Oduu Haaraya

KORBOO SHEEKKOTAA – 3

KORBOO SHEEKKOTAA – 3

                                   Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, kanaan dura dhaamsa kanatti aanee jiru isiniif dabarseen ture: “kunoo harra irraa jalqabeen mataduree “KORBOO SHEEKKOTAA”, jedhamu kana jalatti sheekkota gaggabaaboo (“short stories”) tan addaddaa isinii dhiyeessuuf yaala. Egaa kunis akkuma yeroon naaf hayyametti. Isin warri kana duukaa-buutanii dubbiftan akka itti gammaddan abdiin qaba.”Dabaleesoo, yeroo dabre sheekkonni: “1) HARKA TOLAA BALLEESSUU DIDE“, fi “2) WALLAALUMMAAN BOONAA”, jedhaman akka mandheedhuma tana irratti bayan kabajaanan isin yaadachiisa.

 

3) QALQALLOO SOBAA
Jiruu Boruu fi Bultii Guutamaa ijoollummaa isaanii irraa kaasanii walbeeku. Ganda tokko keessatti dhalatanii guddatani. Bishaan laga tokkoo dhugaa, qoraan bowwaa tokkoo cabsachaa guddatani. Boodas erga umuriin isaanii mana barumsaaf dhaqqabee, mana barumsaa tokkotti baratani. Mana barumsa jalqabaa irraa kaasee hamma unibarsitiitti walumaan baratanii as gayani. Kan biraa hafeetoo kutaan beekumsaa kan isaan irratti bobbayanii xumuratanillee tokkuma. Kanaaf, namoonni baay’een jarreen kana akka obbolaa lakkuutti ilaalu.

Ammoo, erga addunyaa barumsaa irra tarkaanfatanii gara addunyaa hojiitti ceyanii asii: mana, ganda, magaalaa fi biyyi tokko haa turuutii kutaa ardii takka keessayyuu jiraatanii hin beekani. Dubbiin dubbi jiruu fi jireenyaa taheetoo biyyoota garagaraa keessatti bobbayanii jiraachaa, hojjachaa jiru. Garuu bilbiltoo, xalayaa fi emeeliin takkaa wal-irraa citanii hin beekani.

Bultii Guutamaa Oromiyaa, godina Iluubbaa Booraa, magaalaa Buunoo Baddallee keessa jiraata. Jiruu Boruu immoo Oroppaa, Biyya Iswiidinii, godina Maalmoo keessa jiraata. Jiruun saayinsituuwwan beekamoo tahan keessa isa tokko taheetoo jira. Waayee fiizikaa irratti qorannoo fi argamtaan inni fide Badhaasa Noobeliifillee isa kaadhimee jira. Barana carraan kun bira kuttullee waggaalee shanan dhufan keessatti akka isaaf milkooftu innis, hiriyyoonni fi lammiiwwan isaas abdii mijuu qabu.

Jiruu Boruu unibarsitii Finfinnee irraa kaasee nama Habashaa kan dhalootaan Amaara tahe tokko beeka. Nama kana Bultii Guutamaas sirriitti beeka. Ennaa Jiruun waayee qormaataa irratti hojii argatee Biyya Faranjii dhaqu, gurbaan Habashaa sun immoo Koleejii Seenaa fi Aadaa Toopphiyaa keessatti hojii qabatee Shaggarumatti hafe. Kanaaf, yeroo hedduu Jiruu Boruu fi Difaabbaachaw Balibbuu kora qorattootaa kan addaddaa irratti walargu. Waan duraan walbeekaniif wajjiniin haasawusi. Keessumaa Kora Qormaata Toopphiyaa irratti deddeebsaniitoo walargaa jiru.

Yeroo danuu Difaabbaachaw Balibbuu otoo inni waa dhoksaan warra biyyoota ambaatii, keessumaa Faranjootaaf hiruu Jiruu Boruu argaayyu. Difaabbaachaw Balibbuu oggaa waan sana namootaaf hiru akkuma qeesiin Habashaa nama irraa garagalee dhoksaaan qarshii baasee kennuutti godha. Kun immoo caalaa Jiruu Boruu akka: “kun maali laata?“, jedheetoo duukaa-bu’u isa taasise. Kanaaf, waayee kanaa akkuma yakkabaaftuu takkaatti ciniinnatee jala deemuu jalqabe.

Jiruu Boruu hojii ofumaan of irratti fe’e kana akkuma saganteeffateen, hiriyaa isaa Bultii Guutamaatii kitaabee ture. Akka argamtaa fi gumoo bira gaye immoo yeroo yeroon gabaasuuf maqaa raaree wajjin laaqaa gaddatan saniin waadaa galeefi. Egaa dubbiin tun, dubbi lafee waan taateef, daddhabsiiftuu taatullee gammachuus of-keessaa hin dhabdu jedhee irratti of-gate.

Halkan gaafa dubbii saganteeffatee sanii Jiruun rafuu hin dandeenye. Laboobaan ija isaa waltuqullee qalbiin isaa dubbii Difaabbachaw Balibbuu bira bulte. Buusee, baasee “maalinnilaa wanni inni facaasu kun?” jedhee of-gaafata. Namtichi kun waan seenaa keessumaa, seenaa Habashaa irratti digirii argateef, wanni inni akka qeesii isaanii dhuksee namaa hiru isaaf galuu dide.

Erga Jiruu Boruu qorannoo kana duukaa-bu’uu irratti xiyyeeffatee asii, Korri Qorannoo Toopphiyaa inni: Moskoo, Tokkiyyoo, Atlaantaa, Torontoo, Roomaa, London, Teelabiib faa dabrniiti jiru. Kora isa baranaa kan baatii Hagayyaa, dira Barliin keessatti tahu irratti immoo “karaa cabe haa yaasu malee, otoon waayee Difaabbachaw Balibbuu bira hin gayin deebi’ee hin galu“, jedheetoo muratee Maalmoo irraa gara Barliinitti qajeele. Kanaafis ayyaanaa abbaa fi haadha isaa, ayyaana lammii, gosaa, sabaa fi biyya isaa cimsee kandhatee jira. Keessumaa ayyaana Oromoo fi Oromiyaa jabeessetoo kadhate. Ayyaanni Gadaa, ayyaanni bokkuu, ayyaanni cafffee, ayyaanni siiqqee, ayyaanni ateetee, ayyaanni irreechaa; Waaqni gurraachi garaa gurraachaa, leemmoon garaa taliilaa akka isa bira goraa jiru, mamii wayiituu hin horanne.

Kunoo erga korri sun jalqabamee harra guyyaan afraffaa dha. Jiruu Boruu akkuma sardiidaa hoolaa adamsituu riphee waayee Difaabbaachaw Balibbuu hordofaa jira. Guyyaalee taran kana keessa homaa isaa hin mijoofne. Harra garuu, “guyyaan guyyaa angafaa, gayyaa Kamisaa waan taheef, nan milkaaya” jedhee yaade. Guyyaan kun guyyaa guutuu waan taheef, wanni ka’eef sun akka guutuuf abdatee karaa mirgaa siree irraa ka’e.  Mirgaan ka’ee, mirgaan Waaqa Gurraacha waan kadhateef, mirga argachuun isaa akka hin oolle qalbiin isaa akka shilkii Shaggariitti bilbilaa itti himteetoo jirti.

Namoonni kora kana irratti argaman amma boqonnaa bunaatii bayanii jiru. Sadii, afur, shan-faa tahaniitoo gurmuu gurmuun faffacayanii haasawaa jiru. Booda akkuma amala isaa Difaabbachaw Balibbuu waan tokko dhoksaan boorsaa isaa keessaa babasee, dhoksaan namicha biyya Ameerikaa irraa dhufe tokkoof kennee, ammas akkasuma gochuun gurmuu birraatti ceye. Namticha Ameerikaa kana Jiruu Boruu sirriitti beeka. Kanaaf, itti siqee dhaabachuun wajjin haasaa jalqabe. Booda gara waayee Toopphiyaa irratti haasaan isaanii ceenan, namtichi Ameerikaa sun akka sanadii barbaachisaa fi cimaa tokkootti boorsaa ofii keessaa baasee, waan duraan Difaabbaachaw Balibbuu isatti kenneeyyu san Jiruutti dabarse.

Achumaan Jiruu Boruu iccitii Difaabbachaw Balbibbuu argaddhee jedheetoo, waan san gaggaragalchee i’ilaale. Ammoo, matuduree isaa irraa waayee isaa battaluma beekuu dandaye. Inni erga korri kun xumuramee booda guyyaa shan bulee, gaafa jahaffaa gara Biyya Iswiidinii, Maalmootti deebe’e. Akkuma galeen xalayaa emeelii isa kanaa gaditti argamu hiriyaa isaa, isa akka koodee ofiitti jaalatu san, Bultii Guutamaatii barreesse.

 

                             20. 08. 05

Koodee koo Bultii Guutamaa,

Akkam nagumaa? Maatiin, qeyeen, lammii fi biyyi kees nagumaa? 

Kunoo ani kaleessa galgalan koran sitti hime san irraa deebi’e. Waanan yeroo dhabeefan sagalee kiyya si dhageessisuu irraa hafe. Mee kanaafuu, dhiifa guddaa!

Waayee Difaabbaachaw Balibbuu isaan duukaa-bu’aa ture san, kunoo amma fiixaan bayeen jira. Ayyaana bishaan lagan si waliin dhugee guddaddheetu, akkaayyiin si wajjin mashakaa guddaddhee fi biyyiin si waliin darbaachaa guddaddheetu naaf milkeesse. Kunoo amma qalqalloo sobaa isa inni faffacaasaa turee san, Waaqni Oromooo fi Oromiyaa baneetoo ifumatti natti agarsiisee jira. Qalqalloon kun qalqolloo haaraa miti. Qalqalloo bardhibbee danuu ti. Qalqalloo dhugoo fi dhugaa of-keessaa hin qabnee, qalqalloo daaraa sobaatiin guutamee dhiitayee ti.

Qalqalloon innin ani waggaa hedduu duukaa-bu’aa ture kun, qalqalloo sabbuu fi diggaa Oromiyaa of-keessaa qabu sitti hin fakkaatin. Ammoo, qalqallichi, qalqalloo sabbuu fi diggaa Oromiyaa fi biyyoota akkuma Oromiyaa teenyaa qabamanii dhiitamaa jiranii guurrachuuf sobaan sobni guutamee ti. Sunumtuu qalqalloo sobaa qofa otoo hin tane, qalqalloo soba moofaa fi dullachaa ti. 

Obbolleesso, dubbii sittii dheeressee onnee fi qalbee tee hin rarraasutii qalqalloon sun qalqalloo seenaa jarri “seenaa Toopphiyaa” jedhaniitoo nu barsiisaa, ijoollee ofiis barsiisaa, addunyaattis lallabaa turanii fi ammallee itti jiranii ti. Qalqallichi, qalqalloo akka raqa goodaatti darbatamee majaa eeggachaa jiruu ti. Isa akka raqa ajawaa funyaan qabatanii bira dabranii sanii ti jechuu kiyya!

Egaa hundattuu nagaa naa himi. Biyyee fi biyya koo naaf dhungaddhu!

Tiruu kee,

Jiruu Boruu,

Maalmoo, Biyya Iswiidnii irraa!

 

******************    //    ******************

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …