Oduu Haaraya

Xalayaa Obboo Lammaa Magarissaa Afiyyaa’ii Caffee Oromiafi

By Jawar Mahammed:

Haasaya isin uummata Burraayyuu waliin gootan dhaggeeffannee jirra. Hunda dura nama akka keessan onneerraa dubbatee garaa saba isaa jiisu mooraa gamasii keessatti arguunuu waan guddaadha, ammas ija hamaa sirraa ha qabu jenna. Itti aansuun dhimmoota lama isin kaaftanirratti yaada kennuun barbaada.Dhimma Maastar Pilaanii Finfinnee ilaalchise ‘ummanni Oromoo yoo hin barbaanne hojirra hin oolu’ jettan. Bar wanni ‘yoo’ jedhan hin jiru. Ummanni ifaan ifatti akka mormu irra deddeebi’ee ibseera. Waggoota lama dura ilmaan Oromoo 78 lubbuu isaanitiin, dhibbatamni dhiiga isaaniitiin, kumaatamni ammoo walabummaa isaa mana hidhaatti dhabuun mamii tokko malee mormuun ejjannoo isaanii isiniif ibsanii jiran. Dabalataanis hayyoonni Oromoo addunyaa guutuurraa miidhaa Maastar Pilaanii kanaa qorannoo bifa hedduutiin mirkaneessanii jiran. Akkasumas miseensonni keessanuu waltajjii garaagaraa irratti ifatti Maastar Pilaanii kana mormanii jiran. Kanaafuu ‘yoo’ wanni jedhamu wanti hafe hin jiru. Isiniif Caffeen Oromiyaa isin hooggantan dhuguma yoo uummataaf dhaabbate ifatti as bahee Maastar Pilaanii kana dhaabaa!

Dhimma labsii magaalota Oromiyaa ilaalchisee ‘dogoggorri yoo jiraate nutu seera baase, jijjiiruufis aangoo guutuu qabna’ jettanii jirtan. Rakkoo labsichi qabu bifa armaan gadiitti tarreessuun akka jijjiirtan isin gaafanna.

1)Labsiin kun mirga addaa jiraattota magaalaatiif kennuun dantaa sabni Oromoo magaalota Oromiyaa irraa gara fuulduraatti argachuu malu dhorkuun, kan seenaadhaan hir’atee jiru daran akka hammaatu godha. Akkuma beekamu dhiibbaa sirnoota durii irraan kan ka’e uummata magaalota gurguddoofi giddu-gala ta’an keessa Oromoon lakkoofsaan xiqqaadha. Afaaniifi aadaan Oromoos dhiibbaa walfakkaatu jala gala jechuudha. Labsiin fooyya’ee bahe kun immoo imaaammanni misooma magaalaa cufti fedhiifi dantaa jiraattota magaalaatin ta’a jedha. Kana jechuun labsiin kun magaalonni Oromiyaa imaammata Oromoo osoo hin taane harka caalu qubattoota bakka biroo dhufan akka fayyadutti kaayame. Kun ammoo imaammanni farra Oromoo ta’e yeroo wayii akka baafamuufi Oromoon akkuma dur daran magaalarraa akka dhiibamu (push factor) karaa bana. Magaalonni Oromiyaa keessa jiran dantaa hawaasummaafi diinagdee Oromoo eegsisuun guddachuu qabu. Kanaaf ammoo mirgi addaa jiraattota magaalaatiif labsii kanaan kenname fuulduree Oromoof balaa guddaadha hanga Oromoon magaalota Oromiyaa keessatti gama hundaan caalmaan argamutti. Magaalonni akka qaama

Oromiyaatti Oromiyaa waliin guddachuu qabu. Kanaaf akkuma amma duraa bulchiinsi magaalaa bulchiinsa godinaa jala galee imaammanni misooma magaala kan gandoota baadiyyaa naannoo sanittin walitti hidhatee deemuu qaba. Kana jechuun imaammata magaala irratti kan murteessuu qabu jiraattota magaalaa qofa osoo hin taane jiraattota godina magaalaan sun keessa jirtuu cufa ta’uu qaba. Imaammanni mootummaa yeroo dheeraaf qabamuu qabu, Oromoo deebisanii magaalota Oromiyaa keessatti ijaaruu ta’uu qaba.

2)Isin akka jettanitti magaalonni walitti makaman kanneen Oromiyaa keessaa qofa. Kun garuu labsii kanarratti ifaa miti. Magaalota ollaa jedha malee kan Oromiyaa jedhee ifatti lafa hin kaayu. Fakkeenyaaf Shaashamanneefi Hawaasaan, Awwadaayifi Harar ‘fedhii jiraattota isaaniitin’ walitti makamna yoo jedhan, labsiin kun ni aanjessa malee hin ugguru. Keessattuu magaalonni daangaa irra jiran balaa hamaa jala galu. Dabalataanis yaannummaan magaalan lama yoo babal’ate walitti makamuu qaba jedhu kun falaasama jallaa misoomaa magaalaatin wal hin qabanneedha. Magaalaan lama babal’atanii yoo walitti seenanis, bulchiinsi isaanii tokkotti deebi’uu barbaachisummaa hin qabu. Biyyoota hedduu keessatti magaalonni waliin ollaa baay’een guddatanii walkeessa waan seenaniif daangaa uumamaatuu hin qaban; garuu daangaa bulchiinsaa (administrative boundary) fi bulchiinsa mataa isaanii qabatanii turu.

3)Maqaa magaalotaa jijjiiruu ilaalchisee, dhugaadha sirnoonni durii magaalotaaf maqaa alagaa kennan. Galanni qabsoo Oromootiif haa ta’u magaalonni sun amma maqaa Oromootti deebi’anii jiru. Magaalan hanga ammaa maqaa alagaa baattee jirtu Finfinnee qofa. Maarree yaadni maqaa magaalaalee jijjiiruu kun labsii kana keessatti haammatamuu maaltu barbaachise? Maqaan magaalaa seenaadha.

4)Caaseffamni magaalaalee labsii fooyya’e kana keessatti kaayames rakkoo qaba. Magaalota sadarkaa regiopolis kennameef aangoo godinaa jalaa baasuun shira wayii akka qabu shakkaa turre. Shakkiin keenya sun amma mirkanaa’ee jira. Ibsii kaleessa Mootummaan Federaalaa baase qaamni haaran “Federal Land Development Corporation” jedhamu dhaabbatuuf akka deemuufi hojiin qaama kanaatis magaalota sadarkaa metropolis fi regiopolis qaban keessatti karoora misooma lafa magaalaa raawwachiisuu akka ta’e ifa godhee jira. Kana jechuun lafaafi imaammanni magaalota Oromiyaa sadarkaa regiopolis kennameef suduudaan qaama Mootummaa Federalaa kanaan buluuf deema jechuudha. Labsimmaan Caffeen baaseyyuu karoora “Federal Land Development Corporation” kana dhaabanii magaalota Oromiyaa of jalatti galchuuf qabaniif karaa

banuuf ta’u amma shakkiin hin jiru. Kun ammoo heera mootummaa Itoophiyaatifi kan Oromiyaatis unkuteessani, federaalizimii diiganii akka duritti sirna jiddu-galeessaa (centralized form of government) dhaabuun adda hin ta’u. Mootummaan Naannoo Oromiyaa kan isin hooggantan lafa magaalaa keessaa geggeeffamaa jira; Oromoofi Oromummaafis balaa guddaadha.

Kanaafuu yoo dhuguma akka jettan gorsa namaa dhagahuu qabdu yoo ta’e, dogoggora labsii fooyya’e kanaa sirreessuuf aangoo qabaattan, labsiin kun mirgaafi dantaa Oromoofi Oromiyaa dabarsee waan laatuuf akka fooyyessitan isin gaafanna. Akkaataa itti fooya’uu qaburratti gorsaafi tumsa ogeeyyota seenaa, seeraafi teeknikaa yoo barbaaddan, ilmaan Oromoo dhibbaatama biyya keessaafi alaa akka isiniif dirmatan shakkii hin qabaatiinaa!

Ulfina Wajjiin Obboleessa kee Jawar Mohammed [Mallattoo]

GG

Kab. Muktaar Kadiir Pirazidantii Oromiyaatiif

Kab. Abbaa Duulaa Gammaa,Afa-Yaa’ii Manamarii Itoophiyaatiif

Dhaabbata Dimokraasummaa Ummata Oromootif

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …