Oduu Haaraya

DHIIGA BARATTOOTAA

 

Bilisaan dhalatanii bilisummaa dhabuuu
Dhugaan falmatanii haqa ofii dabuu

Lafa abbaa ofiirratti duguuginsa sanyii
Nagaan ofii badee baay’ate hammeenyi

Galtuun kaabaa seentee yoo nyaattu hayyoota
Karaa deemtuuf galtuun kajeeltuun sarootaa

Tarsiimoo jallinaa hammeenya baafattee
Lubbuu qulqullootaa danuu galafattee

Warreen aangoo hinqabnes maxxanneen Wayyaanee
Hojiitti jijjiiruuf waadaa seente malee tasumaa hinfalmanne

Kunoo bu’aansaanii nama keenya fixee
Oladeemoo keenya xobbee karaatti citee

Dhiigni dhangala’ee lubbuun baate hingaltuu
Dhugaadhaaf falmatee dhumeem barataatuu

Seenaa Minilkii ka’ee nurra ture dhumaatii uummataa
Jaarraa tokko fixee keessa seennee jirra kan jaarraa lammataa

Mootiin jijjiiramus uummanni Oromoo boqonnaa hinarganne
Saba dhugaaf falmu qarreef qeerroo heddu miliyoonan dhabne

Qarxam godhee cabsee yoo dhiigasaa xuuxu bofni lagaa bahe
Kumaatamni dhumus kumni hidhaa seenus yoom garaansaa nahe?

Waaqni gumaa baasu nuuf hafalmu malee salphannee obbolootaa
Seenaa isaanii margee lafee saanii iyya gumaansaanis ba’a dhiiga barattootaa
*****///****///****///***
Hubachiisa!.

Tarsiimoo Wayyaaneen baafattee ittiin saba ficcisiisaa jirtu kanaaf itti gaafatamtoonni:
1. Qaama ani Oromoofan dhaabadhe, Oromoofan falmaa jira jedhee ammo ergama diinaa hojiirra oolchuuf jecha dhaloota kakaase mara….
2. Ooggantoota Yunivarsiitiifi manneen barnootaa Oromiyaa keessaa dabarsanii dhaloota kana mallatteessanii diinaaf kennan hundumaa…
3. Jaarmiyaalee maqaa Oromoon iddoo hedduutti qoodamanii qabsoo Oromoo dhugaan finiinsuurra dantaa dhuunfaaf jecha bara bilisummaa Oromoo lafarra gotochiisan hundumaa…
4. Oromoo wallaalchifamaa faayidaa xixiqqoo wayyaaneen dura qabdeef gowwoomfamuun foon obboleessasaafi obboleettiisaa sarootatti dabarsee kenne hundaaa…
5. Karaa adeemtuu Tigireefi abashoota gara jabeeyyii lafa Oromoorratti coomteefi kkf

Fala ta’uu qabu:
1. Uummanni Oromoo Oromummaafi Sabboonummaa qabu; dhugaatti Oromootti dhalate hundi garaagarummaa ilaalchaa, lagaafi amantiirraa walaba ta’ee walfaana dhaabachuu,
2. Ooggansi cimaan tokko kan human ka’e kana caasaa jabaan ijaaree hiriirsu dhaabbachuu,
3. Miidiyaaleen Oromoo Oromoof hojjetan marti akkuma itti jiramu kanatti walirratti hojjechuurra waliin ta’ee galma tokkoof hojjechuu…..
4. FDG jalqabee dhaabatu kun waan eela cimaa keessa nugalchaa jiruuf hundumaa kan ofitti dabalate (barattoota qofa ta’uu hinqabu) kakaasuun kaayyoo dhumaaf hojjechuu,
5. Oromummaa kanqabuufi meeshaa ammayyaa kan of harkaa qabu marti (poolisoota Oromiyaa dbalatee….) ergaan takkaa diina lafa Oromoofi biqiloota Oromomoo lafarraa fixaa jiru kanatti galagalee dhabamsiisuu…
6. Hamma gaafa gaaffiin Oromoo deebi’uutti guutummaatti kutaa 1-barataa PhD ti barnootaafi hojii mootummaa dhaabuun finciluun tigiree ofirraa geggeessuu….
7. Qabsoo ollaa ofiifi mana ofii keessaa jalqabuufi kkf dha….
Yaa Oromoo sirni nama nyaataa Wayyaanee lakk. Miliyoona 5 hincaalle lafaafi biyya keenyarra dhufee milyoona 50 ol yoo daguugu salphinni kana caalee maaltu jira? …Hundumtuu gama danda’een gumaa barattoota keenyaa baasuufi haqa nujalaa bade deeffachuuf walfaana haakaanu!!….Waaqni Oromoo gumaa dhiiga barattoota kanaaf haafalmu!!

Beekan Gulummaa Irranaa, 2015. Yaadannoo dhumaatii barattoota keenyaa!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …