Oduu Haaraya

“Mirga Hiree Ofii Ofiin Murteeffachuu” kan jedhamu isa kana Mitiiree?

Breaking:- Oduun Wallagga Lixaa aanaa Gullisoo irraa bittinna’aa jiru Akka jedhutti Magaalaawwan aanaa Gullisoo jalatti argamanii fi Mudde 2 Sababa Mormiitiin Barattoonni Guutuu Abarraa fi Karrasaa Caalaa kan keessatti Ajjeefaman Magaalaan Calliyaa fi Dillaa Gogolaa “Hiree isaanii Ofiin Murteeffataniiruu” jedha oduun gamasirraa dhaga’amaa jiru.

Barattoonni kun Lamaan Magaalaa kanneen keessatti erga ajjeefamanii booda Kaabinoonni Magaalota kanneen bulchaa turan naasuudhaan Biyya gadhiisanii badaniiru kan jedhu oduun kun Guyyaa Har’aa uummanni Magaalaa kanaa walitti qabamee Obbo Tasfaayee Baqqalaa Dura ta’aa gochuu dhaan Barsiisaa Taayyee Birhaanuu itti aanaa Gochuun Filatanii obbo Amanuel Reggaasaa fi Waaqbulchoo Fooggalaa Koree dhimma Bulchiinsa Magaalaa Calliyaa gochuu dhaan Filataniiru jedha Odeeffannoon Gamasii nu qaqqabe.dabalataanis Hanga Magaalittiin kun tasgabbooftutti Konkolaataan kam iyyuu Magalittii keessa seenuu akka hin dandeenyee fi kanas akka raawwataniif Naga eegsistoota kanaan dura turan irratti Dargaggoota keessaas Filanii itti dabaluu dhaan Daandiin magaalittii keessa seenuuf gargaaran hundi cufamanii hordoffii dhaan akka eegaman ajajni akeekkachiisa waliin Bulchiinsa haaraa uummataan filataman irraa Naga eegsistootaaf darbeera.akkasumas dhimma Barattoota Badii malee ajjeefamanii fi qaama badii kana raawwate hatattamaan qoratanii seeratti akka dhiyeessaniif namoonni dhimma seeraatiin Leenji’an ja’a Filamanii hojii jalqabaniiru.

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …