Oduu Haaraya

Manni murtii Fedaralaa Itoophiyaa,hidhamtoota Koree Hawaasa musiliimaan yakkamtoota jedhe.

https://youtu.be/23OzRdJ7ONM

OMN:Oduu Adol.06,2015 Murtiin yakkamtummaa hidhamtoota Koree fala barbaadduu hawaasa Musliimaa 18 irratti , mana murtii ol’aanaa Federaalaa biyyatti, dhaddacha yakkaa arfaffaan, Adoolessa 6 bara 2015 kenname kun himannaa abbaa halangaa fi ragaalee ittiisaa dhihaatan erga dhaggeeffataa oolee booda jedhameera.
Galmee himatamtoota Sheeh Abubakar Ahimad jalatti, himataman keessaa 1ffaa hanga 9ffaatti jiran irratti, manni murtii erga ilaalaa tureen booda, akka seera farra shororkeessummaa, keeyyata afur jalatti ibsametti, namoonni kun, sochii geggeessuun, jeequmsaaf namoota kakaasuun yakkamtoota jedhee jira.

Dhimma kana ilaalchisuun, abukaattoo himatamtootaa obbo Tamaam Abba Bulguu dubbifnee,akka hubanneetti, hidhamtoota kanarratti ragaan abbaan halangaa dhiheesse quubsaa miti jedhan.

Koreen fala barbaadduu, gama isaaniitiin ragaa ittisaa dhaddacha mana murtiitti dhiheeffatanis, manni murtii fudhachuu diduun, yakka farra shororkeessummaatiin murtii dabarsuu isaa Obbo Tamaam Abbaa Bulguu OMN tti himaniiru.

Obbo Tamaam itti dabaluun, manni murtii, ragaa ittisaa himatamtoonni dhiheeffatan harkatti diduun, akka heera biyyattiitti fudhatama kan hin qabnedha jedhan.

Manni murtii kun, himatamtoota kanarratti, murtii adabbii itti murteessuuf, akka lakkofsa Itiyoophiyatti gaafa Adoolessa 27 bara 2007tti kan beellame ta’uunis bekkamee jira.

Hidhamtoota kana keessaa, hayyuu seenaa kan ta’an Ahimaddiin Jabal, guyyaa hardhaa mana murtitti kan isaan dubbatan, “shororkeessaan isin malee anaa miti, hardhas borus, yoon jiraadhe amantii koo barsiisuuf itti fufa.Waraqaan ati dubbiftu kun, ana biras gaheera.Yoo barbaadde siif dubbisa, kan ati dubbisaa jirtu, murtoo humnoota tikaati.’’

Manni murtii Federaalaa Itoophiyaa, koree fala barbaadduu hawaasa Musliimaarratti, yakkamtoota jechuun murtii dabarse mormuun, dhaabbanni Dimtsachiin Yisamma ibsa baasee jira..
Ibsi Dimtsaachin Yissammaa, kan koree fala barbaadduu hawaasa Musliimaatiin dhaabbate akka jedhutti, gaaffilee mirgaa hawaasni musliima gaafataa tureen, mootummaan biyya bulchaa jiru, deebiin inni kenne, hidhaa, reebicha fi ajjeechaa yoo ta’u, qabsoo karaa nagaan jalaqabame wanti duubatti deebisu tokkollee hinjiru jedheera.
Akka ibsa kanatti, humni kamuu, sochiilee hawaasa Musliimaa dura dhaabbachuu fi gaaffi mirgaa ka’aa turan dhoorguu akka hin dandeenne hubachiisuun, waggoota sadan darban keessa sochiileen gaggeffamaa turan ragaa guddaadha.

Koree fala barbaadduu hawaasa Musliimaa hidhuun, kanneen sochii keessatti hirmaatan ari’uun, hawaasa rakkoolee isaa karaa nagaan ibsatan rasaasan reebuun, ummata nagaarratti, reebicha hamaa geggeessuun, qabsoo jalqabame tasumaa dhaabuun kan hin danda’amne ta’uu ibsi baye kun ni mullisa.

Akka ibsa kanatti, amantii keenna hiddaa fi dhiiga keenna jaalannuun kan walmake waan ta’eef, seera mootummaa mirga amantii keenya sarbuu fi murtii abbaa irrummaa sodaannee qabsoo karaa nagaarraa duubatti hin deebinu jechuun akeekkachisaniiru.
Ibsi Dimtsachin Yisammaa kun dabalee akka addeessetti, obboleeyyan isaanii hordoftoota amantii kirstaanaa fi kan biroo, hayyoota, Gaazexessitoota, qaamota siyaasaa fi hawaasa diasporaa hunda dabalatee, akkasumas, ummattoota biyya sanii maraaf, tumsa godhaniif galataa fi kabajaa qaban dabarsiniiru.
Dhumarratti, aantummaan isin nu waliin qabdan, gara fuula duratti, wanti addaan nu baasu akka hin jirre, abdii guddaa qabna jechuun, ibsi Dimtsaachiin Yissammaa bahe ifa taasiseera.
Hidhamtoonni Koree fala barbaadduu hawaasa Musliimaa kunneen, waggoota sadan darbaniif, humnoota tikaa mootummaatiin qabamanii, murtii tokko malee kan gidiraa argaa turan yoo ta’u, mana hidhaa keessatti dararaa irra gaheen haalan miidhamuun isaanii yeroo adda addaa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Gabaasa kana kan qindeesse Usmaan Ukkumee ti .

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …