Oduu Haaraya

Jechi ‘Mootummaa’ jedhu eenyummaa keenya ni ibsaa?

Jecha ‘mootummaa’ jedhu yeroo duraaf Afaan Oromoo keessatti eenyu hojii irra akka oolche hin beeku. Garuu jechi kun hiikkata (term) afaan ollaa irraa gara keenyatti suduudaan akka hiikame ifaa dha. Innis odoo gahaatti hin qoratamin har’a babal’atee arrabnis kan nu barate taheera. Fakkeenya kaafnee haa laallu. Afaan Habashootaa (Geiz fi kan isa irraa dhalatan Amaarignaa fi Tigrigna) keessatti jecha መንግስት/መንግስቲ jedhamu ni beeyna. Kunis jecha ንጉስ jedhu irraa dhalate. Habashoota biratti maqoonni namaa jecha kana irraa wal horanis baay’ee dha. ንጉሱ፣ ንጉሤ፣ ነጋሲ፣ ነጋሽ፣ ነገሰ፣ ንግስት፣ ንግስቲ፣ ኣንገሶም፣ ኣንገሰት፣ መንግስቱ፣ መንግስቴ፣ መንገሻ faa.  Aadaan (ዘውድ/gonfoo/monarchy) kun kan ganamaa qabanii ittiin wal bulchan waan taheef maqaalee olitti kaafaman qofa osoo hin taane jechoonni maqaa ንጉስ jedhu irraa dhalatanis hedduu dha. Kunis: መንገስ፣ መናገሻ፣ ንግስ፣ ንግስና፣ ኣንጋሽ፣ መንግስት faa.

Gara afaan keenyaatti haa dachaanu. Jecha ንጉስ jedhu afaan keenyaan ‘mootii’ jechuun beekna. Kunis ‘kan warra kaan hunda moohatee irratti moohe’ jechuu garsiisa. Garuu jechootaa fi maqoota jecha kana irraa wal horan baay’ee hin agarru. Jechi ‘mootii’ jedhu jecha afaan keenyaa qulqulluu tahuyyuu, jechoota baay’ee kan isa irraa wal horan akka jecha afaanota Habashaatti hin agarru. Yoo baay’ate ‘mootomaa’ fi ‘mootummaa’ qofa beekna. Maqaa namaas yoo tahe Mootii fi Mootummaa bira dabree kan biraa an dhagahee hin beeku. Maqoonnii fi jechoonni waan kanaan wal hidhatan afaan keenya keessatti wanni xiqqaataniif sababa qaba. Kunis seenaa siyaasaa Oromoo isa ganamaa keessatti sirni akkasii waan beekamu hin turre. Sirni ‘mootomaa’ (ንጉሣዊ ስርኣት) seenaa siyaasaa Oromoo keessatti kan mul’achuu eegale waggoota 400 boodanaa keessa eega sirni Gadaa Oromoo bakkoota gariitti lalaaffatee sirna bulchiinsa ala irraa nutti seene kanaan dhaalamuu eegalee booda. Akkasuu tahee bakkootuma sirni Gadaa laaffatee sirna mootomaatiin bakka bu’ettuu taanaan jechoonni maqaamootii’ jedhu irraa wal horan baay’een hin mul’anne.

Faranjoonni gariin illee seenaa isaanii keessatti sirna mootomaan buluudhaa (kingdom) jedhamu waggoota kumootaaf qabaataniyyuu, bulchiinsa siyaasaa baranee ittiin wal bulchan garuu ‘kingdom’ osoo hin taane ‘government’ jedhanii yaamu. Fakkeenyaaf Ingliziin maqaadhaan dur irraa qabee hanga har’aatti ‘Kingdom’ (Mootoma) yoo taatu mootomoota isii afran (England, Wales, Scotland fi Northern Ireland) walitti qabattee Mootoma Tokkoome (United Kingdom) jettee of waamti. Haa tahu malee sirna bulchiinsa baranee ‘government’ kan sirna paarlaamaatiin bulu dagaagfattee addunyaa irratti bara dheeraaf beekamti. Biyyoonni Awrooppaa biroon seenaa bara dheeraa qabaachuun beekaman akka Ixaaliyaa, Faransaa, Jarman fi kan biroo hedduun illee akkasuma.

Warri Habashaa garuu maquma sirna aadaa siyaasaa isaanii ganamaa tahe መንግስት/kingdom irratti cichanii hafan. Har’a sirni nugusummaa Itoophiyaa keessatti eega du’ee waggaa 40 caaleera. Garuu maqaan sirna bulchiinsaa afaan jaraa keessatti har’ayyuu isuma duubatti hafaa gaafa sirna nugusummaa ture (መንግስት) dha. Kan nama raajummoo, nutuu waan eenyummaa keenya ganamaa keessatti hin beekamne kan sirna bulchiinsa nugusummaa irraa dhalate jara irraa hiikkannee ‘mootummaa’ jedhaa har’a gahuu keenya. Sanuu sirna siyaasaa kan jaraa caalaa qaroomaa tahe, kan copha dhiigaa tokkoon maleetti walqixxummaan ummata bulchu waggoota kumootaaf warra shaakalaa dhufe taanee osoo jirruu.

Kanaaf jecha har’a sirna siyaasaa baranee isa faranjoonni ‘government’ jedhaniin san gara afaan keenyaatitti yeroo hiikkannu hanga ammaatti waan dogoggorre natti fakkaata. Aadaa sirna siyaasaa ollaa keenyaa tahe መንግስት irraa gara ‘mootummaa’tti jijjiirree hanga ammaa babal’ifnee fayyadamuun keenya eenyummaa sirna siyaasaa keenya isa ganamaa waliin hin deemu. Sirni siyaasaa keenya inni ganamaa ‘Gadaa’ dha malee ‘mootummaa/mootoma’ (መንግስት/ንግስ/kingdom) miti. Kanaafuu jechi har’a arrabni nu baree ‘mootummaa’ jechuun waamnu kun gara jecha eenyummaa keenya isa ganamaa ibsu tokkotti fooyya’uu qaba jedheen yaada. Fakkeenyaaf: Gadaa, Gadooma, Gadoomsa, Gadeessa, Gadaanbiyya, Gadaalessa, Gadmaya, Gadmaata, Gadaanbulchii, Gadaanbulmaata, yookiis jecha kanatti firoomu biraa tokkotti odoo sirraawee yaada jedhun kaasa.

Kunis sirna bulchiinsa alagaan har’a nurratti diriirse jalatti odoo hin taane sirna ofiin of bulchuudhaa kan boru mataa keenyatti diriirfannu keessatti taha jedheen hawwa. Sirni bulchiinsaa alagaa har’aa ‘mootummaa’ jedhamuuf haqa qaba. Maqichis waan keenya hin ibsu waan taheef. Kan ofii keenyaaf boru diriirfannu irratti garuu ammuma irraa itti yaaduun barbaachisaa dha jechuu kiyya. Kana irratti hayyoonni afaanii, seenaa fi siyaasaa Oromoo qorannoo dabalataa geggeessu jedheen abdadha.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …