Oduu Haaraya
baqattoota oromoo misra

Iyyata Dirmannaa Baqattoota Oromootiif

 

Duraan duursinee nagayaa fi fayyaa ummata Oromoo maraaf hawwina.
Akkuma beekkamu baqattoonni Oromoo biyya Masrii jiraatan dhiibbaa UNHCR baqataa Oromoo irratti godhaa jirtuun akka malee miidhamaa jirra. UNHCR-Egypt himata baqattummaa (case) Oromoof xiyyeefannaa dhorkachuu isaarraa nuti baqattoonni Oromoo biyya Masrii Bitootessa 27, bara 2016 irraa eegalee dubartootaa fi daa’imman dabalatee, dhibamaa fi fayyaa odoo hin jenne guutummaatti balbala UNHCR dura erga qubannee amma torbaan tokko geenyee jirra. Hanga ammaatti aduu fi qorra osoo hinja’in gara-kutannaadhaan balbala san duratti gallee jirra tahu illee, iyyata keenyaaf kan gurra gahaa kennaa jiru hin argamne.
Wanni daranuu nama gaddisiisu ammoo, yeroo ummanni Oromoo biyya keessatti mootummaa Itoophiyaatiin rakkoon ulfaataan irra gahaa jiru kanatti UNHCR damee Masrii dhimma baqattummaa Oromoof xiyyeefannaa waakkachuudhaan baqataa Oromoo hedduu kuffisaa jiraachuu isaa ti. Ji’oota shanan dabran kana wayta biyya keessatti tarkaanfiin hammeenyaa Oromoo irratti jabaatu, UNHCR Kaayiroo xiyyeeffannoo duraan nuu kennaa turteyyuu nurraa hir’isuun isii waan haalaan gaddisiisaa ti. Gaaffii mirga baqattummaa hanga ammaatti gaafachaa jirruuf deebii quufsaa nuuf hin laanne, inumaa baqataa keenya garmalee kuffisaa jirani. Nutis hanga gaaffiin keenya deebii haqaa hargatutti as irraa hin gallu jechuun hulaa waajjirichaa duratti qubannee aduuu guyyaa fi qorra halkaniitiin miidhamaa jirra.
Akkuma beekkamu jireenyi baqataa ulfaataa dha. Baqattoota Oromoo biyya Masrii keessaa muraasni gargaarsa qabaatullee, irra caalaan baqataa lubbuu ofii jiraachisuuf jecha hojii olmaya guyyaa kafaltii xiqqashoodhaan kan jiraatuudha. Amma wayta dhiibbaan mirga baqattummaa isaa irratti hammaatu kana ammoo, hojii olmaya guyyaa kan ittiin of jiraachisu san dhaabee hulaa UNHCR duratti waan galee falmachaa jiruuf galii ittiin of jiraachisu hin qabu. Kanaanis rakkoo nyaataa hamaaf saaxilamee argama.
Kanaafuu lammiif lammiitu hirkoo dha waan taheef hawaasni keenya biyyoota adda addaa jirtan gagaarsa bifa lamaa akka nuu gootan kabajaa Oromummaatiin isin gaafanna:
1. Gargaarsa dinaggee hatattamaa – Hawaasa keenya baqataa dirree irratti galee qoonqoodhaan miidhamaa jiruuf akka daftanii nuu dirmattan.
2. Xalayaa dhiibbaa gootu hatattamaa nuu barreessuu – Waldayoonni Oromoo biyyoota adda adddaa, jaarmayooleen Oromoo adda addaa kanneen akka OSA dabalatee, akkasumas, qaamonni maqaa Oromootiin jaaramtan kamuu xalayaa iyyannaa hatattamaa gara waajjira UNHCR-Egypt fi kan walii galaa Jenevaatti argamutti nuu barreessuudhaan akka dhiibbaa irratti nuu gootan kabajaan isin gaafanna.
Kanneen gargaarsa dinagdeetiin nu dhaqqabuuf qophooftan biyyoota adda addaatti bakka bu’oota dhimma kana irratti nu gargaaran maqaa fi teessoo isaanii dhihootti isin beeysifna.
Galanni keessan bilisummaa dha.
Namni walqabu rakkoo hinqabu ; nus wal malee waa hin qabnu.
Koree Qindeessituu Gargaarsaa,
Kaayiroo, Masrii

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …