Oduu Haaraya

Keemikaalli duuch-balleessaa waraanaa dhoksaan gara Tigraay galuun himame

Keemikaalli duuch-balleessa (Bilogical Weapon)kun, laaboraatoorii kolleejjii raayyaa ittiisa biyyaa magaala Bifshootuu keessatti dhokfamee ture, dhiheenya kana dhoksaan gara Tigraay akka geeffame toorri interneetii kun maddeen amanamoo wabeefachuudhan gabaasee jira.

Keemikaalaa sanyii namaafi sa’aa duuchaan balleessu kana, biyyoonni adda addaa waraana addunyaa tokkoffaafi lammaffaa keessa akka meeshaa waraanatti fayyadamuu isaaniirraa kan ka’een, balaa suukkaneessaa addunyaa yaachisu waan fideef, biyyi kamiiyyu sana booda keemikaala suumma’aa kana akka hin fayyadamne mootumoonni gamtooman dhoowwuu qofaa osoo hin taane nama laganii jiran.

Toorri interneetii kun akka saaxiletti, keemikaala suummaawaa namaafi sa’a fixee naannoo hin dhiisne kana, Jeneraalota ‘Hiwohati’n kan bulu ministeerri raayyaa ittisa biyyaa, dhoksaan biyya keessatti galchee ture. Haa ta’uuti, maaliif akka galche, eenyurratti fayyadamuuf akka galche wanti beekamu jiraachuu dhabulle, dhimmi kun rifachiisaafi sodaachisaa waan ta’eef, bifa eerumsaatiin mootummoota gamtoomaniifi qaamoolee mirga ilmaan namaatiif falman bira akka gahuu namuu gahee isaarraa eegamu bahuun dirqama ta’a. Keemikaalonni suumma’aan akka meeshaa woraanaatti itti fayyadaman kunneen bara darbe kan dhoksaadhaan gara Itoophiyaatti galan keessaa antiraaksi ispoores (anthrax spores), Biruusilosiis (brucellosis) fi Botuliziim (botulism) faadha.

Toorri interneetii kun kan rageefatte, Namni toora interneetii kanaaf odeeffannoo kenne maqaa ‘Abbaa Koster’ jedhamuun waamamu kan filateefi dhimma kanarrattis hubannoo qabuunis, keemikaalonni balaafamoon kunneen yoo harka namaatii bahe qilleessaafi lafarra hanga waggoota 30 ol turuudhaan namaafi sa’alle lafarraa balleessa. Namni osoo hin beekin foon horii suummii keemila kanaatiin du’e kan nyaates balaa kanaaf saaxilama. Keessumattu keemikaala suummma’aa Antiraaksi jedhamu kana, yeroo waraana addunyaa lamaffaa biyya Jappaaniitti dhoksaan mana hidhaa keessatti hidhamtootarratti yaalii taasisaniin, hidhamtoonni 3000 ol galaafatamanii turan. Har’aan tanalle biyyoonni hedduun keemikaalota baalaafamoo kanneen awwaallatanii irra taa’anii jiru. “Qottee qottee handaanqoon waan isiin qalana baaste” akkuma jedhamu, ilmoon namaa qaroomee qaroommatee, of balleessuuf qophaa’e fakaata.
Waan nama gaddisiisaa, keessumattuu keemikaalli suumma’aan bootilisziim jedhamu kiraam tokko, yoo tasa harka namaatii baheefi yoo beekaa gadi dhiisanille, yeroo tokkootti iskuweer karee meetirii 3700 keessatti hanga namoota miliyoona tokkoo ajjeessuu danda’a. Kanaafuu, eerumsiifi odeeffannoon xiqqoo hin qabdu waan ta’eef, dhugumatti woyyaaneen kana biyyatti galchitee jirti yoo ta’e, tarii biyyoota ollaa akka Sudaaniifi Gimtsii keessa sochi turerraa ta’uun malaa; suni maqaa biyyaatiin yoo dhoksaan gale dhimma biyyaatiif jennaayyu, amma garuu maaliif gara Maqaleetti geeffamuun barbaachisee?

Jabbiin harree wajjiin oolte dhuufuu barti akkuma jedhamu, Itoophiyaan(Woyyaaneen) yeroo ammaa Chaayinatti mijjoomtee waan hamtuu baraa jirti. Chaayinaan biyyoota keemikaala suummaa’a kanaan miidhamanii turan keessaa isii tokko. Yeroo Jappaan Chaayina weerarte bara 1937-1945tti, lammileen nagaa Chaayinaa 250,000 ol galafatamuusaanii seenaan ni mul’isa. Yeroo waraana addunyaa lammeessootti Chaayinaan biyya akka malee keemikaala suumma’aa duuchi balleessii kanaan miidhamte taatulle, hanga bara 1984 tti waliigaltee addunyaa fayyadama keemikaala suumma’aa kana dhoowwu hin hin mallatteessine. Bara 2005 keessa ammoo Ameerikaan akka mirkaneessitetti, Chaayinaan waliigaltee mallateessite haala diigeen sochiin keemikaala suumma’aa farra dhala namaafi horii kun akka jiru mirkaneeffadheera jettee turte.

Gama biraatiin, Chaayinaan yeroo amma humna guddaa mootummaa Woyyaanee ta’ushii wal-nama hin gaafachiisu. Keessummattu baasasa bilbilaatiifi interntiitiin muuxannoo biyyashii keessaa Chaayinaan Woyyaaneef qooduun, Woyyaaneenis Itoophiyaa keessatti Chaayinaa lammeessoo ta’a akka jirtu wal-nama hin gaafachiisu. Keessummattuu, Chaayinoonni yeroo amma mana hidhaa Itoophiyaa keessa jiran kan akka Maa’ikalaawii keessatti, biiroo IT bananiif yeroo hidhamtoota dararan yookiin ‘torture’ godhanitti, walitti dhufeenya namoonni karaa qunnamtii interneetiitiin qaban basaasuun, ragaa gara garaa Woyyaneef akka kennaa jirtu bira gahamee jira. Kana qofaa osoo hin taane, maashinii guddaan jechoota mootummaan shakkuu akka alaarmiitti itti guutanii hordofaniifi, bilbiloota biyya alaarraa bilbilaman hunda gara bilbila Itoohiyaatti kan jijjiiruufi kan basaasu, biyya Chaayinarraa galee erga Finfinnee Saar-beeti keessatti hojii jalqabee bubbulee jira.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …