Oduu Haaraya

MANDAROOTA FI MAGAALAAWWAN OROMIYAA – OROMIAN TOWNS AND CITIES: Kutaa Sadaffaa

                                                                      Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffa kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, baga nagaa fi nageenyaan naaf turtanii kutaa sadaffaa kana duukaa-buu’uuf dhuftani! Akkuma isin amma gara mandhee tanaa dhuftan mee  nagaa fi nageenyi, walabummaa fi bilisummaan Oromiyaa taanyaaf haa dhufu!.
Egaa, erga Asgorii Abeebeetti gortanii Oromiyaa miidhagduu tana keessaa isa reera (naannoo) kanaa waa agartanii amma garuma kaataniif sanatti qajeelaa! Ilaamee kuunnoo, gandi gara fuula kibbaatti argitan sun Gololee jedhama. Galmoota naannoo kanaa kanneen beekamoo tahan keessaa inni Gololee kun kan hunda caala beekamu. Naannoo Amboo fi naannoo Bishooftuutti galmoonni Waaqefannaa hin bannee ammallee heddumminaan jiru. Galmi kun “Galma Maaram Jijoo Gabataa” jedhama. Jijoo Gabataaqaalluu naannoo kanaa fi kan naannoo Afran Walisoo kan ture. Ilmi imla isaas kan ayyaanni itti-bu’e Allabbaa Xaafaa, nama bara Hayila-Sillaasee ture. Maqaaleen Oromoo kanneen Allabbaa Xaafaa Jijoo Gabataa hammachiisaa irratti baase kan hedduu raajeffatamu. Inni ennaa baay’ee gaafa namni tokko hammachiisaaf galma isaa dhaqe, nama hammachiisaaf mucaa yookaan mucayyoo san geesse, “maqaan abbaa-saatii” yookaan “maqaan abbaashii-tii eenyu jedhama?” jechuun gaafata. Maqaan ilma/ intala sanii oggaa maqaa abbaa wajjin waamamu akka himtee (“sentence“) guutuu tahu fedha, qaalluun keenya beekaa fi beekamaan sun. Mee maqaalee inni baase keessaa, hamma tokko fakkeenyumaaf waa haa ilaallu!
Kan warra dhiiraa: “Urgeessaa Miidhagsaa Bultii, Tarreessaa Dhaabaa Galmaa, Lamuu Sarbeessaa, Gaaromsaa Bayii, Lammeessaa Gonfaa, Ifaa Goobanaa, Dabalaa Eebbaa, Waaqjiraa Magarsaa, Hundee Jabeessaa, Gammachuu Cimsaa, Bantii Tulluu, Guyyaa Milkii, Aagaa Seenaa, Dhugaasaa Barii, Dammasaa Tufaa, Abdii Dinagdee, Malkaa Guutuu, Garbii Gooroo, Kumsaa Dachaasaa, Doorii Dagaagaa,Tolchaa Araddaa, Gurmuu Naatayii, Keelloo Birraa. Kan dubaraa: “Daraartuu Lammii, Eebbisee Guddisaa, Caaltuu Booranaa, Boontuu Dabalaa, Ifee Fidaa, Kumee Boruu,  Ayyaantuu Birraa, Toltuu Guyyaa, Leelloo Fufaa, Taliilee Barii, Urgee Jiruu, Kuulanii Jifaaraa, Kumanii Gammadaa, Nagaasee Godaanaa, Meetii Caalchisaa, Obsee Eebbisaa, Dammee Baay’isaa, Lalisee Tolaa, Gumarii Gadaa, Biiftuu Olii, Galaanee Malkaa, Kumalee Boonsaa, Badhaatuu Badhaasaa, Margee Guddisaa, Guddattuu Tarreessaa. ” Naman ani beeku keessaan mee kan obboo Lataa Goobanaan isiniif dhiyeessa. Gaafa inni dursee dubra argachun hammachiifatu: “Uumee Lataa.” Ilmi ishiitti aanummoo “Margaa Lataa“, inni Margaatti aanu “Nadhasaa Lataa“, isa qixisuu immoo “Tarreessaa Lataa” jechuun hammatee, eebbisee maqaa kana baasseef, Allabbaa Xaafaa! Amma duudhaa miidhagaa fi boonsisaa akkanaatu badaa jiraa, mee yaa Oromoo koo gara madda keenyatti deebinee irraa haa waraabbannu!
Jechi kanaa olitti “Maaram” jechuun ka’e kun maali jettu taha. “Maaram” ayyaana warra Jijoo Gabataa-ti. Bara tokko ergan bara dheera Biyya Faranjii tureen, gombifama mootummaa Dargii boodan walakkeessa bara 1992 biyya kiyyaatti deebiye. Shaggar hedduu turullee Amboo fi Waliso dhaquu firoottan kiyya na dhoowwani. Waraanatu Oromoo fi warra Wayyaanee jidduu ture. Ergan gara baatii tokko tureen “karaa cabe haa yaasu” jedhee, Waliso bu’e. Lunchiinaa irraa bakka dhaabbii otobusiitti bu’een, gaarii tokkoon magaalaa keessa deema. Abbaan gaarii sun otoo akka gaafa garmaamaatti gulufsiisuu, tasa daandii guddaa irraa gara isa xiqqaatti maqe (gore). Yoona dubartii baadiyaa tan qoraan dugda ofiitti baattee deemtuu takkatti tasuma gaariin sun “tuf” itti-jedhe. Ishiin naateeti: “maaloo yaa Maaram Jijoo Gabataa” jette. Ani oggaan kana dhagawu hedduun gammade. Mootummaan Habashaa kan Dargii jedhamu sun galma gubee gubisiisee, caaccuu, kallachaa faa meeshaa eebbaa barbadeessullee, sammuu fi onnee uummata keenyaa keessaa aadaa Oromoo fi amantii Oromoo haqee darbachuu hin dandeenye. Kanatu gaaf san onnee fi qalbii tiyya qabbaneesse.
QAAMADUBBII
Erga waayee maqaalee Oromoo fi waayee Maaram irratti waa qalbeeffannee, mee amma biyya doowwachaa haa deemnu! Kutaa lammaffaa keessatti waayee Gooroo Ilfataa isiniif kaasen ture. Kunoo, amma sirriitti isa gara harka mirgaatti argaa jirtu. Isaan duubni Gindabarati. Gindabaratiin duubni, Laga Abbayyaa gamni Goojjami. Maaf afaan keessa na eegdu? Akkan Goojjamiin duubni Sudaan, Kaartum —, Kaayiroo, isaan duubni Roomaa, Biyaanaa, Barliin jedhee ganda kiyya isin fidu barbaaddu moo maal dubbiin? Urufni miidhagaan miidhaguun diriiree bakka jirtan kanaa fi Gooroo Ilfataa jidduutti isinitti muldhatu kun Warqa. Biyya Torban Kuttaayee keessaa: Warqi, Xuqurii fi Maatii-n biyya kormi keessaa bookkisu, biyya sangaan keessaa baroodu, biyya fardi keessaa imimsu. Biyyi Torban Kuttaayee fi guutuun biyya Sadan Liiban, biyya gamni keessaa lallabu, biyya jagni keessaa dhaadutu. Maarree, biyyi gosolii Oromoo marti: kaabaa-kibbi, bahaa-lixni akkanuma mitii-ree? Otoo Gamnummaa, jagnummaafi arjummaa irratti walmorkiin saboota biyyalafaa jedduutti kurfeeffamee, tarii Oromoon geeba argachuu dandaya.
Kunoo, amma kilomeetira 95 irratti magaalaa Meexxii (13) – dhaqqabdanii jirtu. Kuunnoo, tuullu isa gara fuula Walisootiin (kibbaatiin) isinitti muldhatu san agartuu? Inni Tulluu Goromtii jedhama. Otoon gamnoota fi jagnoota durii kanneen qeyeen isaanii ganda Goromtii turee, isinitti hin himin yoon dabre, seenaan Oromoo na komata. Mootiin mootolii Amaaraa kan Susiniyoos jedhamu, ilma Oromoo akka ture dhageessan taha. Oromoon nama moggaafatees, nama guddifates ilma ofii isa dhalche irraa akka waa tokkollee addaan hin baafne ni beektu. Seenaan isaa dheeraa dhaa gabaabsuufan yaala. Oromoonni biyyi isaanii Biyya Habashaatiin waldaangessu kanneen akka Oromoo: Raayyaa, Yajjuu, Walloo, Tuulamaa keessaa Abbichuu, Jirruu, Jidda, Galaan, Salaale, Darraa, Macca Keessaa Sadan Liiban, Guduru, Horroo fi Amuruun bara sonaan dheeraa dallaa sibiilaa isa waayee Gindabarat irratti ibsame san tahuun, Habashoota biyya isaa qabachuuf itti-duulan ofirraa ittisaa, ofirraa deebisaa turani.
Jarri biyya Sadan Liiban kana kan oggaa san: Jahan Ammayyaa, Afran Walisoo fi Torban Kuttaayee abbaa gadaa tokkoon, odaa tokko jalatti walbulchan hedduu rakkisani. Loon boojiyu, midhaan oobruu keessa jiru gubu, gandeen ibiddaan barbadeessu. Booda rakkannaan yaa’iin Sadan Liiban kun bakka bokkuu isaa (caaffee yaa’ii isaa) Incinii-tti walgayee seera tume. “Erga Sidaamni homaa nu dhiisuu didee, erga waraanaan biyya keenya barbadeessu hojjaa ofii taasifatee, amma nuti waraana kana biyyuma isaa geessina!” San booda waraanni Sadan Liiban kun ofirraa ittisuu bira kutee, Laga Abbayyaa cewuun isaanin loluu jalqabe. Sana booda biyyi isaanii nagaa tahe. Ennaa isaan dabranii dabranii Abbayya cewuun itti-dhufan inni akka saganteeffate sanitti Abbayya ceewuun waraana biyya isaanii “geessa“. Waraana akkanaa keessatti ilmi mootii Amaaraa, Susiniyoos kun boojiyame. Oromoon akka nama waraana irratti boojiye qaama fi qalbii isaa hin madeessine, akka warra Habashaa, warra Arabaa fi warra Faranjii faa akka boojuus tahe nama biraa hin gurgurre ni beektu. Ilmoo namaatiin daldaluun amantii Waaqeffannaa keessatti laguu dha, hooda, haraamuu dha! Kana Seerri Gadaa maddi dimokiraasii dhala namaa tahe kunis seeraan dhoowwa. Nuti dukkanaa fi wallaalummaa ginni-bittee Habashaa nu aguuggachiise irraa kan ka’een ilmoo namaa cufatti himachuu daddhabne malee, inni kun waan uummata Oromoo raajeffatamaa kana guutuu addunyaa tanaa irratti raajeffachiisu ture. Ammas “dabre” jennee dhiisuu mitii mee itti haa jabaannu!
Namni waraana irratti boojiyame, hamma waggaa lamaatti akka warri isaa Oromoo wajjin waliigalanii, nagaa buusanii inni biyya isaatti deebiyuutti eega. Sana tahuu baannan fedhiin nama sanii gaafatamee feenaan biyya ofiitti deebiya, feenaan immoo moggaafamee qaama uummata Oromoo keessaa isa tokko taha. Warri Suusiniyoos sun isa hin barbaanne. Innis gara isaanitti deebiyuu hin feene. Akkuma Seera Gadaatti yaa’iin Sadan Liiban walgayee isa moggoofate. Seera moggaasuu akkanaa keessatti nama isa boojiyetu akka abbaatti isa fudhata. Abbootii waraanaa kanneen Sadan Liiban keessaa namni isa boojiye sun nama Lammiin isaa Abeebe Booranaa tahe, abbaa duulaa Bokkuu Kuraa kan jedhamu. Bokkuu Kuraa kun manni isaa kuunnoo, Tulluu Goromtii san jala ture. Suusiniyoos akka seera mooggaafama saniitti, akka kakuu yaa’ii sanitti: sabni isaa Oromoo, gosni isaa Sadan Liibani, lammiin isaa Abeebe, biyyi isaa Biyya Oromooti jechaa dha. Inni akka seera Oromootti karaa abbaa isaa jechuun karaa Bokkuu Kuraa hamma balbala sagaliitti, karaa haadha warraa Bokkuu Kuraa hamma balbala torbaa asiitti fuudhuu hin dandayu.
Susiniyoos Afaan Oromoo dafee baratamaa fi qabatamaa kana ennasuma baratee, booda yaa’ii keessattillee ka’ee lallabuu jalqabe. Sangaa fardaa kennameef saniin garmaamaa diina Oromoo leenjisuutti ka’e. Waggaa saddeet guutuu Biyya Oromoo keessa akka Oromootti aadaa fi duudhaa Oromootiin jiraate. Booda biyya isaa isa duriitti deebiyuuf, hayyama gaafate. Akka Oromoon Sadan Liiban waraana fardaan kurfeeffame kennuufis damboobinaan gaafate. Oromoon walmariyatee silaa nama garaan ka’e, miilli hin taa’uu, akkuma inni gaafatetti hayyameefii, loltuu abbootii fardaa 400 wajjin isa eebba fi jaalalaan gaggeesse. Inni loltuu Oromoo saniin obboleessa isaa isa bakka isaa dhaale san moyee, akkuma aadaa isaanitti obbolaa isaa cufa mana hidhaatti naqee mootome. Barri inni boojiyame 1596 yoo tahu, kan inni biyya ofiitti deebiye bara 1604 keessa. Maal godhu-ree akkuma aadaa isaanii taahee waggaalee muraasa booda harka laateef nyaatee, kakuu caffee achi darbatee Oromootti duuluu jalqabe. Waan tooftaa fi tarsimoo waraana Oromoo waggaa saddeet guutuu barateef, isatti dhimma bawuun waraanni Habashaa kun kan duraanii caala Oromoo miidhaa deeme.
Namni lamaffaan kan ganda Goromtii sun immoo nama gamna ture. Gamna keessaas, raagaa(falaassama) kan ture. Kiftii Kofalee jedhama. Kiftii Kofalee raajii akka nama hiibboo hiikuutti kan namaaf ibsu ture. Namoonni naannoo Ambo jedhamee beekamaa dhufee kun, “maal nuti gamnootaa fi jagnoota isaanuma kaanaa olitti kaafte duwwaa  qabnaa?“, jechuun ija natti babaasu taha. Yaa foon kiyya maaloo na dhiisaa? Ani warra Wayyaanee irraa firooma dhiigaas, firooma taliigaas waa tokkollee hin qabuu, ija natti hin babaasinaa! Dhugaa dha; akka namni saayinsii ” Isaac Newton (1643 – 1727)” jedhetti dhalli namaa hundi jaldeessa irraa, akka Macaafni Qulqulluun jedhutti immoo Addaam irraayyi maddee, “waddii” Abbaay Tsahaayee fi ilmi wasiila isaa, “wandim” Difaabbaachawu faa wajjin jaldeessa yookaan Addaam irratti walgeenya. Achi irratti walgeenya malee, takkaa biyya tokkoo fi seenaa tokko isaan waliin qabaannee hin beeknu. Kanaaf, na dhiisaatii isaanumitti ija babaasaa! Mee yaa Waaq isin yoom isaanitti ija babaasuu callaa irratti dhaabattu! Mee haa tahuutii seenaan keessan inni hardhaa kun seenuma keessan isa durii fakkaataa, erga jettanii maqaalee gamnoota fi jagnoota keessaniin, keenyaan hamma tokko duwwwaan kaasee dabra. Ambo keenya gamnaa fi jagna goluma golaan qabawoo ani meeqan himee dandaya? Kunoo qarqaruma magaalaa Amboo kana ture, qeyeen jagna durii kan Ibsaa Bashar. “Baaduu bulee dhugnaa, yaa Deessis Araddaa baatuu Xule gubbaa“, jedhee akkan isiniif geerraru feetuu? Mee ammaaf haa bultu dubbiinii: Deessis Aradda, Oshoo Bantaa, Dhaabii Sontee, Gondol Waaqoo, Dambal Jibittii, Jamboolaa Curree faa jechuun meeqaa meeqan tarreessaa oola-ree? Isaan durii dhiifnee isaanuma waraanni Agaazii nu jalaa nyaate keessaa: Daraaraa Kafanii awwaalli isaa achuma magaalaa Amboo keessatti argama. Waayee Maammoo Mazzammir faa gaafa Gudar Gabaa Jaafaroo, faarfamaa biyyaa geenye waa kaafna. Garuu akkuma magaalaa Amboo seentaniin konkolaataa keessaa bawuun, daqiiqaa lama ijoollee fi namoota Oromoo isaan bara dabre diina biyya keenya qabateen nu jalaa galaafatman san, kanneen lakkoofsaan 70 tahan mee yaadaddhaa! Gumaan isaaniibilisummaa fi walabummaa Oromiyaa akka tahes qalbeeffaddhaa!
Kunoo, otuma seenaa kana dhaggeeffattanuu, ganda Awwaaroo bira dabritanii wantee 105 irratti Ambo(14) – hambaa seenaa keenyaa seentanii jirtu. Warri abbaa mancaas, isaan aadaa, seenaa fi afaan keenya mancaasaa turan sun Amboon “Hagara-Hiywoot” jedhanii turani. Mee amma dubbii biraa dhiisatii gara finna (“xabala“) Amboo dhaqaatii nafa (dhagna) keessan isa konkolaataan olii-gad raasee butuche kana dhiqaddhaa! Finna bishaa hoowwa Waaqni hoowwisee nu badhaase jechuu kiyya. Bishaan Amboos (“mineral water“) bishaan eebbatii isin cululuqsaa, faaraan dhugaatii bayyanaddhaa (haara galfaddhaa)! Waan hundaafuu:
                    “Bishaan Amboo, bishaan Amboo”
Jedhaatii waammaddhaa
                    Walabummaan Oromiyaa hin ooluu
                    Cimsaatii abdaddhaa!
                                                Itti-fufa!
==============    //    ==============

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

YAADANNOO AMNA QEEYROO GANAMAA BARA SHANTAMMAFFAA

Haalli ummata Oromoo kan arra bahaa-dhihaa fii kaabaa-kibba Oromiyaa keessatti xiqqaa fii guddaa – dhiiraa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *