Oduu Haaraya

Maali Rakkinni Keenna Kan Iyya Masjidaa Hin Baaneef?

Godina Harargee Bahaa Aanaa Baddannootti Jum’aa darbe Sababa jeequmsa Ahbaashonni Muslimtoota irratti kaasaniin Salaanni Jum’aa Osoo hin Salaatamin Jama’aan bittinnaa’uun isaa kan yaadatamuudha.

Kunis ta’uu kan danda’e namtichi Uummata irraa beekamtii tokko hin qabne ana mootummatu Salaachisi jedhee na erge kanaafuu Khuxbaas qara’ee Salaachisa jechuu isaatiin Uummannis Nuti sin beeknu kan nuti beeknu imaama kanaan dura nu salaachisaa turan qofa jechuudhaan Jeequmsa Ahbaashotaaf Muslimtoota jiddutti ka’een gariin isaanii Salaata Jum’aa dhiisanii gara manaa kan galan yommuu ta’u gariin isaanii immoo achuma barandaa Masjidaa jalatti salaata Zuhrii salaatanii kan galan yommuu ta’u Ahbaashtichis namoota muraasa isa hordofanii salaatan Salaata Zuhrii salaachisuun isaa beekamee jira.

Mootummaanis kaayyoo jalqaba namticha kana ergeef galmaan gahuudhaaf jedhee guyyaa kaleessaa humnaan Masjida Muslimaa Ahbaashotaaf dabarsee kennuun isaa Oduun nu gahee jira.

Maali Rakkinni Keenna Kan Iyya Masjidaa Hin Baaneef?

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …