Oduu Haaraya

Jala bultii kabajaa Ayyaana ‘’Eid Al faxir’’ sababeeffachuun Waamicha Tumsa Gamtaa Sabaa fiis ab-lammoota Impaayera Itiyoophiyaa jalatti dararamaa jiran maraaf Waamicha Hiriiraa

 

Beeksisa

Kabajamtoota lammiilee biyyaa, Sirna kabajaa Ayyaana ‘’Eid Al faxir’’ kanarrtti lammiileen biyyattii marti Sabaan, Gosaan, Amantiin, Kutaan, Naannoon osoo wal duuba hin hafin hiriira gamtaa jabaa Akka gootan hoogganni dhaaba ULFO dhaamsaisaa dabarsa. Lammiileen keenya biyya Ambaa jiraataniis deeggarsa ummata isaaniitiif qaban guutuu Addunyaarratti hiriiraan ibsuu qabu. Biyya keeysaa fii alatttiis dhaadannoolee kanaan gadii qabachuun mormii Mootummaa Wayyaaneratti qabdan mul’isuun barbaachisaadha.
1. Sirni abbaa irree EPRDF haadiigamu. !!
2. EPRDF farra guddinaa fii dimokraasiiti. !!
3. Gaafiin Ummata Islaamaa deebi’uun furtuu mirga Amantiilee hundaati. !!
4. Shoorarkeessituun wayyaaneedha. !!
5. lammiileen keenya gaafii mirgaatiif hidhaman haa hiikkaman. !!
6. Hanga kabajamuun mirgootaa fii Ol’aantummaan Seeraad hugoomutti Qabsoon ittifufa.!!
7. Biyyi keenya wayyaaneen alatti Shoorarkeessitummaarraa Walaba. !! kkf-
Dhagessissuun mormii keessan ibsuun gaafii belbeltuu yerooti. Gara biraatiin dhaabbiileen siyaasaa mirgaa fii haqa ummataa, Akkasuma walabummaa biyyaatiif qabsoo hidhannoo filataniis yeroo ummanni keenya harka duwwaa diinaan falmaa jiran kanatti yeroo kamuu caalaa cimanii diinarratti fuulleffachuun alatti, Mimmiluquu fii dahoo fagoo tolfatanii baqattoota waliin jiraachuun hafuu qaba. Eegaa kan bara kanaa baga ittiin nu gahe, Kan bara dhufuu oromiyaa walaboomteirratti waliin nu haa gahu jechuun ULFOnd haamsa isaa dabarsa.
Tokkummaan Human. !!
Oromiyaan Ni Walaboomti. !!
KHR ULFO/THBO
August, 6 – 2 013

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ollaa: Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association

IMPORTANT UPDATE: OLLAA is always seeking for opportunities to engage with Oromo communities around the …

One comment

  1. ULFOn nimooha!Dhugumaan Oromoon of wareersuu dhiisee osoo qalbii tokkoon ULFO duukaa hiriiree nimilkaa’a.Tokkummaa,Tokkummaa kan jedhan martuu amma eega ulfoon qabsoo hidhannoo calqabe maal eegu ree?NUTI GAMA KEENNAAN DARGAGGOOTNI OROMOO,kan WALBUMMAA OROMIYAA, jaallanu kunoo ULFO duukaa hiriirree jirra.Ammaa kaasee qeerroon michuu qabsoo kan dhaaba ULFOti.VIVA!Jabaadhu ULFO koo sobduun booda ufumaaf qaanfatti.Birmajii ayyaanaa Gimbiirraa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *