By Melody Sundberg | Original in English published February 26, 2016
May 9 (untold stories online) — Dararri gochaa hacuuccaa ykn cunqursaan walqabate dha. Akkaataan itti raawwatamuu fi sababni itti raawwatamu adda ta’us, waan tokko garuu ifa dha. Innis, nama dararuun gochaa hamaa bali’aanaan raawwatamuu yeroo ta’u, namoonni hedduunis gochaa hamaa kanaaf ni saaxilamu.
Dararri baroota giddu galeessaa fi jalqaboota yeroo ammee kaasee kan raawwatamaa ture dha. Haata’uuti garuu, dhumarratti nama dararanii akka yakka raawwadheera jedhee amanu gochuun kara sirrii fi amansiisaa akka hintaane waan hubataniif, mootummoonni Awurooppaa akka hafu godhaniiru. Booda irra, gochaan hamaan kun Mootummoota Gamtoomanitti Komishiniin Ol’aanaa Mirga Dhala Namaatiin balaalefatameera. Akka Dhaabbata mirga namoomaa, ‘Amnesty International‘; jedhutti, biyyoonni 156 waliigaltee Mootummoota Gamtoomanitti dararaa dhorkisiisu mallateesaniiru.
Kanaan dura barreeffamoonni sarbamuu mirga dhala namaa biyya Itoophiyaa irratti xiyyeefatan marsariitii ‘Untold Stories’ irratti maxxanfamaa turaniiru. Gaafan jalqaba, odeeffanoo namoota mirgi isaanii sarbamanii dhagahu, dararaan yakka hojjatteetta jedhanii amansiisuun qaama tokko akka ta’e hubadheera. Abdullahiin (saaxilaa yakka mootummaa), dararaa hamaa mana hidhaa Ogaadeen keessatti raawwatu ragaan deeggaree maxxanseera. Hiriyoonni Joomaneeksi, miseensonni garee Biloogii Zoonii 9,waan waa’ee mirga dhala namaa barreessaniif qofa dararaan kana hinjedhamne irra gahaa ture. Akkasuma, Caalaa, walaleessaa/waloo, walaloo wa’ee ummata Oromoo irrati xiyyeeffatu waan barreessef dararaan guddaan irra gaheera. Kana malees, Zalaalam, Yonaataan fi Baahiruun, nageenya dijitaalaa irratti leenjii fudhattaniittu jedhamanii mana hidhaattidararamaa turaniiru. Bakka yaada ofii bilisaan ibsachuun hinjirretti, mootummoonni abbaa irree dararaa fayyadamuun namoota afaan qabu.
Bakka yaada ofii bilisaan ibsachuun hinjirretti, mootummoonni abbaa irree dararaa fayyadamuun namoota afaan qabu.
Bakka dararuun jiru, dararaanis ni jira. Yeroo baay’ee, daraartoonni, qorattoota yakkaa, humnoota Mootummaa, waardiyaalee mana hidhaa fi namoota hojii nageenyaa hojjetanii dha. Garuu, namoonni kunneen maaliif gochaa suukaneessaa akkasii raawwatu? Hammeenya waliin dhalatan moo erga dhalatanii booda hamaa ta’an? Yeroo muraasa dura, gaaffii tokko miidiyaa haawasummarratti gaafadheen ture. Maaltu namoota akka hamaa ta’an godha? Deebiin naaf laatame, fedhii qabeenya hedduminaan horachuu, sodaa, fedhii aangoof qabaachuu, ofittummaa fi dadhabina/laafina kan jedhu dha. Eeyyeen, fedhii qabeenyaa hedduminaan horachuu( materialism) fi ofitummaan (greed) sababoota ta’uu ni malu, garuu sababoonni biraan illee jiru jedheen amana.
Akka qorannoon dhimma kana irratti godhame agarsiisutti, dararaan maaliif ammallee akka raawwatamaa jiru sababoota hedduutu jira. Sababni inni jalqabaa, dararri barbaachisaa dhajedhamee itti amanamuu isaati. Namoonni muraasni akka diinatti ilaalamu. Warri diina jedhaman kunneen, namoota dararaniin yakka raawwattaniittu jedhamanii gochaa sukkaneessaa dhala namummaa isaanii mulqu irratti raawwatu. Sababiin biraan, haala mana hidhaati. Bakka namni nama qunnamuu hindandeenyetti nama hidhuufi jiraachuu dhabuun tajaajila yaalaa, haala salphaa ta’een darartoonni gochaa isaanii akka raawwatan isaan gargaara. Sababni sadaffaan daraartoonni gooftolii isaanii waan sodaataniif gochaa darara sana osoo waan tokko hingaafatiin cal’isanii raawwachuu isaaniiti. Garuu immoo, sababni inni guddaan, namicha gochaa dararaa sana raawwatu: aangoo kennameefi fayyadamee darara raawwachuusaati.
Yeroo kamiiyyuu caalaa, ‘Untold stories’ dararaaf xiyyeeffannoo kennuu barbaada. Waqtii Arfaasaa (spring) kana keessa saayinsii xiinsammuu irratti hundaa’uun maaliif namoonni gariin darara akka raawwatan barreeffamoota ibsan maxxansuuf deemna.
Afaan Ingiliiziirraa gara Afaan Oromootti kan hiike: Milkiisaa Cimdeessaa