Oduu Haaraya

Majlisa keennaaf nama bakka nu bu’u filanne, seeraafi heera eegsisuun, sagalee ummataa kabachisiisuun qaama ilaallatu bira jira!

ila

Duula marumatu duula,daboo marumatu itti bobba’a, kan hinjifannoon galu garuu muraasaa beeki!

Namtichi biyyaa teennaafi Amantii jeeqe,nama walitti naqe,islaama bakka lamatti addaan baasaa jira warri jedhee nu wajji shubbisaa bahee qabsoo jijjiiramaa kana godhe hedduudhaa hubadhaa! Haa tahu malee

Gaafa Filannoo prezidantii majlisaa haaraa bakka buusutti ceenu waan tahuuf deemu hubannaan o’ooo jedhanii hedduun isaanii harka isaanii sassaabatanii xisxinbaa osoo hinjedhiin harka maratanii laalaa jiru! Dubbiifi barruunis lafa lixan, “si ganee abbatti hin himanii jalumaa goran jedha “ Oromoon!

Jaaloo

Hojjattu Rabbiif hojjadhu, dhiistu itti dhiisi ayyaana laallattee hin dhufin jennaan!

Eee

Warroonni amantii biraa duulli isaan dhimma majlisaa irratti geggeessaa jiran,eenyu eessa akka dhaabbate agarsiisaa jira,eenyuun wajji akka hojjataa turanis ifa godhan!

Eekaa

Nuti immoo akka isaan jedhan san baala gizeellee miti baala taraas miti” jechi kuni nuhinmadaalu nuti abbaa biyyaati,abbaa haqaati,baala gizeen nidhufa nikufa, nuti hindhufnes wanni kufnuufis hinjiru,qaamni kamuu kan nukuffisuu dandahus,mirgaafi humna nutti qabus hinjiru tika Rabbii jala jirra,haqa qabna,haqaan bulla, haqaaf deemna,haqa lafarratti argamsiisna!

Jaalakoo

Abbaan biyyummaa immoo dachee Rabbi uumerra sochoo’uu qofa osoo hintaane,waan dachiifi samiin ani keessa jiru qabdu hundattuu qixa sirriitiin yoo itti fayyadamne qofa!

Kanaaf

Ka cinaa galtee,sanyummaafi gosummaan kee diinii kee ol sitti tahe,kan gaafa keenna kuffisnu harka rukuttee gaafa kee rukutamu immoo koola cufatte, qilee quxaleetti tari malee namni ufirra garagalee si dhaggeeffatu hin jiru jennaan!!!!

Eee

Jabaa kee jabeeffadhu!Silaa nuti hinjennee,Erga dubbii ufitti kakkaasuu fedhan immoo prezidantiin Majlisa federaalaa kan tahuu qabu seeraanis tahee heeraanis hawaasa baldhaa kanarraa tahuu qaba wanni jennuuf haqa waan taheefi!

Ustaaz: Sufyaan Usmaan

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …