Oduu Haaraya

Jaal Jaarraa Duuti Nusaamtuus Yaadni Isaa Abadiif Nu Waliin Jiraata

Maqdishoo keeysatti namoota gariitiif yo qooda kennu akkana ja’a. “Manguddoon Oromoo beekkamoon akka Mohammed Umar Ahmed fi Abdullaahii Luungoo,Mohammed Adam, sheekkootiin Misrarraa achi dhufanii fi kan birootiis hedduudha turan. keeysaafuu Abdllaahii Lungoo namni ja’amuu, Oromoota biyyaa dhufanii fikan biyyoota alaatii dhufaniis isumatti qaceeluu waan turaniif, hifata maleesimatee, ifitti fuudhuudhaan akka gaaritti hanga bakka itti godhu keysummachiisuu ture. Mohammmed Umar nama qabaataa truus bilisummaa fi qabsoodhaaf waan hamilee akkaan cimtuu qabaachu tureef biyya seenee qabsaawuuf if qabee, qabeenya isaarraa hanga ilmaaniif qoodu malee guututti qabsoo fi qabsaawotaan gargaaruu ture. Sheekkootiin Oromootiis waan dandayan hundaan akkasumatti qabsoo gargaaruu turan.”

 

 

 

Haaluma san keessatti Jaarraan Husseen Bunee tifi Generaal Waaqoo Guutuu faawaliin hiriiroo qabaachuu ture. Gara dhaabaatiin Adda bilisummaa Oromootiifnamni alaabaa Moggaan Lamaan Diimtuu, Magarissaan Idduu, Handhurti isii Odaa, Walakkaan isii Aduu farsameeyse (design godhe) Mohammed UmarAhmed (Qaadii). Namni walaloo itti baase, Shantam Shubbisaadha.

 

Soomaliyaa keeysatti maqaa Adda Bilisummaa Oromoo himachuuun, maqumaOromootuu hdubbachuun dhoorkaadha ture. Yo ati Oromoo jette, nama hawaashii olii dhufe tahuu qabda. Soomaaliyaan lafa Baalee, Harar, Sidaamoofii Arsi akkawaani lafa isii taatetti lakkaawwatti. Maqaa WSLF agoobara jalatti dhokatangodhatanii if gurmeeysuuniis kanumaafi. Tahullee miseensoonni jaarmaya sanii Oromoo qofa hin turre. Duraan hogganaalleen, Mohammed Yousuf nama biraati ture. Mohhamed Yousf angoorraa fonqolchanii, Mohammed Omar, sabboonaaOromoo muuduuniis kanumaafi. Jaarraan faan maqaa keenya kan dhugaa gaafa alabaane yokii gaafa alarraa hidhannee biyya teenya ol seenne if labsina ja’anii waliigaltee dhoysaatiin Adan dhaqan. Achitti Jaarraan nama 38 waliin lenjisa ripheeloltummaa fudhate. Waraana leenjifame kana hidhachiisuuf ammoo qawweeIraaqirraa argatan. Boodarratti namoota 38 keeysaa nama 35 hogganee “Adanii baanee dooniidhaan qarqara bahara Soomaaleetti, bakka ‘Buul’hari’ ja’amtu 8/3/70 (March 8, 1970) tti buunee, osoo nu nam 36 taanee yaanuu waraana Soomaleetiin marfamne. Akkasitti harka Soomaaletti kufnee mana

hidhaa Maandheeraa tti bara shanii fi bultii 12 hidhamne. Gaafa Adanii deemnu Elemoo Qilxuu achitti dhiifanne.” Haasawa ar’aa keeysatti ergarama mana hidhaatti irra geyerraa haasawuuf hin deemu. Mana

 

 

hidhaa keeysatti addaachuu, daaruu dhukkubsachuu hamileen nama garii caccabxeewaljibbansilleen uumamee “depressed” tahuun waanuma jiraati. San hundadandayatanii, gaafa hidhaarraa bahaniis qabsoo yaaduun waan ajaa’ibaati. Jaarraanqabsoo qofaaf uumame nama jechisiisa. Nyaadhee, dhugee, fuudhee, mana horee …hin jenne. Qabsotti nama yaamee Oromoo gurmeeysuuf carraaqa. Gara biraatiin dargaggeeyyiin Oromoo kanneen Zamachaarra turan bara 1975 keessa Dargii baqatanii qabsotti ida’amuuf gara Adan dhaqanii turan. Isaan kuniis, Gadaagammadaa, Abboomaa Mitikkuu, Muhee Abdoo, Yoggazuu, Zakariyaa fii Boruuja’aman. Barattoonni biraa kan akka Abubakar Iissaa, Galaasaa Dilboo fii namni hedduun gara Soomaliyaa dhaqanii turan. Adanitti jaarmayni Jaarraan faan maqaa Adda Bilisummaa Otromootiin moggasan Suuriyatti bara 1970tti walgahee maqaaEBINAG itti jijjiirratee ture.

