Oduu Haaraya

Innaa lillaahi wa innaa ileehi Raaj’uun: Dr. Sheek Muhaammad Rashaad kabiir Abdullaahi guyyaa ar’aa gara biyya aakhiraa godaanan

Ummanni Oromoo hayyu guddaa, goota, abbaa qubee Afaan Oromoo,  tafsiira/hiikkaa qur’ana Afaan Oromoo, Gaazeexeessaa yeroo duraatiif Raadiyoo Afaan Oromoo biyya Soomaalee keessaa dabarsuun ummata Oromoo walaallarraa baasuuf jireenya isaa  guutuu miinda tokko malee  saba isaa tajaajila ture guyyaa ar’aa addunyaa tanarraa gara biyya aakhiraa godaananii jiru. Rabbi jannataan isaan haa badhaasu….waayee seenaa isaa bal’inaan qabannee dhihaanna dr sheek mohamed rashaad abdullee

sheeka keenya guddaa Kan uumamaan hayyuu
Waa’ee saba keenyaaf kan dhimmamu guyyuu
Seenaa isaa himee fixuu hin dandayuu
Xiqquman dubbadhaa namuu haa dhagayuu

Kan inni dhalate,kudha sagal soddomii afuritti
Abbaan isaa Kabiir Abdullee, ilma Mummayyaati
Haati isaa Faxumaa, intala shurraati
Bakki dhalootaa Oromiyaa, Carcar keessatti
Laga Arbaati magaalaa muummittii

 

Barnoota jalqabaa abbarraa baratee
Daran cimsachuudhaaf hayyama gaafatee
Beeytoota barbaada achi tarkaanfate
Hayyoota jajjaboo heddurraas barate
Sheik Bakrii Saphaloo isas dabalatee
Beekkumsa jajjabaa achirraa horate.

 

Barnoota biyyatti erga bakkaan gahee
Daran cimsatuudhaaf biyya alaa bahee,
Hayyama gaafate abbaa bira gahee
Innis ni eebbise addaan bahuuf nahee
Gaafa san jalqaba biyyarraa kan bahe.

 

Yaman tarkaanfatuun Su’udii dhaqee
Lubnaaniif Masrittis garasumaan maqee
Yunivarsiitii jalqabaa barachuuf qunnamee
Al-Azhaar keessattis akkaan jaalatamee
Doktarummaa isaa itti badhaafame.

 

Waan isaan nuuf godhan himamee hin dhumuu
Irrumaan tuttuqaa haa dhagayuu namuu

 

Arra guyyaa keessaa if waa hin barree
Uumamumaan Rabbiin keessatti unkure
Baradheen barsiisaaf tabba bahee raaree
Rakkoo adda addaa hunda jala taree
Kunoo arraan tana hedduut irraa bare.

 

Gaafa afaan keenya dukkanatti qaban,
Yeroo dubbatanii yakkatti laalaman,
Biyya Somaalerraa raadiyoon dhawwaaqan.
Qubee Afaan oromoon kitaabas maxxansan
Yoomuu hin dagannu waan isaan nuuf godhan.

 

Bara shantam dura kan inni dubbate
Mee akkaan hubadhu yoo qalbii qabaatte

 

“Bar seenaa kan kee baratuun si qabee
Namni seenaan qabne nama jiruu dhabee
Bar seenaa ifii baratuun wajabee
Namni seenaan qabne nama bakka dhabee
Yoo seenaan kan kee isa jabaa tayee
Bar ati dureessaa nama samii bayee
Yoo amanti’iin dura ati jabaa taate
Eega amanti’iitii sumaaf aduun baate”.
Akkas jechuudhaan dhaamsa dabarsate.

 

Waggaa meeqa guutuu itti ifaajanii
Afaan Oromootti qur’aana hiikanii
Sagalee qulqulluun gurra nu buusani.
Kana qofaa miti gumaachi isaanii
Kitaaba adda addaas hedduu maxxansanii
Himamee waan dhumu galanni isaanii
Jiraadhuu nuuf turi dheeradhu umriinii.
Galata kee haa galchu Rabbiin jannataanii

 

Kan dhugaa dubbatu isa hin kijibne
Kan haqa malee dharaaf raga hin bane,
Namaat jala deema malee kan nama jala hin deemne,
Horii fi bu’aadhaaf dantaa kan hin qabne,
Soda diinaatiif qishif kan hin janne,
Nuuf turi daranuu sumaan bayyanannee.

 

Sheek Muhaammad Rashaad kabiir Abdullaahii
Nuti si jaalanna dhugaan onnerraahii
Umrii dheertuun barayyuu jiraadhu
Bakka yaadde gahii wahayyuu argadhu!

 

Kan si hordofee bobba’u
Si faana deemee haa milkaa’u
Kan si jibbu hundi haa du’u
Hayyuun akka keetii bakka san haa bu’u.

 

Mil’uun kee diina haa kuffisu
Waaqni adawwii tee haa dhamaasu!

 

Akkuma kanaan itti fufi
Nyaapha keenyatti karaa cufi\
Kan si hordofan hiriirsi
Diina kee wareersi!!

 

Check Also

baqqalaa gabraa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa …