Oduu Haaraya

Ayyaana hiikkaa Ramadaanaa kan bara 2013 ilaalchiseeIbsa dhaaba ULFO irra kenname.

 

 

08/08/2013 021/8//2013
Eid Mubarak !

Dhaabni tokkummaa humnoota bilisummaa OromiyaaULFOn ummata islaamaa kan biyya Oromiyaa, muslimtoota Impaayara Itiyoophiyaa jalatti rakkachaa jiranii fii Islaamota guutuu addunyaa hundaaf akkasuma, kabajamoo hoogganootaa fii miseensota dhaaba ULFO, kabajamoo gooticha human waraana ULFO biyya oromiyaa keeysaa diinaan falmaa jiru maraaf kabajaa Ayyaanaa kanaan baga geeysan jechuun hoogganni dhaaba ULFOn dhaamsa ergaa gammachuu isiniif dabarsa. Akkuma beekkamu impaayarri Itiyoophiyaa erga jaaramee jalqabee roorroo fii hacuuccaan daangaa hin qabne raawatamaa ture ammaas raawwatamaa jira. Addatti ammoo gidiraan fokkisaan ummata islaamaa irratti raawwatamaa ture ammaas deemaa jira.
Duulli bal’aan banamee ture Eenyummaa saba oromoo dhabamsiisuu fii abbaa biyyummaa oromiyaa mulquu qofaan kan dhaabbate hin turre. Imaammata biyya tokkoo fii amantii takka jedhuun mirgi lammiilee keenya kan amantii Islaamaa hordofan gara malee sarbamee ture, Ammaas akkuma ittifufetti jira. Kuniis tooftaa mootummoonni habashaa warra dhihaarraa gargaarsaan argachuuf tolfate malee duula haawaasni kiristiyaanaa ummata islaamaa irrtti banan kan musl’isumiti.
Hujiin farrummaa kan mootummoonni abbaa irree ifiin jaaruuf hojjataa turan kun ammaas ummata islaamaairratti cimee itti fufaa jiraachuu isaa ULFOn cimsee balaaleyfata.
Falmaa mirga Ammantii ummanni Islaamaa guutuu biyyattii keeysatti finiinsaa jiru kun sirriidhaa fii haqaa waan taheef itti fufuu kan qabu tahuu dhaabni keenya ULFOn deeggarsa isaa mul’isa. Gara biraatiin falmaan mirga ummata islaamaatiin godhamaa jiru kun gaafii sirriitii fii deebii male argachuun mirga hordoftoota Amantiilee, waaqeffataa fii kiristiyaanaatiifiis furmaata gamtaati, Jechuun lammiileen keenya kan amantii waqeeffataa fii kiristiyaanaa hordofan deeggarsa qaban ibsaa jiran.
Kuniis hordoftoota amantii jiddutti rakkoon wal dadhabuu tokkoyyuu akka hin jirre ifatti mul’isaa jira. Haa tahuu malee mootummaan wayyaanee mirga amantii keessa galuun jeequmsa ifiif Uume gaafii ummata islaamaa shoorarkaa fakkeessuuf oliif gad wixxisaa jira. Yaalii hanga ammaatti godhaa ture keessattiis fashalee jira.

 
Diraamaa sobaa kan gara fuul duratti mirga amantii sarbuun doolaara siyaasaa argachuuf godhu hundarrtti akka fashaluus hujiin gamtaan hojjatamuu qaba. Mootummaan abbaa irree kun akka buqqa’uufiis dhaabbiileen mormitoota siyaasaatii fii hiriirota miga amantii jiddutti hariiroon wal hubannoo fii waliif tumsaa cimaan diriiruu qaba.
Kabajamtoota lammiilee biyyaa, sirna kabajaa Ayyaana ‘’Eid Al~ faxir’’ kanarrtti lammiileen biyyattii marti Sabaan, Gosaan, Amantiin, Kutaan, Naannoon osoo wal duuba hin hafin hiriira gamtaa jabaan akkagootan hooggannid haaba ULFO dhaamsa isaa dabarsa. Lammiileen keenya biyya ambaa jiraataniis deeggarsa ummata isaaniitiif qaban guutuu addunyaarratti hiriiraan ibsuu qabu.
Biyya keeysaa fii alatttiis dhaadannoolee kanaan gadii qabachuun mormii Mootummaa Wayyaaneratti qabdan mul’isuun barbaachisaadha.
1. Sirni abbaa irree EPRDF haa diigamu. !!
2. EPRDF farra guddinaa fii dimokraasiiti. !!
3. Gaafiin ummata Islaamaa deebi’uun furtuu mirga Amantii hundaati. !!
4. Shoorarkeeysituun wayyaaneedha. !!
5. lammiileen keenya gaafii mirgaatiif hidhaman haa hiikkaman. !!
6. Biyyi keenya wayyaaneen alatti Shoorarkeessitummaarraa Walaba. !!
7. Hanga kabajamuun mirgootaa fii Ol’aantummaan Seeraa dhugoomutti Qabsoon itti fufa.!! kkf-
Dhagessissuun mormii keeysan ibsuun gaafii belbeltuu yerooti. Gara biraatiin dhaabbiileen siyaasaa mirgaa fii haqa ummataa, Akkasuma walabummaa biyyaatiif qabsoo hidhannoo filataniis yeroo ummanni keenya harka duwwaa diinaan falmaa jiran kanatti yeroo kamuu caalaa cimanii diinarratti fuulleffachuun alatti mimmiluquu fii dahoo fagoo tolfatanii baqattoota waliin jiraachuun hafuu qaba. Eegaa kan bara kanaa baga ittiin nu gahe kan bara dhufuu Oromiyaa walaboomteirratti waliin nu haa gahu jechuun ULFOn dhaamsa isaa dabarsa.

Tokkummaan Human. !!
Oromiyaan Ni Walaboomti. !!

KHR ULFO / THBO
August, 8 – 2013

 

 

 

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …