Oduu Haaraya

Kori ABO kutaa Kanadaa Bitootessa 25/2016 Magaalaa Edmontonitti eegalame milkiin xumurame.

Bitootessa 26 Bara 2016) Kori ABO kutaa Kanadaa Bitootessa 25/2016 Magaalaa Edmontonitti eegalame oolmaa isaa guyyaa lammaafaa keessatti marii bal’aa haala yeroo irratti xiyyeeffate hawaasa oromoo Edmontoniif naannoo ishee wajjin geggeessee jira.Korri konyaa ABO Gadaa Bilisummaa tiin geggeeffame kun seenaa koroota kutaa Kanadaa keessatti hanga har’aati dachaan kan caaluuf hamileen ummatichaa hedduu dinqisiisaa ta’uu SBO qaamaan bakka kanatti argamee mirkaneeffatee jira.kora hawaasaa kana caalmaatti kan adda taasise Saboonaa oromoof hangafoota qabsoo bilisummaa oromoo keessatti maqaan isaanii irra deddeebi’amee ka’u obbo Abdallaa Sulee qamaan argamanii haasaa seena qabeessaaf booreen guutame taasisan ummaticha wal gahii kana irratti argame onnachiisuu isaati.korri kun guyyaa borii qophii adda addaa erga taasifatee booda akka xumuramu sagantaa bahe irraa hubachuu dandeenyeera. 

Check Also

olla

Oromo Communities and OLLAA Thank Special Envoy of the Horn of Africa, Ambassador Mike Hammer

The U.S. Special Envoy met with the Oromo communities of Los Angeles and Southern California …