Oduu Haaraya

MANDAROOTA FI MAGAALAAWWAN OROMIYAA – OROMIAN TOWNS AND CITIES: Kutaa Lammaffaa

                                                       Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Dubbiftoota barruu tanaa jaalatamoo fi kabajamoo, isa kutaa tokkoffaa keessatti isiniif dhiyaate akka argachuun duukaa-buutan abdiin qaba. Kunoo, ammammoo kutaa lammaffaa itti-fufeen jiraa, yoo yeroo fi wanni biraa isiniif hayyame mee duukaa-bu’aa!
Kanaan dura Finfinnee Shaggar irraa kaatanii akka magaalaa Ejeree dhaqabuun achitti haara-baafattan ni yaadattu. Magaalaa Ejeree kana keessaa fi mooggaa isaa deddeemuun Biyya Oromoo bareedaa Waaqni bareechee, uummata Oromoo bareedaa kana badhaase akka daawwattanii itti-gammaddan nan abdaddha. Mee ammas otoo adeemsa keessan kana jalqabdanii karaa Ambo nama geessu hin qabatin, qarree Ejeree isa gara fuula kibbaa jiru dhaabaddhaatii hamma ijji keessan arguu dandaye “Oromiyaa Jiituu” doowwaaddhaa! Goodaa Bachoo baldhicha kana irraan yoo gara kibbaa ilaaltan, gooroon samiitti ijaajjee isainitti muldhatu sun Gooroo Sooddoo-ti. Gooroo kanatu garaa isinitti jabaatee isin dhoowwe malee, silaa biyya Oromoo Arsii keessatti kan argamu hara Laaqii Dambal (“Ziwaay“) agartuuyyu. Amma ishii tana akka duradubbiitti erga qalbeeffattanii bakka ganamaan kaataniif san, gara Ambootti qajeelaa!
QAAMADUBBII
Kunii amma, wantee (kiilomeetira) 65 irratti magaalaa Olonkomii (6) – geessanii jirtu. Magaalawwaan Oromiyaa Waltajjii (“Shawaa“) keessatti argaman gariin, walaloo uummata Oromootiin walaleeffameef qabu:
                   “Olonkomii, Olonkomii
                   yaa karadeemaa Olonkomii
                   Farsoo burcuqqoon mitii
                   Xaasadhaan komokkommii
Diddeemmoo nuttin fidin koomii!
Egaa, akkuma walaloon uummataa kun isin gorsetti farsoo garbuu Meettaa erga haleelttanii, xiqqooshii deemtanii booda magaalattii Barooddoo (7) –  dhaqqabdu. Amma karaa kanaan daangaa Bachoo fi Ada’a Bargaa cinaa jirtu. Gooroo isa gara kaabaa jirutu biyya Oromoo Ada’a Bargaa-ti. Ada’a Bargaatti karaa kaabatiin aanee Ada’a Waayyuu-tu jira. Inni karaa kaabatiin Laga Abbayyaa tuqa. Booda magaalatti Barooddoo irraa kaatanii otoo magaalaa Giincii hin gayin jidduu lamaan isaaniitti daangaa Oromoo Tuulamaa fi Oromoo Maccaa irra tarkaanfattu. Biyyi Oromoo fi dhiigni Oromoo tokkumaa biizaan waan isin barbaachisu isinitti hin fakkaatini. Kunoo, Biyyi Oromoo inni Oromoon Maccaa irra qubate bakka amma jirtan kana irraa ka’eeti: Giincii, Ambo, Naqamte, Gimbii fi Beegii irraan qaariyee Sudaan Kibbaatti ijjata. Dabaleesoo,  biyyi Oromoo Maccaa kun Wambaraa isa Goojjam keessaa irraa ka’eeti:Horroo Guduruu, Jimma Raaree, Jimma Tibbee, Daannoo, Limmuu fi Jimma Abbaa Jifaar irraan tarkaanfatee Laga Shabbee irratti daangaa uummata Kafichootti ijjata. Inni karaa baldhina lafaatiin xiqqoo-shii Biyya Amaaraa ni caala. Biyyi Oromoo Tuulamaas as irraa ka’ee: Olonkomii, Shaggar, Bishooftuu fi Adaamaa faa irraan dabree naannoo magaalaa Walancittii-tti biyya Oromoo Karrayyuutti ijjata.
Kunoo, amma kiilomeetira 80 irratti magaalaa Giincii (8) – seenaa jirtu. Giinciin magaalaa keekii-tii isinitti urgaawaa jira mitii? Tulluun Cillimoo, kan Giinciin jalatti hundeeffame, huurrii isaatiin cillimsee yoo isin dhoorkuu baate, biyya sirriitti arguu dandeessu. Naannoon kun biyya jagna Oromoo durii isa sonaan beekamuu biyya Abbaa Dooyyoo, biyya Waamii Garoo-ti. Dur biyya Sadan Liiban-itti (Ammayya-tti Waliso-tti, Kuttaaye-tti) bakka uummanni walgawuun sirbaan ayyaaneffatutti: manneen gaayilaa (cidhaa), galgala gaafa daboo faatti otoo Waamii Garoo geerrarsaan hin faarfamin daadhiin hin dhugamu. Ilaa-kaa, isa keessaan waa isiniif kaasa.
                   “Waamii-dha-woo
                   Hoo (jalaa-qabduu)
                   Daadhii-dha-woo
Hoo
Erga kun yedalloo naannee-tiin jedhamee booda:
                   ” Amma yaa Waamii Garoo
Amma yaa Waamii Garoo

                   Amma yaa Waamii nanaa
                   Waamii Garoo isa Giincii
                   Kan Tulluu Maccaa jalaa
                   Ka’ii gali yaa-bbayyoo
                   Diinniwoo nutti miixxii
Durattoo sinuuf malaa!
Ayyee, yaa Oromoo isin “walaloo Waamii Garoo faarsu nutti qiccee kan daadhii faarsu maaf  nuuf dhiyeessuu diddde?“, naan jettuu, mee kan daadhiis kunoo! Durseen waayee daadhii irratti mee waa jedha. Aannan bishaanitt aanee uummata Oromootiin baay’inaan akka dhugamu, hundatu beeka. Dur sadarkaa sadaffaa irratti kan biyya Gadaatti dhugamu daadhii ture. Kunis waan bulbula-dammaa akka gosa daadhii isa jalqabaatti lakkoofnuufi. Barachiisaan (pirofeessarri) Biyya Awustiriyaa (“Austria“), kan Ph. Paulschschke jedhamu, jalqaba bara dhibba-kudha-sagalii fi saddeettamaa (“1880s“) keessa Biyya Oromoo keessatti qorannoo aadaa fi Afaanii Oromoo irratti adeemsisee ture. Inni miidhagnaa fi sooressummaa Afaan Oromoo hedduu raajeffata. Biyya Oromoo keessaa inni naannoo Barentuu (“Harargee“) ture. “Daadhiin dhugaatii saba Oromooti” (“Oromo national drink“) jedhee lafa kaaye*. Oromiyaan teenya tun biyya aannanii fi dammaa turte jechaa dha. Oromoon daadhii akaakuu garagaraa heddumminaan qaba. Dr. Mohaammad Hasan barroo isa keessatti Oromoonni Shanan Gibee daadhii akaakuu 14 qabu jedha**. Kun baay’ee fi kan sonaan nama raajeffachisu! Akkan ani manguddoo Jimma Abbaa Jifaar irraa dhagayetti uummanni Abbaa Jifar daadhii gosa 20 ol qaba. Akkuma naannoo Tuulamaa fi Macca Bahaatti Oromonni Biyya Abbaa Jifaaris mootii daadhii, isa gaarummaan tokkoffaa taheen, “booka” jedhu. Mee kunoo, geerrarsa daadhii faarsu:
                  “Daadhiin gola jiraa, yaa daadhoo
Tisisatu nattimee, yaa daadhoo
Bookeetu nattasaasee, yaa daadhoo
                   Gaanii keessaa qoqaa
                   Ejersatu mataa hooqaa
                   Yaadha warra gaffidii
                   Yaabbaa warraa as-qicii
                   Yaabbaa warraa as-qicii!
Egaa, erga Giinciitti keekii hamma feetan haleeltanii, geerrarsa goota Oromoo Torban Kuttaayee, isa Waamii Garoo fi daadhii Oromoo faarsu dhageessanii, daadhiis irratti idayattanii (ida’attanii) karaa keessan itti-fufaa! Qarqara magaalaa Giincii kana irratti lagattii xiqqoo wayii tan hanga dolooldhoo geessu ceetu. Ee, Laga Awaash guddicha sanatu otoo guddatee gayeessa hin tayin, ammana gaya. Maali isinis mucummaa keessaniin akkanuma xiqqaa/ xiqqoo turtan mitii? Awaash akkuma Waamii Garoo farfaamaan kun asirraa xiqqoo fagaatee bakka Warqa jedhamu irraa madda. Booda laggeen naannoo Oromoo Tuulamaa, naannoo Oromoo Walisoo, naannoo Oromoo Karrayyuu, naannoo Oromoo Arsii, naannoo Oromoo Walloo fi naannoo Oromoo Ituu irraa itti-yaa’aniin laga Oromoo, ilmi Oromoo Looreet Xaggaayee Gabramadin Qawweessaa akkasitti walaloo isaatiin faarsu sana taha. Lagni kun handhuura Oromiyaa irra dhangalawuun, lafaa-marga, sa’aa-nama dheebuu baasaa biyya obboleessa Oromoo, Biyya Afaar keessa kutee Hara Abbee kan daangaa impaayera Toopphiyaa fi Biyya Jibuutii irratti argamuutti yaa’ee achumatti hafa.  Akka Looreet Xaggaayeen jidhutti: “akka laga Abbayyaatti biyya-koo hin ganu jedheebiyya isaa irratti akkuma gootolii Oromoo biyyee seenee hafe.
Mee otoo isin Giincii irraa hin fagaatinan waa itti isiniif dabala. Ani gaafa biraa dhaqxu jedheetan malee, waayee Jalduu fi Gindabarat irraanfaddheetii miti. Akkamittan Jaldu keessanii fi Gindabarat keessan kan nama isaa dhiisitii lafti isaatuu jagna tahe irraanfaddha? Karaan konkolaataa Giincii irraa ka’uunCillimo keessa kutee, magaalattii Shugguxee (9) – yookaan Jaldu jedhamtu keessa bayee wiirtuuGindabarat, magaalattii Kaachisii (10) – kaatee seena. Ammaan tana namni Oromoos, lafti Oromoos akka durii miti. Akkuma Oromoon bara Minilik irraa kaasee: “erga Sidaamni biyya keenya seenee asiiyyi biyyi bade. Erga Sidaamni biyya dhufee, kormi gorba koruu dide. Bakki miilli Sidaamaa irra ijjate midhaan hin baasuu, midhaan sirriitti marguu didee beelli biyya seene.” Maqaan Jaldu jedhamu kun Biyya Oromoo jiidhaa, Waaqni Oromoo jiisee kenneef san kan nutti himu. Maqaan “Jaldu“-u kun jecha Afaan Oromoo isa “jaldeessa” jedhamu wajjin wal-simata. Dabalees duumessi akka malee gurraachawee roobuuf aggaamu, inni samii fi dachee dukkaneessu sun “jaldoo” jedhama. Lachuu bifa akka jaldeessaa gurraachawu ibisu. Oromoof duumessi akkanaa kun, bokkaan roobee biyya gabbisu kun milkii akkaan gaarii tahe. Dur otoo miilli nafxanyaa Jaldu seenee biyyee Oromoo irra hin ijjatin, Jaldu kun marga lalisaa fi bosonaan kan jifaarame, biyya rooba fi bosonaan akka jaldeessaatti gurraachawe ture.Oromoon Oromiyaa Waltajjii kun: “Sidaamni bulguu muka nyaatu” jedha. Ammas “Bulguun mukaa” yoo iluufii baateyyuu: Manjii, Gondorii fi Tigraay hin fakkaannee, Jaldu daggalaa fi caakkaa ni qaba.
Ergan maqaa Jalduu jedhamu irratti waa jedhee, Gindo-mmoo “maa na irraanfatte” naan jedhaa, mee waayee jecha “gindabarat” jedhamuu irrattan waa jedha. Akkuman kanaan dura bakka tokkotti waa jedhe san, warri Jalduu fi warri Gindabarat lolumaaf dhalatani. Warri Amaaraa biyya keenya qabachuuf, bara mootii isaanii isa jalqabaa bara Yikonno-Amlaak, jechaan bara 1270 irraa kaasanii wanni isaan hin yaalin hin turre. Booda bara dhibba kudha-torba (1700) irraa kaasanii karaa Goojjamiin biyya Oromoo Sadan Liiban qabachuuf numa dhufu, garuu Laga Abbayyaa ceyanii Gindabarat keessatti daaraa tawu. Jarri Oromoota naannoo kanaa bira gadi-dabruu gonkumaa hin dandeenye. Oromoonni keenya kun warra Amaaraatti dallaa sibiilaa itti tahan jechaa dha. Kanaaf, Amaartonni bara sanii:”ye-gindibarat“, jechuun “mooraa sibiilaa” yookaan “dallaa sibiilaa” jedhaniini. Jarri yeroo sanuu meeshaa waraanaa kan Portugaal irraa argataniiyyu qabatanillee, “dallaa sibiilaa” kan Oromoo kana cabsuu hin dandeenye. Otoo warri Amaaraa maqaa kana naannoo Gindabaratiif hin baasin dura, naannoon kunii fi Laga Abbayyaa gama fuullee isaa biyyi jiru, jechuun Goojjam keessa “Liiban” jedhama ture. Inni Goojjam keessaa ammallee maqaadhuma “Liiban” jedhamuun beekama.
Amma Giincii irraa kaatanii erga xiqqoo deemtanii booda magaalattii bicuu takka, tan Asgorii yookaanAsgorii Abeebee (11) – jedhamtuu geessu. Gara kibbaa yoo ilaaltan tulluuwwan lakkuu argitu. Tulluu Boddaa fi naannoo Boddaa biyya dhaloota Looreet Xaggayee jechaa dha. Magaalattiin Boddaa (12) – Giinchii irraa wantee 21 faaggatte jirti. Gooroon waan isinitti jigu fakkaatu sun immoo Gooroo Dandii isa kutaa duraa irratti isiniif tuqame sana. Gooroo kanatu isin dhoowwe malee, silaa Hara Dandii kan Oromoon “mundhii shooxee dubara Oromoo fakkaata” jedhuun, kan mundhii lakkoofsa saddeetii fakkaatu, kan asitti Dambal Dandii jedhamuu agartuuyyu. Naannoon lamaanuu: Boddaa fi Dandi biyya Afran Walisoo keessaa isaan gara kaabaa jirani. Gooroo Dandii fi gooroo isa karaa fuula Goojjamiin isinitti muldhutu kanaa, jechuun Gooroo Ilfataa jidduu naannoon jiru kun naannoo faarfamaa, biyya jagnoota hedduu kan Abeebe jedhamu. Akkuma naannoon Jalduu biyya dhaloota goota Oromoo, kan Koloneel Alamuu Qixxeessaa tahee san, Abeebes biyya dhaloota gootichaa, biyya Zoogaa Boojiyaa-ti.
Mee amma walaloo uummata Oromoo kan dhiichisaan dachee sochoosu, isa Abeebe faarsu keessaan tokko qofaa gurra isin buusee, akka kutaan kun isinitti hin dheeranneef asuma irratti dhaaba.
                      “Yaa Abeebee, Abeebee
                      Maal kaajeelee, kajeelee
                      Bobokkisa kormii
                      Maal abbaasaa nu doorsisa ormii!”
                      “Yaa Abeebee
                      Abeebe isa Jawwee
                      Yaa Abeebee
                      Biyya Asaquu Horaa
                      Yaa Abeebee
                      Achi galuun hawwee
                      Goota-keessaa lolaa!”
Asaquu Horaa jagni bara durii kun akaakayyuu jagnicha Oromoo isa Dargiin nu jalaa galaafatee, kan Zoogaa Boojiyaa-ti. Egaa, kutaa sadaffaa irratti hamma walitti deebinutti: nagaa fi nageenyi qeyee keessan irraa hin dhabamini!
                         Itti-fufa —!
==============    Hubachiisota Miiljalee    ==============
* Ph. Paulschke – “Ethnographie Ordost-Afrikas“, Berlin 1896.
** Mohammed Hassen – “The Oromo of Ethiopia, A History 1570-1860“, Trenton 1994.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …