Oduu Haaraya

LEENJIIN MOOTUMMAA WAYYAANEE TOORA HAAROMSAA FI HAAROOMSA ITOOPHAA JEDHUUN BARATOOTA SADARKAA OL’AANOO FI BARSIISOTA TOKKO TOKKO HIRMAACHISAA JIRU KUN UMMATA OROMOOF MIIDHAA MOO FAAYIDAA ISAATU CAALAA?

 

Ragaa qabatamaa yeroo ammaa baratootni keenya lafa kaa’an
Duraan dursee qaamni leenjicha kennu sadarkaa barnootaan tuuta akkamiti,Bilchinni isaan sirna siyaasaa irratti qaban akkami jennee ilaaluun xiinxala cimaadha.

“Barnoonni bichuun nama madaalchifti”akkuma jedhamu qaama leenjiftootaa kanarraa kanatu ifatti mul’ataa jira.kan biraa ammoo Ol’aantummaan miira isaanii isa hanqafaati!

Mee kana wajjiin wal qabsiisee miirri ol’aantummaa maal akka ta’e ibseen darba.
Akka Addunyaa kanatti namni keessi isaa duwwaan nama ol’aantumman itti dhaga’amudha.namni ol’aanatummaan itti dhaga’amu hunda irra anatu caala jedhee yaada,Namni akkasi yoomuu waan inni hojjetu akka waan sirrii ta’eetti yaada.Dogoggora uumu maraaf immoo namoota kaan balaalefata.namni kun ilaalchumaa fi yaaduma isaa qofa horma irratti fe’uu barbaada.
Namni akkasi akka Arraagessaa isa yeroo hundumaa Aduun ganama ganama karaa bahaatiin baatuyyuu isa dhaggeefachuuf itti fakkaatee yaaduti.

Eegaa namni oftuulaan yaadni isaa dadhabaa fi boodatti hafaa waan ta’eef namooti irraa fagachuu filatu,haalli kun immoo hariiroo nagaa inni namoota waliin qabu irratti miidhaa waan fiduuf,jaalatee osoo hin taane dirqama gara kufaatitti karaa of agarsiisa.
Hubadha Oftuultotni Dhaabbilee Siyaasaa Oromoo,Oromoof morman osoo hin taane dhaabicha biyya bulchaa jiru,kan sirna sanyii duguuginsaa gaggeessurratti argamudha.

Kabajamtoota dubbistoota barruu koo,yaada armaan olii kanarraa guutummaa leenjii mootummaan itoophaa kennaa jiru hubachuu akka dandeessaan nan abdadha.

Kan biraa Dhaloonni ammaa kun Afaaanfajessuuf ykn abaabbaluuf mijattotaa?kan jedhus haa ilaallu.
Dhugaa dubbachuuf dhaloonni ammaa kun,dhaloonni Qubee Galaana waan ofiisaaf qofa baatee deemuu qabu gargar baafatedha jedheen ibsa.haalonni biyyatti keessa jiran daran suukanneessaa ta’uyyuu waan keessa isaanitti dhufe baasani dubbachuun,diina dura dhaabbachurratti gurmuu ammayyati.deebiin tokkollee argamuu baatu,leenjii taa’aamaa jiru kanarratti gaaffiin dhimma Oromoo fi Oromoo wajjiin wal qabate osoo hin ka’iin hin hafne.kun immoo egeree borii isaan jechisisa.
Dhuma irratti qaamni leenjii kanaa Oromoof miidhaamoo Faayidaa qaba jettaree?jechuu dandeessu!
Wanti nuyi hubachuu qabnu akkuman armaan dura kaase,tuuta akkamitu leenjisa,baratoota akkamitu leenji’a isa jedhudha.

Impaayeerri mootummaa Itoophaa fuulduree sirna siyaasaa isaa bareechachaa akka jirutti yoo herreege ammas goyyoomeera.akka amma ilaalamaa jirutti iccitiin inni shiraaf qophaa’e marti kan jalaa gadi bahee fi shira isaani guutummaatti baratoota keenyaf dhaamaniru jechuun ni danda’ama.eegaa kanarraa namni hubate gara fuulduraatti maal gochuu akka qabu salphumatti hubata jechudha.
“Yaa Barataa Oromoo haala kuftu kamiyyuu keessatti waa lafaa fuudhii ka’i”kun dhaamsa kooti!!

Horaa Bulaa!
Imimmaan Lakkuu Roobsinee Bara 2014
Bakkaan jirurra!

Check Also

roobee20160806

‪#‎Oromoprotests,‬ Hiriira mormii nagayaa Baalee Roobee yeroo ammaa