1. Qabsoon uummata Oromoo sadarkaan inni itti jiru haala ariifachiisaa ta’een jijjiiramaa jira. Erguma Haacaaluun wareegamee irraa kaaseeyyuu, hoggantoonni jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo hidhamaa fi dararamaa jiru. Qeerroon Oromoo haala sukkaneessaa ta’een hiraarfamaa jira. Har’as, hawaasni keenya ajjeefamaa, hidhamaa, dararamaa, gad-xiqqeeffamaa, karaa adda addaatin itti roorrifamaa jira. Keessattu, ajjeechaa Haacaaluu irratti raawwatame booda, #JawarMohammed, #BekeleGerba qabamanii hidhaatti darbamaniiru. Hoggantoonni olaanaa ABO hidhamaniiru. Ijoolleen fi maatiin #BekeleGerba, #Boontu, Samy, #Kiyyaa, hidhamaniiru. OMN cufameera. Yakkamaas jira. Miidiyaalen Oromoo adda addaa akka satalayitii irraa buufaman murtaayee jira. Oromiyaan guutuma guututti dirree waraanaa taatee jirti.
2. MM Abiyy Ahmad, tarkaanfiilee ciccimoo kana caalaa nama hiraarsan fudhachuuf dhaaddachaat jira. Motummaan isaas uummata qawwee dhaan cabsuuf murteessuu isaa ibsateera. ‘
3. Kanaan walqabatees, raayyaan ittisa biyyaa magaaloota Oromiyaa hunda keessatti dhangala’ee uummata haaleelaa jira. Anaa tokkoof Poolisii addaa lakkofsaan 250 ta’an ramadee socho’aa jira. Halleellaan sukkaneessaa ta’e itti fufeet jira.
4. Karaan gara lixaa cufameera. Karaan gara bahaa magaalaa Moojoo irraa jalqabee guutuma gututti cufamee jira. Sochiin karaa gara kibbaa kan godhamu magaalaa Hawwaasaa (Sidama) irraa jalqabee, sochiin uummataa (kan autobisii dhan godhamu), geejjibni konkolaattota raayyaa ittisaatin marfamanii eeggamaa, isan fee’ataniiti. Kunis ta’u, sochiin makinaa baay’een hin jiru. Magaalaan Finfinnee akkuma calisseetti jira. Motummaan “jirunn jalqabeera, baankiin banameera,” haa jedhu malee, ammas sochiin magaalichaa akkuma dhaabbateetti jira. Bakka suuqiin banamee jirutti, jarjara guddaa dhan (gatii guddaa kanfaluu dhan) waan nyaataa bitachhuun itti fufeeraa.Interneettin akkuma cufameetti jira. Magaaloota Oromiyaa keessatti waraanni uumata mormuuf bahu manatti dachaasee akka gadi hin baane godhaat jira. Walumaa galatti Oromiyaa irratti waraanni labsamee jira.
5. Sirnichi guutuma guututti sirna cunqursaa, sirna abbaa irrummaa nama tokkoo (sirna #AbiyAhmad) ta’ee itti fufuuf kutannoo dhaan ka’eera.Kanaaf:
1. Oromoon hundi bakka jirutti haala danda’ame hundaan, haala inni filatee hundaan, qabsoosaa ciminaan, kutannoo addaatin, itti fufuu qaba. Yeroo kanaatti, sochiin isaa hundi naamusaan, waldhageettii guddaa dhaan, tokkummaa dhan, sagalee tokkoon, tarsiimoo fi tooftaa adda addaatin geggeeffamuu qaba.
2. Jarmiyaalen siyaasaa hoggantoota isaanii hidhaman, isaan hiiksiusuuf hatattamaan carraaqqii adda addaa gochuu qabu. Kanaa godhuuf dhiibbaa siyaasaa adda addaa gageessuu qabu. Miseensoonni fi hoggantoonni hanga ammaatitti jalaa hin hidhamne jara kana tikfachuu qabuu. Balaa hidhaa jalaa akka miliqan yaali gochuu qabu. Warra hoggansa warra hidhamaniin bakka bu’anii hojii hojjachuu danda’an ramadanii sochoo’uun barbaachisaa dha. Warri hoggantoonni irraa hidhaman, hoggantoota yeroo kanaaf malu filatanii bakka bufachuu qabu.Hojiin siyaasa karaa nagaa dhaan geggeeffamu karaansaa dhiphachaa waan dhufeef, hawaasni mormii cimaa akka gaggeessuu danda’uu, waamicha fi gorsa hawaasa sochoosu dhaammachuun, kallattii qabsoo baasanii keennuun, barbaachisaa dha.
3. Warri qabsoo hidhanoo gaggeessaa jiru haalan deeggaramuu qabu. Yeroo kamiyyuu caalaa tooftaan qabsoo isaanii, yeroo akka sabaatitti lolli nurratti labsame kana irratti, barbaachisaa akka ta’e ifa ta’eera. Kana baratanii, hidhannoo isaanii jabeeffachuu qabu. Qabsoon karaa nagaa guyyaan itti galgalaa’aa waan jiruf lola nurratti labsame ofirraa ittisuf akka danda’amu qabsoon sibiilaa tooftaa haalan barbaachisaa akka ta’ee hubachuun barbaabhisaa dha. Kun waan ta’eefis, haalan deeggaruun barbaachisaa dha. Hoggansi WBO dirree jirus kana beekkatee, sadarkaa amma jirru irratti, ummata Oromoo lolli waraanaa itti labsame kana balaa irraa oolchuuf sochoo’uusaa ciminaan itti fufuu qaba.Lola Motummaan abbaa irree #AbiyAhmad Oromoo irratti labse kana ofirraa ittisuuf adeemsifamu kana haalaan hogganuu qaba. Hoggansi kun lola ofirra ittisuu kana sodaa fi shakkii tokko malee fudhatanii qindeessutti ka’uu qabu. Fincila xummuraa godhuuf akka danda’amu sadarkaa amna jirru irratti hoggantumnaa fudhachuu qabu. Tarkaanfii #AbiyAhmad Oromoota irratti fudhachaa jiruuf deebii madaalu keennuf hatattamaan sochoo’uf, qophaa’uu qabu. Hatattamaan tarkaanfiiwwaan ciccimoo ta’an fudhachuus qabu.
4. Motummaan Abiy (Motummaan Bilxiginnaa) diina Oromooti. Diina sabaaf sablammoota hundaati. Diina ummattotta itiyoophiyaati. Motummaan Abiy/Bilxiginnaa motummaa nafxanyootaati. Motummaan kun motummaa ummata ajjeesaa, hiraarsaa, dararaa jiruu dha. Motummaa kana mormuu qofa utuu hin taane, ofirraa ittisuun, ofirraa haleelun, mirga namummaati. Hoggantoota fi caasaa motummaa diina ta’ee kana irratti tarkaanfii fudhachuun akka barbaachisu namni hunduu, humnoonni hundi, hubachuu qabu. Motummaa kana ofirraa ittisuun mirga uumamaati. Godhamus qaba.Warri qabsoo hidhannoo geggeessu tarkaanfii cicimaa fudhachuudhaan aggaamii nurratti xiyyeeffate kana uummatarraa ittisuu qabu. Dirqama isaaniitisi. Kanas sagalee isaani ol kaafatanii himachuu, deeggarsa uumataaa waammachuu, fi saba isaani of duuba hiriirsuu qabu. Kun dirqama seenaan isaan baachise waan ta’eef, ol ka’ani, sodaa tokko malee, dubbachuu qabu.
5. Qeerroo fi Qarreen Oromoo bakka jiranitti qabsoo isaanii haala qindaayeen, naamusa cimaa dhaan, tokkummaa dhan, waldhageettii addaatin itti fufuu qabu. Qabsoon isaanii yeroo kamiyyuu caalaa qabsoo warri dirree waraanaa jiru geggeessu kanas deeggaruu fi utubuu qaba. Qabsoon garuu, qabsoo motummaa #AbiyAhmad wajjin godhamu ta’uusaa beekani, nama nagaa, namoota saba biroo isaan keessa jiraatan, akka hin tuqne of eggannoo fi obsa guddaa dhan sochoo’uu qabu.
6. Rogeeyyiin biyya keessa jiran hundi qabsoo Qeerroo fi Qarree Oromootif tumsuu, karoora isaani qindeessuu qabu.
7. Uummanni Oromoo biyya alaa jiru gargaarsa isaa gama adda addaatin itti fufuu qaba. Maallaqaan, lobby fi advocacy dhan, hiriira nagaa qopheessuu dhan, xalayoota motummoota biyya isaaniititti erguu dhan, konfaransii adda addaa geggeessuu dhaan hojii public relations (PR) barbaachisu hunda kallattii adda addaatin qabsoo dhumaatitti bobba’uu qaba.