Oduu Haaraya

Koree Qopheessituu Jila Qabsaawota( ABO)

 

Caamsa 3, irraa haga Waxabajjii 6, 2015

Waajira Hayyu Duree Adda Bilisummaa Oromootiif

Akkuma hubatamu Miseensi Gumii Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo Jila Qabsaawotaa kan bara 2015 milkeessudhaaf jecha, Itti Aanaa Hayyu Duree ABO dabalatee  Koree nama jahaa uf keessa qabu Adoolessa 24, 2015 utubee jira. Jilli Qabsaawota 2015 boqannaa galmee fuula haarawaa Adda Bilisummaa Oromoo  keessatti bu’uuressuudhaaf waan deemuf jecha,  dirqamni Gumii Sabaatin Koretti kenname kun hagam takkas ulfaata ta’us, carraa kana fakkaatu argatanii dhaaba ufii tajaajiluun eebbifamaa ta’uu hubatuudhaan dirqama itti kenname bifa asii gadii kanaan hin jifannoodhaan marii Jilichaa goolabatuun dandahamee jira.

Ijoowwan Dubbii :

 

  • Maqaa Miseensota Koree
  • Koree qaama kana geegessu
  • Heeraa fi Seera bulmaata
  • Karoora
  • Marii Koree
  • Marii Miseensotaa fi deeggartoota
  • Sirna bakka bu’oota Jila qabsaawotaa
  • Xiinxala mariiwwan godhamuu
  • Unkaa Baala Filmaata
  • Xiinxala Walii Galaa
  • Xaari fi Ifaajee Marii
  • Galata, Dhaamsaa fi Murannoo fi
  •  Guduunfa

 

  1. Maqaa fi itti gaafatama miseensota Koree Qopheessituu Jila Qabasaawota  
  1. J/ Irkoo Gadaa itti Aanaa Hayyu Duree ABO
  2. J/Abbaamalaa Baatii Damee Dantaa  Biyya Ambaa fi  Dubbataa ABO
  3. J/ Ganamoo Araarso Barreessa Waajira ABO
  4. J/ Shamsuddiin Alii Damee Diinaggee ABO
  5. J, Jamaal Waaqo Birkii Jaarmiyaa Biyya Ambaa ABO fi
  6. J/ Musxafaa Idris Birkii Siyaasa ABOti

1.1 Koree Qaama  Kana Geeggeessu

  • Dura Taa’an J. A/malaa  Baatiti
  • Jaal  A/Malaa dabalataan jaal Irkoo fi HD  wajjiin qunnamtii godhan
  • Barreessan J. Musxafaan Idris
  • Jaal Ganamo Araarso miseensa koreeti fi dabalataan Hayyu Dureen qunnamtii taasisan
  • Jaal Shamsuddiin miseensa Koree fi  dabalataan waan koreen itti kennite hojjatan.
  • Jaal Jamaal Waaqo  miseensi koree fi dabalataan miseensota qunnama.

2, Heera  Bulmaata

Walgahii irratti guyyaa fi yeroo jedhametti argamuu

Waan irratti mari’atamu sirnaan labsama yookan miseesnotaaf dhaqqaba. Qaphxiin marii hunduu walhubannaan akka ta’u yaalama.

Yoo saniin  mataa hidhatuun hanqatame sagaleen dabara.

Eennuu Sagalee wayyabaatif masakamna. Hujii  keessaa haala  iccitii hordofna.   

2.1,  Seerri Bulmaata

Qaphxiiwwan laakkobsa 2 jala jiru  hunduu huji irra . Yoo hujiin mul’atuun hanqatame, yeroo duraatif dinniina wajjiin gorsi kennama. Yeroo lammataa dhir’atee yoo argame, gaafi tokko malee Koreen kuni qaama seeraf abboomuu hanqate  hujii irraa dhaabuf miga qaba.

  1. Karoora
  • Torbaanitti yeroo takka wal walgahuu,
  • Walgahii godhamu kamuu xiinxalluu,
  • Tartiiban namoota mari’achiisu
  • Kora labsuu,
  • Sirna filmaanni itti godhamu lafa kaayu,
  • Baala filmaata qopheessu.

 

  1. Marii Koree

3.1 Marii  eessa  eegala

 

  • komii fi hamii jalaa bahuudhaf jecha mariin kun duursee bifa asii gadii kanaan akka ta’u koreen kuni murteessitee jirti.
  • Marsaa duraa, Qondaalota kutaa fi godinoota marihachiisu
  • Marsaa lammataa fi sadaffaa, Miseensota marihachiisu
  • Marsaa afraffaa, deeggartoota marihachiisu
  • Marsaa shanaffaa, hayyoota marihachiisu akka ta’utti tilmaamatuudhan hujii isii isa marsaa lammaata eegalteedha.

 

Qaphxii 3.1 irraa haga 3.18 kan Koreen Jila qabsaawotaa duursitee ufii isiiti irratti marihatuudhan waan fala ta’a jettee amantus tilmaamtee jirti.

Isaanis:

3.2   Sagantaa Dhaaba

Bara 2012 sagantaa keenna jijjiiruun haga tokko sabaa fi sab-lammoota biratti oromoo wajjiin waa hojjachuun akka dandahamu bohaartii kennee jira. Garuu kan nama miidhe dagatus kan miidhame hin irraanfatu mammaaksi jedhu waan jiruuf, haguma feenes nuti lammii itoophaa ufiin jennus, warroonni abboonni isaani foon ummata oromoo nyaachaa turanii fi gabroonfataa turan, abon  polotikaaf sagantaa isaa jijjiire jedhe malee onnee irraa hin dhufe jedhanii shakkuu fi yaadun isaani beekamaa ta’uu hubanne. Kana kan mirkaneessu, sabaa fi sab-lammoota irraa miseensa ta’uudhaf namni tokkos gama dhaaba keenna as hiquu dhabuudha fi  saantima diima tokko dhaaba keennaf hiixatuu dhabuun isaaniti. Bifa dhaaba polotikaatin  maqaa itoophatiin warronni socho’anis, oromoon akka ilma biyyaatti dirqama  gibiraa baasu fi qawwee baatuu irraa kana hafe mirga aangoomu fi abbaa biyyaa ta’uudhaf ulaaga tokkos dhaabbota habashoota biratti akkan qabne hubanne.  


Namoonni kaleessa bifa hoogganumaatin sagantaan dhaaba keenna akka jijjiiramuuf irratti hojjataa turan, kan akka Hassan Huseen, Leencoo Baatis dabalatee, Amiin Jundii, Xaahaa Tukoo fi Harcaatonni akka Jeneral Haylu Gondaa, Dr. Nuuro Daddafoo, Qaasim Abbaa Nashaa fi xuuxilloonni isaanii hundinuu, walhubanna dhaabdi keenna Aljee wajjiin godhe, bifa walii galtee fakkeessanii ummatatti dhihaatu fi olola bifa saniin deema ture kamuu odoo argan waan hin argine uf fakkeessanii dhaabdi keenna xurii akka laaqatu itti dhiisun isaani, irra hedduu Oromoo biratti dhaabdi keenna Amaaratti waan gale fakkeesse jira. Kanaaf haalli sagantichaa saba keenna irraa nu moggeessu isaa hubannee jirra.  Odoo humna hin jabeeffatin nutti fakkeessanii  akka waraabessaa gaafa nu ciniinsisuun isaani wareegama guddaa nu kaflchiisu isaa hubanne.

Kanaaf jecha, duursinee fedhii saba keenna fi gaafi barattoota Oromoota deebisuudhaf jecha, Sagantaan itoopha dimokraatoytuu taate arguuf qabsoofnaa fi ummanni oromoo lammii itoophati jedhu kun Jila kanaan wayyeeffamuu akka qabu gadi fageennan koreen tuni irratti mari’attee jirti.

3.2=Gadaa Hoogganaa yookan Kora Sabaa/Jila Qabsaawotaa

Gadaan hoogganaa yookan koraa waggaa afur afuriin ta’uun  yeroo, sammuu fi diinaggee waan gaafatuuf gama waggaa 8 achi hiquun haalota tuttuqaman kanniinif furmaata ta’a. Ummanni oromoos lafa irratti waa garsiisu malee kora jechuudhaan waggaa afuriin walitti dhufuu kana irraa hifatee jira.  Gama biraati sirna gadaas hordofuu ta’a waan ta’eef, jilli kun furmaata akka itti kennu dhiheessina.

3.3-Alaaba

Alaaba qabnu tanaaf jaallan hedduun wareegamuun hubatamaadha. Akkuma san mana miseensotaa fi deeggartoota hunda jiraachuunis beekamaadha. Garuu dhaabdi maqaa abotin socho’uu waan heddummaatef jecha, alaaba abo biraa irraa adda nu godhu qabaatuun barbaachisaa waan ta’eef. Seena kaleessa bara 1973 dura turee fi kan achi boodas yaadatuudhaaf jecha, laaba gadaatin yooggabifame seenaa hundaawu gabbisuu ta’a jennee amannna.

3.4= ABO yookan Maqaa Dhaaba jijjiiru

Akkuma beekkamu maqaan kaayoo dhaabaa ibsa. Maqaa kaayoon ala moggaafachuun hin dandayamu. Oromoon kaayyoon teenna maali jedhee bareechee beekuu qaba. Kaayyoon keenna dararamaa fi hacuuccaa hangana hin jedhamne jalaa ufii fi saba keenna baasuudha.

Burqaan hacuuccaa kanaa, diinni keenna biyyaa fi qabeenna Oromoo humnnaan fudhatee, nama keenna keenna tumee bulchuu yookin gara habashummaatti jijjiiruu fedhii godhatee, kanuma kaayyoo tokkummaa biyyaa jedhuun gaafa Afrikaa unkurudha.

Ummanni oromoo maqaa ABOtiin ajjeefamuu fi biyya isaa irraa baqataa jiraachuun eennufuu ifaadha. Kanaaf jecha maqaan kuni akka tuqamu deeggartoota fi miseensonni irra hedduu kan hin feenef.  Garuu ABOn waan heddummaateef, dhaabdi kamuu garee ta’uu irraa hin bahu. Jaalatamuun isaa akkasumatti ta’ee gama biraatin hoo akkamitti laalama kan jedhu yoo keessa deemnu bifa asii gadii kanaan xiinxalluu yaallee jirra.

3.5= Sabaa fi Sab-Lammoota birratti maal fakkaata.

Yoo kan yaadatamu ta’e, diinni ABO sadi jedhamee dhaaba kanaan barsiifamaa ture. Amaara, Adaree fi Somaaledha. Kanaan wal qabatee yeroo documentariin saba amaara irratti ABOn hojjate jedhame himatame, hoogganoonni ABO haala san mormatuu  odoon taane akka deeggartoonni dhaabichaa dalaganitti deebi kennuun kan yaadatamuudha. Kana irraa ka’uudhaan adareen saba xiqqaa biyya san keessatti waan ta’aniif uf duraaf miidhan ummata oromoon isaan irra gahuudhaaf deemu kana fakkaata jechuudhan Turkiin walitti hidhata qabaatun isaani dhokataamiti.

3.6= Oromoo Biratti hoo haalli isaa maal fakkata yoo jennu bifa asii gadii kanaan keessa deemu yaalle.

A,Guyyaan abon Sumudaa yookan Naqarsa hin fayyine ummata ormoo biratti aragatuu eegale, Du’a Baaro Tumsaa sababa ka’uumsa bittinnaawu godhatuu irraa kan ka’eedha. Achi booda ifattis ta’ee karaa hin beekamneen ilmaan oromoo fi qabsoo sabichaa laamshessuu bira kutee sadarkaa du’aatin isa gahuu irraa kan ka’e jijjiirama dhaaba keessatti akka finnuuf tarkaanfi nu akka fudhannu nu taasisee jira. Wanni jala muramuu feesisu, Jaal Baaroo Tumsaa bifa saniin du’uun isa irra hin turre. Eega du’e tarii qaamuma tarkaanfii san fudhate irratti murtii barbaachisu fudhatuu irraa kan hafe, qabsoo diina irratti godhamuun male oromoo irratti qawwee garagalfatuun jala qaba diigamiinsa abo fi deeggartoota isaatif balbala hin cufamne banuun irra hin turre. Eega haalli sun dhalate, keessattuu Qoodamiinsi oromoota naanno harargee san irraa kan eegale ta’uun hubatamaadha. Sababaa lola kanaatif jaallan hedduu qaaman dhir’atanii fi kan lubbuu isaani dhabanis laakkobsa hin qaba.  Kanaaf,  jibbunus jaallannus sababa biraatis makatee, oromoon sababa adda addaa fi tooftaa hin beekamneen haga har’aatti Gumaa Jaal Baaroo Tumsaa baasa akka jiru kan hubatu namoota gabaabadha.

B,Itti aane Buqqa’iinsa ibsootiinis haga tokko qoodamiinsaa fi wal irratti duulun uumamee jira.

C,Kan biraa Fottoqiinsa qaaccatiinis yeroo dheerallee fudhatuu dhabu, ilmaan oromoo afaan qawwee akka walitti deebifatan taasisee jira. Rakkoon haga abon booran keessatti gadi dhaabbate edduu oromoota booranaatti fide, aada kaleessa ilmaan booranaa wajjiin qabaata turte keessa seenudhaan xurii hin dhiqamne kaayee jira.

D,Oromoon kaleessa haga abon hin dhalatin, fagotti waliif kabajaa qabaataa ture. Kana yoo jennu walitti bu’aa hin turre jechuu odoon taane  kabajaa waliif qabaata ture jechuudha. Haga dhaabdi kuni biyya keessa sochii jala qabe, kutaa fi amantaan wal qoodu jala qabe. Dabarsee diinaaf wal kennuu aada godhataa dhufe.

E, Afooshaan yookan keetti du’aa fi jiruu kan  oromoon biyya alaa jiru yeroo gaddaa fi gammachuu wal bira dhaabbatuuf jaaratu tokko yoo uumame harka diinas makatee gaaddisa ummanni keenna mataa walitti qabatuudhaf bu’uuressu kamuu diigu hujii godhatuuni isaas hubatamaadha. Akkuma Habashoonni nu malee kan  biraa hin jiru jedhan warrii abo geegessaa tures nu malee kan biraa hin jiru waan jedhu aada godhatan.

C, Jijjiirama haga goone boodas odoo akka duraani namuu dirree jiraate, nuti warra waltajjii kana irra jirruu fi irra hedduun miseensota keenna qaata lafee taane hafne. Akka duraani nama mogochuu fi ufumaa wareeganii booyanii boochisuu yeroon waan irra dabreef jecha, tokko hooggana keenna maqaa xureessu, hoogganoota akka luqqa’an taasisu, miseensota bittanneessuu, jijjiramni haga dhalate caalatti oromoon ifa bahee wal qoodu jala qabe. Keessatti gadi bu’udhaan akkuma oormoota haragee fi booranaa ganda gandaan adda ciraa turetti oromoota arsiille uf wallachisee, uf wakkachiisudhaan wal maaxarsiisuu kan dandahe maqaa dhaaba kanaatiin kan ta’eedha. Oromoota arsii baalee fi diida’a jechuu bira kutee baleen bakka sadihitti addaan qoodudhan, Ummata gammoojjitiin ( Miigo), kan Baddaatin (qottuu) fi kan  Gadabiin (gadaboo) haal jedhu eddutti uumudhaan saba baradheeraf diina isaa tokkummaan dura dhaabbataa ture garraa fi duuyda walitti godhuudhan akka naanno qofa odoon taane ardaa fi maati keessa gadi seene du’aa fi jiruu keessatti wal bira dhaabbatuun haga hanqatamu kan taasise dhaaba nuti keenna jennee bara dheeraf itti amannee deemani turreedha. Kutaawwan shanan caalatti akka wal qoodan taasisuun abo  hubatamaadha. fakkiif, harargee, diida’a, bale, booranaa fi wallagga.

E,Seenan isaa bara 1973 jechuu irraa kan hafe eennutu abo hundeesse kan jedhu haga ammaa qilleensa keessa kan jiruudha. Fakkiif, akka warri dhaaba kana bara dheeraf hoogganaa turan jedhutti, macaa fi tuulama irraa kan maddeedha. Gama biraatiin  jeneraal Jaarra abdulkariim fi elemoo qilxuu kan hundeesseniidha. Akkuma haaji Huseen Suraa jedhan seenana fi hujiin abo akka  siribiiti. Siribiin adaduma achi itti deemaniin dhabamaa deemti. Abon dhaaba Maqaa himannaan itti heddummaatu, maqaa xurii qabu, maqaa dulloomee fi yeroon irra dabre ta’us haga tokko ummanni oromoo akka jaalatu hubatamaadha. caalatti dubbiin amma harkaa dhaaba keenna qabu haalota inni qabu odoon taane, namni hunduu isa maqaa godhatuudhan ummata oromoo afaanfajjeessu kana waan ta’eef waan dhaaba keenna adda godhu akka qabaannuuf Jilli kun falaa akka barbaadu dhiheessina.

3.7=biyya ollaa biratti

Somaale, rakkoo uumudhaan 80 keessa Ziyaad Barreen uf irraa baasu Dhuma 80 Maqaa jaal Nadhii Gammadaatin Somaaletti deebi’uun wana dandahameef  Ziyaad Barre gammachiisuudhaf jecha Somale Landin walitti bu’uun kan beekmauudha.,

Jabuuti wajjii walhubannaa qabaatu dhaaba keenna wayyaane gabaasun yeroo hubatame Jabuutinis uf irraa ugguruu Sudaani, Abo fi Dargiin adda jireenna qabaatu dhabuu yeroo hubatame uf irraa baasu

Sudan kibbaatin walitti bu’uu Kenya birattis xuraawa fi komatamaa ta’uun isaa dhokataamit. Biyyoota kanniin mufachiisun isaa oromoon gama tokkollee baqatuu fi firas  akka hin qabaanneef.

Abon gama biyya oromiyaa yoo oldeebi’u oromoo fi saboota  irratti duulu Gama ollaa yoo deemu haala firummaa oromoo haphisu irratti dalaguu irraa kan hafe xiyyeeffannaan inni diina irratti qabaata ture dhibbaa heedduu akkan qabne calaqqisuu isaa mul’isaa dhufe.

Kana yeroo jennu dhaabdi kamu dogoggora hin hojjatu jechuu odoon taane, kan namoota seera fi sirna dimokraasitti hin amanne irratti tarkaanfii seera fudhatuun  odomaa jiruu dhaabdi kamuu olloota isaa wajjin haga dandahametti firummaa uumu yaala deemu isaa garra. Garuu abon oromoo qabsaawu lagatee haala qabsoo ummata oromoo diigu irratti maayii aanu hubanne.

3.8,miseensa biratti.

Miseensas hagam takka ati gandaa fi naannoon deemta jechuudhan wareegama kafaluun hin barbaachifne kafalchiisa akka  ture beekamaadha. Gaafi guddinna dhaaba waan kaasef jecha hagamtu gurraa fi funyaan irraa muramaa ture.

Haalonni asii olitti tuttuqamanii fi kan hafanis inni abon qabu akkuma jirutti ta’ee ammatti maqaa isaa irraa fagaachutti kan nu dirquu dandahe, heddumminna abo irraa garee taanee argamuu fi ummata miseensota keena fi ummata oromoos afanfaajjii keessa waan galaniif.

3.9=Asxaa Yookan Mallattoo Dhaaba

Asxaan yookan Mallattoon maqaa dhaaba wajjiin deemunis odomaa beekamuu, abo kan jedhu qabannee yoo kan deemnu taate waan aboowwan irraa adda nu godhu tokko qabaatun murteessa akka ta’etti laalle. Bifa amma jirru kanaan yoo deemne, hujii nuti hojjannu kamuu shaneen keenna jettee ummataa fi miseensota keenna afaanfaajji keessa galchuun beekamaadha. Shaneen olola irratti muuxannoo waggaa afurtamaa akka qabdus dhadhaa irra dibuu hin feesisu. Kanaaf asxa akka qabaannuf jilli kuni fala itti laalu akka qabu dhiheessina.

3.10=laakkobsa hoogganaa

Laakkobsi hooggana dhaaba walii galatti  35 akka ta’u laalle jirra. Haala hujiitiif jecha heddumminni hoogganaa firii waan hin garsiifneef 35 yoo ta’e irra bu’aa qaba jennee amanna.

3.11= Koree Seera fi Toohanna

Hooggaani walii galatti 40 ta’ee isa keessaa namni shan Koree seera fi toohannaa akka ta’utti laalle. Garuu koreen seeraa fi toohannaa ufumaa sagalee kennee ammas abbaa seeraa ta’uu akkan dandeennes laallee jirra.

3.12=walii gala hoogganoota biyya ambaa

Walii gala hoogganni biyya ambaa 35 yoo ta’e gurmuun kuun gama biyyaa akka ta’u laalle

3.13= Hooganni biyya -10

3.14=sagalee HD

Hayyu Dureen haalota murteessoo ta’an irratti qaama silaa barbaachisuun eega mari’atee booda murtiin yookan sagalee dhumaa qabaata.

3.15=filmaata itti aana hayyu dureef dhiifne

Nama itti aana ta’uu dandahu Hayyu Dureen  alaa yookan biyya keessaa filatu akka dandahu  irra caala ta’uu hubanne.e.  Muxaanno abon qabu irraa wanni baranne,  qaama lama kan wajjiin hojjatuu hin dandeenne walitti filuun O/Galaasaa Dilboo fi leencoo Lataa qaama wajjiin hojjatuun hafee nagaha wal hin gaafanne walitti filuun sakaalamuu fi caccabuu abo lammataati balaa du’a  Baaro Tumsaatti aane.

3.16 =heeraa fi seera dhaaba

Heeraa fi seerri dhabaa waan yeroo bala’aa fi galmee adda addaa qopheessuu gaafatuuf jecha, laalamuun seerichaa gumii sabaatiif ta’ee  bifa koree itti dhaabutiin ta’uu irra wayyaa ta’uu hubanne.

3.17= Irbuu

A, Akkaatan irbuun itti kaayame, jechoota ulfaata waan ta’eef, dhaaba kanaaf hojjachuu waadaa seenu waan garsiisu malee akka lafeen nama cabdutti uf abaarun gaari akkakn ta’initti waan hubatameef wayyeeffamuu isaa hubannae.

B, sababaa koreen seera fi toohannaa bakka adda addaa jiraniif jecha, akka barbaachisutti namoota yeroon waada seensisuun rakkisaa ture. Haal san xiqqeessuf jecha, Hayyu Duree fi Itti aanaa Hayyu Duree Koreen Seeraa fi Toohannaa yoo waada seensisan, miseensota gumii sabaa Itti aanan Hayyu Duree waadaa seensisuu bakka inni hin jiretti Dameen Dantaa  alaa yoo seensise hujiif laafa ta’uu isaa hubanne.

5= Qaphxiiwwan mariif dhihaatanii fi itti baha yaada marii.

Qaphxiiwwna mariif dhihaatanii fi yaada miseensonni qaban

  • Sagantaa Siyaasaa  dhaaba  jijjiiramuu akka qabu
  • Gadaan hoogganaa yookan koraa  akka jijjjiiramu
  • Alaaba akka hin jijjiirmane – Dhimmi isaa hogana utubamuuf aangoon akka kennamu
  • Maqaa dhaaba irratti yaada wal makaa agarre
  • Asxaan dhaabaa malattoo qabsoo hidhannoo akka qabaatu
  • Hoogganni nam 35 akka ta’u KST nam 5
  • Hooganni biyya keessaa 10 akka ta’u
  • Dursaan dhaabaa sagalee murtii dhaabaf hin taane dhaabee akka mariin gahaan irratti godhau dandaya
  • filmaata itti aana dursaa dhaabaa karaa dursaa dhaabaa KHR dhihaatee akka raga’u
  • koree seeraa fi toohannaa fudhatamaadha
  • heeraa fi seera dhaaba wayyeesuu

 

 

  • Sirna Bakka Bu’oota jil qabsaawotaa

 

  • Miseensonni Gumii Sabaa kan dirqama isaanii bahachaa jiran hundi qaadhimamtoota
  • Konyaan nam shan  nama tokko bakka buufata
  • Maandheen nama sadihiin nam tokko bakka buufata
  • Miseensi Leexaan uf bakka bakka bu’a diraqama isaa bahaa jiru ufumaa hirmaata
  • Bkka bu’oota ummataa 5%

 

7, Unkaa Baala Filmaataf  fi Seera isaa

7.1 Sirna Baala Filmaata

Sirni baala filmaata dhugaa fi amantaa guutu kan qabu ta’ee argama. Sagaleen baalli dhoysaan kennama. Kanaaf, sagaleen seeran kennamu hunduu laakkawamuu akka qabu koreen jila qabsaawotaa ifatti lafa kaayu barbaaddi. Isa kana hujitti hiikudhaaf koreen godina hunda keessatti akka dhaabbatuu qabdu  mariiwwan miseensota keenna wajjiin godhaa turre irratti ibsamee ture. Kanaaf jecha naanno jilli itti godhamu kamittuu nama sadi  battalumatti uf  keessa bakka buufaman ta’a jechuudha. Namoonni sadeen bakka bu’an kunniin sagalee baala filmaata walitti sassaabanii gama kore qopheessituu jila qabsaawotaa abo guyyaa jedhametti ergan jechuudha.  

Sagaleen yoo kennamu filmaata waalama irratti kan hundaaye ta’a.  Lamaan isaa tuquu odoon taane kan filatame san qofaa bira yookan fuuldura isaatti mallattoon  asii gadi kuni kaayama.

Qajeelfama kenname kana irraa yoo maqe,  sagaleen  kamuu sirna qabeessa ta’ee fudhatama hin argatu. Qalama googa (pencil) hin ta’u qalama jiidhaa (pen) qofaan ta’a.  Gurraacha  yookan bulee qofa jechuudha.

Qaphxiiwwan Jilli Sagalee irratti kennatu filmaata dhihaate waliin.

 

  • Sagantaa Siyaasaa

 

  • Sabaa fi sablammoota waliin Etoopia dimokraataofte ijaaruu (Kan amma qabnu) ———————
  • Mirga Hiree Murteefannaa Uummata Oromo haga Oromiyaa walaba taate arguutti fiixa baasu ——————
  1.  Maqaa dhaaba
  • Adda Bilisummaa Oromoo  ABO  —————————————
  • Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO- OIF)———————–
  • Kallacha Walabumma Saba Oromo (KWSO – ONIF) _________
  1. Alaaba
  • Kan amma qabnu   —————————————–
  • Dhimma alaabaa hogana gadaa dhuffuf aangoo keenn  ——–

3.1 Maqaa alaaba

  • Alaaba ABO Yookan KWO—————————-
  • Faaya ABO yookan (KWO)——————————
  1. Asxaa
  • Kan amma qabnu —————————————–
  • Isuma kana irra qawwee kaayu ———————————–
  1. Maqaa waraana
  • Waraana bilisummaa oromoo (WBO) ———————————
  • Waraana Walabummaa Oromiyaa ( WWO) ————————-
  1.  Gadaa kora Sabaa yookan Jila qabsaawota
  • Waggaa 8 ———————————–
  • Waggaa shan  ———————————————
  1. Maaragii hooggana
  • Hayyu Duree yookan ——————————————
  • Dursaa Dhaabaa  ——————————————————
  1. Laakkobsa hooggana
  • Koree seeraa fi toohannaa wajjiin 35 ——————————
  • Afurtama  (45)  ———————————

 

  • Hooggan biyya ambaa = 25 fi 10 biyya keeyssaa

 

 

 

  •  Seera dhaabaa wayyeesuu

 

Haalli kora sabaa yookan jila qabsaawotaa godhachuu hin eeysifne  yoo dhalate gumiin sabaa seera laalu irratti mirga qabaatu

  • Gumiin sabaa haala seera laaluf mirga qaba ————————
  • Gumiin sabaa haala seeraa laalu irratti mirga hin qabu ———-
  1. Sagalee Hayyu Duree

Haalota murteessoo ta’an irratti eega qaama barbaachisu wajjiin mari’atame booda, sagaleen dhumaa kan Dursaa Dhaabaa ta’a

  • Sagaleen dhumaa kan DDH ta’a ————————
  • Sagaleen dhumaa kan DDH hin ta’au ——————-
  1. Gadaa Hayyu Duree
  • Gadaan Hayyu Duree marraa  lama ta’a—————————
  • Gadaan Hayyu Duree amantaa  miseensotaa fi haala yeroo irratti hundaawa ————-

 

  • Filmaata Hayyu Duree

 

  • Hayyu Dureen koraan yookan jila absaawotaatin filamu————————————
  • Hayyu Dureen miseensota gumii sabaatin filamu ————————————————–

 

  • Itti aana Hayyu Duree

 

  • Itti aanan Hayyu Dureen biyya keessaa filamu ————————————-
  • Itti aanan Hayyu Duree miseensota Gumii Sabaa keessa filamu ——————————–

 

  • Maaraga Gumii Sabaa

 

  • Gumii Sabaa jedhama —————————————–
  • Koree edduu jedhama —————————————–

 

  • Qajeelfama hujii

 

  • Koreen jidduu caasa wayyeessuu dandaha————————————————————–
  • Sirna caasa wayyeessu hin dandahu——————————————-

 

  • Sagalee

 

Sagaleen dhaabaa sagalee kallacha walabummaa oromoo (SKWO)——

  • Gaaxexaan dhaabaa = Bilis jedhama
  • Sagalee bilisummaa oromoo (SABO) ——————————————

 

  • Faaru alaaba

 

  • Kan amma qabnu —————————————–
  • Kan biraa qabaatu ——————————————-

 

  • Irbuu

 

Kan amma qabnu ———————————————-

Kan biraa qabaatu—————————————————–

 

  • Dhaadanno

 

  • Hin Jifannoo Ummata Oromoo ——————————————
  • Oromiyaan ni bilisoomti  ———————————————–

 

  • Walgahii Gumii Sabaa

 

  • Walgahiin gumii Sabaa ji’a jahaan ta’a—————————–
  • Walgahiin Gumii Sabaa ji’a sadhiin ta’a——————————

 

  • Waamicha kabajaa Jaallan Qabso

 

Jaaloo ————————————————-

Qabsa’aa ———————————————-

 

  • Ramaddiin birkii

 

  • Birkiin goidina godinaan  ramadama———————————–
  • Guutuu biyya abmaa irratti ramadam———————————

 

  • Maqaa hoogganoota filmaataf qaadhimaman

 

  • Akka itti aanu kana ta’a ………

 

 

  • Namoota sadeen baala filmaata akka laakkawaniif korri bakka buufatan;

 

Guyyaa Jilli Itti taa’e _________________

Bakka Jilli Itti taa’e ——————————–

Lakkoofsa nama hirmaatee ——————–

 

  • Maqaa ——————————–Abbaa —————————–Akaakayyuu—————————

 

Dirqama—————————-Mallattoo———————-

 

  • Maqaa——————————Abbaa——————————–Akaakayyuu—————————

 

Dirqama ——————————Mallattoo————————

 

  • Maqaa————————-Abbaa———————————–Akaakayyuu—————————–

 

Dirqama—————————–Mallattoo—————————-

Bakka/ Godina ————————————————————

Ji’a   Adoolessa/ July,  Guyyaa————————–Bara  2015

8= Xiinxal Walii Gala

Qaamni gaaddisha tokko, kaayo takka, hooggana tokko,diina tokko qabu, kan bu’aa dhuunfaa hin barbaanne kan saba isaa aangessuuf qabsaawo yaada isaa walii kabajuun heeraa fi seera ufii isaati wajjin lafa kaayateef abboomee yoo hojjate milkitti gahuu akka dandahu koree qopheessituu kora sabaa yookan jila qabsaawota abo 2015 irraa hubannee jirra.

 jila qabsaawotaa  sammuu bilisa taateen bifa kanaan mari’achiifamuun miseensotaa yeroo duraatif waan ta’eef  gammachuu isaan qaban garsiise.

Yaanni mariif dhihaatu kan murtii ta’ee akka fudhatametti laalu miseensotaa hubanne. Fi jaallan gariin bakka gaaddisa isaani hin ta’initti yaada isaani dabarfatuun jala bultii yaada isaani gurra miseensotaa buufatuuf akka ta’e irraa agarre.

Hawwiin miseensotaa hujiin lafa irratti waa arguu akka ta’e hubanne. Akkuma san hawwii fi hujiin waa mul’isuun miseensotaa kan wal hin madaalle ta’us hubanne.

Caasaan dhaabaa bakka hundatti sirritti diriiruu kan dhoogge yeroo fi guyyaan qubsuma miseensotaa adda jireenna qabaatuu fi godina godinaan yookan kutaa kutaan Birkiin  ramadamuu dhabuun qaama waajjotu irrattis ba’aa ta’uun hujiin dhaaba laafachuu fi jaallan waa hoojatanis jireena isaani wajjiin itti ulfaata dhufuu hubanne. Akkuma san qondaalonni godina garii godinaa fi kutaa keessatti ramadamuunis bifuma kan birkiitin walfakkaatu isaa hubanne.

Caasa hordofuu fi iccitiin dhaaba miseensota eddutti qabamuu dadhabuu. Haala diinni itti jiru irraa yoo laallu, jila kana booda caasan waa hojjachuun, ani miseensa, ani hooggana waa hundaawuu beeku qaba haalli jechuu fi iccitii dhaabaa eeggachuu dhabuun, dirqama ufii bahuun yeroma wanni jaalatan qofaa guuttamu fi waan ani fedhe malee sagaleen wayyabaa fi qajeelfamaa fi ajajni hoogganaa hujii irra yoon oollee, seeraaf abboomun yoon jiraannee fi dhaaba quuxessuu fi mufii sirna hin qabneef fuula qabsotti guura deemunii fi qaama seeraf hin abbomne sirreessun hanqatamuudhan haga inni caacaa diiggaa dhaaba keessatti jaaru itti dhiisun fageenna odoon taane kaleennatti dhaaba keenna kuffisuun mamii tokkos hin qabaatu. Haalota dhaaba keenna maaxaran kamittuu Jilli kunii fi Kanatti hoogganni gadaa dhufuu furmaata akka itti barbaadu  jabeessinee xiinxallaa keessa galchine.

Irra hedduun Dhaabbota oromoo oomisha shanee waan ta’aniif, hujiin isaanii waan ardaa fi ganda keessa malee gama diinatti xiyyeeffatuu dhabuu isaanii hubanne.  Kan miseensa shan hin qabne hundi dhaabaa fi hooggana ufiin jechuun isaani karama dhaaba keenna itti  dhuunfataniin saniin yoon milkoofne diigudhaaf akka ta’e hubannae.

Ilaacha dhaabbota maqaa itoophaan socho’an bifa kamiinuu ta’u haga  maqaan immiyyee itoophaa tiiyfametti gaafiin  mirgi ummata oromoo fi gidiraan abboonni isaanii ummata oromoo irraan gahaa turanis dhugaa irratti kan hin hundaayin ta’uu calaqqisuu isaani hubanne.

haalli gaafa Africa  qabsoo keenna irrattis dhiibbas qabaatu, murannee hojjanna taanan aanjan akka jirus nutti mul’ate.

Biyyoonni dhihaa  bu’aa isaanitiif jecha, wayyaanen  cubbamaa ta’uu odomaa beekan haga qaamni humna qabu tokko as bahuuf isuma wajjiin deemu filatuu fi irree malee falaa fi firris akkan jirre hubanne.

Dhaabdi keenna jala qabatti wayyaanee waan dimokraasi fi karaa nagaha jedhu waan hubateef, haalli wayyaneen odf irratti hojjatte karaa nagahaa odoon taane humnaan malee akkan jijjiiramne ummanni oromoo waan hubatuu agarre. Akkuma san aangoo karaa nagahaatin waliif dabarsuun aadaa habashoota waan hin ta’iniif, jala qabumattu wayyaane irraa waan akkasii eegun waan wayyaaneen taate hubatuu dhabuu akka ta’e hubanne.

 

9= Xaarii fi ifaajee marii jila qabsaawotaa.

Kan Waajira Hayyu Duree fi Itti Aana Hayyu Duree dabalatee  mariin jila qabsaawotaa  guyyaa soddomii 35 fi saa’atii 69 fudhatee jira.

10,Galata, dhaamsa fi murannoo

Galata. Koreen qopheessituu Jila Qabsaawotaa Koreewwan asiin duraa irraa wanni adda isii godhu, sammuu bilisaatin mari’attee mariahchiisu, wal irratti badii qabaatu fi murannoo qabaatu isitii fi hujii boonsaa waan dalagdeef jecha  Jaal Tamaam Baati  qalbii irraa galata guddaa galchaniifi jiru.

Dhaamsa. Diinni falmaani jirru qaama laafa waan hin ta’iniif, akkuma san Wayyaaneen waggaa  15 aangoo irra yoo turte dhagaa fi lafa googgoyduu malee ummata keenna dachii irratti arguudhaf waan hin deemneef, Jila kana akkuma jala qabnetti  haga xumuuraatti yoo hojjanne, galiin jila kanaa wayyeene hundaan buqqisuudhaf bu’uura hundee ta’ee  waan argamuuf, isa boodas waloof if murannoon akka hujii itti fuftan dhaamsa jaallaummaa isiniif dabarsa.

Murannoo. Qabsoo itti jirru galmaan gahuudhaf, ni jaarmna, ni huumnoyna, hooggan keenna cinaa dhaabbanna, yaada isaa gabbifna,  shakkamtoota, yaakkatoota, ayyaannan laallattoota, diinaan mindeeffamtoota fi  olola keessa fi alaa kamiifu hin jilbiifannu, rakkoo yeroo gabaaba keessatti keessaa bahuun maluuf jech iccitii dhaaba keenna dabarsinee eennufu hin dabarsinuu fi  gargaarsa Rabbiitin ni Moona.

11,Guduunfaa

Jilli qabsaawotaa gaaddisa dhaabdi keenna murtii dhaaba keenna gimgamaa fi xiinxallaa gahaa booda ejjannoo shakkii fi daddaaqinna hin qabne itti fudhatu waan ta’eef, Koreen tuni waltajjii gargaraa marii sammuu bilisa ta’een eennu kennatuu dandahu qopheessuudhaan miseesota, deeggartoota fi haayyoonnis yaada fi yaaddoo isaani akka keennatan taasiftee jirti.  Kan irratti hudnaawudhaan Koreen Qopheessituu Jila qabsaawota ABO furmaata hegeree qabsoo ummata oromootif ta’uu dandahan jettee amantu kamuu uf qusannaa tokkoon maletti dimshaashan lafa kaayudhaan, Jilli kun furmaata akka itti kennu irra deebitee Hirmaattota Jila Qabsaawotaatif dhiheessiti.

Hin Jifannoo Ummata Oromoof!

Koree qopheessituu Jila Qabsaawotaa Adda Bilisummaa Oromoo

Waxabajjii 6, 2015

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

The Pathognomonic Syndrome of Settler-Colonial Abyssinia’s Psychology

Part 1 Odaa Hora  Most of the accomplishments of human activities in daily life, ideas: …

One comment

  1. Inuma fakkaata dubbiin yoo fa fakkeessan jedhe Oromoon
    Ati silaa guyyaa nani saalfatu hin uumamnee Tamaam Luumii wollaalota akka keetii wolitti qabadhuu nama aangoo qabu of fakkeessi
    Oromoon gurra waan ati xibaartu ittiin dhageeffatu hin qabu. Karaa tokkummaadhaan bilisummaa saba ofii mirkaneessuutti gulufuu malee.
    Ati adabachuu siif woyya jenneeti jirra. Arsiin ati ittiin daldaltu hin jiruu beekkadhu yartuu fi dhiphoo.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *