Oduu Haaraya

Jaal Jaarraa Duuti Nusaamtuus Yaadni Isaa Abadiif Nu Waliin Jiraata

Yeroo Korri kuni raaw’ate PMC jalatti waraana 751, Jajjabii nama 12 fii waraanamadaawee tajaajilamu nama 30tu jira. Kora kanaan boodaa, waraanni 751, buttaajahatti (6) addaan hiramee lafa Hararghee, Daammotarraa haga Cilaalootti, baadiyyaadhunfate. Haala kanaan Ajajni Siyaasaa-Waraanaa (PMC) bakka takkatti qaamatokkicha tahee dirqama koraa kana hoijiirra oolchuuf gara hunda bobbahe. Bobbaan tuni akka gaaritti milkooytee, jajjabiin (humni addaa) jaaramee, Muraasni kophaa kanShawaa deemuus qophaawee ergame. Muraasni Baaleetti deemulleen filamee Bariiso jalatti ajajaan ergame. Akkasitti buttaaleen Jaajatti, Cululitti, gooroo Raamisitti, GubbaaQorichaatti, Bookettiis jaaramaa dhufan. Korri Saaqataa milkaawaa tahullee, baatiiafuriin booda, musiibaan du’a Jiilcha nuqabatte.

Du’a Jiilchaa akka dhoysinu yaadni nutti kennamee ture. Sababni kanaatiis“namni gara Wallaggaa hedduu amantii Baarorraa waani qabuuf, duuti isaa yo dhagayamte qalbiitu capha kan ja’u ture. Bobbaasaa kan hojiif Jaajatti nujalaahafe malee miseensoonni PMCakkuma jiranitti gorsa nuuf kenname kanafudhannee du’a Baaroo dhoysine. Garuu yaada san fudhannee hojiirra oolchuun, dhoysuun shakkii guddaa fide. Ar’a gama duubaa deebinee yo laallu waan tahekana dhoysuun dogongora guddaadha.

 

Yeroo Jiilchaa fii Badhoon du’an, awwaalcharratti warri nugargaare jiraattootabiyyaati. Jiraattoota biyyaa keeysaa nama tokkootu karaa Jaajaa fira gaafachuufdeema. Bobbaasaan faan nama kana Jaajatti

 

 

arganii, haala waraana naannoo Maayaa Qalloo gaggafatan. Namni kuniis Baaroonfaan du’uu Bobbaasatti hima. Yeroodhaaf Bobbaasaan homaa hin yaadne. Ji’a lamabooda PMCn walgahii Koree Iddoo yaamuuf naannoo Gobeellerraa gara GaaraMul’ata (Tortora) deemte. Achitti miseensoota PMC keessaa kan hafe Bobbaasaayaammattee mariin geggeeffama. Yeroo kana Bobbaasaan Jiilchaan hoo akkam jiraje’ee miseensoota PMC gaafata. Miseensootni PMCtis Jiilchaan gara biyya alaadeeme ja’aniin. PMCiin du’a Baaroo dhoysuu isiiti. Bobbaasaan ammoo, dubbii tanashakka. Walgahii tanarraa gara Jaajaa yeroo deebi’u shakkii tana miseensootadhaabaa keeysa facaasa. Walshakkii tanaatu boodarratti addaan caphiinsa AddaBilisummaa Oromoo kan bara 1978-79 fide jechuudha.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …