Oduu Haaraya

Gaaddiidduu Jaaramayaa Farra Sabboonummaa Oromoo (kutaa sadaffaa)

(Xannacha Keeysaa Kan Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn Hogganamtu Quucarse)

5. ABO fi ABUT (OLF vs TPLF)

ABO fi ABUT akkaa fi yeroo sadihi keeysatti wal beeku. Isaaniis:

1) Mootummaa Dargi kuffiisu keeysatti lamaanu humna mootummaa diiguuf tattafatu keeysatti,

2) Akka qaama waliin biyyaa Bulchuuf gaafatama fudhatan keeysatti (Motummaa Cehumsaa)

3) Akka Mootummaa TPLF fi ABO Mootummaa TPLF buqisuun bilisummaa fi walaabummaa ummtaa Oromoof falmaa godhuu keeysatti (bara 1992 hanga har’atti).

ABO fi ABUT dhawaata tokko keeysatti kan bu’ureeffamani dha. Haala isaan keeysatti qabsa’anii fi akkaataa isaan itti deeman adda  addaa waan taheef ABUT bu’ureeffame wagga 17 booda aangoo Impayeeraa Ityophiyaa harka isaatti galfate. Gaggeessaan Jaarmayaa ABUT kan Jalqaba Argawi Berehe ture. Meles Zenawi bara 1985 irraa eegalee angoo qabate. Rakkoon gartuu Mallasaa fi Aragawii jidduu keessaa inni guddaan akkata humna biraa waliin ijaaramanii  Dargii kuffisanii angoo qabatan ilaalchissee ture. Kuniis Gartuun Malassaa Agobaraa tokko jalaatti kan handhurri isa ABUT tahee sabaa fi sablammootii adda addaa irraa jarme ijaaruu yeroo tahuu, kan Aragawii faa ”Multinational Pan Ethiopanist” kan tahe jaarmayaa tokkicha qabaachuu qabna kan jeedhu ture. Gartuun Mallasaa mormitoota isa Aragawii Berehe, Gedey Zeratsion, Kahasay Berhe; Tesfaye  Atsbeha, Teklu Hawaz, Asfeha Hagos fi KKf of keessa ariyuun fi garii ajjeessuun waligala jaarmaychaa akka dhunfataniin ABO-tin gaaffii waliin dalaguu gaafatan, innis gaaffiin Oromoo Ityophiyaa keessatti ni deebi’a, kanaaf Agobara tokko jalatti waliin hojjenna jedhan. Gama ABOn yaadi kun fudhaatamuu hin dandeenye, bifa kanaan ABO fi ABUT jidduutti rakkon bu’uraa dhalate. Yeroo sana irraa kaasse ABUT toftaa fi tarsiimoo ABO itti balleessu irratti dhaawataan hojeechuu eegale. Kan duraa Jaarmayaa maqaa Oromoon kan TPLF akka fedha isaatti sossosu ijaaruun murteessaa tahuu hubachuun boji’amtoota waraana Dargii EPDM keeysaa turanii fi kan EPLF irra argatan waliitti fiduun OPDO bu’ureessan.

As irratti kan dagataamuu hin qabnee yeroo ABOn Qabsoo Bilisummaa Ummataa Eritrea jalqabumaa kaassee akka deggaruu yeroo sagantaa siyaasa isa keessatti ka’uu (Sagantaan siyaasa ABO aangoo 8 xuqaa 4 jalaatti akkana jeedha:-” VIII. International Relations: 4.     It supports the Eritrea peoples’ struggles or self-determination that are being waged in the empire state of Ethiopia (Prepared in Finfine – Oromia, October 1974 and amended on June 1976.)”), gama ELF/EPLFn garuu walabummaa Oromiya gaaf tokko itti amananii hin beekani. ADULIS barruun alaa EPLF bara 1985 keessaa falmii ABO fi dhabbollee bilisummaa ummatoota Ityophiyaa keessaa jiranii irratti qabuu yeroo barreessuu ”..the demand for the secession of the Ethiopian nationalities has neither an historical nor an economic basis; nor is the extent of the prevailing national antagonism so acutely sharp as to justify it” isa kanaaf  ”On Adding Insult to Injury” jeechuun Sisay Ibsa alias Hordofa Q.Loltu Kindling point nr. 8 August 1985 barreessen deebii gahaa itti keenne. Kanaafuu  EPLF yeroo mara yaada lakkuu (double standerd)n waan deemaniif namoota akka Yonatan Dhibbisaa, Baacaa(Atinkugn) Dabalee, Kamal Galchuufaa fi kkf  kan dabarsee ABUT-f  kenne. Bara 1993 waraan TPLF fi ABO gidduutti, keessumaa karaa bahaa tahee keessatti waraanii Shabiyaa gargarsaa guddaa akka TPLF-f godhee dhugaa diidaa jiruudha. Har’as jaarmolee Oromoo wal duraa dhabbataan lamaa tajajiluun isaanii akka dantaa ummataa oromoof hin tahiin Oromoon qajeelchee beeku qaba.

Mootummaa Cehumsaatti utuu hin seeniin duraa ABO fi ABUT waliigaltee September 26 bara 1990 godhatan irratti garagarummaa hundee ilaalcha siyaasa qabanis lafa ka’anii turan. ABOn yeroo mootummaa cehumsaatti seenuu wan inni beekaa itti seene waan gurguddoo shantuu turan. Isaniis;-

1)      TPLF gaffii Oromoo akka ABOn qabatee jiruttii akka hin fudhannee, ammoo kaayyoon ABO uummata biraan gayuun hiree kana itti dhimma bayuuf akeekkatee itti seene

2)      OPDO diiguu irraa jabeeffachuun TPLF yeroo boodaa jaarmayaa diinaa tahee ABO lolu qopheeffataa jiraachuu

3)      EPLF fi TPLF, ABO alaatti ajaandaa dhoksaa isaan gidduu deeddeemuu akka qabaan. Haa tahuu malee ABOn humnaa tahee humnootii biroo waliin  Ityophiyaa keessaa jiraachuun dantaa EPLF tahuu,

4)      Falmii Ityophiyaa keessaan falmamuu keessatti toftaan habashootaa humna Oromoo gargar hiruu tahuu ni hubata. Kanaafuu hanga danda’ameetti kana hanqisuuf jeecha utuu Mootummaa cehumsaatti hin seeniin jaarmayoolee Oromoo mara kan OPDO irra hafee waliin waliigalteen Khartum, Sudanitti tahe.

5)      Akka dhaabatti ABOn qophii jaarmayaa gahaa akka hin qabnee.

Karaa biraa jarmaan akka ”Coalition of Ethiopian Democratic Forces(COEDF)”-ffaa yeroo akka mootummaa cehumsaatti hin seenne   dhorkaamaan  ABOn kan Roma irratti hin hirmaatiin akkamiin ”London peace conference” irratti akkan hirmaatuu tahee ka jeedhuu gaaffin ka’uu ni malaa. Kuniis ka tahee sababooti gurgudoo Kanaafii:-

1) Humnii Waraan qabaachuu akkasumaas humnii waraana ABO  karaa Dirree Bahaa daran  itiitaa fi sirnawaa waan tureef humnaa dafee caabuu akka hintaanee humnootii heedduu biraattii hubataama wan tureef,

2) Gargaarsa EPLF, dantaa mataa isaa tikfachuuf (tasgabbiin jiraatee walabummaa isaa argachuuf)

3) Mootummaan USA Oromoo caala Ityophiyaanistiin hin jiru, Kanaafuu ABOn yoo biyyaatti galee ni liqinfaama malee namni yaada isaa irraa fudhatu hin jiru yaada jedhu waan qabaachaa tureef, akkasumas konfrensii London caamsaa 26, 1991 gaggeeffame irratti jiilli ABO Leencoo Lataan hogganamu bakka bu’ee irratti argame yaada US assistant secretory of state for African Afairs, Mr. Hank Cohen, Oromoon regional autonomy bulchiinsa Federala Itiyophiyaa keessatti akka fudhatee jiraatu jedhu dhiyeesse waan fudhateef, (David H. Shinn, December 2004)

4) TPLF ilaalcha siyaasa qabduun, ABOn hogganaa fi miseensota isaa amansiisee mootummaa cehumsaatti hin galu, yoo gales yaada TPLF tarkaanfachiisuuf deemu fudhachuuf deema jette wan eegedef,

5) Dhiibbaa Biyyooti akka Germany, Norway, UK fi Netherland ABO karaa ORA gargaaraa turan, ABOn humna boru ciimuu dandayu ni ta’a jeedhaniis yaadaa waan turaniif,

Gama ABOn murtiileen darban kan sirna Jaarmayaa eegee, Koreen Gidduu ABO kan murteesse utuu hin tahiin Leenco Lataa fi Diimaan Nagawoo murteesame dha, TPLF fi EPLF waliin mallatteessanii booda kan koree gidduu quba qabaachisan dha. Kunuu tahee chartara galaamee irratti yaada walfakkaataa dhaabuu, yeroo chartar keessaa turamees akkaataa hojii irratti wal hubannoo dhabuu fi bahuu irratti dhaabicha keessatti  dhaabbii walfakaatuu dhabuun  dhibdee har’aa ABOn irra gaheef madda ta’e.

Barootii sagaltamoota keessaa akka ”Selamawii Oneg”, Ebla bara 2012, Oslo-tti akka Partii maqaa moggaafatu barbadachaa jiruutti, Caamsa bara 2012keessa moo ”Waltajii Marii” ofiin jeechuun  akka cilaalluu mataa baafataa fi dhofkataa bar 20 deeme har’aa of labsuuf  dhiissuu keessatti dorroobee jira. Dobni kunis ni dalataa fi ni gataataa namni beeku hin jiru. Kun hundi firii adeemsa xannachoota dhaaba  kana akka gaaddiidduu waliin deema turanii ti.

Akka Jaarmayaatti ABOn yeroo Mootummaa cehumsaatti seene rakkoo gurguddoo shan qabaacha ture. Isaniis:-

1)      Hogganii dhihaaf Bahaa kan haala fi naannoo adda addaa fi hogganummaa adda addaa jalaatti hojeetaa tureetu yeroo calqabaaf wal keessaa deemuu eegale. Waldhunfatanii wal qajeelchuun hin ture.

2)      Gaafa ABOn Kora Sabaa lamaffaa (1989) gaggeessuu namooti mana hidhaa keeysa turan yeroo dhaabni bara 1991 Finifinnee seenuu hojii dhaabichaa sadarkaa hogganaatti utuu hojjeetanii, bifa sirnawwaa tokkon hogganumaatii dhuunfatamuu hanqachuu

3)      Namni bara sana ABO bakka bu’e jiruu chartara gaggessaa ture Leencoo Lata dha. Ilaalchii isaas kanuma har’a naannessu kan Ityophiyaa demokraateessuu malee haalli ABOn qabsoo hidhannootti  isa deebisu ni dufa jeedhu hin yaadne. Abdiin isaas mootuumma USA, EPLF fi gaggeessaa TPLF Malassa turan. Akka ilaalcha Leencoo-tti dhimmaa Oromoo Ityophiyaa keessatti akka hiikamu ABOn fudhannaan Mallasaan  ABOf obsa godhate ykn ”power share” godha kan jeedhuu amantaa isaati.

4)      Uummata Oromoo yeroo sanatti ka’e bilisummaa isaa goonfachuuf hawwe, akka Jaarmayaatti ABO dursee fi hogganee akeeka yaadameef sossosuu hanqachuu

5)      Qooda hojii addan qooddannaa keessatti daandii ilaalcha siyaasa hordofuun wal ramaduu. Kunis Hojii Jaarmayaa ABO Galaasa Dilboo akka gaggeessuu, hujii Mootummaa Cehumsaa Keessaa Leencoo Lataa akka gaggeessuu tahuun akka Hantuutaa fi bashoo kan tokko goodhuu inni tokko eeggachuu, gartuu wal irratti ijaaruu fi amantaa wal irratti dhabuu dagaagise. Waan hedduu tarreessamu keessaa wan xixiqqoon akka fakkeennaatti ka’uu dandayan keessaa, warra Ministeeraa Wayyaaneen kenniteefii fudhatani itti turan xiinxaluun feesisa.

A) Zagayee Asfaw gafa mana hidhaa ture qophaatti kan tajaajilamaa ture, gafa Dargiin dhimma araaraa fidu Abba Biyyaa waliin kan jalqaba fudhatee mana hidhaa irraa bahee minsteera Dargii kan tahee, bara chartaraas Maqaa ABOn Ministeera Qonnaa ta’ee ramadame. Dhugaa dubbachuuf Zagayee Asfaaw caala Ityophiyanist tahee hin jiru.

B) Dimaa Nagawoo, Malerid irra garaa ABO kan dhufee, sanatti aansee koraa  ABO jalqabaa irratti kan Dura ta’aa ta’ee filame  utuu jaarmayichaf  waa hin dalagiin dirqama isaa gatee barnootaaf biyya Senegal deeme. Yeroo barnoota irra deebi’uus haalli inni Waajirri banameef akka biyya Jarmaniitti hojeetuu isaaf mijjawaa itti fakkatee fi filmaata biroo dhabuun ABOtti Sudanitti dabalamee (Maddii odeeffataa  kanaa Kitaaba Dandii Nagassoo jeedhuu fuula 110 akkasumas gaaffii fi deebii Diiman ESAT waliin bara 2011). Diimaan bara yeroo Nirobi ture, sababaa Galaasaan utuu isa quba hin qabaachisiin dirree kibbaa deemeef jecha, vidio Waraana Dirree Kibbaa waraabee Diimaa bira ture yeroo booda, harka tika wayyaanee, Kinfe Gebremedin, argamuun isaa, akka inni dabarsee kennetti isa shakkisiise. Diimaan ABO keeysatti ilaalcha habashoota irraa isa fageesuu godhatee hin beeku.

C) Ibsa Gutamaa akka har’aa uttu hin taanee gaaf sana nama Ityophummaa leellisu ture. Dhaabbiin isaa kan har’aa kuniis kan madditee erga bara 1993-tti Leencoo Lataa isa hiksiisuuf jedhamee biyyaa deeme mootummaa Malasaaf Qabsoo hidhannoo keessatti lamaffa qooda hin fudhadhuu ABOniis akka inni hidhannoo hikkatee seeran Ityophiyaa fuudhatee biyyatti deebi’u irrattin hojeedha jeedhe malateessee achii bahees jirutti hiikuuf erga irratti bobba’eeti.

D) Ahmed Hussen  Ramaadiin nama kanaa gartuu Leencoo fi Galaasa gidduutti kan rakko fide keessaa tokko. Bakka inni ramadame kanatti Mokkonon Galaaniitu yaadamee ture. Sabbonumman Mokkonnon Galaan fi Ahmed Hussen walitti madaaluun hin danda’muu. Leencoon garuu ulaagan isa warra sirnaa Ityophiyaaf mijaatan wan taheef Ahmed-n ramade.

Karaa biraa warra yaada Ityophiyaanismii of keessaa qaban jiruu irratti ramaaduu duwwaa utuu hin tahiin, heeraa dhaabichaa caabsuun akka qabsa’an  jireenyaan dagaamu qajeelfamaa fi ofii fakkii tahuun anjeessuun eegalamee. Kuniis :-

1)      Dimaa Nagawoo kan seera dhaabichaa oliitti of ilaaluun yeroo jalqabaaf seena ABO keessatti qabsa’oonii akka walfudhaan dhiibe. Kuni qaama qabsichaa lamasheesuu fi qabsaawota jireenyaa barsiisuuf  tarkanfii fudhatame dha. Hogganoonnii garii yaadicha mormanis hambissuu hin dandeenye.

2)      Dabballee ABO fi kan TPLF Finifine keessattii namni wal biraa qabee ilaalee nama aja’ibaa ture. Kan ABO  wayyabnii yeroo kophee adiidasn ya’an kan TPLF barbaasoon deemaa turan. Yeroo kan TPLF Mooraa jiraan keessatti of hojeetanii nyaatan, kan ABO mana Foonii magalaa keessatti dabaree dhiphiisuu turan. Mooraa Gulaalee keessaa Nadhii, Gutamaa, Dawud fi Toleeraa irra kan hafee hunduu Hoteelaa dhiphiisaa ture. Wan gafaas barsiifametu har’aa dhaabichaaf ba’an guddaa maatii qabsa’otaa tajajiluu tahee jira……

Kutaan Afraffaa ittii fufa…

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Jijjiiramni Oromoon kumaatamaan itti warageeme kana fakkaata

Ajandaa Mana Marii Nageenya Biyyolessaa (National Security Council/ NSC) Roobii Darbee:Roobii darbe jechuun gaafa Qaammee …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *