Oduu Haaraya

Markaatoo Moo Agamsa Gubatee?

Guyyaa kaleessaa, 5-6-2015 , sa’aati 8:00 eegalee Finfinneen balaa ibiddaatin waaddamaaf sardamaa ooluun ni yaadatama. Guyyaa 11-1-2015 ammoo Hoteellii Finfinnee keessatti yeroo jalqabaatif ijaarramme ‪#‎XayituHotel‬ kan jedhamu haalumma wal fakkaatun gubateet turee. Garu, Markaatotu gubatee hoo jedhan kana tami Markaaton? Oromoodhaaf Maal taati Markaatoon? Koloneeffatamaa Oromiyaa dura Markaaton ‪#‎Agamsa‬ jedhamteet waammamti . Beekkamtis Oromoota naannoo sanirraa humnaan buqqafamaniin. Oromoonni naannoo Finfinnee turan wareegama guddaa godhanit achirraa buqqa’an malee guyyaa takka akka gabrummaaf hin gabroofamnee seenaan ragaa baha. Mee akka fakkeenyatti hoggantoota bara san wareegan akka armaan gadiitti haa ilaallu.
1.Tufaa Munaa- Hogganaa Caffee Tullamaa
2.Qajeelchaa Dooyyoo-Hagganaa Birbirsaa
3.Guddataa Araddoo-Hogganaa Teessoo
4.Soora Lomee-Hogganaa Boolee Bulbulaa
5.Axalee Jaatani-Hogganaa Kolfee
6.Jamboo Dabalee-Hogganaa Daalatti
7.Shubbuu- Hogganaa Boolee
8.Galatee A.-Hogganaa Jarsaayee
9.Abeebee Tufaa-Hagganaa Ekka
Eeggaa hoggantoota kana fixan boodaa, habashaan warri qomcee maqaawwaan naannoo sani akka armaan gadiitti jijjirtee lafa qabatte.
1.Finfinnee-Addis Ababaa
2.Agamsa-Markaatoo
3.Baddaa Ejersaa-Raas Kaasa Sefer
4.Baaroo Kormaa-Xuqur Ambassa
5.Birbirsa Gooroo-Piyaassaa
6.Caffee Aannanii- Meeksikoo
7.Calcali-Sarebet
8.Daalattii-Araat Kiiloo
9.Dildila Duree-Inxooxxoo
10.Garbii-Sangaa Taraa
11.Gullallee Badhaasoo-Qeeraa
12.Hurufa Roobi-Jaan Meedaa
13. Qarsaa-Kazaanchis
Hoo kana laalluu Oromoon Finfinnee keessaa yeroo ammaa kanatti hoomaa akka hin qabnee waan ifaaf bilisa ta’ee . Garuu, jabaannee falmannee abbaa biyyumaa keenyaa mirkaneessuu qabnaa ka’aa haa kaanu bakka jirru walitti birmannee.
‪#‎La_Lutta_Continua‬

Check Also

baqqalaa gabraa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa …