Oduu Haaraya

Kabeebsaa fi Sosobaan OPDO Umurii diinaa dheerressu Oromoo biratti bakka hinqabu.

(Yonaataan Dhibbisaa)

Ummatin Oromoo ergaa garbummaa jalatti humnaan galee har’a waggooti 130 ol lakkobiseesara. Ummatni Oromoo ija garboonfatootaa kan haawwate fi akka itti duulaani of jalatti galchan kan godhan keessaa gurggudoon dhimmoota lamadha. Sunis:

  1. Lafa/Dachee lalisaa qabachuu/ Fertile Land
  2. Humna  Nama/  Human Resource

Falmiin har’a Oromoon qe’ee isaa irratti garee saba biccuu Tigiree irratti godha jirus itti fuufinsa gaafa diinootin lafa isaa irraa fudhachuu fi humna namaa isaa ammoo garbummaaf olfachuuf tocho’aani irraa ka’ee amma har’aattu gudumfaan itti hingodhamin jirurraa kan madduudha.

Ilmaan Oromoo Abbichuu, Gulallee, Galaan, Calanqoo, Annoolle  Walloo fi kunnen biroon yeroo sanatti lubbuu isaani qaqaaalli laachuun diina meshaa hamaayyaa hidhatee itti duulee duraa dhabaachuun darbaan dhaala  har’aa baratootin Oromoo itti jiraani akka ta’ee ifaadha. Har’aa aarsaan dami’imman Oromoo dachaan laachaa jiraan dhaamsa abaabilee, akakilee , Abbooti, Ayyooti fi kunnen falmii irratti darbani akka ta’e shakkin hinjiru. Utubaan warraaqsa ummata Oromoo har’aa kun aarsaa lubbuu fi lafee abaabiloonni fi akakilooni keennanii darban waan ta’eef madda seenaa irraa ka’a. Imaanaa isaani fi adaraan isaani sirni garboonfataa kun dhaloota dhufuun ni dhabama, yeroon keenya ni dhufa jedhan sanatu har’a gootota milliyonaan marfamee Oromiyaa mara keessatti diina raasaa jira.

Har’aa Umaatni Oromoo baayyinisaa miliyyoona 40 olidha. Ummatni Oromoo Ityoophiyaan alaattis biyyoota kana akka Keeniyaa, Somaaliyaa, Jibuutti keessattis  baayyinaan argama. Biyyattif dugugguruu dinagdee ishee ta’ee kan qabee jirus humna nama ummata Oromoo guddaa kanaf fi qabeenyaa isaa gudda akka ta’ee ragaa baayyee tarreessuu hin barbachiisu. Bunni har’aa sharfaa alaa guddaa ittin diinni argatuuf addunyaatti maqaan biyyaati itti beekamtus 70% nanno Oromiyaa irraa madda. Kana duwwaa miti Oromiyaan bakka bunni jalqaba itti argamee waan ta’eef biyyaattins maqaa kanan akka beekamtu kan godhedha. Omishoonni qonnaa fi daldalaa biroo fi albuudonni adda addaas baayínaan Oromiyaa keessaa hammaaramu.  

Bittootni  turan humna Ummata Oromoo fi qabeenyaa isaa  kanaatti  dhimma ba’uudhaan ture kan diina alaa biyyatti irraa facisuu danda’an. Hra’as yoo bakka hundaatti ilaalle humni namaa ummata Oromoo gara gaditti (at low level) bakka olaana qabatee tatajjaltuu godhaatanii itti fayyadamaa jiru. Hra’a humna waraanaa biyyatti keessatti 50% ta’ee ba’aa guddaa fi bakka lolaa irratti kan dhumaatif ofaamu ilmaan Oromoo bal’aa kanadha. Ummatni Oromoo akkumaa baayyinna isaatti biyyaattii humna namattiins utubaa sibiilaa ta’ee kan qabee jiruudha. Generaaloota biyyaatti keessatti har’a jiraan 250 ol ta’an keessaa Oromoon nama 8 duwwaa qaba, Amarris ammasuma. Ga’een saba fi sablammoota biroos 10 duwwaadha.

Isaan kunuu bakka amanamaa irratti hin ramadaman. Generaloota waraanaa keessaa 96%, hojjetoota teelee keessaa 85%, Ministeera Dhimma Alaa keessaati 98%, Gumuruk keessaatti85%, Dandii Qilleensaa Itoophiyaa keessaati 85%, Daladaltoota gurguddoo biyyattii keessaa 85%,  Tika keessatti 90% akkasumas, magalaa finfinnee keessatti gamoo gurguddo kan qaban tigiroota.  Gareen sabaa biccuu Tigiree keessa ba’ee kun garmalee quufee biyyattii irratti sirna kolonii gurraachaa diriirsee argama.

Maqaa federalismiitiin ummatin Oromoo biyyaatti keessaatti garbummaa dugdaa cabsaa fi enyummaa isaa balleessu jalatti kufee waggooti 24 lakkayyera. Hara’a biyyaatti keessatti Heerri walqixxummaa ummatoota biyyatti tiksuu jira jedhame dhadatamee ilee gonkummaa Heeraa fedha garee yaartu/ Minority interest/ eguunf ummata bal’aa  ukkamsee qabu ta’ee arginna. Biyyati keessatti manni marii ummatooni hunduu keessatti hirmaatu jedhamu ijaaramee waggoota 24 darbaani kana keessatti fedha garee Tigiray/ Waayyanne/ duwwaa tikksu irratti argama.  Mana marii biyyatti keessatti barcumaa 447 kan gareen EPRDF to;aatutu jira. Ummata Oromoo bakka bu’uumaa ergamaa /Surrogate Messenger/ta’ee kan jiru OPDOn kana keessaa  barcumaa 177 qaba, Garuu humni Tigiree bakka bu’ee  barcumaa 37 duwwaa qaba, Amaraa bakka bu’ee kan jiru ANDM barcumaa 138 kan ummatoota kibba bakka bu’ee ammo barcumaa 120 qaba.

Egaa silaa utuu sirnni Dimokraasii dhugaa jiraate OPDOn bakka bu’aa ummata Oromoo dhugaa ta’ee Mummicha Ministera fudhatee sirna siyaasa biyyaatti keessatti ga’een ummata Oromoo dhugaatti mul’aachu danda’a ture. Egaa haqaa kana irraa kaanee yeroo ilaallu  humni abbaa irree Wayyaanne Tigiray  gama Siyaasaa, Dinagdee fi Hawwasumaattin bakka furtuu fi humna isaan Ol karaa ta’een waan hundaa to’atee olaantummaa isaa agarsiisuuf hin rakkane. Sababiinsas humnoota ummattoota biyyaatti gurggudoo bakka bu’aan OPDO dabalatee kan Amaraa bakka bu’uu fi kan Ummata Kibbaa bakka bu’uu ofii isaatti umee fedhasaa akka guutaanif ummatoota isaani irratti boobaaseeitti  roorriisaa fi bokkisaa jiraachuu irraa ti.

Har’aa Oromiyaa keessatti Sammichi lafa daangaa hinqabne kan raawwaatama jiru ergamatuu OPDOtin. Har’a Ummani Oromoo lafa isaa irraa garee kanaan buqa’ee maqaa investimentitin dhumaa jira. Kan biraa dhisnne  Ummatin Oromoo Finfinnee marsee jiru waggooti darbaan 10 asitti lafa isaa irraa  buqa’ee karaa irratti darbatamee abbaa warraa 300.000 ol yeroo ta’uu maatii waliin yeroo ilaalamu gara Miliyoona 2 ol ta’aa. Har’aa gareen wayyaanne Ummata Oromoo bakka handhuurrii isaa itti owwalamtee kana irraa buqisee gamoo kan itti ijaaraatee ilmaan Tigiree garee wayyaanne waliin fayyidaan walitti hidhatanidha. Ilmaan Oromoo buqa’uun  Adaa Seenaa fi dudhaa walumaa gala Enyuummaa Ummata Oromoo balleessuu cinaatti iyyuu maqaa Master Pilaanii Finfinnee Guddisuu jedhun daba seenaan dhifama hin goone armaan gadii raawwachuuf karoorfamee hojjetama akka jiru hubachuu barbachisaa.

  1. Oromiyaa bakka lamatti Qooduun Ummatni Oromoo akka saba tokkootti akka hindhabanne gochuun lixaa fi ba’aatti kuutuu

2.Ummata Oromoo Handhuuraa isaa kan taatte Finfinnee irratti akka gaaffii abbummaa hinkaasne gochuun Aadaa, seenaa fi enyummaan Ummata Oromoo gonkumaa akka baduu gochuu.

3.Handhuuraa Oromoo bakka taate Finfinnee keessatti ganda Tigrootaa addaa (Special Village for the Tigirayans) ijaaruun Olantummaa sanyummaa irratti hunda’e jabeessuu.

Egaa dhimma Master Pilaan Finfinnee giddugaleessa godhatee magaloota Oromiya raadiyyesi kilometra 100 keessa jiraan  hundaa liqimsuun Oromiyaa ballessuuf karoorfame kana irratti ilamaan Oromoo haqa kana hubataani falmii ergaa egaalani bubulaaniru. Garuu falmiin kun babal’aatee bifaa qinda’ee fi Oromoo maraa hamaateen kan egalee bara 2014 keessa. Falmii ilamaan Oromoo kanaan Amboo irratti baratoonni fi qotee bultooni 70 ol humna waraanaa Agaazittin itti dhuman, kuma heddutti kan lakkayaman itti madaayan, hidhaman. Akka diinni fi ergamtuunsaa OPDOn yaadanitti gochaa suukaneessa kanaan sochiin haqaa ilmaan Oromoo biraa ka’ee kun ni dhabaata abjuu jedhuutu ture. Garuu sochiin kun qabsoo ummani Oromoo diina isaa irratti godhu gara boqonnaa haaraatti cesiise malee akka diinni hawwe ta’uu hin dandeenye.

Gareen saba biccuu kun humna qabu hundaa fayyadamee ilmaan Oromoo fixuuf murteefatee tocho’aa jiraachuu isaa irra iyyuu, har’a ganda Oromoo hundaa keessatti Agaazii fi Polisii Federalaa boobaasuun ukkamsuu yaalulee waraaqsii  Ummata Oromoo gonkumaa cimu malee akka diini yaade ta’uu hindandeenye. Ogganoontooni OPDO keessatu Presidentiin nanno Oromiyaa Muktar Kadir Humna Agaazii ilmaan Oromoo fixeef galata yeroo galchu Imaan Oromoo dhuman yakkamtoota godhee jeeqtota taasisee dhiyyeessuu caalaa qaanfachiisaan hin turre. Kunis warraaqsich jabaata dhufuun Mooraa ergamtoota keessatis walqodins akka uumamuuf gumaache. Warraaqsi kun masaaraa isaani jalaa bokkisuu  waan egalee fi sodaan marfamani ummaticha araraarfachuuf jecha ‘master pilaanicha dhaabneerra’ jedhanii labsani.

Galanni fi ulfinni irree ilmaan Oromoo fi warqsaa Ummata Oromoo kan yoomu hin dachaanef  haata’u malee, hra’a Oromoon bakka hundaatti mataa olqbatee akka falamtuu fi dhimmi Oromoo gurra addunyaa akka hawwatu fi dhageetti  akka argatu ta’eera. Garuu ammas jabbinni keenyaa daraan Tokkummaa keenya kan gaaffatuu fi dhaabbilee Oromoo fafaca’aani jiraan akka garaagarumaa isaani cinaatti dhisaani Oromiyaa fi Ummata Oromoo duguggaa sanyii diini itti agamee jirurraa bararaan hubachiisuun barbachiisaadha. Yeronsaas amma akka ta’ee fi wammich ummata Oromoo hundaa biraa dhiyaatus ifaatti gaaffi sirrii waan ta’eef deebii kennuufif  owwaachun dirqama akka ta’ee hubatamu qaba.

Egaa gara yaada koon ka’eef itti deebi’uun yeroo amma mootummaan wayyanne mala rakkoo kana keessa ittin ba’uu qabatee as ba’eera. Malli isaa kun fala yeroon itti darbeefi dagaachisa akka ta’ee utuu isaan labsuu hin egaaliin Oromoon hundi deebii itti keneera. Ammas mala haaraa ittin Oromoo balleessan qabatani gad ba’uun isaani waan hin oolle tahuus, ummata muratee qabsoof gadi bahe of duuba hin deebisu. Kanafis jala murree fedhii keenya diinni fi ergamtoonni isaa akka hubatani, kana booda kabeebsaa kaamiinuu Oromoon akka hin gowwoomfamne akka kana gaadiitti ibsina.

  1. Galiin gaaffii Ummata Oromoo gaaffii master pilaani miti. Master pilaaniin kan itti aariin ummata Oromoo itti dhohee malee galmi keenya kan gannama itti abaabiloonni keenya itti darbaani nu dhaalchisan mirga  abbaa biyyummaa keenya gonfachuudha..
  2. Qabsoon Ummata Oromoo sadarkaa Waraaqsaa irraa ga’eera. Mootummaan kunnis   Umurii isaa fixaatee bututee waan jiruuf aarsaa fedhee gaafatu kana karaa iraa maqsuun dirqama taheera. Oromoon ga’ee isaa tabachuuf yeroo itti seenaan isa irraa eguu irra waan jiruuf soosoobaan yookiin kabeebsaan gonkumaa akka bakka hin qabne garee saba bicuutif  ergamtoon isaa akka hubatan dhaamna.
  3. Ga’een qabsoo bilisummaa Oromoo ummatoota biroo biyyaatti keessatti sirnaa garee bicuu kanaan gidiiraa argaa jiraanif abdiidha. Waraaqsii ummata Oromoo kun ummata cunqurfamtoota biroos gidiiraa bara dheeraa kana keessaa baasuuf dirqama olanaa qaba. Kanaf Oromoon waraqsicha hogganuun ummatoota cunqurfamtoota biroo of cinaa hiriirisee ga’ee ummata Oromoo qabatamatti addunyaatti agarsiisuu, harcaatooni diina deebi’aani akka mataa ol hinqabanne gochuuf hojjachu qaba.
  4. Kana cinaatti, ummatni Oromoo fi Oromiyaan ganfaa Afrikaa keessatti bakka gudda qabatu. Kanafis dirqamni Ummata Oromoo fi Oromiyaa mirgi fi enyummaan Oromoota biyyoota ollaa keessa jiraniis akka egaamuuf ga’ee Olanaan waan nurra jiruuf, roorroon fi tasgabbii dhabuun naannoo kanatti akka hundee hin qabane gochuun dirqama keenya ta’uu hubachifna.

Kanaafu Waraaqsii keenyaa Kan inni galma ga’uu fi xumuramu roorroo waggoota 130 olifi nurra ture garee sabaa biccuu kana waliin owwaluudhan ta’a jennee ilaalla. Kana galiin ga’uun gaanfa Afrikaa keessatti ga’ee fi bakki ummatni Oromoon qabu akka hundee qabeessa godhatuuf tasgabbii naannoo kanaf dirqama keenya ba’uuf hojjechuun ummatooni biyyattis ta’ee ollaan keenya hundi akka abdii nurraa qabaatan gochuun, ga’ee isaan irraa egamus akka bahan hogganuun dirqama keenya ta’a. Dhuma irratti OPDOf dhaamsa tokkon qaba. Seenaan gaaffii murteessituu isinii dhiheessitee jirti. Yoo yeroo kanatti sirnaan dhimma baatanii bitamtummaa irraa of bilisoomsuu baattan seenaanis ta’ee seeraan akka gaafatama jalaa hin baane isin hubachiifna. Kanafuu galmee guraacha hoggannoota OPDO keessa of baasuun tooraa waraaqsaa ummata keessani cina dhaabbadhaa  seenaa haaraaf of qopheessaa.

 Injifannoon Kan Ummata Oromooti!

Wabbiin keenya tokkummaa keenya!

Amajii 2016       

Yonaataan Dhibbisaa

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *