Oduu Haaraya
seenaa salamoon

Seenaa Solomoon:- Oromummaan kan namni namaf latee namaara fudhaatu miti!

Abdii hin kutadhu akkamiin kutadhaa
Dirqama enyummaa ba’aa sabaan baadha
Imaanaa haadha koof Imaanaa Abbaakoo
Galmaan ga’uf demaa cinaa dhabus hirko
Lammiin qabsa’uf sun hanga humna kooti
Dugda natii kennee na laatuus ormatii
Kaayyoon qaba anii kaayyoo hin jijjiiramnee
Kan umamnii dhiigaan makee anaaf kennee
Osoon kaayyoo qabu ifa duraa kooti
Reebiichaaf dorsiisa jabinaan darbaatii
Akkamiin hololaaf Debi’a boodatii
Akkamiiniin oduun mee abdii muradhaa
Hin ta’u abadan itttinuu jabaadha
Kan hojeetu malee kan oddeesuu hin dhabnee
Garuu jiraan deemaa abdii hin kutanee
Seenaan seenaa taatee kan isheen himamtuu
Gaafa duutee qofa Gaafa awaalamtuu
Gaafa awaalchishee biyyoo fi dhagaanii
Cufamee duudeedha irraafi jalaanii
Malee hangan jiru biyya lafaa irra
Enyuunshee nan dhaabdu qabso oromoo irraa
Haatii fi Abbaanii qabso saba guddaa
Naa hubadhaa hundii ilmaan abbaa gadaa
Obsa ta’u isaa gulaalaa yaadaatii
Firooma kutadhaa abdii murachutii
Gurrii seexanaadhaa nan dhaga’iinitii
Osoon qofaa hafee oromiyaa irraatti
Hin dhiisu falmachu haqa saba kotii
Abdiis hin kutadhuu hin laaluus boodatii
Namni kayyoo qabu abdii hin kutatu
Jalqaba qabsoodhaa holola hin sodaatu
Osoo kessa gale hidhaa fi reebichaa
Hin argiin halaalaa dorsisaaf ajjeechaa
Kayyoo haa qabaanuu kan ejjeenoon cimaa
Hin taatuu galgalii salphaa akka ganama a
Namni kaayyoo hin qabnee hin ga’u essayyuu
Sagalee qaratee halkan guyyaa iyyuu
Namnii kaayyoo qabu suta tarkaanfataa
Dadabi qabsoodhaa obsa nuu gaafataa
Kaaniif guyyaan jira yeroon wal komanuu duraa kaayyoo sabaaf harka wal haa qabnuu
Kaleesii har’a miti boriis kan biraadhaa
An oromoof yommuu Lubbu koo nan laadhaa
Kana ejjeenoon koo abdii maan muradhaa
Billisummaa kootiif yommu nani falmadhaa.
Ani sodaatu miti Sanyii warra badaa!
Oromummaan kan namni namaf latee namaara fudhaatu miti!!

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …