Adem Misoma irraa
(Bitootessa 27,2016) FXG finiinaa jiruun walqabatee kufaatii OPDO mudate irratti gamaaggama guyyoota Shaniif Galma Aadaa Oromoo Magaalaa Finfinneetti Hoogganaa Giddu Galeessa OPDO fi miseensota isaa giddutti taasifame goolabamuu isaa maddeen keenya gabaasaniiru. Kana irratti Cuunfaa gabasa kana kan ta’e gaaffii kaabinootni gaafatanii fi deebii argatan cuunfaan isaa kan armaan gadii kana dha.
FXG guutummaa Oromiyaa keessattii qeerroo barattoota Oromootiin qabsiifamee ummata Oromoo hirmaachisuun ji’oota Afurii oliif Mootummaa Abbaa irree Wayyanne hiddaan raasaa jiruun wal qabatee, Mootummaa naannoo Oromiyati kan ofiin jedhu OPDOn soda Warraaqsa ummata kana irraa qabuun dhiphuu hamaa keessa kan seene Galma magaalaa Finfinnetti kaabinoota miseensota isaa garii waliin marii hatantamaa taasisaa tureera.
Haaluma kanaan Kaabinoonni fi Miseensonni dhaabichaa hogganoota isaanii walgahicha geggeessaa turaniif gaaffii haala yeroo irratti hundaa’an gaafachuun yoo eegalan;OPDOn uummta oromoo bulchuu dadhabee humni ittisa biyyaa bulchaa jira;kun dhaba kanaaf salphina,caba guddadha kana akkamitti ilaala mootummaan naannoo Oromiyaa?jechuun gafachuudha gabaasaan nu dhaqqabe kan ifa godhu.
Gaaffii itti aanuu yeroo gaafatanitti ammoo “Tontoommattee nutti haatattee achi deemiif as deemii nu wallaalchistee”akkuma jedhan,dhimmaa Mastar plan ilaalchisee ibsi kennamaa ture laaqamaa, maanxamaa fi waldhiitaa dha; kana irratti muummichi Ministeraa ajanda kana bara 2006 dhaabnee jedhe, Mootummaan naannoo Oromiyaa immoo hanga uummatni hin fudhannetti hojiirraa hin oolu hawaasa mar’iachiifna jedhaa ture, abbaan master plan kanaa hoo eenyu?jechuun gaaffii isanii akka dhiheeffatantu barame.
Itti dabaluun Gaaffiiwwaan biroo kanneen haala yeroo irratti rarra’an oggaa gaafatan, Afaan oromoo maaliif afaan hojii federaalaa hin taanee? OPDOn Ummata Oromoof qabsaawe erga ta’ee ummata mil. 40 olii kanaaf akkamitti hojjechuu dadhabee? Gama biraatiin ammoo Sabboontota mirga saba isaaniitiif falman waayaneen sadarkaa ministeeraatti akka muudaman hin fedhan kun maaliif taha? Oromoon mummicha minsteeraa, itti aanaas tahee hin beeku maaliif rakkoonsaa dandeettiimoo qabsoo dhaaba kanaan gaggeeffamutuu rakkina qaba?
Fkn yoo fudhanne,jeneralota dhiyoo kana muudaman namoota 60 keessaa Oromoon nama lama qofa; isaaniyyuu otoo qoratamanii oromoo tahuu dhiisuu danda’u, Oromoon hin qabsoofne moo goota hin qabu maaliif akkas tahe?jechuun gaafachuudha maddeen kan addeessan.
Gaaffiiwwaan xumura irratti mariidhaaf dhihaataniin, investmentiin Oromiyaaf bu’aa buusaa hin jiru; Ummatni kan Daangotee gubeef Oromoon fayyadamaa miti.“abbaa Ooruu Jaldeessi keessa kaase”akkuma jedhamu,Waardiyyaa karrarraa kaasee hanga hoggaanaa Warshichaatti fayyadamaan saba biraa taa’ee abbaan lafaa Oromoon osoo qabuu kan ofii dhabee rakkattuu fi kadhattuu ta’ee jirata kun maaliif ta’ee? Inveestimentiin naannoo Finfinnee fi godina Addaa duguuggaa sanyiiti yoo jenne waan soba nu jechisiisuu miti; Kanaafis dhugaa jiru yoo wal afoo qabne naannoo Bulbulaa, Aqaaqii fi Jamoo irraa qonnaan bulaan Oromoo Afaan Amhaaraa hin beektu ittiin jedhamee Waardiyaas ta’uu dadhabee lafa isaa irraa buqqa’e daandii irratti rakkattuu, kadhattuu fi maraattuu ta’ee jiraataa jira; kun akkamitti ta’aa? Kanaan kan walfakkatan gaaffiiwwan hedduun hogganoota OPDO kan jedhaman waltajjicha geggeessaa turanitti ka’aniiru.
Gaaffiiwwan armaan olitti dhihaatan kanaaf Itti aanaa Pirezedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa ti kan jedhamu Isheetuu Dassee yoodeebisu, akka rakkoon ilaalchaa fi dhiphummaa jiruutti dhugaa mana keessatti ka’e dabsee ibsuuf yaaleera. Dhimma qotee bulaa buqqa’uun wal qabatee wanti foyyahu jira jechuun yakka raawwataa turan haguuguuf yaaleera; ykn qaama biraatti haqachuuf.
Walumaagalatti rakkoon amma uumame kun rakkoo hoggansa keenyaa ti, rakkoo bulchiinsa gaarii ti, keessoo dhaaba keenyaatu rakkina qaba ilaalchaan hogganaan keenya qulqulluu miti, rakkoo kiraa sassaabdummaa guddatu dhaaba keenya keessa jira, hoogganaan keenya aantummaa uummtaa dagatee jira, gaaffiin uummataa sirrii ture jechuun hanqinoota jira jedhan tarrisuuf yaaleera. As irratti dhugaa ummata keenyaa Isheetuu Dasee haguuguuf yaale gaaffii ummata keenyaa kan mirga abbaa biyyummaa, bilisummaa fi lafa ofii irraa buqqa’uu diduu, Finfinnee gadhiisanii Oromiyaa iddoo lamatti kukkutuu mormame gara rakkina bulchiinsa gaariitti hidhee dhiheessuuf wacabbareera. Kun ammoo yoomuu fudhatama hin qabu; kufaatii dhaabittiin seentes kan keessaa baatu hin ta’u.
Rakkoo keenya sirriitti ummatatti himannee dhiifama kadhachuu qabna,Uummata ofitti araarfachuu qabna, Gaaffii uummatni gaafatu rakkoo bulchiinsa gaarii ariitiidhaan akkaataa uummanni barbaadeen deebiisuu, Dimookiraasii diriirsuu ukkamsuu dhiisuu uummatni akka barbaade akka dubbatu gochuu, Hoogganaa uumatni hin feene hojiirraa kaasuu, Soba dhiisuu fi Kutannoodhaan uummata ijaaruu akka qabsaa’uu gochuudha jechuun ergamtichi wayyaanee Isheetuun waan wayyaaneen gooftaan isaatuu waggaa 25 guutuu hojii irra hin oolchin hojii irra oolchina jechuun waanuma hojii irra oolchuu hin dandeenye lallabaa ture; waan jedhi jedhamee itti himame olole.
Xumura marichaa irratti Ishetuun ergamtichi diinaaf dutu akkana jedhe. “Waliigalatti mormii kanaaf sababa kan tahe ABO dabalateee mormitoota kamuu osoo hin taane, Hoogganoota OPDO sadarkaa sadarkaadhaan aangoo irra jiranii dha. Hanqinnoota hoogansaa keessoo keenya keessatti dhalate kanaanis wal qabatee hoggantootni hojiirraa ari’aman bulchitoota godinaa 4 fi hoggantoota sadarkaa adda addaatti Oromiyaarra jiran namoota 400 ari’amanii jiru; kanaafis akka fakkeenyaatti Bulchitootni godinaa ari’aman bulchaa godina Addaa, bulchaa godina Arsii lixaa, bulchaa godina Wallagga lixaa fi bulchaa godina Harargee Bahaa ti; qorannaan kun kana qofaan kan dhabbatu osoo hin taane hanga sadarkaa miseensa godaattii itti fufa.” Jechuun walgahicha gudunfe ergamaan kun.