Koreen jidduu DhDUO ibsa gaafa Amajjii 12 baase irratti
Labsiin Magaalota Oromiyaa birraa dabre baye Caffeen
irraa deebi’ee akka fooyyeessinu goona jedhee jira.
Caffeenis walgahii torban as deemu godhatu keessatti
dhimmoota ilaalu keessaa tokko labsii kana fooyyessuudha
jedhamee eeggama. Dhuguma dogongora labsii san keessa
jiru sirreessuuf fedhiiffi kutannoon jiraannaan qabxiilee
armaan gadii kana akka hubattan isin gorfachuu feena.
Akka amma oduun deemtutti kan irra deebi’amee laalamu
keewwatoota maqaa jijjiruufi magaalota walitti makuuti
qofa. Garuu rakkoon guddaan labsii sanii maqaa jijjiirufi
walitti makuu qofaa miti. Shirri cimaan kan jiru labsiin sun
karoora magaalota baay’ina ummataatifi jabina
diinaggeetin dursa jiran dhuunfaa Oromiyaa jalaan baasuun
federaalaaf laachuu akkasumas gahee Oromoon magaalota
keessaa qabu daran xiqqeessuuf ta’uu isaati. Kanas bifa
lamaan godha labsiin sun.
1) Imaammannifi tarsiimoon magaalota, jiraattota
magaalaa qofaan murtaaya jedha. Oromoon magaalota
keessatti lakkoofsaan xiqqaa waan ta’eef imaammannifi
leeccalloon magaalota warra qubattootaatif akka fayyaduun
murtaa’a jechuudha. Kun ammoo Oromoota magaalota
keessa jiran miidhuu qofa osoo hin taane warri
baadiyyaatis magaalatti galanii hojjachuuf akka hin
hawwatamne ( push factor) danqaraa uuma. Bifa kanaan
gaheen Oromoon magaalota keessaa qabu kan duruu
yarate jiru daran badaa deema jechuudha.
2) Magaalota gurguddoo (metropolis) akkasumas
diinaggeen cimoo ( regiopolis) ta’an bulchiinsa godinaa
jalaa baasee akka ofiin bulan godha. Kun yoo irra-gubbaa
laalan waan gaarii fakkaata. Garuu magaalota kana
godinoota isaan keessatti argaman jalaa baasuun hidhata
isaan baadiyyaa naaannawa walin qaban kutuudha. Kana
godhuun Oromoof miidhaa hedduu qaba. Miidhaalee kana
keessaa akkuma qabxii 1ffaa armaan olii irratti tuqame
hireen magaalotaa jiraattota magaalaa qofaan murtaaya
waan ta’eef, Oromoon ammoo lakkoofsaan magaalaa
keessatti xiqqaa waan ta’eef dantaa Oromiyaafi
Oromoomagaalaa irraa qabu ni miidhama. Akkasumas
baadiyyaaleen naannawa magaalota kanaa jiran, diinaggee
magaalaa tanaatif bu’ura ta’anii osoo jiranuu, imammata
guddina magaalatti karaa qabsiisuu irratti sagalee waan
dhoowwatamaniif galii isiitirraa hin fayyadaman. Kanaafuu
adaduma magaalonni guddataniin ummanni baadiyyaa
duubatti hafaa daran hiyyoomaa deema. Kana hubachuuf
hariiroo Finfinneefi baadiyyaa naannawa san jiranii laaluun
gahaadha. Ummanni sun akkataa Finfinneen itti bulturraa
sagalee waan hin qabneef osoo Finfinneef midhaanif
bishaan dhiheessanii ofii ammoo homaa irraa hin aragatan.
Kanaaf hiyyummaafi dubbatatti haffummaan bu’uraalee
misoomaa naannawa Finfinnee kan baadiyyaa Oromiyaa
qarqaraatirraahuu hamaadha.
Miidhaa kana hambisuufi magaalonni Oromiyaa keessaa
dantaa aadaa, diinaggeefi siyaasaa Oromoofi Oromiyaa
tiksaa akka guddataniif yoo barbaanne labsiin kun bifa
armaan gadiitin fooyya’uu qaba.
1) Imaamminni fi qabeenya magaalaa kamiitu kan
godinaatin waliin murtaa’uu qaba. Kana jechuun ummanni
magaalaa bulchiinsa ofii hin filatinii jechuu miti. Haa filatu.
Garuu itti waamamni bulchiinsa magaalaa akkuma aanalee
kamiituu buklchiinsa godinaatif ta’uu qaba. Murtiileen
sadarkaa mana marii magaalaatitti dabran bulchiinsa
godinaatin mirkanaa’uu qabu. Godinni tokko karooraafi
tarsiimoo misoomaa yoo baasu, baajata yoo ramadu
ummata magaalaafi baadiyyaatif waan yaaduu jarri lachuu
akka waliin guddataniif karaa saaqa.
2) Magaalaaleen sadarkaa metropolis fi regionpolis
kennameef waamamni isaanii suduudaan waajjira
pirazidantiitif kan jedhu sirrii miti. Yeroo ammatti
magaalonni akka Jimmaafi Adaamaa sadarkaan godinaa
kennameefi akka jiru hubanna. Kunis sirrii miti. Loogikiin
magaalaan tokko guddaa waan taateef godina jalaa baatee
qaama ol’aanaaf haa waamamtu jedhu addunyaarra hin
jiru. Fakkeenyaaf Magaalaan Los Angeles magaalaa sochii
diinaggeefi ummataatin akkan guddooti. Diinaggeefi
ummata godina California keessaa harki guddaan
magaalaa san keessaa baha. Garuu magaalaan Los
Angeles tun dogina California jalaa baatee qaama ol’aanaaf
waamama hin qabdu. Kanaafu magaalonni Oromiyaa
xiqqaafi guddaan ummata baadiyyaa naannawa sanii
qabatanii akka guddataniifi imaammataafi tarsiimoon
misoomaa isaanii kan aanaalee godinichaatin walitti
caaseffamuu qaba. Walumaagalatti magaalota metropolis fi
regiopolis dabalatee hundumtuu godina jalatti deebi’uu
dantaa Oromoofi Oromiyaa mirkaneessuuf murteessaadha.
3) Pirojektiin “Federal Urban Land Development
Corporation” jedhamu kan tibbana as baye aangoo lafa
magaalaatirratti murteessuu qaama federaalaatif laata.
Labsiin kunis shira kanaaf haala mijeessuuf dursee isinitti
gadi ergame. Kanaafu labsii fooyyessitanii baaftan
keessatti lafa magaalota Oromiyaa, akkuma lafa qonna
baadiyyaatti, kan aangoo irratti qabu mootummaa Oromiyaa
ta’uu jala murtanii kaawuu qabdan. Hubadhaa, akka heera
mootummaa Itoophiyaatitti mootummaan federaalaa lafa
taakkuu takka hin qabu. Lafti kan ummataafi mootummaa
naannoo isaaniiti. Lafa hojii federaalitiif barbaadu fkn
waajjira itti jaarrachuuf, kaampii waraanaatiif, paarkii
biyyooleessatif kkf naannoolee kadhateet argachuu qaba.
Kanaafuu lafa magaalota Oromiyaa bulchuufis ta’ee
karoora itti baasuuf mootummaan federaalaa aangoo
takkallee hin qabu.
Walumaagalatti labsiifi imaammanni magaalota laallatu,
kan waggoota kurnan kana bayaa jiru, kan akka seera liizii
faa, shira guddaa akka of keessaa qabu isinuu nu caalaa
beektan. Akeekni isaa hariiroo aangoo siyaasaa kan gara
fuulduraa faallessanii kaayuuf haala aanjessuufi. Kunis;
gama diinaggeetin Oromoo lafa isaa irraa fuudhatanii
irakkattuu isa godhanii ofii duroomuuf; gama aadaatin
aadaa saba kanaaa magaalaarraa ugguranii dubbatti
hambisanii biyyuma isaa irratti amboomsuuf yoo ta’u, gama
siyaasaatin ammoo addunyaa guututti gara fuuldhuraa
waldorgommiin cimaan kan ta’u magaalaa keessatti waan
ta’eef ammumaan bakka nu dhabsiisuufi. Kana beektanii,
wal yaadachiiftanii labsii shiraan guutame kan ummanni
morme kana akka dantaa saba Oromootifi biyya Oromiyaa
tiksutti akka sirreessitan isin gaafanna. Kana diddanii
akkuma amma duraa labsii shiraan ulfaaye yoo deebiftan
ummanni bifa haarayaan finciluudhaaf qophii ta’uu isinuu
ni beektan.
Obboleessa Keessan
Jawar Mohammed