 

Bara 1973 – 1974 miseensoonni jaarmaya EBINAG maqaarratti waldiddaa akkaqaban mul’ata. Tuutni tokko kan Elemoon hogganamu maqaan keenya Oromoo tahuu qaba ja’a. Tuutni kaan kan Hussein Suraan hogganamu ammoo maqaaEBNAG tu irra siyaasaaf tola ja’a. Akka mul’atutti, waa’ee tooftaa malee, tuutni lamaanuu bilisummaa Oromoorratti akkuma tokko amanan. Haala kanaan osoo jiranuu gara biyyaa deemanii, lolli maqaa Oromootiin Carcar, Xirrotti tahe. LolaXirroo sanirratti Elemo faan du’anii Hussen Suraa, boodarratti Bakar faan eegaAdanitti deebi’an booda barattoonni Zamachaarraa dheeysan jahan olitti maqaan dhawame Adan dhaqan. Akka achi dhufaniif namni hayyama mootummaarraagaafte Bakar faadha. Barattoonni kuniis eega Adan dhufan booda yaada lamaan Oromoofii kan EBINAG walitti araarsuuf tattaafataa turan. Boodarratti garuu garaHusseeyn kani cillaayfatan fakkaatan. Kanaaf Bakar faan barattoota kana if biraadeemsisan. Yeroo arihaman Maqdishoo dhufan. Jaarraa Faadhaan wal arguunbarattootaa, Gadaa Gamadaa fii Abboomaa faan Maqdishotti jechuudha. Barattoonni kuni Jaarraa faadhaaf waldhabbii Yamanitti taate yo himan, akkasumattillee magaalaaShaggaritti Gola Qabaachuu himaniif. Jaarraaniis Golli san Shaggaruma jiraachuu irraa hubate.

 

Barattoonni kuniis “hogganni keenya Finfinne jiraa” ja’aniin. [Yeroo tana JaarraanMul’is wajjiin qaama tokkicha tahanii jiran. Jaallan lamaan akka nama tokkootti hojjatan. Jaarraan nama amansiisa. Nama amane kana Mul’isiitu caasaadhaan jaara. Haalli kuni eega biyya seenanillee itti fufa. Biyya keessattillee Jaarraanummata amansiisa. Namni warra amane san waraana godhee caasaadhaan ajaja jala galchu Mul’isi. Namni lamaan kuni waliini dhaaba bu’ureeysan.] Maqaaleenamootaa akka Baaroo Tumsaa achitti dhagayanii Jaarraafii Mul’is gaafa biyyaseenan, bara 1976tti gara magaalaa Shaggar qaceeluun odeeyfannoo jara Maqdishottiarkaniirratti irkataniiti. Eega Golti jiraatte waan haaraya hin jaarru jechuurrahi ture. Akkasitti Jaarraan Baaroo faa qunnamuufii, achiin boodaas qabsoo qawwee jalqabuufMul’is Gadaa waliin karoorfatanii, (gara maadheelee barattoota Oromoo, kanneengaafa Elemo faan biyya seenanirraa if jaaraniitiin) gara Shaggar tarkaanfatan.“Finfinnee dhaquu namni nu kakaase joollee Oromoo ka akka Aadamaa faadha. Yeroo dhaynu mana Ahmed Bunaatti buune. Leencoo nutti dhufe. Achii nu fuudhee mana tokko nu geeyse. Achirratti Baaroo qunnamne yaada keenya itti himne. Wanni nuuf deebise qabsoo qawwee hin jalqabinaa; dursinee mee haalaMangistuu Haaylaaariyaam haa laallu nuun ja’e.” Haala kana dhageenyaanJaarraaniifii Mul’is Hararitti gadi deebi’anii qawwee barbaaddatanii qabsoo qawweejalqaban. Gaafni san April 13/76 ture.

 

Baruma san namoonni duraan Maqdishotti Golti Finfinnee jirti ja’an saniis gara biyyaaol deebi’an. Eega biyyatti galan xiqqoo dhaabbatanii, isaan keeysaa Gadaa GammadaaHarar dhufee, Jaarraa fii Mul’isiin Kora goonaa koottaa, isiniis walgahii tanarrattiargamaa ja’een. Jaarraan faan garuu lakkii ani

 

 

Finfinnee dhaqee, waan jiru hubadhee, achitti ol hin deebi’u je’een. Yeroo tanaqawween lamaan jalqabaa barbaadamaa jirti; bakka jirtu funyaan itti dhaabbate; xiqqo malee qabsoon qawwee eegaluu isiiti. Achirraa jalqabee, Jaarraan fii Mul’is tahanii, namoonni dammaqan tokko tokkoon osoo ida’amanii Waraanni Bilisuummaa Oromoo suuta suutaan jaaramuu fii guddatuu jalqabe. Gara dhuma bara 1976tti gootoonni kuniguddatanii naannoo Gobeellee, Jimaa Beeroo, Dhagaa Gaachanaatiifii Muudanakeeysa akka gaaritti sossoohuu jalqanii jiran.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …