Oduu Haaraya

KWOn dhaabatte jedhuu

Kaayoon isa ganamaa
Bakkaf deebite jedhuu
Lafeen gootota teennaa
Lubbuu godhatte jedhuu!!

Gara mana kankeetii
anaa dhufu deebitee
Mallattoo Xophiyummaa
baga’firraa mulqitee
Xophiyummaan nuun h’taatuu
baga jaraa gadhiiftee
Dhaamsa gootota teennaa
baga haarayoomsitee
Lafee gootota teennaa
baga lubbuu itti goote!!

Sobanii si oofanii
Harka si micciiranii
Manguddoo fakkaatanii
Dhiphinnatti si qabanii
Fedhii keetiin maletti
Mallattoo Xophiyummaa
Kokketti si diranii
Akkuma korma loonii
Magaalaa sidhaabanii
Guyyaa adiin si gurguran

Shira bu’ursitootaa
akkamitti wolaaltaa
Sabaan maaf hingayiinii
Silaa saaxila baafnaa
Nutti maaf hin himinii
Maaliif kophaa rakkattee
kabajaa manguddootaa
Maaliif itti Ko’oomtee
Ati Bulguun marfamtee
Dimookiraasii eeguuf
Dubbii nurraa balleesitee
Bilisa baasaa keessa
Dimookiraasiin hinjirtuu
Jiraattullee hiqabaattuu
Akkamitti dagattee

Ati adaa dhugaa qabdaa
Dhugaa maraatte qabdaa
Maaliif sabaan hingeennee
Ammas rakkoon hinjirtii
Ka sabni quba hinqabne
Rakkoon guddoon
Kat’himachuu hindandeenne
Himachuuf mirga hinqabne
Naa gala!!
Aduu baasuuf
Hagana h’eedduu silaa
Bikka kee haarakkadhuu
Aduun bayuuf jiraattii
Sab’kaasi jajjabaadhuu

Si gorsaa dhageeffadhuu
Arma booda beekkadhuu
Goota mala gaafadhuu
Tartiiba hujii baafadhuu
Xiinxalli ‘riskii’ fudhuu
Najalaa h’gowwominii
Wolaloo hinseehinii
Gorsa kiyya hintuffatin

Iyyii iyya dabarsii
Miidhama Saba keennaa
Biyya lafaatti ibsii
Tigireen tola h’beettuu
lola irratti labsii
Cinaa kankee dhaabaannaa
Miidhaan nutti jabaattee
Hegeree tenna feenaa
Qoricha garbuma’aa
Akka bakkalcha urjii
Si ibsachuu barbaannaa

Koottuu ol nuu dhihaadhuu
Akka goottan darbanii
Mudhii zinnaaraan hidhuu
Akka Leencaa bookkisii
Leenca ta’uu kee garsiisii
Aadaa teenna deebisii
Oromoo abdachiisii
Mataa kee ol qabadhuu
Kakuu kee harayoomsii
Akka feetee dubbadhuu
Mana kee qulqulleessii
Malaan nyaattuu facaasii
Karaan biraa hinjiruu
Saba qabsotti hiriirsii
Mata-dhaabduu caccabsii
Ajaja feete baasii
Qabsotti nu luuccessii

Bulloo Baatii

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …