Oduu Haaraya

Malli maali Ayyoo Haadha koo yaa Harmee?!

Ayyoo
Akkam jedhee waamu, jechan na rakkisaa
Yoon itti yaadullee, wallaale waan isaa
Yaanni naaf hin dhufuu, bay’ee na rakisaa
Ol yaaduu fi gadi yaaduun, kunoo na dhamaasa
Obbaafadheen taa’aa, natti himi waan isaa
Harmee
Hyyittii beektuu koo, yaa giiftii Addunyaa
Akka amma jirrutti, mee eesuma geenyaa
Raakamutti jirra, akkamitti teenyaa?
Mee nuuf himi mala, nuuf hikii rakkina
Eebba kee nuuf laadhu,, nuuf ibsi dukkana
Egaa nuuf hayyami, mee nuuf kenni humna
Haadha
Hubannaa nuuf laadhu, bektuu koo yaa harmee
Akka tokko taanu, kan dabre waliif dhisnee
Akka kaanu hunduu, harka wal qabannee
Dhiira fii dubartiin, hundumtuu tokkomnee
Akka bilsoomnu, tumsa walii taanee

Tokkummaan humna!

Falmattuu Roorrootiin

 

Check Also

toophiyaa31

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do …