Oduu Haaraya

Lammiin biyya tokkoo nagayaan biyya isaa keessa jiraachuun mirga qaba

koree dhimma islaamummaa

Mana maree dhimmoota Islaamummaa Toophiyaa (ce’umsaa) irraa haleellaa namoota nagaa irra ga’aa jiru ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenname

Maqaa Rabbii akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa ta’eetiin

Mana maree dhimmoota Islaamummaa Toophiyaa (ce’umsaa) irraa haleellaa namoota nagaa irra ga’aa jiru ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenname

Waggoottan dhihoodhaa as biyya keenya bakkoota garaa garaa keessatti haleellaan saba, eenyummaafi amantaa irratti xiyyeeffate yoo raawwatu hawaasni muslimaa balaaleffataa, kanneen haleellichaan miidhaman hanga humni heeyyameef gargaraa akkasumas nageenya itti fufiinsa qabu fiduuf waantoota dandeessisan gochaa turuun isaa ni beekama.

Lammiin biyya tokkoo nagaan biyya isaa keessa jiraachuun mirga bu’uuraa waan kamuu caalaa duursi kennamuufiidha.

Yeroowwan darbanitti naannoo Amaaraa, Beenishaangul, naannoo Oromiyaa Wallaggaa bakkoota garaa garaafi naannoo Gaambeellaa keesaatti haleellaa sukkanneessaa saba, eenyummaafi amantaa jiddugaleeffateen lubbuun lammiilee nagaa hedduu darbuu maddeen odeeffannoo addaa addaa irraa mirkaneessuu dandeenyeerra. Keesummaayyuu dhiheenya kana amantoonni masjiidatti baqatanillee osoo hin hafin haleellichaaf saaxilamuun farrummaa gochichaa kan agarsiisuudha.

Gocha sukkanneessaa fi lubbuu balleesse kana kan seera amantaafi adduunyaa cabse manni marii ce’umsaa cimsee balaaleffata.

Fuula duraaf;

1. Mootummaan federaalaa, mootummoonni naannooleefi qaamni dhimmichi ilaallatu qaama gocha sukkanneessaa fi yakka kana raawwate hariitiin ummata akka beeksisaniifi murtoof dhiyeessan,

2. Lammiileen haleellichaan qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’an gara jiruu isaanii duraaniitti akka deebi’an, falli waaraan akka argamuufi daa’imman haleellichaan maatii dhabaniif hawaasni deeggarsa akka taasisu,

3. Qabeenyi nama dhuunfaafi ummataa akkasumas bakkoonni amantaa haalota duraan turanitti akka deebi’an hubachiisna.

Walumaagalatti manni marichaa gochoota lammiilee nagaa irratti xiyyeeffatan kamuu balaaleffataa, duudhaalee eenyummaa biyyattiitiif bu’uura ta’an tokkummaan, walkabjuuniifi waliif yaaduun raafamuun yakkaafi gara jabina babal’isuun caalaatti dhimmicha yaaddeessaa godha.

Gara fuulduraatti haleellaan walfakkataaniifi yakki akka dhaabbatuufi lammiileen nagaan kutaalee biyya keenyaa mara keessayyuu akka sochoo’aniif mootummaan federaalaas ta’ee kan naannoolee akkasumas kutaan hawaasaa hunduu waliin ta’uun halkaniifi guyyaa akka hojjatan hubachiisaa dhaabbilee amantaa dabalatee lammiileen biroo dhimmichi isaan ilaallatus gama kanaan itti gaafatamummaa gama isaanii ba’achuun gochoonni akkanaa akka hin uumamneef waan fala ta’u irratti hojjachuu akka qaban waamicha keenya dhiyeessina.

Xumura irrattis manni maree keenya nageenya hunda-galeessa biyya keenyaa mirkaneessuuf qaamota dhimmi ilaallatu waliin jabaatee hojjachuuf ittigaafatamummaa isaa ba’achuuf qophii ta’uu hubachiisa.

Allah’n adduunyaafi biyya keenya nagaa nuuf haa godhu!

Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa

Waxabajjii 14/2014

Finfinnee, Toophiyaa

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …