana walootti murteen dabarsine bu’aa inni qabsoof fide ilaalaa deemuun eddu nugargaara.
8.Afuura oromomummaan (normalization) dhaabbilee siyaasa Oromoo fi caasaa hawaasa Oromoo gidduutti fiduuf alduree tokko malee hojachuu qabna.
Qabsoo bilisummaa Oromoof itti gaafatamummaa kan qabu dhaaba siyaasaa ykn garee tokko duwwaa otoo hin taane dhimma waloo ti. Gaheen dhaabbilee siyaasaas ta’ee caasaan hawaasa Oromoo akkuma dhimma dhaabbataniifitti qooda mataa isaanii qabu. Tarii gaheen ykn qoodi mataa isaanii kan tokko kan biraa ol ykn gadi ta’uu mala. Akka qabsoo sabaatti garuu hundi isaaniitu itti gaafatamummaa mataa isaanii ni qabu. Itti gaafatamummaan dhaabbilee siyaasa Oromoos ta’ee caasaan hawaasa Oromoo gama ciminaanis ta’ee dadhabbinaan gahee mataa isaanii qabu. Kanaaf itti gaafatmummaan qabsoo, hunda keenya akka Oromootti ilaallata.
Haata’uu garuu sadarkaan hubannoo fi kallattiin qabsoo itti gaggeessaa jirru garaa garummaa qaba. Garaa garummaan keenya kun yeroo kamuu kan jiraatuu dha. Dhaabni keenya ABOnis garaagarummaa siyaasaa fi kallattii qabsoo dhaabbileen siyaasaa Oromoo fi caasaan hawaasa Oromoo qaban kan bifa waloodhaan dhimma sabaaf oolu irratti hojachuun murteessaa dha. Dhaabni keenya qobaa isaa injifannoo galmeessisu hin jiru ykn injifannoo argaman irraa qobaa isaa fayidaan irraa argatu hin jiru. Hundi keenyaa akka sabaatti fayidaa irraa arganna. Bilisummaan saba Oromoo mirkana’uun itti fayyadamaa kan ta’u miseensa dhaaba keenyaa ykn deeggaraa dhabaa keenyaa duwwaa otoo hin taane akka sabaatti fayidaa irraa arganna.
Rakkoon akka sabaatti numudataa jirus kan dhaaba tokkoof ykn garee murta’eef jecha dhalate otoo hin taane, rakkoo akka sabaatti nurra jiruu dha. Kanaaf rakkoo akka sabaatti nurra jiru keessaa bahuuf dhimma waloo irratti waloon hojachuun murteessaa dha. Akka hoogganaatti kana sirnaan ilaaluu qabna. Garbummaa fi olaantummaan diina keenyaa nurra bubbuluu kan danda’ee fi ammas kan biraa garbummaa nurratti dheeressuuf kan abjoochaa jiran, tokkummaa dhabiinsa qabsa’otaa fi ummata Oromoo ti. Tokkummaa qabsa’otaa fi ummata Oromoo kan uumuu danda’u dursaa qabsoo kan ta’e, hooggana dhaaba siyaasaa ti. Kanaaf nutis akka hooggana dhaaba siyaasaa tokkootti rakkoo waloodhaan akka sabaatti qabnu keessaa bahuuf murteeffachuu qabna.
Hojiin akka hoogganaatti nu eeggatu dhaabbilee siyaasaa fi hawaasa Oromoo wajjin qunnamtii akeekaa siyaasaa fi akka Oromootti qabnu jabeeffachuu dha. Wal diineffachuu fi tokko kan biraa sakaaluun yoo diina keenya nurratti jabeesse malee fayidaa tokko iyyuu akka dhabaatti irraa hin argannu. Afuura oromummaa qabsa’otaa fi Oromoo gidduutti buusuu qabna. Dhaabbilee Oromoo fi hawaasa Oromoo gidduutti normalization fiduuf qooda gama keennaa kannuu qabna. Afuura oromummaa (normalization) fiduuf aarsaa inni nugaafatu kennuuf qophii ta’uu qabna. Dhiifama wal gaafachuu fi ilaa fi ilaameedhaan marii gochuuf qophii ta’uu qabna. Badii kana dura qabsoo keessatti raawwataman tuttuquudhaan ykn isa walitti kaasuudhaan tokkummaan dhufu hin jiru. Tokkummaan dhufuu kan danda’u, hegeree qabsoo sabaaf dursa yoo kenninee dha.
Afuura oromummaa (normalization) fiduu qabna yeroo jedhamu itti gaafatamummaan kun dhaaba keenya qofaa (duwwaa) irra jira kan jedhu irraa kan madde miti. Akka hooganaatti kan jechaa jirru gochuu kan qabnu gahee mataa keenyaa bahuu qabnaa dha. Ummata Oromoo fi seenaadhaaf dhugaa ta’uu qabna. Afuura oromummaa buusuuf,akka dhaabaatti gahee keenya ifatti Oromoon akka nuuf hubatuu fi rakkoon eenyu bira akka jirtu dhugaa akka bahu gochuu qabna. Akka hoogganaattis ta’ee akka dhuunfaatti halduree tokko malee kana irratti hojachuu qabna. Kana gochuu keenyaan dhaaba keenyatti kabajaa fi ulfina horra. Aada ilaa fi ilaamee akka hoogganaattis ta’ee akka miseensa dhaabaatti gabbifachuun dirqama keenya hundaa ti.
9.Galii dhaabbilee siyaasaa Oromoo kamiifuu kabajaa kennuufii qabna. Garaa garummaa siyaasaa keenyaa, bifa bilchina qabuun ummataaf ibsuun daandii qajeeloo dha.
Qabsoo Oromoo keessattii dhaabbilee siyaasaa galii fi kallattii qabsoo gara garaa qabantu jiru. Gareen tokko karaa nagaa kan gaaffii Oromoof qabsoo taasisan yeroo ta’u, gama biraatiin ammoo karaa hidhannootiin gaaffii Oromoof fala kennuuf dhaabbileen qabsootti jiran hedduu dha. mooraan kun lamaan jabinaa fi cimina mataa isaa akka qabu beekamaa dha. Mooraa lamaan kana akka dhimma qabsoof oolutti dhimma itti bahuu dandeenyaan, bu’a qabeessaa dha. Faallaa kanaa ammoo tokko kan biraa xaxuuf kan akeekkatu yoo ta’u fafa isaatu caala. Kanaaf mooraa qabsoo Oromoo bakka lama jiru bilchinaan dhimma qabsoof oolchuun hooggana cimaa gaafata. Dhaabni keenyas kana irratti muldhata ifa ta’e qaba. Kanaaf muldhata qabnu karaa hojiitti hiikuu dandeenyu irratti hojachuun gaaffii yeroo ti. Kun akka walii galaatti kan ilaalamuu dha.
Dhaabbileen siyaasa Oromoo toftaa qabsoo walfakkaataa hordofan waantota xixiqqoo irratti garaagarummaa uumuudhaan diina caala yeroo wal dadhabsiisaan argaa jirra. Kun ta’uun isaa dhaaba keenya irrattis dhiibbaa guddaa fidee jira. Aadaan dhaabbilee siyaasa Oromoo gabbifachaa jiran wal danda’uu fi garaa garummaa qaban waliif kabajuu irra, wal balleessuu ykn tokko kan biraa irra aanuuf dhama’utu bakka guddaa qaba. Aadaan wal danda’uu fi garaagarummaa walii kabajuu dhabuu kun ummata Oromoo heddu qabsoo irraa abdii kutachiisee jira. SiyaasaDiina waloo irra, wal cabsuu fi wala sakaaluuf halkaniif guyyaa hojatama. Sirumaa diinni innikaan dagatamee, lammiin lammii ofii balleessuuf yeroo dhama’u heddu nama gaddisiisa. Haalli kun ammoo qabsoo sabaa gara fuunduraatti siksuu irra tarkaanfii heddu duubatti deebisee jira. kana irraa barachuu qabna.
Muldhati keenya Oromoo humneessu kan dhugoomu akeekaa fi galii keenya tokkummaa Oromoo fi qabsa’otaa jabeessuudhaan jedhun taha.Oromoo Muldhata kana gara hojiitti hiikuuf garuu gufuulee eddutu nuqunnamaa jira.Gufuulee nuqunnaman keessaa hubannoo waloon dhaabbilee siyaasaa Oromoo gidduu jiraachuu dhabuun dhabuun akka gufuutti kan muldhatuu dha. Dhaabbileen Oromoos ta’ee dhaabni keenya qilleensa tokkummaa qabsa’otaa laaffisaa jiran fala itti kennuuf, qooda gama hundaa barbaachisaa dha.Dhimma kana namaa fi ykn dhaabbilee siyaasaa biraaf otoo hin taane kaayyoo dhaaba keenyaa galmaan gahuuf heddu nugargaara. Qaawwa mooraa qabsoo Oromoo keessatti banamee jiru cufuuf karaan sirriis, ilaa fi ilaameedhaan mari’achuu fi kabajaa waliif kennuu dha.
Dhaabbilee siyaasaa galiin keenya ykn kallattiin qabsoo keenyaa tokko hin taane wajjin dhimmoota waliif nugalchuu danda’an tokkos ta’ee lama yoo jiraatan isaan irratti hojachuu gaafata. Kan kana irraa hafe, garaa garummaa qabnu bifa bilchina qabuun waliif kabajuu qabna. Adeemsa siyaasaa keessatti haalli ykn waltajjiin qabsoo ni jijjirama. Yeroo haalli jijjiramu, adeemsi siyaasaa fi galiin qabsoos jijjiramuun dirqama ta’a. kanaaf fayidaa yeroo gabaabduu argachuuf jecha fayidaa tarsiimoo irratti dhiibbaa fiduu hin barbaahcisu. Kanaaf yeroof dhaabbilee siyaasaa Oromoo wajjin garaa garummaa qabnu adeemsa keessa akka walitti dhihaachaa deemnu mamiin hin jiru. Garuu waanta darbuuf jecha akka malee wal madeessuu fi diina caala wal diineffachuun hegeree qabsoo sabaaf gufuu guddaa dha.
Kanaaf akka dhaaba keenyaatti sirreessi fudhachuu qabnu keessaa, Galii dhaabbilee siyaasaa Oromoo kamiifuu kabajaa kennuufii qabna. Garaa garummaa siyaasaa keenyaa, bifa bilchina qabuun ummataaf ibsuun daandii qajeeloo ta’uu isaa of amansiisuu qabna. Kana gochuu keenyaan ummata Oromoo biraa kabajaa fi ulfina goonfanna. Akka qabsoottis galii keenya galmaan gahuuf nugargaara. Diinummaa ilmaan Oromoo gidduutti diinni dhalchu yaalu karaa kanaan salphisuu dandeenya.
Wal cabsuu fi wal mo’uu irra diina keenya irratti dandeettii qabnuun xiyyeeffachuu qabna. Akka dhaaba siyaasa Oromootti tokko kan biraa sakaaluun amma yoonaa diinaaf karaa bane malee, akka dhaabaattis ta’ee akka dhuunfaatti fayidaan irraa arganne tasa hin jiru. Daranuu wal laaffisaa fi wal dadhabsiisaa deemne malee qabsoo achi butuu hin dandeenye. Kana irraa barachuu qabna. Asi irratti hubatamuu kan qabu, kaayyoo fi galii dhaaba keenyaa gadi dhiisuudhaan otoo hin taane, dhimmoota irratti waliin hojachuu dandeenyu hunda amma dhumaatti (to maximum) dhimma itti bahuu qabna kan jedhu irraan ka’a. Galii qabsoo sabaa kan akka jijjiramu taasisu guddina siyaasaa ummatichaa fi waltajjii qabsoo keessatti gaggeessinuu dha. Kanaaf kun yaaddoo guddaa kan fidu miti.Haal waltajjii keessa jirru galii keenya akka sirreessinu kan nu akeeku taanan mamii tokko malee sirreessuuf qophii ta’uu gaafata. Kanaaf hooggana haala waltajjii hubatee qabsoo hoogganu tahuu qabna.
Kanaaf dhaabbilee siyaasaa Oromoo wajjin hojachuuf dhimmoota irratti garaagarummaa qabnu injiruudhaan isa dhaadhessaa jiraachuu irra, dhimmoota waloodhaan irratti hojachuu dandeenyu irratti xiyyeefachuu qabna. Akka hooggana qabsoottis kana gochuun dirqama seenaa ti. Dhaabni keenya jijjirama yeroo jedhu jijjirama adeemsa qabsoo fi aadaa qabsoon ittiin gaggeeffamu ta’uu isaa beekuu qabna. Beekumsa, qabeenyaa fi dandeettii keenya garaagarummaa waliin qabnu babaldhisuu fi isa dhaadhessuu irratti fixachuu hin qabnu. Akka dhaabaattis fayidaan irraa argannu hin jiru. Dhaabbilee siyaasa Oromoo qabiyyeen isaanii xiqaa ta’ee guddaa, kan moraa qabsoo keessa turan yeroo dheeraa ta’ee yeroo gabaabaa, hundaafuu kabajaa fi ulfina akka dhaabaatti kennuufii qabna. Kana gochuu keenyaan waanti nurraa hirdhatu hin jiru.
Adeemsa kana milkeessuuf miseensi keenyas ta’ee dhabballeen dhaabaa bakka hunda jiru ilaalcha waloo akka qabaatu tolchuun barbaachisaa dha. Dhimmoota diiggaa fi diinummaa mooraa qabsoo Oromoo keessatti babaldhisu irraa of fageessuu qabna. Dhaabbilee diiggaafii diinummaa mooraa qabsoo Oromoo gidduutti babaldhisan ykn adeemsa digmayaa aadaa taasifatan karaan ittiin mohuu dandeenyu, akka dhaabaatti yoo faallaa isaanii deemnee dha. Dhaabbilee biraa duula diiggaa waanta oofaniif isaaf deebii kennuuf atakaaroo wal qabuu hin qabnu. Kana ni goona taanaan nutis garaa garummaan akka dhaabaatti qabnu ummata biratti ni dhokata. Kanaaf ummata keenya karaa sirriitiin galii dhaaba keenyaa barsiisuuf, karaan sirreefachuu qabnu karaa kabajaa fi wal danda’uu ta’uu qaba.
10.Dadhabbina gama ijaarsaa, dippilomaa fi dinagdeen qabnu ariitiin sirreefachuu qabna.
Qabxiin kun dhimmoota eddu wajjin kan wal qabatuu dha. Qabxiileen kanaa olitti ka’an qabxii kana irratti dhiibbaa guddaa qabu. Dhiibbaan isaa mishooma ykn fafas ta’uu danda’u. Akka dhaabaatti dadhabbin gama kanaan qabnu guddaa dha. Dhimmi ijaarsa ummataa, dippilomaasii fi dinagdee qophaa isaa kan hojatamu otoo hin taane, dhimmoota hojii kanaaf dhiibbaa qaban raawwachuun ykn sirreessuun kan dalagamanii dha. Akka dameetti ykn akka birkiitti namoota dhimmma kana irratti hojatan ramaduun gatii hin qabu. Namni asi irratti ramadame amma fedhe dandeettii fi fedha qabaatus, akka dhaabaatti sirreessi jijjirama qabu hin fudhatamu taanan firii hin agarsiisu. Kanaaf qabxii kana gara guddinaatti jijjiruuf akka dhaabaatti rakkoolee nuqunnaman fala bilchinaa fi beekumsaan guutame fudhachuun dirqama ta’a.
Hojiin dippilomaasii keenyaa eddu dadhabaa dha. Muldhati akka dhaabaatti qabnu garuu, hojii dippilomaasii hojachuuf eddu kan nurgaaruu dha. Haata’uu garuu dhimmoota biraan takaalamnee waanta jirruuf, bu’a qabeessa ta’uu hin dandeenye. Tasgabbiin akka hin hojjanne rakkoon nuqabatanii jiran baldhaa dha. Isaan amma sirreessa barbaachisu hin fudhannetti, hojiin dippilomaasii keenyaa laafaa ta’uun isaa dirqama ta’a. Hojiin dippilomaasii kan fiixa bahu ykn dhageettii argachuu kan dandeenyu yoo akka sabaattis ta’ee akka dhaabaatti humna taane duwwaa dha. Haalli waggaa shanan kana keessa dabarsinee jirru garuu kanaaf mijataa hin turre. Akka dhaabaatti tokkummaan keenya laafataa fi wal arcaasaa deemne. Akka qabsoo sabaattis qabsoon saba keenyaa fuunduratti deemuu irra ni sigigaate. Akka dhabaatti rakkoo kanaan qabamnee amma jirrutti hojiin dippilomaasii keenyaa laaffachuun isaa dirqama ta’a. Kun garuu dadhabbina akka hooggnaatti qabnu irraa kan maddee dha. Dhimmoota dhaaba keenyaa fi qabsoo keenya humneessan jajjabeeffachuu irraa turuu keenyatu haala kana dhalche. Sirreessa yeroon gaafatuu fi muldhata keenya madaalu fudhachuu dhabuun keenya rakkoon duraanuu akka dhabaatti qabnu babaldhisee jira.
Hojiin dinagdee maddisiisuus qaamuma akka dhabaatti hojannuu dha. karaa kanaan akka dhabaatti dadhabbina guddaa qabna. Waanti biraa afee akka dhabaatti dinagdee ammam akka maddisiisaa jirru ifa miti. Dinagdee argamsiisaa jirru maaliif akka hoolchaa jirrus karaa ifa ta’een waanti beekamu hin jiru. Garuu walumaa gala yeroo ilaallu dinagdeen dhaabni maddisiisuu fi dirqamni akka dhaabaatti qabnu kan wal simu akka hin taane, tilmaamuun nama hin dhibu. Caasaan nuti itiin dinagdee qabsoof ooluu qabu walitti qabaa jirru balaa gara garaa fi shakkiin edduuf kan saaxilamee dha. kun amma ta’ee jirutti miseensi dhaabaas ta’ee deeggaraan qabsoo gumaacha guddaa godha jedhanii eeguun hin danda’amu. Kun rakkoo guddaa dha.
Karaa biraattiin maallaqnii fi qabeenyaan dhaabaa akkamitti baasii godhamaa fi maal irra akka oolaa jiru, to’annoon beekaman godhamuu qaba. Namni dhuunfaan akka barbaadeetti waanti dhimma itti hin baaneef hin jiru. Toftaan (mechanism) akka dhaabaatti qabnu dadhabaa duwwaa otoo hin taane, hin beekamu. Kanaaf dinagdee guddaa iyyuu otoo maddisiisuu dandeenyee adeemsi amma yoonaa ittiin masakamaa jirru yoo sirreessa atatamaa hin goone, dhimma qabsoof oola jedhamee hin yaadamu. Kanaaf dinagdee akka dhaabaatti dhabaa jirra jennee himachuun dura waantota qabsa’ota birattis ta’ee diiggartoota qabsoo biratti amanamummaa mirakaneessan fudhachuun dirqama ta’a.
Dinagdee qabsoof malu buusii miseensaa duwwaan galmaan gahuun hin danda’amu. Malaa fi fala dinagdeen biraa irraa maddu uumuun dirqama ta’a. kana gochuuf ammoo akkuma gubbaatti tuqamuu yaalame sirreessa muldhata keenyaaf malan fudhachuun dirqama ta’a. Roga hundaan dhimmoota qabsoo keenyaa fi dhaaba keenya irratti dhiibbaa gochaa jiran sirnaan hubannee fala itti kennuu qabna. Kana gochuu yoo dandeenye buusiin miseensaa akkuma jirutti ta’ee, dinagdee hojii shaffisiisuu danda’an maddisiisuu dandeenya.
Ijaarsi ummataas dhimmota biroo edduu wajjin kan wal qabatee dha. waanta hunda dura hooggana ummataa fi qabsa’ota hunda biratti amantummaa fi kabajaa qabu akka dhaabaatti qabaachuun hojii duraati. Hooggani miseensaa fi ummata biratti kabajaa fi ulfina qabu, ummata ijaaruuf rakkoon isa hin mudatu. Asi irratti hubatamuu kan qabu, miseensaa fi ummata biratti hooggana kabajaa qabu yeroo jedhamu, akka nama dhuunfaa fi gareetti otoo hin taane, akka hooggana dhaabaa walootti. Namni dhuunfaan beekumsa ykn dhageettii (brand) gaarii qabaachuu mala. Kun dhaabaaf bu’aa guddaa hin qabaatu. Dhaabaaf bu’aa gaarii kan qabu akka dhaabaatti caasaa fi hooggana kabajaa ummata biraa qabu gadi dhaabuu danda’uu qabna. Mala caasaa (organizational system) gadi dhaabuu yoo dandeenyee dha.
Yeroo ammaa akka dhabaatti dadhabbin nuti qabnu, system ittiin ummata ijaarrachuu dandeenyu, akka hoogganatti hubannoo waloo dhabuu keenya. Caasaan nama ijaaruu irra, maqaa nama dhuunfaa fi walitti dhiheenyaan ykn amanamummaa nama dhuunfaaf qabaniin wal ijaaruu fi wal hoogganuun bakka guddaa qaba. Kun ammoo amii fi rakkoo edduuf nu saaxilee jira. Adeemsa kana namootiin hubachaa jiran, dhaaba irraa qoollifachuu fi kan dhaaba keessa tures keessaa of baasuun akka madda rakkoo tokkootti ilalamuu qaba. Kanaaf ijaarsa ummataa systemaan nama ijaaruu malee brand nama dhuunfaan waa ijaarrachaa deemuun rakkoo gara garaaf dhaaba keenya saaxila. Ijaaris ummataas akkuma dhimmoota kan biroo raawwii hojii hooggana dhaaba keenyaa fi hooggansa kennaa jirru wajjin waan wal qabatuuf sirreessa roga hundaa gaafata.
11.Jaallan rakkoo gara garaan dhaaba irraa of moggeessan seeraa fi sirna dhaabaa hordofuu akka dhaabatti deebi’an yaalii gochuu qabna.
Jaallan kana dura wajjin turree rakkoo gara garaan dhaaba irraa achi bahan akka dhaabatti deebi’an yaalii gochuu qabna. Yeroo gara yerootti wal arcaasaa fi namoota hegeree qabsoo keenyaaf humna ta’uu malan dhabuun keenya eddu nu miidhee jira. Tarii jaallan dhaaba irraa achi bahan hundi isaanii badii dhuunfaa isaanii irraa kan ka’e jedhanii murteessuun rakkisaa dha. Akkaata adeemsa keenyaa fi qabiinsa miseensaa fi hoogganaaf goonu irraa ka’anii jaallan mufatan edduu dha. Kana irraa kana’iin abdii kutachuun ykn akka falaatti dhaaba irraa achi bahuudhaan yeroo gaarii eeguun akka falaatti itti mildhate ta’a. Kun dogongora mataa isaaniiti. Haata’uu ammoo ilmi namaa ilaalchaa fi murtee siyaasaa wal fakkaataa hin qabu. Kanaaf kan obsu ni jira kan defee murteerra gahu hedduu dha. Akka hoogganaatti dhimma kana ilaaluu qabna.
Adeemsa hooggansa keenya irraa rakkoolee mudataniif alduree tokko malee dhiifama waliif godhuu fi qeeqa dhiyaatus yoo jiraate fudhachuu dha. Badii hooggansaa otoo hin taane, hubannoo namoota dhuunfaan warra murtee fudhatan haala turee fi jiru hubannoo gahaa gochuuf qabna. Kanaaf jaallan keenya amma dandeenyetti badii xixiqoon jiraatus obsaan walitti dhihaachuuf walitti qabamuutu qabsoo keenyaaf fala.
Asi irratti dagatamuu kan hin qabne, namoota harka diinaan tutuqaa fi miindeffaman bifa kamiinuu keessummeessuu hin qabnu. Warri kun yeroo hunda hojii diinummaa fi diiggaf warra dursa kennanii dha. Kana ragaa wajjin hoogganas ta’ee miseensa keenya amansiisuu qabna. Golgaa qabsa’umaan namoota diinaf wabii ta’an mamii tokko malee of irraa faccisuu qabna.
Gama biraan ammoo golgaa kana sababa godhachuun jaallan qulqulluu fi dhaaba keenyaaf amanamoo ta’an, garuu qurruma gara garaa hooggana keenya irraa qaban ifa taa’eefii itti dhihaachuudhaan dhiifama waliif gochuu qabna. Kana hunda kan goonuuf namoota dhuunfaaf otoo hin taane, fayidaa fi hegeree qabsoo keenyaaf waanta garaaruuf.
12.Karooraan hojjataa Tooyyannoo fi Hordooffii Jabeessuu
Namiin tokko bakka barbaadee gayuuf karooraan deemuu isaa barabaachissa. Karoora bafatee ammo hagam hojjii irraa olchee? Hagamituu hanqaatee ? Maaliif haqaatee ? Osoo malee godhee karooricha bafadhe sani bakka gayuu danda’aan turee ? Bakka yaadamee gayuu hanqatuu karooricha irraa maali baradhee ? kkf laalluun barbaachissaa. Karooraan hojjaatuun bakka gayinsaa kaayyoo jaarmiyaatiif heddu barbaachissaa. Keessattuu jaarmiyaan akka ABO ka kaayyoon isaa heddu jabaa fi ulfataa ta’ee karoora hujittii hiikmu danda’aamu miseensa tokko irraa jalqabee haga mataa dhaabichaatti qabatuu qabna. Miseensi dhaabaa tokko dirqaama isaa irraa eeggamu bakkaan gayuuf waan guyyaa guyyaan hojjatuu; waan torbaan torbaan hojjatuu; waan ji’a ji’aan hojjatuu fi waan waggaa waggaan hojjatuuf karoora bafatuu qaba. Mandhee irraa jalqabee hanga gumii sabaatti karoora bafanee hojjatuu qabna. Karoora mishaa qabatuun/bafatuun/ qofa gayaa miti. Karoora hujitti hikkkamu tahuu qaba. Karoorri baye hujitti hiikamuu isaa tooyaaatamuu fi hordofamuu qaba.
Tooyyaannoo fi hordooffiin sirnaa fi caasaa dhaaba eggee ta’uu qaba. Caasaan dhaabaa hundii seeraafi sirna irratti hundayyee tooyyannoo fi hordooffii godhuu qaba. Caasaa irra utaaluun caasaa biraa qunnammuun sirnaa fi seeraan buluu waan laafisuuf hoggannaa fi miseesnii dhaaba hundii sirritti hubatuu qaba. Miseensii, qondaalinii fi hogganni tooyyaannoo fi hordooffii sirnaa fi caasaa lafa kayaameen alaa dalagahuun dhaaba miidha. Tooyyannoo fi hordooffiin hundii seeraa fi caasaa dhaabaatiin maskamuu qaba. Miseensii dhaabaa, qodaaalli dhaabaatiif hoogganni dhaabaa karoraan hojjatuu qofa osoo hintaannee dirqaama isaan irraa egggamuu hundaa irraa qooda fudhaataa jiraatuu tooyyaataamuu fi horodoofamuu qabaan.
Miseensii hayyama qaama barbaachisuun alaa waliigahii irraa hafuu tooyyaataamuu qaba. Tooyyannoo fi hordooffiin kuni hujii dhaabaa kamiifuu babarachissaa. Yoo tooyyaannnoon hujjiin hojjatamuu baatee namuu akkuma ofi barbaaddeetti ka sochuu ta’ee dhaabaa sirnaa fi seeraan buluu ta’uun hafee sirna-dhaabilumaan dagaaga. Dhaaba karooraan hojjatuu ta’uun hindanda’ammu. Dhaaba karooraa fi tooyyannoo cimaan hojjatuu yoo hintaannee jaarmiyaa jabaa ta’uun hindada’ammuu. Yoo jaarmiyaa jabaa ta’uu baanee ammoo ummata keenna ijaarree akka mooyyuu godhuu hindandeennuu.
Kanaaf, miseensii, qondaalliiniif hooggannii dhaabinni isaa kuni akka mooyu barbaadduu karoraan hojjatuu fi karoora bayee ammo tooyyyannoo fi hordooffii cimaan akka maskamuu godhuun furmata qofa osoo hintaanee dirqaama dhaaba ta’uu beeknee itti hojjatuu qabna.

13.Karooraa fi Caasaa waltahaa beekumsaa,muxannoo fi hiree jaallanii daran itti hojjatan hordofuu
Dubbiin caasaa faca’aa fi hoogganna faacaan hojjatuu jedhuu kuni nama riffachisuu mala. Haa ta’uu malee jaarraa amma keessaa jiruu keessatti jaarmiyoonni safsifaan guddaataa jiraan jaarmiyoota caasaa faca’aa fi hooggansaa faca’aa hordofaan. Dubbiin guddaan miseensii, qondalaa fi hooganni galii irraatti eggaa woliihubaataan boodaa caasaa akka naannoo fi haala keessaa jiraanitti ijaaraanii hoogganuun barbaachisaa. Kana jechuu akkuma barbaadaan dalagaani osoo hintaanee galii guddicha dhaabinni lafa kayye jalatti akka haala naanoo isaanitti bilisaan hujii isaanii karooreefaatan. Yoo barbaachissee guyya guyyaan toftaa jijjiraani hojjatuuf mirga guutuu qabuu (free from rigid organizational structure and principles) . Akkataan caasaa fi hoogganisaa akka naannoo ta’ee galiin irratti hojjatamu tokkumma. Caasaan akkana kuni namiin akka isaa fi naannoo isaatiif mijayuutti ufi ijaarree sochuu godha. Hojjii hojjatamee ammo qaama dubbiin laaluutti gabaasa galcha. Asi irratti bu’uura hoogansaa woliitaninsaa hordoofa (Centralized leadership principles) . Karoorri hujii akkkataa haala inni ykn caasaan ykn mandhee isaaf mijahutti malee akka qajeelfama ykn ajaja namiin fagoo haala sani ijaan hingaree murteesuun miti.
Caasaani(Ijaarsii) akkana kuni keessattuu hujii diina keeessatti hojjatamuuf barbaachisaa. Mandheen bakka adda addaa fi naanoo adda addaa jirtu haala naanoo isii irratti qofa akka isii mijiyeetti hojjatuuf angoo qabatuu qabdii. Hujii kana keessatti hoggnni mandhee tokkoo yoo qabamee ka naannoo biraa hingaga’ammu.. Diinni hoogganoota bakka adda addaa jiraan beekee balleessuu hindandahu. Yoo diinni hogganna mandhee bakka tokkoo balleessee ka bakka biraa hujii isaa dalagaa. Hoggannooni mandhee ykn caasaa bakka adda addaa jiraan akka wolii hinbeekineeti ijaaramuu. Qunnamittiin isaanii karaa koodiitiin qofa ta’aa. Haala kanaan yoo caasaan naannoo tokkoo diinaan saxillamee ka naannoo biraa hinsalxilamuu. Sochii qabsoo naannoo tokkotti yoo diinni itti xiyyeefatee ka naannoo biraa osoo hingaga’aminnee soch’uu danda’aa. Ijaarsaa caasaa faca’aa (decentralized structure and decentralized leadership) jedhu kana keessatti hoggannoonni naannoo adda addaa jiraan akka mataa isaanii irratti amantaan ijaaramaanii godha. Yoo hogganni tokkoo diina harka bu’ee kuni rakkoo malee hujii qabsoo itti fuufa. Qaama isaa tooyyaatuuf yeroo jedhamee qofatii osoo ennummaa isaatuu hinbeekinee koodii lafa kayaameen gabaasa qofa galcha. Karoorrii tokkichii guubbaa haga jalatti hinhojjatuu. Mandheen hundii karoora mataa isaanii akka haala naanoo isaanitti bafataanii hojjatu.
Ijaarsii akkana kuni namii tokkee irraa jalqabee namuu ykn miseensii kamuu bakka jirutti hoogganna mandhee ykn naannoo isaa qofa osoo hintaanee baka dhaabinni isaa barbaadeetti hogganumaa kennuf muxaanno argataa, ni onnataa.
Kanaaf, miseensii dhaabaa bakka jiruu hundaatti akka hoogganni dhaaba isaa ta’ee leenjisa ykn barisisa.
14.Caasaa hujiif barbaachisu qofa qabaatuu
Caasaan kan diriruu qabu yoo hujiif barbaachissee qofa. Haali dhaabiin keennna itti hojjataa turee , caasaa diririssee /ummee/ nama itti ramaduu turee. Haalii akkas kuni jijjiramuu qabaa. Caasaan yoo hujiif barbaachissee qofa diriruu/ummamuu/ qaba. Caasaan hujii hinbarbachisifinee dachaa’uu ykn turfamuu qaba. Kanaaf, dhaabii kennna caasoolee hujiif barbaaachissaan qofa dhiisee kawaan laaluu qaba
Akkasumaas, hujii dhaabaa cimminnaan itti fufuuf , qindoominni biyya alaatiif qindoominni jaarmiyaa biyya keessaa diriruu qaba. Qindoomina biyy alaa Ittigafatmaa Haajaa Alaatiin ka hoggannamuu ta’ee hogganni biyya alaa jiruu fi ittigafatamittoonni Godinaafi kutallee biyya alaa miseenaa ta’uu qabu. Qindoomina jaarmiya biyya keessaa ammo icittiin ka hojjatamu waan ta’eef wajjirri HD tiif Dameen Jaarmiyaa qindeessuu qabu. Hujiin waliigalaa wajjira Hayyuu Dureetiin Asmaraa irraa qindaaya.
Walgiigalatti qindoominaa ta’ee waliigahiin Koree Hujii Rawwaachiftuu Waajjiira Hayyuu Dureetiin qindayuu haga haalii hatattaammaa hinjireetti guyyaa murtaayee irratti geegeefamuu qaba. Hoogganna fi qodaallii walgahii qindoominaa ta’eee wajjira HDtiin qindaawa.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Abiy vowed to pick up his military uniforms (i.e., his guns) if he loses.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *