Oduu Haaraya

Magaalaan Gimbii Diddaan Jeeqamaa Jirti, Ajajoonni Wayyaanee Federaalaa 2 Qaama Hin Beekaminen Ajjeefamuu fi Daldaltooti Oromoo 7 Immoo Hidhamuun Beekame

 

Magaala Gimbiitti qaama hin beekamneen tarkaanfii ajajoota Wayyaanee federaala lama Hoteela Zamalak keessatti fudhatameen tokko ajjeefamuu fi tokko madoo tahee bahuun Wayyaaneen humna qabdu magaala Gimbii keessaa baastee naannoo bosonaa qubachiistee jirti. Haaluma kanaan, humna addaa hin beekamnetu magaala Gimbii keessa jira jechuudhaan humni waraana wayyaanee dachaa dabalamuu fi namoota nagaa qabamaa jiraatuu Qeerroon gabaasee jira. Amma sa’a tokko dura daldaltootni dhuunfaa namni 7 waraana wayyaanee federaalaan qabamanii bakka buuteen isaanii dhabamee jira. Duulli hidhaa akkuma itti fufetti tahee Oromiyaan hanga bilisoomtuu fi hidhamtootni Oromoo mana hidhaatti guuramaa jiranis hanga bahanitti FDG akka itti fufu Qeerroon kallatti garagaraan waamicha taasisaa jiraachuun beekameera.

Godina Wallagga lixaa ona Gullisoo magaala Calliyaa jedhamtee waamamtutti FDG torban kana qabateen waraanni Wayyaanee haga ammaa uummata dhaanuu fi hidhuu itti fufullee diddaan barattootaa fi qonnaan bultootaan qabate osoo hin qabbanaawin jabaatee itti fufee jira. FDG kaleessa magaala Gullisootti gaggeeffameen uummanni dhagaa fi dullaa dhaan waraana rasaasa waliin wal’aansoo qabaa oole, har’as haaluma kanaan itti fufe yoommuu tahu ganama har’aa sa’a 4:30 booda FDG bifaa fi humna qonnaan bulaa, barataa, hojjetaa fi daldaltoota hammateen ka’een dhukaasni uummata irratti banameen barataan Guutuu Abarraa jedhamu yoommuu du’u kan rasaasaan madeeffame buufata fayyaa Gullisoo seenee jiraachuu fi duulli hidhaa uummata irratti gahaa jiru guddaa tahuu Qeerroon gabaasee jira.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …